Hagayya,08,2012 Finfinnee
Harargee Bahaa keessatti onoota kanneen akka Baaddannoo,Baabbilee,Dadar,Giraawwaa,Gola Odaa fi Meyumuluke,Gooroo Guutuu,Gursumitti waraqaaleen heddumminaan raabsame. Itti dabaluun waajiraalee OPDO jalatti maxxanfamee akka oole gabaasi qeerroo addeessa. Akkasumaanis halli kun hamma ammaattis itti fufaa akka jiru gabaasaan addeessa.
Karaa biraas Godina Baalee Ona Adaabbaa, Agarfaa, Gaasaraa, Jaarraa, Naanseboo,Raytuu fi Roobee jedhamutti diddaa musiliimotaan wal qabatee qeerroon godina sana irra jiru dhaadannoo qopheessuudhaan, akkasuma waraqaalee qeerroo onoota kana keessa tamsaasaa akka jiran gabaasaan addeessee jira. Kana irratti Wayyanonnii fi jala deemtonni isaa rifannaa guddaadhaan godina sana irratti sakatta’iinsaa fi rimiddii waraanaa heddumminaan akka gochaa jiran gabaasaan naannicha irraa nu gahe addeessa. Shakkiima kanaan hidhata ABO waliin qabdu jechuudhaan barattoota koollejjii fi yuuniversity irraa galan namoota 4 ona Roobee fi Naanseboo milishaa wayyaaneen qabamanii gara mana hidhaa utuu geeffamaa jiranii uummanni wal ta’uudhaan harkaa buusan. Barattootni kunis
- Dammaqsaa Rabbirraa-yuuniversity Finfinnee irraa
- Oljirraa Fiqaaduu-yuuniversity Haromayyaa irraa
- Sulxaan Mahaammad-yuuniversitii Diillaa irraa
- Hawwii Jiraataa-koollejjii Rift valley Adaamaa irraa
Kanneen jedhaman kaleessa shakkii qabaniin keessumaa raabsamuu waraqaa kanaaf ijoollee kana too’annoo jaa galchuu yaadan illee kaayyoon isaanii gootota sabboontota Oromoon feshelatee argame.
Itti fufuudhaann godina Booranaa magaalaa Booree jedhamutti abbootiin qabeenyaa walii galteedhaan kanneen konkolaata qaban, konkolaataa daldalaa isaanii irratti Alaabawwan xixiqqaa fannisuun magaalicha keessa konkolaataadhaan balaliisaa akka oolan gabaasan addeessa. Hagayya 05,2012 Ona kana irratti abbootiin qabeenyaa qeerroon wal ta’uudhaan barruulee uummata hundumaaf akka kennamu ykn raabsamu walii galteedhaan namootni qabeenyaa qaban lakkoofsa baayina uummata isaaniitiin baayisanii akka qopheessaa jiran gabaasaan addeessa. Akkasuma ona Booree kana keessatti shamarran ,dargaggoonni, jaarsoliin akkaataa siqeenya isaaniitiin ijaarsa qabsootti akka wal ijaaraa jiranii fi sochii warraaqsa bilisummaa fi walabummaa keessatti akka qooda fudhachuuf waadaa galan gabaasaan addeessa.
Milishoonni onicha keessa jiran yeroo ammaatti qabsoo ummataa degeruuf akka fedha qabanii fi gariin warraaqsa deemaa jirutti akka makamanii jiran gabaasaan qeerroo addeessa.






