Hawaasni musliimaa diddaa jabeessuun dhaadannoo dhageessisan.Addunyaan akka dhaga’uufis iyyatan.Ololli Wayyaanees fashale

Aside

Hagayya 10,2012 Finfinnee

Gaaffiin mirgaa hawaasni musliimaa gaafatu mootummaa Wayyaanee ji’oota meeqaaf cinqaa ture.Gaaffiin mirgaa isaan gaafatan,Sagaleen isaan dhageessisan akka mootummaan biyya tokko keessa hin jirreetti ilaalama.Dhuguma mootummaan wayyaanee sagalee uummataa akka hin dhageenye ifa godha.Guyyaa har’aas hagayya 10/2012 guyyaa keessaa sa’a 1:00 pm irraa kaasee hawaasni musliimaa naannoo Masgiida Anuwaaritti hedduumminaan walittti dhufuun dhaadannoo dhageessisan.

Dhaadannoowwan

1.      Rabbi Guddaa dha(Allaah Akubar)

2.      Sagaleen keenya haa dhaga’amu!

3.      Kanneen hidhaman haa hiikaman!

4.      Filannoon keenya masgiida keenyatti!

5.      Amantiin bilisa!

6.      Mirgi keenya haa kabajamu!

7.      Wayyaaneen cunqursaa dha

Jedhan dhageessisanii jiran.Hawaasni musliimaa naannoo masgiida Anuwaaritti salaataan booda islaamummaan nagaa tahuu ibsuuf waan adii harkatti qabachuun kan dhaadannoo jalqaban yoommuu tahu diddaa hawaasni musliimaa itti fufu dura dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee federaalotaa fi Poolisii Oromiyaa akkasumas basaastota hedduumminaan bobbaasus hawaasni musliimaa kutannaan itti fufanii jiran.Poolisootni,Federaalotni,Basaastotni akkasumas gaazexeessitootni olola afaanfaajjessaaf diddaan hawaasaa musliimaa hin jiru jechuuf naannoo sanatti argaman dhaabbatanii abdii kutannaan ilaaluuf dirqamanii jiran.Diddaa hawaasni musliimaa kutannaan itti fufe kana uummatni magaala Finfinnee hedduu kan deeggaru tahuus ibsachaa jira.Yeroo dhihoo darbee kanaa kaasee uummatni musliimaa hedduun ajjeefamuunii fi hidhamuun ni yaadatama.Sagaleen hawaasa musliimaa akka dhaga’amuuf qaamoleen dhimma kana hordofan addunyaatti akka isaanii iyyatan iyyachaas jiru.Qeerroon gaaffiin hawaasni musliimaa gaafatu qaama diddaa mootummaa wayyaanee tahuu ibsuun gaaffii mirgaa isaan gaafatan cinaa akka dhaabbatu dhaammata.

Seife Nebelbal Radio Program, August 10, 2012

Aside

Harargee Dhihaa Keessatti Sochiin Warraaqsa Qeerroo Babaldhate

Aside

Hagayya 10,2012 Daaroo Labuu

Hagayya 10 gabaasaa Harargee Dhiyaa irraa nu gaheen , waraqaaleen qabsoo uummatatti raabsamuu, waamichi qabsoo uummata Oromoof akka raawwatamaa oole gabaasnee jirra. Akkuma itti fufetti waraqaan kun barattootaan ona Baabbilee fi Chirootti heddummatee akka raabsamaa oole, kunis naannoo masgiida fi bakkoota adda addaa keessatti jaallen miseensotiin qeerroo amantaa musiliimaa hordofan qabatanii uummata  gidduutti raabsaa akka oolan, akkasuma ona Daaroo Labuuttis qeerroon waraqaa qeerroo  geessuun uummata ona kana irra jiruuf raabsaa akka oolan gabaasaan nu gahaa jira. Waraqaa ona Daaroo Labuutti geeffamuun uummatatti raabsameen milishootni ona sanaa mufatanii akka jiran, qeerroo waraqaa kana raabses qabuuf yaalanillee sodaa kaka’umsa uummataa shakkaniin homaa gochuuf akka hin dandeenye, uummata keessaa eenyuun qabanii  eenyuun akka dhiisan walii wallaalanii, booda irratti gara uumattaatti makamuudhaan raabsa waraqaa kanatti yaada guutuun akka hirmaannaa godhan gabaasaan addeessa.  Sochii kanattu milishootni ona Daaroo Labuu keessa jiratan namni 7 sochii uummataa kanatti akka hirmaatan gabaasaan nu gahe.

Waraanni Wayyaanee Abdii Kutate Tarkaanfii Hameenya Oromoo Irratti Fudhataa Jira.

Aside

Hagayya 10,2012
Godina wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu bakka darbaa jedhamutti waraanni mootummaa wayyaanee abdii kutannaa irraa kan kae,tarkaanfii uummatni oromoo naannoo kanaa yeroodhaa yerootti waraana mootummaa wayyaanee irratti fudhatuu fi Qabeenya investerootaa irratti fudhatamaa jiruun kan baarage namoota nagaatti seenuun reebaa jira.Bakka Darbaa jedhamu kanattis abbaa maatii Obbo Mohaammed Husen jedhamanitti halkan cabsanii seenuun ati ABO dha,ABO nyaachistee obaasta,Waraanni ABO meeshaa waraanaa si bira kaawata jechuun hedduu reebanii booda rasaasaan miila rukkutanii jiran.Namoota olla Obbo Mohaammedis isin Waan Mohaammed Huseen hojjetu beektu baasaa jechuun reebanii jiran.Waraanni mootummaa wayyaanee gowwummaan dirqama abbaa irree wayyaanee irraa fudhateen gara jabinaan uummata oromoo irratti tarkaanfii gara hammeenyaa fudhatus diddaan dachaan akka idau qeerroon naannoo kanaa addeessee jira.

Qophii Raadiyoo Simbirtuu Hagayya 09,2012

Aside

Milishoonni Gandaa Wal Gurmeessuun Waraana Federaala Wayyaaneetti Dhukaasa banuun Diddaa Itti Fufan. Baasota EPRDF lama Irrattis Tarkaanfiin Fudhatame.

Aside

Hagayya 09,2012 Giddaa Ayyaana
Godina Wallagga bahaa keessatti diddaan uummataa haalaan jabaachaa dhufuun uummatni oromoo gara Roorroo of irraa ittisuutti seenee jira.Aanaa Giddaa Ayyaanaa Magaala Giddaa keessatti yeroo dheeraaf mirga mootummaa garboomfataa wayyaanee tahee hojjechaa kan ture obbo Darajjee Taaddasaa jedhamu iratti tarkaanfii qabeenyi isaas barbadaa’ee jira.
Haaluma Wal fakkaatuun aanaa Eebantuu bakka Gatamaa Waaqoo jedhamutti waraanni mootummaa Wayyaanee ilmaa oromoo meeshaa waraanaa qabdu jechuun sakatta’uuf bobba’e hagayya 08/20-12 milishoota gandaa waliin dhukaasa walitti bananii jiran. Oduu dabalataan aanaa Haroo Limmuu bakka Darbaa jedhamutti basaasni mootummaa wayyaanee Sexxeny Abiraah jedhamu irree uummataan rukkutamee jira.Basaasni mootummaa wayyaanee kun yeroo dheeraaf ilmaan Oromoo mana hidhaatti guursisaa kan ture yoommuu tahu waraana Wayyaanee dhoksuun ilmaan Oromoo mana hidhaatti ukkaamsisuuf ganda keessa osoo deemuu hordoffii taasifameen tarkaaanfii irratti fudhatameen mana yaalaa gara Naqqamtee fudhatamee jira.

Gonida Iluu Abbaa Booraa Keessatti Sochiin Qeerroon Ummata Waan Dhuunfateef.Wayyaanee Abdii Kutachiise.

Aside

Hagayya 09,2012 Mattuu

Gabaasaa godina Illuu Abbaa Booraa Hagayya 7 addeessuun kan nugahee jiru shakkii yerootiin wal qabsiisee akkasuma sochii qeerroo godina sana irra jiruun shakkii keessaa galuudhaan kamiin qabee kamiin akka dhiisu walii wallaalee jira sababaa ta’eef amma gara manneen amantaa cufiisuutti akka deemaa jiru; kunoo qeerroon akka addeessutti godina kana keessatti mana sagadaa Makkaana Yesuus ona Buree keessatti argamu ABO tu isin keessa jira jechuudhaan manneen sagadaa kanas cufsiisuuf yaalu illee diddaa uummataa fi dargaggoota ona sana irra jiruun feshelate yoo ta’u shakkii namoota itti gaafatamoo mana sagadaa san irraatti qaban qorannoo cimaa irratti gaggeessaa akka jiru gabaasaan addeessaa jira. Qorannoon isaa kunis ABOn bifa jijjiirratee isin waliin tokkummaa uumee isin waliin akka jiru shakkii qabna, kanaaf nuuf himaa kan jedhuun gaaffi amantoota mana sagadaa kanaa sakatta’uu karoorfatee akka ka’ee jiru gabaasaan addeessa. Namootni shakkii kanaan qorannaa jala galanii jiranis waldaa amantaa sana keessatti adda duree ta’anii kan jiran namoota sadii, isaanis
1.Obbo Qancaraa Bulgaasaa
2.Paaster; Niftaaluu Bariisoo
3.Luba Namarraa Nagaasaa
Jedhaman kun mootummaa wayyaanee biratti maqaa shakkii ABO tiin qorannoo jala galanii jiru jedhama. Namootni kunis Oromummaa isaaniitin waan boonaniif mana sagadaa keessan keessa ABO galchitanii jirtu jechuudhaan mana sagadaa kana sakatta’uuf akka deemamu qeerroon gabaasa. Akkasuma uummataniis hata’u qeerroo yookanis humna addaa godina sana irra jiruunis haa raawwatamu malee qaamni hin beekamne daandii konkolaataa magaalaa Mattuu fi Gambeela gidduu wal quunnamsiistu kaleessa halkan irraa ka’ee mukkeen jigsuudhaan, daandii boollessuudhaan daandiin hojjetootni mootummaa wayyaanee irraa deemtu cufamee hamma har’a( Hagayya 6-7) waaree boodatti konkolaataan daandii gubbaa irraa dhaabachaa akka oolte qeerroon gabaasee jira. Mukkeen jigfamanii jiranis mukoota gurguddoo 11 yoo ta’u mootummaan nama itti bitee waaree kana booda karaa irraa mursiisaa akka oole qeerroon gabaasa. Qaamni kana raawwate mootummaa wayyaaneetin sakatta’amus eenyummaan isaa hin beekamin jira.
Qabsoon itti fufa!! Gabrummaan ni kufa!!

Oromo Studies Association’s Appeal Letter to President Obama on the Current Harassment of Muslims by the Ethiopian Government

Aside

August 9, 2012
President Barack Obama
The White House
1600 Pennsylvania Avenue NW

Washington, DC 20500

http://www.whitehouse.gov
Tel: (202) 395-2020
Subject: Oromo Studies Association’s Appeal Letter to President Obama on  the Current Harassment of Muslims by the Ethiopian Government
Dear President Obama,
I am writing this letter on behalf of the Oromo Studies Association (OSA)1  to bring to  your attention the current growing unrest among the Muslim community and the  widespread, indiscriminate and brutal repression and harassment of peacefully  protesting Muslims by the Ethiopian government. Over the past six months hundreds of  thousands of Muslims have staged peaceful protests, almost every week, opposing what  they call “government interference with their religion by seeking to impose the belief of  a little-known sect of Islamic doctrine known as Al Ahbash”. Although the Muslim  community has been protesting peacefully inside their respective mosques, they were  met by harsh and at times bloody response from the Ethiopian government police and  security forces. OSA_appeal_letter_on_Muslims_(1)

“Waan Aarte Fakkaatta” Diraamaa ykn Do’ii Gabaabaa.

Video

Gaafa Hagayya 8, 2012  n maxxanfame.

Caayaa Utubaa ABO Minnesota:Haawwan fi dubartoonni Minnesotaa keessatti argaman wal gurmeessuun yeroo yerootti qabeenyaa, beekumsaa fi dandeettii isaaniin qabsoo ABOn hogganamuf gumaachan hagana hin jedhamne gumaachaa asiin gahan,ammas itti jiru.

Sabboontonni kun ammas diraama gabaabduu ergaa qabdu kana nuuf dhaamanii jiru.

 

Godina Baha Shawaa Keessatti Inveestera Wayyaanee Beekamaa Tokko Irratti Tarkaanfiin Fudhatame. Lixa Shawaa Aanota Adda Addaa Keessatti Ammoo Diddaan Baratootaa Oromoo Jabaate

Aside

Hagayya 08,2012  Dugda Bora

Gabaasaa godina Shawwaa Bahaa Ona Dugda Bora irraa akka addeessuun Hagayya gaafa 4 humni addaa ABO Bishooftuu  irra jiru   inverstera wayyaanee kan ta’e  magaalaa sana keessatti yeroo baayee dureeyyii ta’ee kan beekame Takkaaliny Gizawuu H/Mariyaam, konkolaataa isaa waliin tarkaanfiin akka irratti fudhatame addeessa. Namichi kun warshaa adda addaa kan qabu finfinnee keessatti suuqii bebbeekamoo  fi konkolaataa 100 ol kan qabu jedhu, akkasuma uummata hiyyeeyyii  ona Gimbichuu fi ona Lome keessa gatii xiqqaadhaan lafa isaanii bitu irraa buqisaa kan ture ta’uun beekama.

Haala kanaan hidhattooni Wayyaanee poolisii Oromiyaa, milishaa gandaa fi waraanni federaalaa utuu hin hafin godina sana keessa  akkuma jirutti sakatta’a guddaa gochaa akka jiran gabaasan addeessa. Namootni waraana ummatatti yaamanii haala kanaaf Oromoota rakkisaa jiran keessaa gariin isaanii

1.Isiraa’el Nabiyaat, 2.Gaaddisaa Askaalaa, 3.Kamaalddiin Yasuuf,4.Abarraa Shaakkisoo,5.Margaa Aschaalewuu G/Kidaan,6.Hagoos H/Yesuus,7.Cannaqaa Gorfaa

Kanneen jedhaman kana yeroo ta’u.Ummanni naannichaa yoo gochaas jarri kun yoo gochaa isaanii irraa hin dhaabbatiin tarkaanfiin warraaqaa akka isaan eegu akeekachiisanii jiru.

Hagayya 08,2012 Geedoo

Hagayyaa 1/2012 irraa egaalee Godiinaa Lixaa Shawaa aanotaa akkaa CALLIYAA, MIDAA QANYII,ILUU GALAAN IJAAJJII, DANNOO, XIQUR INCINNII, GUDAAR, AMBOO, GINCII, JALDUU,GINDABART keessatti,Walgahiin egamtooti Wayyaanee OPDO’n miseensota isaa fi barattoota miseensota isaa ta’aniif dhoksaan qopheesse irraattii lukkeeleen Wayyaanee OPDO’n walgahiichaa irraatti dokumenterii filmii kijibaa ABO’n gochaa goolessitummaa uume ummata jeeqa  jedhuun bara darbee ololaa afaan faajjiif Wayyaaneen qopheesiteen,ammas OPDO’n irraa deebi’uun baratootaa kanattii agrsisuun afaan faajjii uumuu barbaddee, diddaa baratootaa miseensotaa OPDOttin fashalaa’ee, walgahiin  guyyotaa sadiif gaggeeffaamaa turee mormii guddaan baratootaa irraa dhalatee, OPDO’n dhiphatee, baratoonnii yeroo filmiin kun waraabamuu namichii waraabee kun essaa dhaabbatee, waraabee?? dhaabnii tokkoo utuu bilisummaaf qabsaa’uu akkamitti ummataa isaa ajjeessuun fannisaa? isiin yeroo dubbiin isiin harkaa baduu wa’een keessaan ABO’dhumadha. utuu ABO’n hin jiruu ta’ee isiin iyyuu kabajaa hin argattan, Wayyaaneen sodaa ABO’akkaa OPDO kabaajaa jirtuu dagachuun walalummaa ta’uu hubachuun gaariidhaa jechuun filmii kijibaa kanaa abbaa isinitti kennettii deebisaa malee hin ilaalluu jechuun walgahichii mormii baratootaan xummuram.

Haaluma kanaan dhuma irratti baratootaa kanaaf ittiin sossobuuf dirgoon qarshiin 200 akka kennaamuuf OPDO’n gootuus baratoonnii gariin isaanii dirgoo keessaanis miseensummaa keessaanis hin barbaadnuu bilisaa taanee jiraachuu feena, waan sammuun namaa itti hin amannee maaliif dalagduu jechuun mormii qabaan muldhisaan jedhaa Odeessii keenyaa lixaa shawaa irraa nu gahe.