Qeerroon Amboo walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti erga marii’atanii booda ibsa ejjennoo lafa godhatan.

Aside

Hagayya 17,2012 Amboo

Hidhaaa fi ajjeechaan haamilee nu cabsuu hin danda’u jechuun Hagayya 16,012 Qeerroon Amboo walitti dhufruun dhimma qabsoo oromoo irratti marii baldhaa taasisan.Qeerroon Amboop wareegama dargaggootni oromoo qabsoo oromoo irratti gumaaataa turaanii fi itti jiran yaadatanii jiran.Gaaffii mirgaa gaaafachaa jirru irratti wareegama barbaachisaa ni kaffalla jechuun qeerroon Amboo ibsa ejjennoo armaan gadii lafa kaaa’atanii jiran

  1. Gaaffii mirgaa gaafannu jabeessinee itti fufna
  2. Dirqama oromummaan nutti kenname haal duree tokko malee ni baana
  3. Diina keenyaa yoomuu ni mormina,Hanga Injifaanoos wareegama barbaachisaa kaffaluun ni mormina
  4. Saaminsa lfaa maqaa Investimentiin nutti dhufe ni mormina,Jalas ni dhaabbanna
  5. Sabawwan Cunqurfamoo waliin tahuun diina waloo irratti qabsoofna
  6. Ilmaan oromoo mana hidhaatti dararamaa jiraniif Adunyaatti ni iyyanna
  7. Bilisummaa biyya keenyaa saffisaaan dhufaa jiru dabarsinee aalagaaaf hin kenninu
  8. Akeekaa fi Gumaa gootawwan keenyaa ni baafna

Kan jedhan baafachuun qeerroo Oromiyaa bakkeewwaan biroo jiran irratti jabinaan akka hojjetan irratti walii galanii jiran.

Qophii Simbirtuu-16 Hagayya, 2012

Video

TV OROMIYAA MAGAALAA TORONTOO HAGAYYA 13, 2012

Video

Ummatni Sidaamaa Ayyaana Waggaa Cambalii Jedhamu Kabajate; Dargaggootnis Sirboota Gootummaan Waraana Wayyaanee Muddan!

Video

(Qeerroo, Awaasaa, 16 Hagayya 2012) Hagayyi 15 Uummata Sidaamaa biratti ayyaana jabaa dha.Ayyaana waggaa ‘’Cambalaalaa’’ jedhamutu kabajama. Haala kanaan uummattoota cunqurfamoon Naannoo Sabaa fi sablammoota kibbaa keessaa uummatni Sidaamaa, ayyaana wadggaa Cambalalaa jedhamu  bifa hoo’aa fi dammaqina qabuun kabajachuun gabaasame; ayyaana kana irrattis mormii fi diddaa sirna fakkeessituu Wayyaaneef qaban ifatti ibsachuun isaanii beekame.

Qeerroon akka gabaasetti ummati Sidaamaa cunqursaa mootummaa garboomsaa wayyaanee jalatti miidhaa fi dhumaatiin olaanaa irra gahaa jiraatus karaa argatan maraan sirna Wayyaanee waliin falmaa gaggeessaa jiran. Qeerroon Sidaamaa Ayyaana kana irratti argaman Qeerroo Oromiyaaf akka ibsanitti, Mootummaan wayyaanee sirna cunqursaa isaa jabeeffachuuf diddaa ummataa gara jabinaan dura dhaabbachuuf yaalus, kutannoo fi murannoo ummati Sidaamaa mirga isaa deebifachuuf qabu dhaabuu hin dandeenye.

“Saba of baree mirga isaa falmatu humni dhaabu hin jiru,” kan jedhe Qeerroon Sidaamaa, “Hagayya 15/2012 kabajamee kan oole Ayyaana Fichee yookaan bara haaraa uummata Sidaamaa irratti diddaa fi mormiin mul’ates itti fufa diddaa ummatichaa ti,” jedhee jira.

Akka Qeerroon gabaasetti yeroo ammaa kanatti Ayyaana waggaa ‘’Cambalaalaa’’ jedhamu haala miidhagaan kabajamaa jira. Uumatni SIdaamaas aadaa fi afaan isaa osoo hin gadhiisiin uffata aadaan mimmiidhaguun ayyaana isaa kabajatee akka jiru hubatamee jira. Keessummaayyuu, Hagayya 14/2012 galgala ayyaana Fiichee kun waraanaan osoo tikfamuu kabajamee jira. Kabaja Ayyaana kanaa irrattis dargaggootni Sidaamaa aanaa garaa garaa irraa walitti dhufuun tokkummaan karaa hundaa akka jabaatu dhaammatanii jiran.

“Mootummaan wayyaanee gocha kana dhaabuuf waraana hedduumminaan bobbaasuus dargaggoota dhaabuu hin dandeenye,” kan jedhe gabaasaan Qeerroo, Waraanni mootummaa wayyaanee fi dargaggoon Sidaamaa Magaala Hawaasaa keessatti wal gaareffachaa akka jiran illee arguu isaa dabalee gabaasee jira.

Ayyaana kana irrattis sirbootni tokkummaa,Gootummaa fi kutattummaa leellisan kan weellifaman yoommuu tahu, ergamttoti mootummaa wayyaanee waan qaban dhabanii cinqamaa akka jiran beekuun danda’amee jira. Maanguddootni,Hojjettootni fi hawwan sirna san irratti argamanis sirboota gootummaa sirbamanitti gammaduun ililchaa akka oolan oduun nu dhaqqabe hubachiisee jira.

SBO Hagayya 15 bara 2012

Gadina Wallaaggaa Bahaa Onaa Diggaa Saasiggaattii Inverstera Wayyaanee Beekamaa fi Qabeenya Isaa Irratti Tarkaanfiin Maayyii Fudhatame.

Aside

Hagayya 15,2012 Naqamte

Hagayyaa 14/2012 Onaa Diggaa Saasiggaa bakkaa bishaan Ukkee jedhaamuu fi Magaalaa Neqemtee irraa 44km fagaatee kan argamuttii Tarkaanfiin haleellaa Qaabeenyaa fi lubbuu Investeroota Wayyaanee irratti fudhatame.

Naannoo kana  irraattii Investeraa Wayyaanee nama maqaan Aksiidoom G/Mikaa’eel fi jedhamuun Qabeenyii ummaataa samamaa,qotee bulaa Oromoo lafa isaa irraa buqisaa fi mindaa xiqqaan Oromoo hojjechiifataa kan ture ta’uun beekama, Haala kanaan  roorroo saba isaa irraa kan ittisu humni Addaa WBO  hagayyaa 14/2012 galgalaa tarkaanfii maayyii konkolaataa mi’aa hojii  fi manaajeera nama maqaan isaa Taageenyii G/Masqaal Aksiidoom manaajera  G/Mikaa’el kan keessaattii irraatti tarkaanfii haleellaa fudhatameen dhabamsiifamuu gabaasi nu gahe addeessa. Namnii kun hojii  manaajerummaa hojjetu irratti dabalee mootummaa Wayyaaneedhaaf basaasa beekama ilmaan Oromoo kan basasuun hiisisaa ture ta’uun beekama.

Tarkaanfii fudhatame kanaan kanaan konkolaachiisaan isaa namni maqaan Gaalahuu Mokonnon jedhamuu  akkaa malee madaayuun haleellaa irraa akka hafe beekama. Konkolaataan  FSR jedhamu kunis mi’a fe’ee deemu waliin manaajera dabalatee barbadaayuu isaa gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa

 

Wayyaaneeen Kufaatii Sirna Isaa Jala illee Oromoota Miidhuu Hin Dhaabne

Aside

Hagayya 15,2012 Shaashamannee

Biyya uummatni abbaa irreen jilbeeffamee bulu keessatti guyyaa uummatni tole jedhee bulu hi jiraatu.Abbaa irree of irraa ittisuufis ciisee hin bulu.Mootummaan Wayyaanee aangoo abbaa irrummaan erga qabatee booda uummata Oromoo fi carraan wal fakkaataan isaan mudate yeroodhaa yerootti hidhuun,saamuun,hojii irraa arii’uun,biyyaa arii’uun waan barame dha.Uummatni Oromoos hidhaa fi ajjeechaan haamilee nu hin cabsu jechuun yeroodhaa gara yerootti FDG gaggeessaa ture.Har’as daran jabeessuun mootummaa Wayyaaneetti xumura gochaa jira.Wwayyaanees gaaffii mirgaa uummatni Oromoo gaafatu yeroodhaa yerootti hidhaan deebii kenna.Haalli kun yeroodhaa gara yerootti hammaachaa dhufuun hordoftootni amantaa musliimaa Oromoo tahan isin ABO dha,Akeeka ABO fiixaan baasuuf deemtu malee gaaffii amantii gaafattu miti jedhamuun Godina Arsii Shaashimannee dhaa tika mootummaa Wayyaaneen yakkamuun mana hidhaatti darbamanii jiran.Ilmaan Oromoo
1. Sheik Sultan Ibraahim qotee bulaa naannoo magaala shaashimannee
2. Ziyaad Usmaan daldalaa fi
3. Dargaggoo Jamaal
Jedhaman tika Wayyaaneen qabamanii mana hidhaatti darbamanii jiran.Namootni kunneen wayi sooma ramadaan keessa jiranitti mootummaa wayyaaneen kan yakkaman yoommuu tahu Wayyaaneen diddaa gama hundaan isa muddaa jiru dura dhaabbachuu dadhabee olii fi gadi fiigaa fi ijibbaata nama gama hidhaatti funaanaa jiraachuun isaas beekamaa dha.

 

“Loltan Lolaa Malee Diina Hin Gabbariina” Jedhu Qeerroon

Diddaa Qeerroo 

Aanaa Gidaamii Wallagga Keessatti Kan Argaman Hojjettooti Warraaqsa Biyya Keessatti Deemu Cinaa Dhaabbachuuf Murteefatan.

Aside

Hagayya 14,2012 Gidaamii
Gabaasaa Qellem,Ona Gidaamii,ganda Alchayyaa Jiilloo irraa har;a Hagayya 13,2012 addeessuun hojjetootni mootummaa Wayyaanee keessa walitti dhufuun haala sochii siyaasa yeroo ammaa irratti malii bal’aa erga deemsifataniin booda sadarkaan qabsoon Oromoo irra jiruu fi hojjettooti mootummaa kanneen sabbontota ta’an ammo qoodi isaan sochii warraaqsaa keessatti qaban maal akka ta’e ifatti mariyatanii of erga gamaa gamaniin booda qeeqa mataa isaanii irratti kennuun gara fuula duraa sochii warraaqsaa biyyattii keessatti deemu mara iyyuu faana bu’anii akka galmaan geessisuu dandayan irratti walii galuu isaanii gabaasaan qeerroo naannicha irraa addeessa.
Hojjetootni kunis barsiisota, ogeessa fayyaa, H/dirree misoomaa, mana murtii ganda sanaa,milishoota, fi poolisoota ona sanaa murtaa’oo ta’an, qeerroo keessaa ofitti dabaluun yaada wal jijjiiraa akka oolan gabaasaan qeerroo addeessa. Hojjetootni kunis keessumaa kan irratti xiyyeffatanii maree godhatan keessaa akka miidiyaan addeessaa jirutii sochiin bakka bakkaa kan nama onnessuudha, garuu nuti maaliif qabsoo eegallee mootummaa ilmaan Oromoo hidhaatti guuraa jiru kana dura hin dhaabbannuu? Miindaan isaa yoo nutti hafe waan nu miidhu hin qabu, toora tooran walitti dhufnee uummata keenyaa fi dargaggoota keenya ijaaruudhaan, fakkeenya taanee yoo kaane ummata keenyaaf duree taanee hojjechuu fi waliin hiriiruu hin dadhabnu kan jedhu mariyatanii jiru.
Gama biraan walgahii kamuu Wayyaaneen yaamtuu fi ummata walitti qabdee kijia amata 20 ammas itti duskuruu yoo feete ummanni kamuu akka walgahii dabballoota Wayyaanee hin deemne,kan kan deeme ammo akka farra warraaqsaatti ilaalamuu qabu murtee dabarfatan.
Kana malees waraqaan qeerroos ganda kana keessatti har’a galgala kana hedduminaan raabsamee jira. Uummannis waraqaan kun eessaa fi daandii kamiin dhufee osoo hin qorannee akka saamichatti wal harkatti qabanii fixan jedha,akka gabaasaan addeessutti uummata 1200 itti tilmaamamutu waraqaa kana fudhate, qeerroon waraqaa kana ganda sanatti dhiyeessee jiru akka wal hankaakee jiru waraqaan qabsoo kun addeessa. Keessumaa qooda guddaa fudhatee hojii qabsoo kanaaf adda duree ta’ee uummataa fi dargaggoota, qote bultoota ganda kanaaf fakkeenya ta’ee QBOtti nama dadammaqsaa jiru milishoota ganda sanaa akka ta’e qeerroon gabaasee jira. Waraanni wayyaanee har’a ganama gara itti socho’e hin beekamne, ganda sana keessa kan ture garamitti akka ergame hin beekamne,kunis akka qeerroon gabaasutti sodaa uummataatiin waraanni achirra jiru kanmagaalaa keessa ture gara cina cina magaalaatti, magaalaa gadi dhiisuudhaan daandii fi daggalatti siqee akka jiraatu godhee jira, kunis shakkii waraanni ABO akka jiru waan shakkamuuf kana irratti hundaa’uudhaan waraana isaa magaalaa keessaa baasee cina cina magaalaatti galche jedha qeerroon ona Gidaamii irra gabaasu.

Wallagga Aanaa Beegii Keessatti Walitti Bu’iinsi Ummata Oromoo fi Milishoota Gandaa Jidduutti Ka’e Jabaate.

Aside

Hagayya 12,2012 Gabaasa Qeerroo Beegii

Hagayya 11,2012  milishoonni gandaa fi ummanni Oromoo aanaa  Beegii ganda GAbaa Dafnoo jedhamu keessa jiraatan walitti bu’uun miidhaa geessisuu qeerroon gabaase. Sababaan walitti bu’iinsa kana kaasees sabboonta Oromoo naannicha jiran maqaa maadhee ABO dha jedhuun mootummaan Wayyaanee yakkee waan hidheef jecha ummanni akka warri hidhaman gadhiifamaniif jabeessanii gaafatan haala kanatti kan rifatan milshoonni gandaa ummata of irraa deebisuuf jecha  meeshaa waraanaan waan sodaachiseef jecha ummanni meeshaa mana keessaa qabu mara fudhatee of irraa ittisuuf jecha bahe.

Haala kanaan walitti bu’iinsa ta’e keessatti milishoonni Wayyaaneef ergaman keessaa namni 10 gara malee yeroo madaayan kanneen hafan naannicha gadhiisanii baqachuun ummanni lafa walitti bu’iinis kun itti ta’e Gabaa Dafinoo lukkee irraa bilisa baafachuun gammachu dhibsate.Haalli kun kan ta’e ganama keessaa sa’aa 11:00AM irratti ta’uu qeerroon gabaasa. Haalli kun akkas ta’ee yeroo oolu galgala humni waraanaa Wayyaanee heddumminaan birmannaa taasisuun  naannicha qubatee ummata nagaa mana irra deemee goolaa akka jiru beekame.

Guutummaa sochiin kanaa faana bu’ee akka gabaasu Qeerroon addeessee jira.