(Qeerroo, Finfinnee, 19 Hagayya 2012) Mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti gochaan sukkaaneessaa kan irratti raawwatamaa ture, artistii beekamaa Kadir Martuu mana hidhaatii gad-dhiifame.
Kadir Martu (File)
Oduun amma nu dhaqqabe akka addeessutti, wallisaa Kadir Martu lukkeelee fi basaasota Wayyaanee biyya Sudaan jiraniin qabamee mana hidhaa Sudanittii darbatameen booda gara Itoophiyaatti deebifame.
Mana hidhaa addaddaa keessattis gidiran olaanaa irra gahaa kan ture yoo ta’u dhuma irratti, gara mana hidhaa maa’ikalaawwii kan ilmaan Oromoo keessatti hiraarfamaa jiran keessatti hiraarsaa fi torchariin irra gahaa ture.
Bakka maatii, firrii fi ogeeyyiin seeraa beekanii gaafachuu hin dandeenye keessatti hiraarfamaa kan ture, Wellisaan kun reebichaa fi hiraarsaa irra gahaa tureen qaamni isaa hedduu ergaramee jira.
Akka odeessa arganetti, yeroo ammaa kan waan isa mudate illee namaaf ibsuuf afuuraa fi yaadannoo jabaa hin qabu.
Laalaan reebichaa fi hiraarsaa akka malee akka isa hube kan eeran madden keenya, Kadir yeroo hagamiif maal keessa akka ture sirriitti yaadachuu hin dandeenye.