Oduu Ammee: Kadir Martuu hidhaa gadhiifame; hiraarsaan irra gahe Birmannaa guddaa barbaada.

(Qeerroo, Finfinnee, 19 Hagayya 2012) Mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti gochaan sukkaaneessaa kan irratti raawwatamaa ture, artistii beekamaa Kadir Martuu mana hidhaatii gad-dhiifame.

Kadir Martu (File)

Oduun amma nu dhaqqabe akka addeessutti, wallisaa Kadir Martu  lukkeelee fi basaasota Wayyaanee biyya Sudaan jiraniin qabamee mana hidhaa Sudanittii darbatameen booda gara Itoophiyaatti deebifame.

Mana hidhaa addaddaa keessattis gidiran olaanaa irra gahaa kan ture yoo ta’u dhuma irratti, gara mana hidhaa maa’ikalaawwii kan ilmaan Oromoo keessatti hiraarfamaa jiran keessatti hiraarsaa fi torchariin irra gahaa ture.

Bakka maatii, firrii fi ogeeyyiin seeraa beekanii gaafachuu hin dandeenye keessatti hiraarfamaa kan ture, Wellisaan kun reebichaa fi hiraarsaa irra gahaa tureen qaamni isaa hedduu ergaramee jira.

Akka odeessa arganetti, yeroo ammaa kan waan isa mudate illee namaaf ibsuuf afuuraa fi yaadannoo jabaa hin qabu.

Laalaan reebichaa fi hiraarsaa akka malee akka isa hube kan eeran madden keenya, Kadir yeroo hagamiif maal keessa akka ture sirriitti yaadachuu hin dandeenye.

Keessaayyuu, biyya  Sudaanitti baatii sadiif hidhamuu malee guyyaa isaa addatti akka hin yaadanne kan ibsan madden keenya deemanii ijaan isa argan, achii booda Gondoriittii baatii lamaaf, Maa’ikalawwiitti immoo baatii afurii oliif  hidhamee hiraarfamaa turuu isaa addeessanii jiran.

“Sababaa dararamaa humnaa olii keessaa tureef yaadaa isaa illee sirnaan kennuu hin dandeenye” kan jedhan madden oduu keenyaa, “dararamni qaama hormaataa saalaa isaa irraa ga’ee jiruus  hedduu kan nama gaddisiisuu dha,” jedhanii jiru.

Yeroo ammaa kanattis gargaarsa ilamaan Oromootiin gara mana yaalattii deddeebi’ee wal’aansa fudhataa kan jiru yoo ta’u, rakkina hedduu keessa waan jiru birmannaa guddaa akka barbaadu illee dhaamsa nuuf dabarsanii jiru.

“Amma illee hiraarsaa isa irra gahaa ture irraa damdamachuu hin dandeenye,” kan jedhe maddi Qeerroo biros, “rakkinni mallaqaa ulfaataa waan qabuuf  sirnaan yaalchisuun hin danda’amne;hamma tokko  namoota irraa liqeeffaannee yaalchiisaa jirra. Garuu, miidhaa isa mudate kan wayyeessu  miti,” jechuun haalli isaa hedduu yaaddessaa ta’uu nuuf himanii jiru.

Artiistiin kun akkaa manaa hidhaa maa’ikalaawwii keessa ture jotuu hin beekamiin ji’aa saddeetii[8] boodaa, Hagayyaa 8/2012 gaafa Mana Hidhaatii  gadhiifamee jira. Haata’uutii reebichaa fi hiraarsaa isa irra gahaa tureen miidhaan qaamaa fi qalbii akkasumas miira isa isaa irra gahee jiru fayyuu fi dandamachuuf brimannaa sabboontotaa akka barbaadu dhaamsi nu dhaqqabe ni hubachiisa.

50 thoughts on “Oduu Ammee: Kadir Martuu hidhaa gadhiifame; hiraarsaan irra gahe Birmannaa guddaa barbaada.

  1. Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa bakka jirtan hundatti qilleensa irraan isin haa gahu kabajamtoota sabboontota oromoo hunda keessan ergan jedhee booddee yaada kadir martuu kan akka malee nama gaddisiisu ta’uu isaa nu hubachiisuu keessaniif guddaa isin galatoomsachuu barbaadna.itti aansudhaan egaa gargaarsi wallisaa kanaaf barbaachisaa waan ta’eef karaa danda’ame hundaan akka bitra dhaabbannu fedhii lammiilee oromoo hundaati.

  2. Egaa durumaanu otoo communiitiin keenyaa jabinaa qabaateyuu suddaaniraa qabbamee debi’uu hinmmaluyu turee, mee ammasi jabbaanee gammitaa ummata keenyaa hacimisinuu bakka jiru hunddatuu. Kaddiriin hingargaara hamma humina keenyaa.

  3. Unless helped I fear he gone die. The best thing would be to send him to Kenya and try to help him get medical help. As we all know Ethiopia is a prison house for most oromo people and his release doesn’t mean anything as he will not be treated properly. Please orgainse to help this boy. Feel sad to be born from that part of the world.

  4. Gubataniif ibidda hin udaanan,ajab kaa kenna kun ofi dhabnne moo fira dhabnne?haa dunu mo ni jirana?akkamitti?weelisaan kabajamaan kadiir ka Martu erga dararaa jireenyaa eegale bubulee jira.ta’us ,tan dhuma tun tan inni yeedaloo isaatiin saba ofiitiif of woreeguuf jecha”Oromiyaa bilisomsuuf jedheetoo si dura ha baatu lubbuun too”jedhee biyya hadha isaa irraa isa baafttee,bu’a ba’ii heddu keessa qaxxaamursiifttee qama isaa isa du’aan biraa fakkeesite ,biyya olaa kan taate Sudaan khartoum qubachiiftee,dhuma irratti immoo sababa inni ofi haa beeknu woli haa beknu,nu hin tuqina jenne isin tuqna hin jenne jedhe qofaaf yakka tokkoon alatti diina biroo osoo hintane oytee mukaatiin(kan maqaa oromoo dhahatu kan cinaa du’e cinaa jiruun)dorsifamee,qabsiifame,diinatti gurguratamee,ergasii immoo angoon ittiin bitatame yeroo amma kanatti Embassy Ethiopiatti namoota qara bilokii kessa deeme baqataa rakkataa humna hin qabne kan gargaarii guyyaa dalagee galu sababee qama biratiin woliti busee hisisiisee afaan biyya ambaa waan beekuuf qofa mana hidhatii isin baasa qarshii hanganaa naaf kenna jette dhiga ilmaan Oromootaatiin leetee maatii gudifachaa turtetuu hadhaan tana immoo Sabboonaa Oromoo isa dhagetti guddaa saba ofi biratti qabu guyyaa Jimataa 16/03/2012 .tti biyya Sudan staadiyeemii naannoo arkuweet balaabil jedhamutti budeena guyaadhaa ittioin bitattee amman tana immoo Embassy ETHIOPIA KEESSATTI NYAACHAA JIRTI .kun immoo umata Oromoo bal’aa biratti mee maal haa fakkatu?mee akkamitti laaltu?mee maaf cal’isttu?Ilmaan ayya Oromoo kanneen gfincaan tokochara baane kanan barresse kana ija imimaaniitiin barresse amaanaa hedduu guddisee garaa isin haa nyaatu.Baqataa barsiisaa Muhaammad Hasan Waaqoo galaaaaatooma galanni keessan kan bilisummaa Oromoo fi wolabummaa Oromiyaa woliiwojjiin nuuf argamsiisu haa ta’u isiniin jechaa ,Kadiir qaama kenna isa gara keessooti egaa kanaaf waan qabnuun qarqaaruun kenna nurati jaalala qofaan osoo hin taane dirqamaan qarqaaruun barbaachisaa qofa osoo hin taane murteessaadha jedheen dhamsa koo lammii Oromoo kamiifuu dabarsa!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

  5. Baga rabbin jala isa baase. Isinis galatoma kan nun geettan. Garuu amma inni biyya jira moo? Ammas rabbin isa umri ha dheressu.

  6. dhugumatti waa,een wellisaa keenyaa kadiir martuu nama gadisisaa.obsii na jedhani sabaa isaaf jecha hidhame dhaname.oromota miliyona ofduba qabda homa hin tatu obsii kessa baata.ni gargara email kiyyan na qunama

  7. Akka ormoo jettee obsaa aanaan goromsaa dhugaa kadiir koo obsi ima bahaa dhiigni kee badee lafa hin ta’uu an nama isa osoo arguu of biraa dhabee anaa ha dhabanii hafuura kee dhayuun rabbiin galanni haa gahuu isinii galatoomaa garuu amma eessa jiraa ?

  8. adhaaf abba oso qabuu lamminkenyaa kun gabrumma jalaa bahuuf jecha rakkoon cimaan waan isa mudateef hundumtii keenyaayuu waan qabnuun gargaaruu qabna dhira dhalaa oso hinjjenne fayya isaati waqnii isaa hadebisuu

  9. Gochaan sabboonaa oromoo ,kadir martuurra gahe baay’ee nagaddisiise.
    Garuu mana hidhaa bahuusaatti baay’ee gammadeera.
    “Dhugaan yoo qallattell akka hin cinne irraanfachuun nurra hin jiraatu”!

  10. ya ilmaan oromo ya ilmaan abbaa kiyyaa.araantana midhaan dini nama kenyaraan gahaa jiru kan bekkamu dha. 1,Ajechaa 2,hidha 3,uleen akka hammaati midhu 4,qabeenya sam 5,rebbuu 6,ukkaamsu 7,akka hin dhalee masheensu fi…..kkf wan bayyee ilmaan oromoorraan gahaa jirran kanuma gaa kan walissaa kenya kan oromoon hundii jalatufi kabaju kana akkuma dhageessan kana wan asirati hin ibssamiin kan kana daran gocha garajabenyaan irratti rawatamee guyyaa 15 dura wal argine ture. affaan kadir irraa dhagahu danda’eti gocha sukaneesaa iraan gahaa turan kana gura namaati hin tollee irati rawacha akka turan nati hime.kanaafu yaa ilmaan oromoo kadir martuu wan dandenyun cinaa dhabachu qabnaa. Dignii ilmaan oromoo dhangala’ee hin hafuu.oromiiyyaan ni bilissoomti.!!!

  11. Kado keenya hin yaadin rabbiin fayyaa keetif umri kee si ha dheeresu ! Ati baay’eema nuf xaraa jirta ammaas duubati akkaa deebine abdii qabna.nutis ilmaani oromoo hundi keenya qabsoo eeggalun dirqaama keenya.waa hundanu si wajjiin jira yaadanis ta’ee humnanis.INSHAALAH!

  12. maaloo yaa lammii koo tokko haa taanuu.har’a boru maaf jennaa? kadir omaa mitii;lubbun jiraachuun kee qofti nu gaha.maaloo lammii inni maaf reebama jedha.osoo amma kana taanee jiruu maaf salphanaa? mee eertiraa sudaan fakkeenya fudhaa.maaloo reebichiif ajjeechaan wayyaanee nu gahati. gadaan kan bilisummaati injifannoon uummata oromoof

  13. kado kenyaa lubbuu kee jirachuu kee galannii kan rabbit lammii sii jalatan hedduu qabda kanaf yoo dandeeti ummata arsii gamaa KONSAARTITIN Kan sii gargaaru ibsaa dhignii kee gaftokkoo ni bahaa yoo tokkuman argamte! Jabaadhuu kado!

  14. Ana jireenya ilmaan oromotif baay’ee nagadisisa seena kadiro yoommun ilalu jireenya nati hadha’a garu argu hin dandeenyef male horif humnan qabun nan gargaraa yoo rabbin guddan jedhe keessa bana garu boruf rabbin jira.

  15. asalamulykum warahmatulahi wobarakatu akkam jirtufayyadha kado ana dhahu gadaakoo guyyan akka dukanoften hin haftu abshir hinuma ifti rabbin lubbukee nuf haqusatu
    egaan hama akkamiti jirta ? guyyati wajiin tenye taphanu ni
    yaadata ?seena gaaridha garuu degarsa sigochuf lakkofsa bankii nu gadhisu qabda kanafu hatataman gadhisi.BILLISUMAN KAN OROMOTII!!!!

    • Kadiir ilmaan oromootif waan bay’ee hojetee jira.kanaaf rakkina isa muudate kana baasuf ilmaan oromoo martuu waan qabnuun haa gargaarru.{Osoo namaa ta’ee…….}.wali wajjin taane rakkoo kadiir muudate kana furuuf haa kaanu.namuu bakkuma jirruti wanuma qabnuun haagargaarru.{KADIIR TOKKICHA OROMOO….}.

  16. Ani kana homaa jechuu hin danda’u.waaqni oromoo isa haa yaalu doktoriin olaanaan isa waan ta’eef.laaluu abiddaa kan argetu beeka.hundi sabni bal’aan oromoo waan qabnuun haa birmannuu.waaqas isaaf kadhadhaa !!

  17. Adera na fudha maa
    mila kessan na godha yoon du’eef seenaa koos naa kaafadha.
    ani amma malle isin qerro nan jaalladha.
    yeroo bayyen immo yaada kana isin gafadha.isin bira gahuu didemoo? gaaffi kootu quufsa tahu didee?

  18. eyyee siriidha wani armaan oli jedhame hunddi garuu uni phuuuuuuuuuuuu jechuu duwaa otto hintane mali hagargaaru jechuuti barbachisaadha amalee baqattoni biyyaa sudani kani jirani kuni waa’e kadir martuutin wara akka barsiissa mohade hasan wako faa namootin biralee akkanuaa nijiru walakkani baqaate yerosummaa biyya baqattee jiruu sanaa kessalee jirachuu dhaadhabee garaa biyya 3faafi issaa oli keessa baqatte kani jiru nijira kani biramoo akkanuma bakka mirgaa nammaa kanif abbatte wajira uncr jedhamuutti uttu iyaacha jiru qabamee rebamee gara manaa hidhaa etiopiatti kani darbatamelee numa jira wani bayyee argine wanibayyeekeessasi banee asi geenye waraa amalee baqatte biyya olaa jirani sanafilee rabuaan kadhanna rabbi isalee nagaanuuf hagoodhu

  19. Yaa kadir kenya ati lubbun as gahuu ketif bayyee gammachuu gudda nadhahama garuu nuti ilmaan oromoo maqaf heddummanne malee walii hin gallu tana rakkinni kenya guddan mee wal haa dhagenyuu yaa ilmaan oromoo nuti maf tokko hin taane maf wali dhagenye maf wal gurgurra dinatti maf foon walii nyaana way way way mee nuti malif wali yaana? Malif walif hin yyanne

  20. Kadir…an jechan ittiin gadda koo ibsu hin argadhu!! kan sigahe kun ammas nama biraa irra akka hin geenye tokkummaadhan ka’aa jechuun dhaansa kooti dabalataan gargaarsa keef osoo lakk kusaa maallaqaa barreessitee waan qabnuun sigargaaruf duubatti hin deebinu waadadhaKadir…an jechan ittiin gadda koo ibsu hin argadhu!! kan sigahe kun ammas nama biraa irra akka hin geenye tokkummaadhan ka’aa jechuun dhaansa kooti dabalataan gargaarsa keef osoo lakk kusaa maallaqaa barreessitee waan qabnuun sigargaaruf duubatti hin deebinu waadadhaKadir…an jechan ittiin gadda koo ibsu hin argadhu!! kan sigahe kun ammas nama biraa irra akka hin geenye tokkummaadhan ka’aa jechuun dhaansa kooti dabalataan gargaarsa keef osoo lakk kusaa maallaqaa barreessitee waan qabnuun sigargaaruf duubatti hin deebinu waadadhaKadir…an jechan ittiin gadda koo ibsu hin argadhu!! kan sigahe kun ammas nama biraa irra akka hin geenye tokkummaadhan ka’aa jechuun dhaansa kooti dabalataan gargaarsa keef osoo lakk kusaa maallaqaa barreessitee waan qabnuun sigargaaruf duubatti hin deebinu waadadha!

  21. Duran dursee nagaya fi jalaaliin ani lamii koo qabu isiin haa qaqabuun isiinin jedha, itti ansuudhanis ergaa kadiir martuu nu biran ga’uu keessaniif galaani dhiiga lamii oromoo martinuu billisumaa isiinif haa ta’u , jecha hiidha fi hiraarsa weliisa kadiir irra gahee yeroon dhaga’uu gada gudaatuu nati dhaga’amee mana hiidhati bahuu isaa yeron dhaga’uu gamaachuu hamana hin jedhamneetu nati dhaga’amee miidha lamii isaaf jecha isiira gaheef rabbiin billisuma lamii oromoo walumaan nu agarsiise fayya isa tan ganaama rabbiin isaaf haa debbiisu, garu kara ittin wan qabnuun isaa cinaa dhabanee itti gararu dandeenyu utuu nuf ibsiitani ani gama kiyaan baay’een itti gamaada, yaa lamiiwan koo osoo tokkumma ummanee gamtoomnee billiisuma lamiiwan kenya kan lubbuun jiranii fi kan lubbun hin jirees akka billisoomaan tarkaanfi tarkaanfachuu qabnuu amuumara jalqabnee mee mal isiiniti fakkaata ? Tokkumma ummaachuuf tataafi kenya jalqbnuun isiinin jedha yaa lamiiwaan oromoo ! Wal jalaa haa demnuu haaynii ni qalaata male hin cituu wal hubbaachifnuu ! OLF HAA WAL JALAANUN ISIININ JEDHAA dhiiga lamiiwan kenya basuuf jecha!

Leave a comment