Hagayya,05,2012 Naqamte
Hagayyaa 3/2012 Godinaa Bahaa Wallaaggaa Onaa Giddaatti poolisotaa ummata dararuuf bobbaafamtee irraattii tarkaanfiin haleellaa fudhatame.
Onaa Giddaa Ayyaanaa Bakkaa gabaa Jaangir Dirree Guddaa jedhamuun beekamutti poolisonnii Wayyaanee Ummataa dararuu fi sabboontotaa Adamsanii qabuuf bobbaafamaan irraattii humni addaa tarkaanfii haleellaa irraattii fudhatee poolisotaa sadii haalaan madaayanee akka lubbuu baafatan beekame. Poolisoonni naannichatti ummata dararuuf bobba’anii madhaayan kuniin :-
1.Kabbadaa Ayyaanaa
2. Bantii Waaqtolaa
3. Zaarihuun Insarmuu
Jedhamaan qajeelfamaa aangawoota Wayyaanee irraa fudhataniin gochaa diinummaan lammii isaanii irratti hammeenya waan raawwataniif dalagaan akkasiin kanneen itti fufan hunda tarkaanfiin fakkaataa akka isaan eeggatu hubatamuun dandayamee jira. Poolisoonni kun yeroo ammaatti Hosptala Naqamtee akka seenanii jiran gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Gabaasaa Hagayyaa 3/2012 Godinaa Shawaa Lixaa Aanaa Calliyaa Gandaa Jaarsoo bakkaa Telee jedhamuun beekamuttii konkolaataa humnaa basaasaa Wayyaanee code hin qabne tokko magaalaa Geedoo irraa garaa Godinaa Horroo Guduruu Fincaa’aattii deemaa jirtuu galgala Humni Addaa hin beekamnee tarkaanfii irraattii fudhachuun namaa tokkoo madeessee, Foddaa fi of-laalleen konkolaatichaa akka jirutti ccaccabee sardamaan akka humna addaa irraa miliqanii lubbuu baafatan gabaasi naannicha irraa nu gahe addeesse.
Monthly Archives: August 2012
“Roorroo Abbaatu If Irraa Ittisa” Qeerroon Shimalaan rasaasa dura dhaabbachuun hidhamaa Oromoo bilisa baasan
Aside
Hagayya 06,2012 Giddaa Ayyaanaa
Hagayyaa 4/2012 Godinaa Bahaa Wallaaggaa Onaa Giddaa Ayyaanaa Guttiinittii Har’aa ganamaa sa’aa 12:00 irraattii poolisonnii wayyaanee sabboonaa Oromoo Obboo Margaa Jogoraa Gammaadaa seeraan Alaa mana galmaa isaa sakkata’uun humna ABO dhoksitanii nyaachiisaa jirtu sababa jedhuun poolioonni aanaa qabanii gara mana hidhaatti yeroo geessaa jiranitti dargaggoonni ykn Qeerroo naannichaa wal gurmeessuun fincila kaasuun dhagaa fi ulee dhaan poolisoota dursanii eeguun reebanii sabboonaa Oromoo Margaa Jogoraa Gammadaa harka diinaa irraa baasanii nagaan gara mana isaatti akka galu taasisanii jiru.
Yeruma kanatti poolisoonnis rasaasaa dargaggeessaa Oromoo irraattii xaxeessaani, dargaggoonnii Oromoo sodaa tokkoo malee of irraa deebisuun poolisotaa sabboontotaa qabdee hidhuuf manaa baatee harka naannicha irraa ari’uun harka duwwaa galchuu gabaasi nu gahe addeessa.
ABO degertan jechuun,Ummanni Oromoo waggoota 20 ol mannii fi qee’een isaa sakatta’amaa jira. Ummannis “Dukkanaan duuba Ifa ni Argina” Jedhu.
Aside
Hagayya 06,021
Godina wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu keessatti waraanni mootummaa wayyaanee mana ilmaan oromoo sakatta’insatti gad taa’e.Diddaa naannoo kanatti deemsifamaa jiru dura dhaabbachuuf waraanni wayyaannee manneen lammiilee Oromoo maqaa meeshaa waraanaa qabdu jedhuun sakatta’insaan rakkisaa jira.Uummatni oromoo mana isaa seeraan ala akka hin sakattaane dura mormaa kan jiru yoommuu tahu waraanni wayyaanees meeshaa hidhannoo qabuun ilmaan oromoo dirqamsiisee sakatta’aa jira.
Aanaa Giddaa keessattis haalli wal fakkaataan kan jiru dha.Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee,Horroo,Amuruu fi Guduruu keessatti uummatni wal gahii wayyaanee lagachuun diddaa jabeessee jira.Waraanni wayyaanee tasgabbii dhabes gidduu galeessa irra gara naannooleetti hedduumminaan rabsamaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.
Ummanni naannoo fi barsiisonni tokko tokko akka jedhanitti dukkanaan duuba ifatu jira,har’a qe’ee fi maatiin keenya sakata’amus booru kana jalaa baanee ummata walabaan jiraatu ni taana. Mootummaan har’a ummata Oromoo salphisaa jiru yerootti ofii salphatus as dhihoo waan ta’eef nuti qabsoo keenya itti fufna jedhu.
Waraqaaleen dhaadannoo garaa garaa Oromiyaa bakkeewwan hedduutti maxxanfaman.Wayyaaneen kana irraa rifachuun waraana isaa bobbaasuun funaansisuuf dirqame!
Video
Hagayya 06,2012 Fifinnee, Waraqaan dhaadannoo garaa garaan Magaalota Oromiyaa hedduu keessatti maxxanfame.Handhuura Oromiyaa magaala Finfinnee keessatti waraqaan dhaadannoo hedduumminaan Hagayya 04/2012 halkan keessaa sa’a 10:00 irraa kaasee haalaan kan maxxanfame yoommuu tahu Finfinnee keessatti Markaatoo,Piyaassaa,Qaallittii,Gullallee,Abinnetii yuunivarsiitiilee Kiiloo afur,shanii fi jaha biratti hedduumminaan maxxanfamanii jiran.
Waraqaa maxxanfamaniin mootummaan wayyaanee dhiphuu guddaa keessa seenuun waraanni waraqaalee poolii irraa fi bakkeewwan beeksisni itti maxxanfaman mara irra deemuun dubbisuu fi buqqisuuf dirqamee jira.Namootni hojii daldalaaf waraqaalee maxxansanis sakatta’amaa jiru.Waraqaaleen dhaadannoo
• Oromiyaan ni bilisoomti,Oromia shall be free
• Garboomfataan ni kufa,Bilisummaan ni dhufa
• Gaaffii mirgaa hidhaa fi ajjeechaan dhaabuu hin danda’u
• Lama du’uun salphina
• Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha
• OPDON Hirkattuu dha
• Qeerroon Oromiyaa ni bilisoomsa
• WBO gaachana ilmaan oromooti!
• Dhaabni siyaasaa ilmaan oromoo ABOti!
• Bilisaan dhalatanii garboomuun salphina
• Qeerroo,Yeroon isaa amma ka’i!
• Oromiyaan kan oromooti!
• Stop killing oromo!
Jedhan hedduumminaan copy tahuudhaan magaala Finfinnee keessatti mxxanfamanii jiran.Dhaadannoowwan wal fakkaataan magaala Dirree Dawaa ganda Qoree,yuunivarsiitii fig alma magaala Dirree dawaattis hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo magaala shaashimannee,Amboo,Adaamaa,Ayiraa,Shaambuu fi Mattuu keessatti maxxanfamanii jiran.
Qaallittii keessatti wal’aansi fayyaa Oromoof hin kennamu;kanneen dhukkubsatan wal’aansa akak hin arganne waan godhamniif fincilli ka’e.
Aside
(Qeerroo,Finfinnee, 5 Hagayya 2012) Lammilee Oromoo mana hidhaa Qaallittiitti hidhamanii jiran irratti dararaan Mootummaa wayyaaneen irra gahu hammaataa kan jiruu ta’uun bira gahame. Maddi Qeerroo akka gabaasetti, Oromoonni 69 waggaa darbee Oromiyaa garaagaraa irraa balleessaa tokkoo malee qabamanii hidhaman akka malee hiraarfamaa fi murtii malee beellamaan gidirfamaa akka jiran beekamee jira.
Keessaayyuu, lammiileen Oromoo kunneen erga qabamanii kaasee haga yoonaatti murtii tokkoo malee maqaa qoraannoo qofaan beellamamaa fi mana hidha akeessatti hiraarfamaa akka jiran beekameera. Haalumaa kanaan hidhamtotaa 69 keessaa barattootni Oromoo lamaa akka malee dhukubsatanii kan jiran yoo ta’u haga yoonaatti wal’aansa mana yaalaa dhorkamnii kan jiraan ta’uun hubatameera.
Barattooti kunneen lameenis 1. Barataa Geetachoo Iddoosaa fi 2. barataa Hirphasaa Diriirsaa kanneen jedhaman, dhukkubsatanii otuu jiranii sababa Oromoo ta’aniif yaalaa akka hin arganne godhamanii jiru.
Dhimma kanaan kan walqabates, hidhamtoonni ilmaan Oromoo mana hidhaa Qaallittii zoonii keessatti hidhamnii jiran “hangaa hidhamtoonni dhukkubsachaa jiran waldhaansaa hin argannetti, nyaataa hin nyaannu,” jechuun fincilaa nyaataa lagachuu gaggeessanii jiran.
Haalaa kanaan Mana hidhaa Qaallitii Zone 1,3,6, kessatti diddaan ilmaan Oromoo jabaachaa jiraachun kan beekame yoo ta’u, ergamtooti wayyaanee immoo sababa kanaan hidhamtoota dararaa akka jirtu illee bira gahamee jira.
Mootummaan Wayyaanee fincilaa ilmaan Oromoo kallattii garaagaraatiin belbelaa jiru dhaamsuuf ilmaan Oromoo jumlaan mana hidhaatti guuruu kan aadeffatte ta’uunis beekamaa dha.
Baroota Darban Ummata Oromoo 1500 ol Lafa Irraa kan Buqisee Inveesterri Wayyaanee Qabeenyi Isaa Guutuun Barbadaaye.
Aside
Hagayya 05,2012 Naqamte
Ona Habee Dongoroo Bakka Tulluu Gaanaa jedhamutti Hagayyaa 2,2012 Qabeenyaan Investeraa Wayyaanee beekamaa nama maqaan isaa Aksiidoom G/Sillaaseee kan jedhamuu irratti tarkaanfii fudhatame. Ammaan dura Oromoota 1500 ol humnaan qe’ee irraa buqisee lafa cash crop area qabatee qabeenyaa uummataa Oromoo saamaa kan jiru namtichi kun humna hin beekamiiniin qe’ee Oromoota irraa buqisetti qabeenyi isaa Hagayya 1,2012 barbadaayuu gabaafame.
1. Tiraakteroota 4
2. Konkolaataa Isuse FSR lama
3. Magaazinni kuufama midhaan akka Saaliixaa,Nuugii fi gosa garaa garaa kuusee biyya biraatti dabarsu.
Guutuutti barbadaayuu gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Waardiyyaan inveesitera kanaa maqaan Caannee Waaldee Yoohaanniis jedhaamuu tarkaanfii humnii addaa irraattii fudhateen akka malee madaa’ee du’aaf jireenyaa gidduu jiraachuun gabaafamera, Tarkaanfii boonsaa kanattii uummannii akka malee gammadee kan jiruu ta’u Oromoonni laficha irraa buqa’anii qabeenya malee ta’anii arihaman adda addaa haala kana yeroo dhagahan gammachuu irra darbanii akka booyichaan roorroo irra gahe ibsataa turan gabaasi naannciha irraa nu gahe addeessa.
Aanaa Midaqanyii Keessatti Diddaan Barattootaa Itti Fufe. Barsiisaan Zalaalem Hundarraa Bantiis Diggaa Saasigga Irraa Hidhame.
Hagayya 05,2012 Midaqanyii
Godina Shawaa dhihaa Aanaa Midaa Qanyii keessatti baratoonnii Oromoo University fi dhabbilee barnotaa Olaanaa garagaraa irraa baraachaa turaan qajeelfamaa Mootummaa Wayyaanee hin fudhannuu jechuun Gaaffii Mirgii Hiree Murteeffaannaa Ummataa Oromoo Haa kabajamuu barreeffaamaa jedhuu facaasuun aangawoota Wayyaaneen naannichaa raasaa jiraachuun gabaafame, haalaa kanaa sodaachuun OPDO’n Onaa Midaa Qanyii baratootaan hojii misoomaa waliin hojjeennaa jechuun baratootaa sossobuuf yaaliin isaan godhan illee baratoonnii bara mootummaan abbaa irree ummataa keenyaa irraa ka’uu, fi hireen uummataa keenyaa murteeffamuu waan hundaa iyyuu ni hojjeennaa ammatti yeroon keenya yeroo warraaqsa bilisummaa fi walabummaa biyya keenyaati malee dhadessa imaammata Wayyaanee miti jechuun lukkeelee Wayyaanee salphisuun dhagahame.
Kanuma waliin naannoo kanatti barattoota sochii warraaqsaa keessa turan garii maallaqaan bitachuuf hawwanii ummata akka basaasan gochaa jiraatan illee tarkaanfii Qeerroon barattoota kana irratti fudhateen gantooti garii naannicha dhiisanii baqatanii akka jiran gabaafama.
Gama biraan Hagayyaa 2/2012 Onaa Diggaa Saasiggaa irraa Barsiisaa Mana Barumsaa Qaaccaa Sadarkaa 1ffaa kanta’ee barsisaa Zaalaleem Hundarraa Baatii badii tokkoo malee humna poolisaa Federaalaatiin ukkaafamee manaa hidhaa Maa’ikalaawwiittii darbatamee jira, Uummaannii Onaa Diggaa Saasiggaa yeroo ammaa kanaa barsiisaa Zalaleem Hundarraa Baatii daddaffiin akka nuu gadhiiftan,lafa inni itti hidhames akka nu beeksiftan bulchitotaa nannoo Onaa sanaa irraattii diddaa fi gaaffii mirgaa akka kaasaa jiran qeerroon gabaasa.
Mootummaan Wayyaanee dhabama isaa jala daraggoota Oromoo jumlaan hidhuu araada godhate.Waraanni Wayyaanees abdii kutachuu muldhise
Aside
Hagayya 05,2012.
Oromiyaa keessatti diddaan uummataa jabaachaa waan dhufeef waraanni mootummaa Wayyaanee tasgabbii dhabe.Waraana mootummaa Wayyaaneetti dirqamni kenname kan duraanii irra daran jabaachaa waan dhufeef waraannis gara abdii kutannaatti ce’ee jira.Godina Wallagga lixaa aanaa Ayiraa ganda Hoomii fi Kolooboo jedhamn keessatti waraanni Wayyaanee hedduumminaan bobba’uun uummata Oromoo mana hidhaatti guuraa jira.Gaaffii mirgaa uummatni Oromoo gaafatu isin ABOti,Qeerroon isini jechuun dargaggootaa fi abbaa maatii qabanii hidhuun reebichaan dararaa jiru.Ilmaan Oromoo ganda kanneen keessaa 50 ol mana hidhaatti ukkamsuun galgala galgala mana barumsaa sadarkaa 1ffaa ganda Hoomii keessatti lama lamaan guuruun reebichaan dararaa jiru. Yeroo ammaa naannichatti Oromoonni mana hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa jiranis
1. Dargaggoo Gammachiis Mulaatuu
2. Abbaa maatii Mitikkuu Margaa
3. Dargaggoo Efreem Ejjetaa
4. Dargaggoo Lijaalem Yaadataa
5. Abbaa Maatii Abarraa Tarfaasaa
6. Abbaa Maatii Taammiruu Tarreessaa
7. Dargaggoo Lalisaa Margaa
8. Abbaa Maatii Taayyee Tarfaasaa
9. Dargaggoo Habtaamuu Bantii
10. Dargaggoo Gammachuu Bantii
Keessatti argamu.Qeerroon naannoo kanaas hidhaa fi ajjeechaan duuba nu hin deebisu jechuun halkanii fi guyyaa diddaa itti fufanii jiran.Uummatnis wal gahii Wayyaanee lagatee jira.Waraqaaleen dhaadannoo OROMIYAAN NI BILISOOMTI!,GARBOOMFATAAN NI KUFA!, jedhanis ganda hoomii keessatti maxxanfamanii jiran.Qeerroo Oromootti diina tahuun yeroodhaa yerootti rakkisaa kan jiru jala deemaan Wayyaanee Karrasaa Toonee kan jedhamu yoommuu tahu Mana barumsaa Biiftuu keessatti barsiisummaan turee miseensummaa OPDOn liigii dargaggootaa erga seenee booda gara Ijaarsa OPDO keessa kan seene dha. Karrasaa Toonee fi kanneen isa waliin wal fakkaattan wayita Oromoon tokko tahee diina isaa buqqisaa jirutti alagaa jala kurkuruun keessan bu’aan isaa miidhaa fi taajjabbii waan taheef qabsoo Oromootti akka dabalamiin ummanni naannichaa gorsaa fi akeekkachiisa kennee akka jiru Qeerroon gabaasa.
Godina Baalee Ona Adaabbaa Keessatti Sochiin Warraaqsaa Itti Fufee Oole. Poolisoonni OPDOs Qeerroo Irra Goruun Warraaqsatti Hirmaatan.
Aside
Hagayya 05,2012 Adaabbbaa
Gabaasaa Hagayya 4 godina Baalee, Ona Adaabbaa irraa addeessuun Qeerroon Ona sanaa ifatti baasee sodaa tokkoon malee ifaa fi bilisaan waamicha warraaqsa bilisummaa Oromootti uummata fi barattootaaf waamicha gochaa akka jiru gabaasaan addeessa. Kunis har’a ganamaa eegalee guyyaa guutuu uummannis ta’e barattootni, dargaggoonni ona sanii marti waraqaa qabsoo, dhaadanoo babarreesuudhaan, sirboota qabsoo kaasetta kan manaa qabu gadi yaasuudhaan daandii irratti Teeppii fi moobayilaan sirba qabsoo ona Adaabbaa hamma ganda isaa keessatti wal qabsiisuudhaan sirba qabsoo fi tamsaasa barruuleetiin guyyaa har’aa akka oole gabaasan addeessa. Akkasuma milishootni ona sana irra jiran kaka’umsa kanatti hirmaachaa akka jiran, keesumaa poolisii Oromiyaa ona sanii hidhannaa isaanii hiikkatanii sochii uummataa fi qeerroo kanatti akka hirmaatan qeerroon ona Adaabbaa addeessa. Poolisoota hirmaannaa kanatti makaman maqaan isaanii yeroof baasuu baannus nama 4 akka ta’anii fi warraaqsatti makamuu isaanii ammo ummanni naannichaa akka gammachuu qabu qeerroon beeksisa.
Sochii warraaqsaa kanatti hirmaannan uummataa kan dargaggoo ona sanii akka caalee jiru, namoonni siyaasaa godina sana keessa jiru har’a utuu manatti hin hafin sochii karaa qeerroo eegale kana humna itti gochuudhaan dhaadannoo qeerroon barreessee ona sana irratti tamsaase qabatanii akka dhaadessaa oolan gabaasan addeessa.
Dhaadannoon barreeffame kunis :
BILISUMMAAN SABA KEENYAAAF, DHALA KEENYAAF, BARATTOOTA KEENYAAF, ILMAAN OROMOO WALII GALAAF!!” kan jedhu ture. Akkasuma “INJIFANNOON SABA OROMOOF,INJIFATAMUUN DIINA OROMOOF” jedhanii magaalaa Adaabbaa fi gandoota keessatti akka dhaadeffamaa oole gabaasaan addeessa.
Radio Oromoo Press, By Qerramsoo Biyya
Aside