Raadiyoo Simbirtuu Hagayya 30,2013

Video

Seife Nebelbal Radio Program, Interview with Lubee Birruu

Video

Ona Haroo Limmuu Keessatti Diddaan Dargaggoota Oromoo Jabaatee Itti Fufe

Aside

Hagayya 30,2012 Naqamte

Qeerroowwaan Oromoo Onaa Haroo Limmuu torbee tokkoo Oliif diddaa gaggeessaa jiru itti fufuun Hagayya 29,2012 haala qindaayaa ta’een itti fufe. Haala kanaan dargaggoonni magaa fi baadiyyaa irraa walitti dhufuun bakka tokkotti bifa qindaayeen wallee warraaqsaa dhageessisaa oolan,haala kanaan:-
Qeerroo Kaa’ii hin falmannaa,
Biyyaa abbaa keenyaa maaliif Teenyaa,
ABO’n toftaa qindeessee,
Qeerroon qabsoo finiinsee,
Waaqayyootu haalaa mijeessee
Ka’ii Oromoo maaf cal jettee teessee
Jechuun Qabsoo bilisummaa Oromoo leelisaan, Hagayya 29,2012 Mootummaan Wayyaanee Mallaas utuu du’ee osoo jiruu gadda mootummaa irratti sirbuun yakka jechuun humnaa poolisaa Federaalaa dargaggotaattii bobbaasuun dargaggootaa 18 ol qabamanii waajjiraa pooliisaa Onaa Haroo Limmuu keessattii hidhaamaanii akka jiran gabaafame. Ummaannii haalaa kanaa ilaaluun aree ka’ee guyyumaa kaleessaa sa’aa boodaa wal gurmeessee waajjiraa poolisii deemuun atattaamaan ijoollee keenyaa nuf hiikaa, warraa mana hidhaa garaagaraa keessaattii hiitaanii jirtaanis dabalee yeroo gabaabaa keessatti akka gadhiifntaniif gaaffii keenya mirgaa dhiheessina jechuun diddaa kaasanii jiru. Haala kanaan dargaggoota Oromoo hidhaman battalatti gadhiifamanii jiraachuuu qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Mootummaa EPRDF Waggoota 20 Boodas Araadi Ummata Hiraarsuu Irraa Hin Dhaabbanne

Aside

Hagayya 30,2012 Finfinnee
Jidduu kana du’a Muummicha Ministeeraa Mootummaa Wayyaanee Mallas Zeenaawwiin wal qabsiisuun EPRDF saboota biyyattii humnaan gaddaaf akka yaa’anii fi kan gadda muummichaa irratti hin rgamnes adabbiin ykn tarkaanfiin akka irratti fudhatamu ololuun ummata doorsisu gochaan isaa kun uummata Oromoo biratti fudhatama dhabuun diddaa dhalaa jira.Godinoota Oromiyaa addaa addaa keessatti humnaan ummata yaasuuf kan karoorfate milkaayaa hin jiru.
Haaluma wal fakkaatuun Godina Qeellam Wallaggaa aanaa Ashii keessatti waraanni mootummaa Wayyaanee dargaggoota rifeensa guddisan isin miseensa ABO ti jechuun yakkuu jalqaban.Aanaa kana keessatti Wayyaanee humnaan ummata gadda yaasuuf kan karoorfates fashalee jira.
Gama biraan aanaa Limmuu magaala Galiilaa keessatti uummatni gaddaaf dirqiin hin baanu jedhe.Dargaggootni naannoo kanaa diddaa jabeessuun waraana mootummaa wayyaanee uummata doorsisuuf bahe jala dhaabbatee jira.Walumaa galatti humnaan gadda baasuuf kan mootummaan Wayyaanee yaalaa jirus siyaasa mataa isaa tarkaanfachiisuuf akka ta’e beekama. Addatti Hagayya 30,2012 Oromiyaa godinoota Shawaa lixaa,Harargee lixaa,Arsii aanaa Siraaroo keessatti diddaa uumee jiraachuu isaa gabaasi nu gahe addeessa.