Bututa Mootummaa EPRDF jalas OPDOn Sabboontota Oromoo Yakkuu Hin Dhaabne

Aside

(Qeerroo, Wancii, Hagayya 28,2012 ) Godinaa  Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wanciittii dabbaalloonnii wayyaanee sirnnichaaf amanamoo ta’aan shiraa garaagaraa ilmaan Oromoo irraattii dalaguu har’aa illee hin dhiisne.

Haata’uu malee yeroo ammaa kanaa Waajiraa OPDO kessaa Caasaa Qeerroo jiru akka gabaasetti Wayyaaneen OPDO keessaan ilmaan Oromoo sabboontota ta’an yakkuu fi gabaasa kijibaan akka isaan hidhaman guchuu irratti dabballoonni wayyaanee gabaasa galchaa jiru.

Dhuma mootummaa wayyaanee jala OPDOn gariin waan sirni mootummichaa kufaa jiru arguu dadhabanii amma illee sabboontota irratti shira hojjechuu hin dhaabne.

Haala kanaan waraqaan waajjirri OPDO sabboontota irratti barreesse akka kanatti maxxaneen ibsa.
Namni maqaan isaa Dirribaa Rgaaggaasaa Awwaaqii jedhamu dhaaba ABO, Mufatootaa, Mormitootaa fi Kiraayii sassaabdotaa jechuun shiraa xaxuun chaappaadhaan deeggaaree sabboontota gara waajira Wayyaaneetti gabaasa. Gochaan isaa kunis yeroon hin dhaabbatu itti fufa taanaan sabboontoti ittisatti akka seenan gabaasu


Magaalota Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Alaabaan ABO Bala’iuun Ummata Gammachiise

Aside

Yeroo ammaa dabballoonni Wayyaanee du’aatii Mallas Zeenaaf ummata humnaan akka booyanii fi gadda ta’aan baadiyyaa irraa hamma magaalaatti yeroo rakkisaa jiranidha. haala kanaan diddaa dabboontoti muldhisan ammoo magaalota gara garaa keessatti Alaabaa ABO fannisuun hawwii bilisummaaf qaban muldhisuu fi diddaa qaban agarsiisaa jiru. Akka kanaan Alaabaan ABO magaalota Finfinnee,Sabbataa,Adaamaa,Amboo, Baakkoo fi bakkoota adda addaatti balali’uun ummata gammachiise. Alaabaa fi waraqaan ykn barruun warraaqsaa itti fufiinsaan bakkoota adda addaatti faca’uutti jiraachuun qeerroon gabaasa.

Godina Wallagga Lixaa Ayiraa keessatti diddaan uummataa jabaate.Dunkaanni Gadda Mallasaaf bu’es gubate

Hagayya 28,2012 Ayira

Godina Wallaggaa lixaa aanaa Ayiraa Gullisoo keessatti diddaan qeerroon gaggeeffamu daran jabaachaa dhufe.Doorsisnii fi hidhaan waraana mootummaa wayyaaneen raawwatamus hammaachaa jira.Haala yeroo ammaa kanaan wal qabatees mootummaan wayyaanee dirqamaan gaddaaf baaa,Horii kaffalaa jechuun uummata hiraarsaa jira.Dargaggoowwan

1. Mangistuu Doktoree

2. Ifaa Guddataa

3. Dagaagaa Faxxanaa

4. Margoo Hambisaa

Jedhaman mootummaa wayyaanee irratti uummata kakaastu jechuun mootummaa wayyaaneen erga ukkaamsamanii mootummaa wayyaanee jalaa miliqanii jiran.Uummatni dirqiin dunkaanni buufamuun gaddaaf bahaa jedhamanis Gullisoo keessatti gara bahumsa Ayiraa irratti Dunkaana kana gubanii jiran.Uummatni naannoo kanaa duaa isaa duaan haa awwaallatu,Gaddi kun ilmaan oromoo hin ilaalu,Nuyi namni duuu jaallanna osoo hin tahiin bilisummaa barbaadna jechuun dunkaana kana gubanii jiran.Qeerroon naannoo kanaas waraqaalee dhaadannoo

v Oromiyaan ni bilisoomti

v Duaa isaa duaan haa awwaalu

v Bilisummaa barbaadna

v Kai qeerroo yeroon geesse

Jedhan naannoo kanatti balinaan maxxanfamanii jiran.Alaabaan ABO Gullisoo keessattis balaliiee jira.Ilmaan oromoo Miseensota OPDO tahan yeroon hiree murteeffannaa amma jechuun qabsoo uummataatti dabalamanii jiran.

Waraanni mootummaa wayyaanees diddaa qeerroon gaggeeffamaa jiruun kan cinqame Ayiraa,Gullisoo,JaarSoo, Ganda calliyaa waradaallee fi kanneen biro keessatti sakattainsaa gaggeessuun meeshaa waraanaa qabdu jechuun uummata doorsisaa jira.Gaaffiin mirgaa qeerroon eegalame hanga galmaan gahu itti fufuu akka qabnuu fi ilmaan oromoo marti gumaata barbaachisaa akka godhuun waamicha qeerroo naannoo kanaati.