SBO Hagayya 26 bara 2012

Aside

Hojjettootni Mootummaa Daldaltoota ida’achuun QBO irratti marii jabaa gaggeessuun Ibsa ejjennoo lafa kaa’atan!‏

Aside

Hagayya 26,2012 Finfinnee

Hojjettootni mootummaa Waajjira Bishaan Oromiyaa fi Qorannoo qonnaa Oromiyaa daldaltoota dabalachuun Qeerroo waliin walitti dhufuun Hagayya 24/2012 marii baldhaa taasisuun ibsa ejjennoo lafa kaa’atanii jiran.Hojjettootni mootummaa ilmaan Oromoo tahan qabsoon qeerroon gaggeeffamaa jiruun itti boonuu ibsachuun qabsoo qeerroon gaggeeffamaa jiru waliin hiriiruuf murtii dhumaa irra gahanii jiran.
Waajjira maqaa Oromoonii fi Oromiyaan mogga’e keessatti gaggeessaan ilmaan habashaa tahuu fi miindaan harka ilmaan habashaa tahuun cunqursaan isaan irra gahu guddaa tahuu ibsatanii jiran.Haala mijataa yeroo waliin wal qabatee uumameen carraa bilisummaa ilmaan Oromoof dhufe of darbarsuu akka hin qabne irrattis dubbatanii jiran.Daldaltootni Oromoo yerootti mirga ofii falmachuuf ka’an ammaa fi amma akka tahes dhaamanii jiran.Dirqama dhaaba irraa dhufe guutummaan galmaan gahuun dirqama oromummaa akka tahes wal hubachiisuun ibsa ejjennoo armaan gadii gamtaan baasanii jiran
1.Hojjettootni mootummaa mirga isaanii akka falmuuf ka’an irratti adda durummaan ni hojjenna
2.Sagaleen ilmaan oromoo Addunyaa irratti akka dhaga’amuuf gumaata barbaachisaa ni goona
3.Qabsoo Bilisummaa oromoo ABOn gaggeeffamu cinaa yoomuu ni dhaabbanna
4.Ilmaan Oromoo barataan,Barsiisaan,Qotee bulaan,daldalaan,hojjetaan Oromoo mirga isaa falmuuf akka ka’u irratti ni hojjenna
5.Mirgi uummataa biyya Itoophiyaa keessaa osoo hin sarbamiin Oromummaa keenya calaqqisiisuu fi birmadummaa keenya mirkaneessuuf duuba hin deebinu
6.Waadaa keenya tiksuun tokkummaan QBO galmaan ni geenya Kanneen jedhan lafa kaa’atanii jiran.Hojjettootni mootummaas Qabsoo Bilisummaa Oromoon gaggeeffamu cinaa dhaabbachuu akka qaban waamicha jabaa dabarfatanii jiran.OPDOnis ergamtuu wayyaanee bara baraa akka hin taanee fi QBOn gaggeeffamaa jiru cinaa akka dhaabbatan waamicha dabarsatanii jiran.

Ambo Keessatti Uummanni Humnaan Akka Gadda Mallasaaf Bahu Gaafatame.

Aside

Hagayyaa 26,2012 Amboo
Guyyaa kaleessaa hagayyaa 25/2012 motummaan Wayyaanee du’aa Mallasaatiin walqabsisee Godinaa Lixaa Shaawaa Magaalaa Amboottii Ummataa Dirqamaan bahatanii gadaa Keessaan mul’isaa Ministeraa Mummee keenyatu du’ee jechuun kadiroonni Wayyaanee ummataa goolaa olan, Ummaannii garuu, malii nutu ajjeessee? Waaqatuu ajjesee, maali addatti du’a isaa kanaa hammaa kanaa gurraa guddisuu hin barbaachiisuu Radio fi TV dhaan dhaageenyeraa ni gahaa jechuun ummaannii itti qoosee, kanaa malees ,nuun kan nu gaddisiisuu du’aa Dararaa Kafanee, Baratotaa Oromoo, Jaagamaa Badhaanee, Gotichaa Oromoo Laggaasaa Wagii fa’itu nu arsaa nu gaddisiisaa isaan kana diinaa ummataa Oromootuu raasaasaan Ajjeesee, Maallaas garuu akkuma isiin garummaa isaa jajaa jirtaan gidiraa fi rakkoolee Oromoo irraan inni gahe lakkawamee hin dhumuu, jechuun Kadirota Wayyaanee of irraa deebisuun gabaafame.