Ona Limmuu Galiilaa Keessatti Investerooti Wayyaanee Ummata 300 ol Lafa Irraa Buqisanii Kanneen Turan Ifiis Buqa’an

Video

Hagayya 20,2012 Naqamte.
Godina Wallaggaa Ona Limmuu Galiilaa Bakka Harqambee jedhamu irraa qonnaan bultoota Oromoo 300 qe’ee irraa buqisuun gumaati ykn kaasaan tokko osoo hin kafalamiiniif qe’ee alakilii fi abaabiliin irra jiraatan irraa buqisuun qabeenyummaa ofii jala kan dhuunfatan inveesiterroota Wayyaalee lama irratti humni addaa WBO tarkaanfii fudhachuun gabaafame.
Hagayya 18,2012 Inveesteroota maqaan isaanii Abajjee Xilaahun fi Tarikuu Bayyanee kanneen jedhaman irratti humni WBO tarkaanfii fudhateen ummanni naannoo fi kanneen qe’ee isaanii irraa buqa’anii rakkoo fi gidiraa argaa turan gammachuu isaanii wallee fi sirbaan akka muldhisaa oolan gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Godina Wallagaa keessatti yeroo adda addaatti tarkaanfiin diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatamu irraa kan ka’e abootiin qabeenyaa Wayyaanee hedduun naannicha gadhiisanii akka bahaa jiran gabaasi qeerroo addeessa. Ummanni naannoo jirus haala kanaan mirqaansuu fi gammachuu akka qabu beekame.

http://youtu.be/4Ue1Lxxvd1Y

Godina Iluu Abbaa Booraa magaala Goree keessatti Barattootni Oromoo ” Mangistuun bu”ee Mallasaan du’e Oromoo ka’e!” Jechuun Wallisaa Hiriir a Mormii Wayyaanee Bahan.

Aside

Hagayya 20,2012 Mattuu

Godina Iluu abbaa Booraa magaala Goree keessatti barattootni Oromoo Yuunivarsiitii fi Koollejjii irraa gara magaala kanaatti deebian hiriira nagaa bahan.Hagayya 15/2012 galgala saa 2:00 irraa eegalee barattootni Oromoo magaala kanaa bulchiinsa Wayyaanee balaaleffachuun mirgi keenya haa eegamu,ummanni Oromoo ofiin of bulchuuf mirga qaba,qabeenyii Oromoo haatikfamu,Wayyaanee nu bulchuun kanaan dhumata,hojii dhabdummaan haa dhibamu fi kkf jechuun gara Bulchinsaa magaalittiitti yeroo deeman bulchaan magaala kanaas gaaffi keessan deebii argata jechuun barattoota kana gowwoomsuuf wayita yaalutti dhagaan tumuum milishoota waliin walitti bu’iins uumamee jiraachuun qeerroon gabaasa.

Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti ilmaan Oromoo hojii dhabdummaan rakkisuu irraan darbee maqaa ABOn hidhuu waan itti fufeef barattootni Oromoo yuunivarsiitii fi Koollejjii gamtaan magaala Goree toachuu dandaanii jiran.Walleewwan Oromoon gootuma duruu,Mangistuun buee Mallasaan duee Oromoo kae! Jedhu magaala keessa deddeebiuun wallisanii jiran.Waraannii fi Kaabinootni magaala Goree keessaa kutannaa barattootaan gammadanii akka jiran gabaasni qeerroo magaala Goree addeessa.

Qeerroo-UK Celebrates Oromo Olympians @ London 2012

Aside

http://youtu.be/ljVdNeHmbTY

http://gadaa.com/GadaaTube

Sochiin Gaaffi Mirga Amantaa Finfinneetti Qabate Naannoolee Biroottis Babal’achaa Jira

Aside

Hagayya 20,2012 Finfinnee,

Sochiin diddaa sirna Wayyaanee fi mirga amantaa irratti eegale itti fufee Finfinnee keessatti mootummaa Wayyaanee dulloomee kufaa jiru ittuu butuchaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.
Sochiin kun Finfinnee irra darbee magaalota biroottis babaldhataa akka jiru gabaafama. Haala kanaan

Gabaasaa Kabajaa Ayyana soomaa hiikaa Hordoftotaa Amantaa Muslimaa ilaalchisuun dhiyatee: Hagayya 19/2012 Akka gutumma biyatittii Hawaasni Musilimaa ayyanaa kanaa sababeeffaachuun FDG sirna Abbaa irree wayyaanee irraattii gaggeessaa oluun bakkaa bakkattii, Godinaa godinattii sagalee walfakkatuu fi dhaadannoo wal fakkaatuu dhageesisaa olee, dhadanno o ummataa Kan Godinaa Jimmaa, Aanota akka Aggaaroo, Sarboo, Sokorruu, Magaalaa Jimmaa, Gattiraa, Geeraa,Deedoo, Shabee Fi Kan Godinaa Illuu Abbaa Booraa aanotaa Akkaa, Dhidheessaa, Goree, Cooraa, Magaalaa Mattuu fi magaalaa Baddallee dhadannoowwan armaan gadii dhageesisuun ummaannii Mormii cimaa dhaageessisaa akkaa Olee maddii qeerroo gabaasee jira
1. Mirgii amantaa keenyaa nuf haa kabajamuu, Hidhaa, ajeechaa fi dararamni nu gahe nurraas haa dhabbatu,
2. Koreewwaan hogansaa Amantaa keenyaa 17 hidhaman daddafiin haa hiikaman, hammaa isaan hin hiikamneti filannoon hin gaggeeeffamu. fi Jechotaa akka Freedom , justice, Unity, fi ol antummaan seeraa haa
kabajamuu jedhuu biyya keessa facasuun mormii dhagesisaa akka jiran beekame.
Haala kanaan kan dhiphate waraanni mootummaa wayyaanee abdii kutannaa fi sodaa guddaan guutamee akka jiru irraa beekama. Sirni mootummichaa kufaa jiraachuu fi angawoonni mootummaa sababaa dhukubaan bulchiinsa irraa maqaa jiraachuun waraanicha keessatti abdii kutannaa fi jijjirama guddaa fidaa waan jiruuf finciloota ka’an dura dhaabbachuuf fedhaa fi haamlee akka itti hin qabne odeessi isaan keessaa lohee ummata bira gahu addeessa.