Hawaasti Musiliimaa Adaamaatti diddaa isaanii ibsatan

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 19 Hagayya 2012) Ummati guyyaa har’aa ayyaana sooma hiikaa bahe, salaataan booda gaaffiin mirgaa akka karaa qajeeltoo deebi’uuf gaafate; kanneen seeraan ala hidhamanis akka hatattamaan hiikaman gaafatee jira.

Odeessi magaalaa Adaamaa irraa Qeerroo dhaqqabe akka hubachiisutti, ummati ayyaana edaal faxiriif bahe nagaan erga salaata isaanii fixatanii booda sagalee mormii fi diddaa magaalaa keessa naanna’uun dhageessisanii jiru.

Yeroo kanattis, kanneen gaaffii haqaa waan gaafataniif mana hidhaatti darbaman hatattamaan akka hiikaman dhaamanii kana ta’uu baannaan garuu karaa danda’ame maraan haga mirgi isaanii kabajamutti diddaa fi mormii akka itti fufan jabeessanii dhaamanii jiru.

Qeerroon Adaamaas sochii ummataa kan qindeessuu fi gaaffiin haqaa fi mirgaa haga deebii hin argatiinitti, nagaadhaan amantii ofii gaggeeffachuun akka hin jiraanne hubachiisee jira.

Ummati amantiin walqoodee yoo humna dhabe, wayyaaneef mijjata kan jedhan Qeerroon Adaamaa, ummati marti nagaa, bilisummaa fi haqa biyyattii keessatti dhugoomsuuf falmaa adeemsisamaa jirutti dabalamanii umurii wayyaanee akka gabaabsan hubachiisee jira.

Yeroon kan taa’anii waan adeemaa jiru daaw’atan miti kan jedhan miseensoti Qeerroo Adaamaa yeroo hawaasti Musiliimaa reebaman callisanii ilaaluun oolee bulee eenyuufiyyuu waan hin tolleef gamtaan ka’anii sagalee warraaqsaa akka belbelchan hubachiisee jira. Ummatis dhaamsa Qeerroo kan fudhachuun gamtaan sirna wayyaanee balaaleffataa kan oolana ta’uun hubatamee jira.

Hordoftootni amantaa Musliimaa diddaa jabeessanii itti fufan;Waraanni wayyaanees abdii kute!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 19 Hagayya 2012) Diddaan hawaasa Musliimaa biyyattii keessatti finiinaa jiru daran jabaachaa dhufuun gama tokkoon hawaasa diddaa gaggeessu yoo jabeessu, gama biran immoo humnoota wayyaanee hedduu rifaafsisee akka jiru hubatame.

dsc00223

Qeeroon guyyaa har’aa magaalaa Finfinnee bakka addaddaatti argamee akka gabaasetti, ummaati biyyattii gamtaadhaan mormii fi diddaa isaa sodaa tokko malee dhageessifachuun sadrakaan qabsoo fi diddaa gara olaanaatti akka guddate agarsiisa jedhamee jira.
Hawaasni Musliimaa miliyoonaan lakkaa’amu Laga Haar Istaadiyoomiitti walitti qabamuun erga salaatee booda mootummaa wayyaanee balaaleffatee jira.
Waraanni wayyaanee, fi Poolisiin Federaalaa yaa’uun diddaa sana akka dhaamsuuf dirqamani itti kennamus, diddaan ummataa hedduu gudddaa waan tureef dhaabbatanii ilaaluu malee waan tokko illee gochuu akka hin dandeenye hubatamee jira.
Hawaasni Musliimaa dhaadanoowwan
1. Miseensotni keenya kanneen hidhaman haa hiikaman
2. Sagaleen keenya haa dhaga’amu
3. Amantiin keenya nuuf haa kabajamu
4. Mootummaan dhimma amantii keessa seenuu hin qabu
5. Rabbi malee mootummaan jabaa miti kanneen jedhan dhaadannoo dhageessisanii jiran.
Yeroo gara mana isaaniitti deebi’anis Markaatoo,Piyaassaa,Tekle Haayimaanot,Qaallittii
walumaa galatti kutaa magaala Finfinnee mara keessatti dhaadachuun sagalee dhageessisanii jiran.

dsc00220

Diddaa wal fakkaataan Kutaalee Oromiyaa bakkeewwan hedduutti kanneen akka Mattuu, Baalee, Shaashimannee, Ijaajjii fi Harargee keessatti dhalachuun mootummaa wayyaanee muddee jira.

Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaaf deebii kan hin deebisne taanaan diddaan daran jabaatee akka itti fufu waadaas walii seenuun Addunyaan sagalee isaanii akka dhaga’us dhaammatanii jira.

Sochiin dargaggoota Biyyoolessaa Kan bilisummaa fi Dimokiraasii, yookana Qeerroon Bilisummaas gaaffiin mirgaa hordoftootni amantaa Musliimaa gaafatan diddaa qaama farra garbummaa tahuu irra deebiin hubachiisuun, hawaasti marti amantii, naannoo fi gosaan otuu walhin qoodne gaaffii mirgaa dhugoomsachuuf akka hawaasa Musiliimaa cinaa dhaabbatan dhaamsa dabarsee jira.

Injifannoo uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

FINFINNEE: Diddaan ummata Musillimaa sadarkaa olaanaan gaggeeffame.

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 19 Hagayya 2012) Diddaan hawaasa musliimaa biyyattii keessatti finiinaa jiru daran jabaachaa dhufuun hordoftootni amantaa musliimaa guyyaa hiikkaa Sooma Ramadaanaa irratti mootummaa wayyaanee balaaleffatan.

dsc00219

Oduun roga addaddaa irraa Qeerroo dhaqqabaa jiru akka hubachiisetti, hawaasti Musiliimaa miidhaa fi dhiibbaa mirga isaanii irra gahaa jiru karaa hundaan falmachaa jiran.
Akka kanaan guyyaa har’aa dhaadannoolee garaa garaas dhageessisanii, mootummaa wayyaanees balaaleffatanii jiran.
Gabaasaan Finfinnee keessaa walitti qabame akka mul’isutti, guyyaa har’aa hiririi guddaan Soomaa hiikaa hawaasaa Musilimaatiin wal qabatee dirree masqalaattii Magaalaa Finfinnee steediyeemii guddichaattii gaggeeffamee jira.Sagantaa guyyaa har’aa kana irratti ummaataa miliyoonaa 6 ol ta’u kan hiramaate yoo ta’u, hirriirrii mormii gaggeeffaame kunis miidhaa fi hammeenya baroota digdamman darban saba biyyattii irra gahaa turee, keessa keessa immoo ukkaamfamee adeemaa ture akka ta’e kan ifatti mul’isee dha.
Hiriirri kun hordoftoota Amantaa muslimaa Maagaalaa Finfinnee qofaan utuu hinta’iin, jiraattoota Magaalaa Finfinnee, Qeerroo, sochii Bilisummaa fi warraaqsa Bi ummataa Oromoo fi hawaasaa kutaa biyyaattii garagaraa irraa walittii dhufuun sagaleen mormii guddaan dhageessifamaa jira.

dsc00207

Kessaattuu, dhaadannooleen “hidhamtoonnii siyaasaa biyyaattii haa hiikamaa, Koreewwaan Hoggaansaa Amantaa musilimaa badii tokkoo malee hidhamaan haa hiikaman, Juctice, Freedom, Unity,” kan jedhu bal’inaan dhageessisamaa oolanii jiru. Kan malees, “gaaffiin keenyaa deebii haa argatuu, Filannoon yoo dhugaan jiraatee fi hoggaantoonnii muslimaa hiikaamaan innii iyyuu masjidaattii gaggeeffaamaa malee kanaan boodaa filaannoon keenyaa abbaa irree dhabamsifnee walabummaa argannee amantaa keenyaa gaggeeffaachuudha, dimocracy dhugaan biyyaa keenyaaf ni barbaachiisaa dha,” jechuun diddaa olaanaa dhageessisanii jiru.
Haala kana ilaalchisuun Mootummaan wayyaanee humna Waraanaa kumaatamattii lakkaa’amuu magaalaa Finfinneettii bobbaasuun ummaataa goolaa haa jiraatu iyyuu malee, ummati garuu sodaa fi bir’uu tokko malee mormii isaa dhageessisaa oolee jira.

Hordoftoonni Amanta Musiliimaa Wayyaanee Afaan Qabachiisan

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 19 Hagayya 2012) Guyyaan har’aa ayyaana soomii hiikaa hordoftoota amantaa musiliimaatiin walqabatee diddaa fi mormiin guddaa adeemsisame.Ayyaana guyyaa har’aa kabajameen dahachuunis, hordoftoonni amantaa Musiliimaa waraqaa dhaadannoo wayyaanee balaaleffatu barreessuudhan mormii dhageessisaa oolanii jiru.
Keessayyuu, bakka sagada isaanii, staadyeemiitti Finfinnee keessatti ganama obboroo sa’a 12:00 irraa kaasanii dhaadannoo sirna wayyaanee balaaleffatu dabaree dabareedhaan walharkaa fuudhanii dhageessisaa oolanii jiru.Dhaadannoo guyyaa har’aa dhageessisan keessaas gariin
-Tokkuummaan keenya itti haafufu,
-Rabbi iyya keenya nuuf haafuudhu,
-Yaa rabbi gabrummaa nurraa kaasi,
-Diina keenya yeellaasisi. kan jedhuu dha.
Diddaan akkanaan staadiyeemii sana irraa erga kaasanii hamma magaalaa guutuu Finfinnee keessatti sodaa fi ija laafina tokko malee waraana wayyaanee qaanessannii oolan.
Diddaa kana irrattis, Qeerroon Waarraqsa saba bal’aatti akka ce’uu fi gaffii biyyooleessaa akka ta’uuf jecha hirmaannaa jabaa kan agarsiise yoo ta’u, qooda fudhannaan kunis waraqaa qabsoo kanaan wal qabsiisee saba Oromo achi keessa jiraniif qopheessee hirudhaan namonni kunis waraqaa kana qabatanii dirree kanatti bahanii akka diddaa isaanii dhageessisan gochuun isaanii beekamee jira.

This slideshow requires JavaScript.


.

SBO Hagayya 19 Bara 2012

Aside

Oduu Ammee: Kadir Martuu hidhaa gadhiifame; hiraarsaan irra gahe Birmannaa guddaa barbaada.

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 19 Hagayya 2012) Mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti gochaan sukkaaneessaa kan irratti raawwatamaa ture, artistii beekamaa Kadir Martuu mana hidhaatii gad-dhiifame.

Kadir Martu (File)

Oduun amma nu dhaqqabe akka addeessutti, wallisaa Kadir Martu  lukkeelee fi basaasota Wayyaanee biyya Sudaan jiraniin qabamee mana hidhaa Sudanittii darbatameen booda gara Itoophiyaatti deebifame.

Mana hidhaa addaddaa keessattis gidiran olaanaa irra gahaa kan ture yoo ta’u dhuma irratti, gara mana hidhaa maa’ikalaawwii kan ilmaan Oromoo keessatti hiraarfamaa jiran keessatti hiraarsaa fi torchariin irra gahaa ture.

Bakka maatii, firrii fi ogeeyyiin seeraa beekanii gaafachuu hin dandeenye keessatti hiraarfamaa kan ture, Wellisaan kun reebichaa fi hiraarsaa irra gahaa tureen qaamni isaa hedduu ergaramee jira.

Akka odeessa arganetti, yeroo ammaa kan waan isa mudate illee namaaf ibsuuf afuuraa fi yaadannoo jabaa hin qabu.

Laalaan reebichaa fi hiraarsaa akka malee akka isa hube kan eeran madden keenya, Kadir yeroo hagamiif maal keessa akka ture sirriitti yaadachuu hin dandeenye.

Keessaayyuu, biyya  Sudaanitti baatii sadiif hidhamuu malee guyyaa isaa addatti akka hin yaadanne kan ibsan madden keenya deemanii ijaan isa argan, achii booda Gondoriittii baatii lamaaf, Maa’ikalawwiitti immoo baatii afurii oliif  hidhamee hiraarfamaa turuu isaa addeessanii jiran.

“Sababaa dararamaa humnaa olii keessaa tureef yaadaa isaa illee sirnaan kennuu hin dandeenye” kan jedhan madden oduu keenyaa, “dararamni qaama hormaataa saalaa isaa irraa ga’ee jiruus  hedduu kan nama gaddisiisuu dha,” jedhanii jiru.

Yeroo ammaa kanattis gargaarsa ilamaan Oromootiin gara mana yaalattii deddeebi’ee wal’aansa fudhataa kan jiru yoo ta’u, rakkina hedduu keessa waan jiru birmannaa guddaa akka barbaadu illee dhaamsa nuuf dabarsanii jiru.

“Amma illee hiraarsaa isa irra gahaa ture irraa damdamachuu hin dandeenye,” kan jedhe maddi Qeerroo biros, “rakkinni mallaqaa ulfaataa waan qabuuf  sirnaan yaalchisuun hin danda’amne;hamma tokko  namoota irraa liqeeffaannee yaalchiisaa jirra. Garuu, miidhaa isa mudate kan wayyeessu  miti,” jechuun haalli isaa hedduu yaaddessaa ta’uu nuuf himanii jiru.

Artiistiin kun akkaa manaa hidhaa maa’ikalaawwii keessa ture jotuu hin beekamiin ji’aa saddeetii[8] boodaa, Hagayyaa 8/2012 gaafa Mana Hidhaatii  gadhiifamee jira. Haata’uutii reebichaa fi hiraarsaa isa irra gahaa tureen miidhaan qaamaa fi qalbii akkasumas miira isa isaa irra gahee jiru fayyuu fi dandamachuuf brimannaa sabboontotaa akka barbaadu dhaamsi nu dhaqqabe ni hubachiisa.

Weellisaa Kadir Martuu maa’ikalaawwiitti hiraarfamaa jira;ilmaan Oromoo ukkaamfaman hedduunis maa’ikalaawwii dhiphisanii jiran.

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 18 Hagayya 2012) Yeroo dheeraaf eessa buuteen isaa dhabamee kan jiru, Artisitiin Oromoo beekamaa fi jaalatamaa Kadir Martuu mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti hiraarfamaa akka jiru saaxilame.

Kadir behind the bar

Oduu mana hiraarsaa Maa’ikalaawwii keessaa Qeerroo dhaqqabe akka saaxilutti,wallisaa beekkamaa Artiistii Oromoo Kadir Martuu lukkeelee fi basaasota Wayyaanee Biyyaa Sudaan keessa jiraataniin qabamee mana hidhaa Sudanittii darbatamee ture.

Artisitiin kun yeroo dheeraaf erga ergaramaa tureen booda basaasota Wayyaaneetti kennamee akka hiraarsaa saaxilamu godhame.
Akka Seera baqattummaa addunyaatti namni dahannaa siyaasaa gaafate tokko fedhii isaa malee gara biyya irraa baqateetti deebifamuu hin qabu.
Haata’uutii, hireeen baqattoota Oromoo bakka iyyuutti fedhii isaanii malee biyya keessaa baqatanitti humnaan deebifamaa jiraachuu kan dhiyeenyatti hubachiise humnaan butamuu fi ukkaamfamuun Kadir Martuu haga yeroo odeessi kun argameetti achi buuteen isaa dhabamee ture.

Akka odeessi maa’ikalaawwii keessaa argame kun dabalee hubachiisutti, Kadir Martuu erga Sudaan irraa gara Mana Hidhaa biyyaattii kan ilmaan Oromoo irraattii gochi dhala namaa irraattii hin dalagamne dalagamu, mana Hidhaa Maakalawii keessatti tumamaa fi hiraarfamaa jira.
Yeroo ammaa kanas qaamni isaa hedduu miidhamee kan jiru yoo ta’u, waa’ee isaa akka nmni biraa hin argineef dhoksaatti hidhanii akka jiran beekamee jira.

Ilmaan Oromoo hedduunis kanneen biyyoota akka Somaalii laandi, Jubutii fi kanneen biroo keessaa humnoota tikaatiin ukkaamfamanii deebifaman mana hidhaa maa’ikalaawwii keessatti gochaan gara jabinaan guutame irratti raawwatamaa akka jiru beekameera.

Dhimma kana irrattis Liigiin Mirga Namoomaa Gaanfa Afrikaa baatii Guraandhala 2012 keessaa ibsa baasee fi ergaa pirezidaantii Sudaan, Omar AlBashiritti ergeen baqattooti Oromoo gara 15 caalan baatii humnaan qabanii mootummaa Itoophiyaatti kennamuun kan isa yaaddesse ta’uu ibsuun, keessaayyuu kannneen dahannaa siyaasaa gaafatan biyyatti humnaan deebisuun seera addunyaa kan cabse ta’uu isaa ibsuun, yoo Itoophiyaatti deebifaman, tarii, torturii fi hiraarsaan jabaa isaan mudachuu akka malu yaadachiisuun isaa kan yaadatamuu dha.