Seife Nebelbal Radio Program, August 17, 2012 – Interview with Judge Teshale Abera

Aside

Ayiraa Gullisootti dabballootni Wayyaanee hedduu cinqamuun ilmaan Oromoo hidhaa jiru.Waraqaaleen dhaadannoo hedduumminaan maxxanfame!

Aside

Hagayya 17,2012 Gullisoo

Godina wallagga lixaa Gullisoo keessatti dabballootni mootummaa wayyaanee ilmaan oromoo maqaa miseensota ABO jedhuun hidhuu itti fufanii jiran.Jiraataa Kabroon Diillaa gogolaa kan tahe Obbo Tarfaasaa Jireenyaa jedhaman qabamuun mana hidhaa Wayyaanee Gullisoo keessatti reebamaa jira.Qeerroon naannoo kanaa hidhaa fi doorsisa mootummaa Wayyaanee jala dhaabbachuun waraqaalee dhaadannoo bulchinsa Gullisoo fuulduratti bittinsanii jiran.Waraqaalee hedduumminaanis gara gandaatti raabsuun mootummaa wayyaanee dhiphisuu irratti argamu.Dhaadannoowwan

1. Diinaaf hin jilbeeffannu

2. Garboomfataan kufa

3. Oromia shall be free

Jedhan qalama diimaa magariisa diimaan barreeffamuunii fi kompiteraan barreeffamuun hedduumminaan raabsamanii jiran.Mootummaan wayyaanee gocha kanaan kan baarage halkanii guyyaa dargaggoota oromoo hojii dhaban isin miseensa keenya hin taatanii jechuun kadhaatti seenuuf dirqamee jira.Uummatni naannoo kanaas wal gahii wayyaanee guutummaan guutuun lagatee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Sochiin Dargaggoota Biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii Dargaggoota Sidaamaa waliin walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii bal’aa taasise.Ibsa ejjennoos lafa keewwate!

Aside

Hagayya 17,2012 Finfinnee

Sochiin Dargaggoota Biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroo)n Dargaggoota Sidaamaa waliin walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii taasise.Diina waloo jiru mootummaa wayyaanee hundeen buqqisuuf gumaatni sabawwan cunqurfamoo marti barbaachisaa akka tahe hubachuun Qeerroon Dargaggoota Sidaamaa waliin walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti haalaan erga mariiatamee booda hojii fuulduraa jabinaan waliin akka hojjetamu irratti walii galuun ibsawwan ejjennoo armaan gadii kun baafamee jira.

1. Diinni keenya mootummaa wayyaanee tahuu hubachuun qabsoo hanga dhumaa tokkummaan ni gaggeessina

2. Bakka rakkoon ilmaan oromoo mudatee fi uummata sidaamaa mudatetti wal tahuun ni furra

3. Sagaleen sabawwan cunqurfamee addunyaatti akka dhagaamu tokkummaan ni hojjenna

4. Sabawwan cunqurafamoo Impaayera biyyattii keessatti carraa wal fakkaataan isaan mudate waliin tahuun ni hojjenna

5. Humna mootummaa wayyaanee diiguuf akka tahutti diddaa wal fakkaataa waraana mootummaa wayyaanee tasgabbii dhabsiisu Oromiyaa fi Sidaamaa keessatti ni qabsiifna

6. Uummatnii fi biyyi keenya bilisa hanga bahutti qabsoo itti fufna

7. Odeeffata diddaa uummataan jiruu fi shira mootummaa wayyaanee yeroodhaa yerootti quba wal qabaachifna

8. Quunnamtii bua qabeessummaa tolchuun Waadaa keenya hanga dhumaa ni tikfanna

Kan jedhan baafachuun yeroodhaa yerootti quunnamtii jabaan akka itti fufamuu fi diddaa wal fakkaataa mootummaa abbaa irree baleellaffamu irratti hojjechuuf murtii irra gahamee jira.

Qeerroon Amboo walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti erga marii’atanii booda ibsa ejjennoo lafa godhatan.

Aside

Hagayya 17,2012 Amboo

Hidhaaa fi ajjeechaan haamilee nu cabsuu hin danda’u jechuun Hagayya 16,012 Qeerroon Amboo walitti dhufruun dhimma qabsoo oromoo irratti marii baldhaa taasisan.Qeerroon Amboop wareegama dargaggootni oromoo qabsoo oromoo irratti gumaaataa turaanii fi itti jiran yaadatanii jiran.Gaaffii mirgaa gaaafachaa jirru irratti wareegama barbaachisaa ni kaffalla jechuun qeerroon Amboo ibsa ejjennoo armaan gadii lafa kaaa’atanii jiran

  1. Gaaffii mirgaa gaafannu jabeessinee itti fufna
  2. Dirqama oromummaan nutti kenname haal duree tokko malee ni baana
  3. Diina keenyaa yoomuu ni mormina,Hanga Injifaanoos wareegama barbaachisaa kaffaluun ni mormina
  4. Saaminsa lfaa maqaa Investimentiin nutti dhufe ni mormina,Jalas ni dhaabbanna
  5. Sabawwan Cunqurfamoo waliin tahuun diina waloo irratti qabsoofna
  6. Ilmaan oromoo mana hidhaatti dararamaa jiraniif Adunyaatti ni iyyanna
  7. Bilisummaa biyya keenyaa saffisaaan dhufaa jiru dabarsinee aalagaaaf hin kenninu
  8. Akeekaa fi Gumaa gootawwan keenyaa ni baafna

Kan jedhan baafachuun qeerroo Oromiyaa bakkeewwaan biroo jiran irratti jabinaan akka hojjetan irratti walii galanii jiran.

Qophii Simbirtuu-16 Hagayya, 2012

Video