Sagalee Bilisummaa Oromoo(SBO)

 

Duula Daa’imman Baqataa Oromoo Gubuu irratti Xiyyeeffate

Aside

Duula Daa’imman Baqataa Oromoo Gubuu irratti Xiyyeeffate,   Hagayya 06,2012

This slideshow requires JavaScript.

Oromoon dhibedee cunqursitoota sirna Habashaa jalaa bakkoottan itti baqatu keessaa takka biyya ollaa isaatti argamtu tan yeroo ammaa SomaliLand ofiin jettuu fi ummanni naannoo Hargeisa jedhee waamuu dha. Garuu biyya Oromoon miidhaa isaarraa hafuura itti baafatuu fi tan hawaasni addunyaa ilaalchaa fi tika kennuuf osoo hin tahin, biyya Itophiyaa waliin wal tahuudhaan miidhaa adda addaa baqataa Oromoo irratti geggeessaa jirtu taateetu beekkamti.
Gochaalee gara-jabeenyaa kan ammaan dura bifa qindaawe kanaan geggeeffaman keessaa nama Oromoo kan lafoota qonnaatti kuulii hojjatanii jiraatan, yeroo kaffaltiirratti waldhabanfaa, summii nyaachisanii fixaniiru, kan rasaasaan rukutanii ajjeesan herrega hin qabu, kana malees kan akkaan nama laalessu warra/maatii tokko ilmaan isaanii lamaa waliin 2010 keessa mana (dasee) duubaan itti cufuudhaan gubanii fixaniiru. Oromoo arrabsuun, xiqqeessuu fi akka hawaasni Soomalii ija diinummaatiin ilaalu gochuun hojii dhaabbataa biyya tana keessatti geggeeffamaa turee fi jiruudha. Wanni ajaa’ibaa gochaa farra ilma-namaa taate tun yeroo hojjetamtu maqumaafillee inni badii hojjatu bakka seeraatti dhihaatee kan gaafatamu hin turre.Duula Daa’imman Baqataa Oromoo Gubuu Irratti Xiyyeeffate

GADAA + 150 – GADAA

Aside

GADAA + 150 – GADAA

YY.GMD(2005)
Diddaan Goobanummaa odoo Biyyaa nu hin baasiin, “BOKKUUN CITTUU” Bara dheeraa booda deebi’uuf jennaan , Hojiima Gaazexessummaa kanaan, Xuqur Incinniitti argamnee gabaasu keenya nan yaadadha. Gaazexessitoonni Oromoo Raadiyoo, Gaazexaa, TV keessa hojjatan hundi , waa’ee GADAA ilaalchisee sagantaa hojjachuuf fedhiin qaban kana jedhee ibsuun na rakkisa. waa’ee aadaa isaaniis akkasuma.
Ummanni Oromoo , kan Oromummaa isaaf hubannoo qabu hundi , Gadaaf ilaalchi qabu, maaliin akka madaalamu ibsuun na rakkisa. Ummati kun Gadaan maal akka fakkaatu fi akkamiin akka ittiin bulu odoo hin dhadhamiin ni jaallata. Jaalallii kun garuu akka natti fakkaatutti , Bara Gadaan ture jabiinaa fi tokkummaa UMMATICHAA irraa ka’ee kan hawwu nattii fakkaata. Kan caalaatti na dhibaa jiraatu ammoo, dhalooti har’aa akka dhaloota duraanii keessa jiraate odoo hin argiin, argaa dhageettiin qofaa mararfachuu fi ittin buluu akka barbaadu ibsachuuf of kennee falmaa jiraachuu isaatii. GADAA 150 GADAA

Humni Addaa WBO Waraana Wayyaanee Irratti Tarkaanfii Fudhatee Injifannoo Goonfachuun Isaa Gabaafame.

Aside

Hagayya 07,2012 Naqamte
Konkolaataan Humna Ittisa Raayyaa Biyyaa(Makkalaakayaa) jedhamee kan Wayyaaneen yaamamu tokkotti Waraanni Wayyaanee fe’amee deemu humna addaa WBOn rukutame.
Hagayya 05,2012 Ona Giddaa keessa buufata waraana Wayyaanee adda addaa keessa olii fi gadi osoo deemaa jiranii humna addaa WBOn haxxeen itti hidhamuun nannoo ona Giddaa bakka Qaaqaroo Adaree jedhamee beekamutti tarkaanfiin irratti fudhatameen loltooti Wayyaanee hedduun hojii ala t a’anii 3 ammoo bakka malee madaayanii Hosptala Naqamteetti geeffamuu gabaasi naannoo san irraa nu gahe addeessa.
Gama biraan ona Habee Dongoroo bakka Tulluu Gaanaa jedhamee beekamutti tarkaanfiin qabeenya inverstera Wayyaanee irratti ammaan dura fudhatameen Hagayya 04,2012 humni waraana feederaala Wayyaanee naannichatti sakatta’aaf bobba’e irratti tarkaanfiin fudhatameen namni maqaan isaa Fiqiresillaasee Barihun jedhamu humana addaan tarkaanfiin irratti fudhatmun beekame,kanneen hafan battalumatti naannoo san gadhiisuun akka baqatan gabaafama.
Haala kanatti kan rifate sirni Wayyaanee ,ABOn jajjabee ykn komaandoo nutti bobbaasee jira jedhuun daandii baadiyyaa irra sosso’uu sodaachuun magaalaa keessatti mooraa tikfatanii akka jiran beekamee jira.
Kana malees Hagayya 05,2012 basaasota Wayyaanee bebbeekamoo magaalaa Giddaa Ayyaanaa keessa jiraatanii fi baroota dheeraa ilmaan Oromoo hiisisuu fi dararaan biyyaa ari’uu irratti kanneen beekaman lama irratti humni addaa tarkaanfii fudhachuun beekame. Basaasa maqaan isaanii Derajjee Geetahuun jedhamuu fi basaasa biraa maqaan Efreem jedhamu osoo konkolaataa waajjira qajeelcha fayyaa godina baha Wallaagaan sosso’u irratti haleellaan ta’uu gabaafame.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Qabeenya Oromiyaa Halagaa Hin Saamsifnu,Jechuun Ummanni Aanaa Ganjii Warra Warqee Qotu Dura Dhaabbate

Aside

Hagaya 07,2012 Gimbii

Godina Wallagga lixaa aanaa Ganjii ganda Kattii Gurraachaa fi Gujii Geetteree keessatti uummatni Oromoo albuuda keenya Wayyaanee hin saamu jechuun diddaa jalqaban.Baroota dheeraaf  sirni mootummootii Abshaa dhufaa darbaan albudi naannoo kanaa saamamaa kan turee fi ummanni Oromoo naannichaa ammoo hiyyummaa gadadoo fi beelaan daran harca’aa waan jiruuf jedha diddaa qabeenya isaa ittifachuuf jecha diddaa isaa muldhisaa jira.

Mootummaan Wayyaanee humnaan albuuda warqee naannoo kanaa saamuuf waraana hedduumminaan bobbaasuun uummata naannichaa goolaa jira. Haala kanan ilmaan Oromoo hedduumminaan aanaa kana keessaa uummatni albuudni keenya akka hin baanu akka jedhu kakaastaniittu dabballoota ABO tu isin keessa jira jechuun mana hidhaatti guuraa jira.Ilmaan Oromoo hedduumminaan kan hidhaman yoommuu tahu

  1. Obbo Kumarraa Gaarii
  2. Obbo Immiruu Baqqaanaa

Jedhaman mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessartti kanneen ukkaamsaman keessatti argamu.Uummatni naannoo kanaa qabeenya isaanii diinni akka saamne meeshaa qaban maraan dura dhaabbatanii jiran.Waraanni mootummaa wayyaanees Wallagga lixaa Ayiraa,Gimbii fi Dambi doolloo keessatti hedduumminaan bobba’uun dargaggoota Oromoo doorsisaa jiru.Qeerroon Oromoo naannoo kanaa doorsisni gaaffii mirgaa gaafannu duuba nu deebisuu hin danda’u jechuun dhaamanii jiran.

Walleen Haaraa Sabboonticha Artist Galaanaa Gaaromsaa Akka Hin Raabsamneef Ergamtoota Wayyaneen Dhorkame.

Hagayya 07,2012 Finfinnee
Artistoonnii Biyyaa keessaa Diddaa isaanii cimsuudhaan Walleelee warraaqsaa seenaa Oromoo ibsuu fi diddaa gabrummaa irratti ummata isaanii damqsaa jiru. Ammaan duras gaheen artistooti Oromoo qabsoo Oromoo keessatti gumaachaa qabsoo asiin gahan seenaa keessatti iddo olaanaa qaba.

Dhiyeenyaa kanaa Artistiin Haaraa Galaanaa Garoomsaa sabboonaa ilmaa Oromoo wallee haaraa gadii lakkisee jiraa,walleen kun waraaqsa Qeerroon gaggeessu walii gala ummata Oromoo biratti fudhatama guddaa akka qabaatu waan beekaniif jecha lukkeeleen Wayyaanee OPDO’n garuu wallee isaa kana mannii muziqaa irraa bitu akkaa hin rabsinee dhorkanii jiru,Midia biyyaa keessaa kan OPDO akkaa Radio. Oromiyaa, TVO, FM Oromiyaa ofiin jedhan kamiinuu illee akka hin beeksifannee dhorkamee jira.

Bifuma kamiinu dhuma sirna mootummaa Wayyaanee jala galtooti amma illee shira qabsoo Oromoo fi qabsaawota Oromoo irratti hojjechuu hin dhaabne,haalli kun ammoo dhaqee dhaqee ibidda warraaqsaan akka nyaatamanii fi qabsaawotiis ta’e walliftooti Oromiyaa bilisaan dachii biyya Oromiyaa irratti akka nagaa fi qabanaan seenaa fi aadaa isaanii ibsachuuf deeman beekamaa dha.

Tesfaye Gebreab: The man who created the first Oromo main character in the history of the vast Amharic literature

Aside

by Hunde Dhugassa  | Aug 5, 2012

Author Tesfaye Gebreab

Author Tesfaye Gebreab

Many individuals, journalists, politicians, historians, academicians and leaders; from Ethiopia, neighbouring countries and from different corners of the world have written about the Oromo. This includes its history, politics, ability, value and nature. The time, objective, nature and fact differ from person to person. The objective of this brief note is not to give analysis on the subject matter but rather to summarize an hour presentation of one of the most famous and controversial writer on the issue of the Oromo.

Any ordinary Oromo from Ethiopia can without difficulty name two important non Oromo authors from its neighbours, having a positive contribution on the history and visibility of the Oromo nation: Professor Asmerom Legesse and Tesfaye Gebreab. Both are Eritrean by birth, but hardly know the effort of one another until recently. The work of Professor Asmerom started almost half a century ago in the Borana region of Oromiya, while that of Tesfaye started after the fall of the Derg military junta. It is by chance that the professor started the most celebrated research on Gadaa Democracy of the Oromo people, but Tesfaye’s historical and artistic contribution has grown up in and with him in the beautiful city of Bishoftu. Read more:  www.Ayyaantuu.com