Hagayya 06,2012 Jimma
Godina Jimmaatti Poolisotaa dhalootaan Oromoo ta’anii fi humnaa darbatamaa(Faxinoo daraash) kanneen jedhamaan Magaalotaa fi Aanotaa duraan irraa qubsifamaan irraa kaasuun oliif gadii jijjiraa jiraachuun Wayyaanootaa beekame.
Humnaa Darbatamaa duraa Magaalaa Aggaaroo irraa ture, Hagayyaa 3/2012 gara Godinaa Bahaa Wallaaggaa Magaalaa Neqemteettii jijjiree jira, kanneen magaaalaa Jimmaa irraa turaan gara Godinaa Iluu abbaa Booraattii jijjiiree, kanneen Iluu Abbaa Booraa Irraa turaan gara magaalaa Jimmaattii fidee kan jiruu ta’uun hubatame.
Sochiin jijjiirraa humnaa waraanaa Wayyaanee xiyyeeffaannoon isaa innii guddaan ilmaan Oromoo irraattii ta’uu odeessii keessaa waraanaa Wayyaaneetii bahuu ifaa godhee jira. Poolisonnii ilmaan Oromoo bakkaa bakkaattii hin jijjiramnuu jechuun mormaaniin isiin seelii ABO tu isiin keessaa jiraa jechuun humnaa tikaa Wayyaanee kan Godinaa Jimmaa irraa jiruu Daassaalenyi Kebede jedhamuun dorsifaamaa jiraachuun gabaafame,keessaattuu waraaqaa Qeerroo Bilisummaa jedhuu kan ABO’n facaasaa jiruu utuu argitanii dhiistaan, namootaa waraqaa kanaa facaasaa jiruus ni beektuu jechuun gaaffii qaxxamuraa gaafachuun polisonnii sirnicha wal hunkuraa jirachuun ibsamera.
Gama biraan baratoonnii Oromoo University garagaraa irraa boqonnaaf galanii jiraan magaalaa Baddaallee keessaattii guyyuu humnaa poolisaa fi milishootaan eegaamaa jiraachuun gabaafame. Kanumaa keessaan diddaan uummataa akka malee jabaachaa jiraa, Hagayyaa 3/2012 Hordoftoonnii Amantaa muslimaa magaalaa Jimmaa, Aggaaroo, Sarboo,Gembee fi,Shabee naannoo masgidaa isaanittii sagalee Mormii dhageessisuun Filaannoon hoggaantotaa amantaa muslimaa,gaggeeffaamuuf jiruu, maaliif gandaa irraatti filaannaa ? Gandaa gandaa irraattii hin filaannuu kan keenyaa dhimmaa amantaa bakkaa amantaattii filaannaa, malee innii gandattii haafilatamu jedhu caasaa mootummaati malee sirna amantaa miti jedhu. Kanas ta’u mootummaan Wayyaanee waan ummanni jedhuun deemuu dhabuu irraan korojoo filmaata abbootii amantaa ta’anii gada gadatti qopheessaa jiraachuun beekame.
Daily Archives: August 6, 2012
Poolisoonni Wayyaanee 3 Humna Addaa WBOn Rukutaman,Konkolaataan Tikoota Wayyaanees Haleellaan Hamtuu Jalaa Miliqe.
Aside
Hagayya,05,2012 Naqamte
Hagayyaa 3/2012 Godinaa Bahaa Wallaaggaa Onaa Giddaatti poolisotaa ummata dararuuf bobbaafamtee irraattii tarkaanfiin haleellaa fudhatame.
Onaa Giddaa Ayyaanaa Bakkaa gabaa Jaangir Dirree Guddaa jedhamuun beekamutti poolisonnii Wayyaanee Ummataa dararuu fi sabboontotaa Adamsanii qabuuf bobbaafamaan irraattii humni addaa tarkaanfii haleellaa irraattii fudhatee poolisotaa sadii haalaan madaayanee akka lubbuu baafatan beekame. Poolisoonni naannichatti ummata dararuuf bobba’anii madhaayan kuniin :-
1.Kabbadaa Ayyaanaa
2. Bantii Waaqtolaa
3. Zaarihuun Insarmuu
Jedhamaan qajeelfamaa aangawoota Wayyaanee irraa fudhataniin gochaa diinummaan lammii isaanii irratti hammeenya waan raawwataniif dalagaan akkasiin kanneen itti fufan hunda tarkaanfiin fakkaataa akka isaan eeggatu hubatamuun dandayamee jira. Poolisoonni kun yeroo ammaatti Hosptala Naqamtee akka seenanii jiran gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Gabaasaa Hagayyaa 3/2012 Godinaa Shawaa Lixaa Aanaa Calliyaa Gandaa Jaarsoo bakkaa Telee jedhamuun beekamuttii konkolaataa humnaa basaasaa Wayyaanee code hin qabne tokko magaalaa Geedoo irraa garaa Godinaa Horroo Guduruu Fincaa’aattii deemaa jirtuu galgala Humni Addaa hin beekamnee tarkaanfii irraattii fudhachuun namaa tokkoo madeessee, Foddaa fi of-laalleen konkolaatichaa akka jirutti ccaccabee sardamaan akka humna addaa irraa miliqanii lubbuu baafatan gabaasi naannicha irraa nu gahe addeesse.
“Roorroo Abbaatu If Irraa Ittisa” Qeerroon Shimalaan rasaasa dura dhaabbachuun hidhamaa Oromoo bilisa baasan
Aside
Hagayya 06,2012 Giddaa Ayyaanaa
Hagayyaa 4/2012 Godinaa Bahaa Wallaaggaa Onaa Giddaa Ayyaanaa Guttiinittii Har’aa ganamaa sa’aa 12:00 irraattii poolisonnii wayyaanee sabboonaa Oromoo Obboo Margaa Jogoraa Gammaadaa seeraan Alaa mana galmaa isaa sakkata’uun humna ABO dhoksitanii nyaachiisaa jirtu sababa jedhuun poolioonni aanaa qabanii gara mana hidhaatti yeroo geessaa jiranitti dargaggoonni ykn Qeerroo naannichaa wal gurmeessuun fincila kaasuun dhagaa fi ulee dhaan poolisoota dursanii eeguun reebanii sabboonaa Oromoo Margaa Jogoraa Gammadaa harka diinaa irraa baasanii nagaan gara mana isaatti akka galu taasisanii jiru.
Yeruma kanatti poolisoonnis rasaasaa dargaggeessaa Oromoo irraattii xaxeessaani, dargaggoonnii Oromoo sodaa tokkoo malee of irraa deebisuun poolisotaa sabboontotaa qabdee hidhuuf manaa baatee harka naannicha irraa ari’uun harka duwwaa galchuu gabaasi nu gahe addeessa.
ABO degertan jechuun,Ummanni Oromoo waggoota 20 ol mannii fi qee’een isaa sakatta’amaa jira. Ummannis “Dukkanaan duuba Ifa ni Argina” Jedhu.
Aside
Hagayya 06,021
Godina wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu keessatti waraanni mootummaa wayyaanee mana ilmaan oromoo sakatta’insatti gad taa’e.Diddaa naannoo kanatti deemsifamaa jiru dura dhaabbachuuf waraanni wayyaannee manneen lammiilee Oromoo maqaa meeshaa waraanaa qabdu jedhuun sakatta’insaan rakkisaa jira.Uummatni oromoo mana isaa seeraan ala akka hin sakattaane dura mormaa kan jiru yoommuu tahu waraanni wayyaanees meeshaa hidhannoo qabuun ilmaan oromoo dirqamsiisee sakatta’aa jira.
Aanaa Giddaa keessattis haalli wal fakkaataan kan jiru dha.Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee,Horroo,Amuruu fi Guduruu keessatti uummatni wal gahii wayyaanee lagachuun diddaa jabeessee jira.Waraanni wayyaanee tasgabbii dhabes gidduu galeessa irra gara naannooleetti hedduumminaan rabsamaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.
Ummanni naannoo fi barsiisonni tokko tokko akka jedhanitti dukkanaan duuba ifatu jira,har’a qe’ee fi maatiin keenya sakata’amus booru kana jalaa baanee ummata walabaan jiraatu ni taana. Mootummaan har’a ummata Oromoo salphisaa jiru yerootti ofii salphatus as dhihoo waan ta’eef nuti qabsoo keenya itti fufna jedhu.
Waraqaaleen dhaadannoo garaa garaa Oromiyaa bakkeewwan hedduutti maxxanfaman.Wayyaaneen kana irraa rifachuun waraana isaa bobbaasuun funaansisuuf dirqame!
Video
Hagayya 06,2012 Fifinnee, Waraqaan dhaadannoo garaa garaan Magaalota Oromiyaa hedduu keessatti maxxanfame.Handhuura Oromiyaa magaala Finfinnee keessatti waraqaan dhaadannoo hedduumminaan Hagayya 04/2012 halkan keessaa sa’a 10:00 irraa kaasee haalaan kan maxxanfame yoommuu tahu Finfinnee keessatti Markaatoo,Piyaassaa,Qaallittii,Gullallee,Abinnetii yuunivarsiitiilee Kiiloo afur,shanii fi jaha biratti hedduumminaan maxxanfamanii jiran.
Waraqaa maxxanfamaniin mootummaan wayyaanee dhiphuu guddaa keessa seenuun waraanni waraqaalee poolii irraa fi bakkeewwan beeksisni itti maxxanfaman mara irra deemuun dubbisuu fi buqqisuuf dirqamee jira.Namootni hojii daldalaaf waraqaalee maxxansanis sakatta’amaa jiru.Waraqaaleen dhaadannoo
• Oromiyaan ni bilisoomti,Oromia shall be free
• Garboomfataan ni kufa,Bilisummaan ni dhufa
• Gaaffii mirgaa hidhaa fi ajjeechaan dhaabuu hin danda’u
• Lama du’uun salphina
• Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha
• OPDON Hirkattuu dha
• Qeerroon Oromiyaa ni bilisoomsa
• WBO gaachana ilmaan oromooti!
• Dhaabni siyaasaa ilmaan oromoo ABOti!
• Bilisaan dhalatanii garboomuun salphina
• Qeerroo,Yeroon isaa amma ka’i!
• Oromiyaan kan oromooti!
• Stop killing oromo!
Jedhan hedduumminaan copy tahuudhaan magaala Finfinnee keessatti mxxanfamanii jiran.Dhaadannoowwan wal fakkaataan magaala Dirree Dawaa ganda Qoree,yuunivarsiitii fig alma magaala Dirree dawaattis hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo magaala shaashimannee,Amboo,Adaamaa,Ayiraa,Shaambuu fi Mattuu keessatti maxxanfamanii jiran.