Jimma,Aanaa Aggaaroo Keessatti Ummanni Oromoo Maqaa Amantaan Goolii TPLF Uumaa Jiru Balaaleffatan

Aside

Adoolessa 13,2012 Jimma
Godina Jimmaa magaalaa Jimmaa, Aanaa Aggaaroo,Sokorruu, fi Geeraatti uummanni Oromoo Amantaa Musilimaa hordofaa jiru shiraa Amantii motummaan Wayyaanee xaxaa jiruu balaaleffaachaa jiraachuun ibsame,
Mootummaan Wayyaanee seera amantii ummata irratti tumuun Oromoon mirga amantii qabaatee amantii fedhe hordofuun mirga isaa ta’ee osoo jiruu Seeraa ofuumaa tumaanii ifumaa cabsaniin Oromoota amantaa fedhe hordofaa yeroo dheeraa jiraataa dhufe irratti seeraa fi akkaataa amantii nutti himuu irraan mootummaan amantii keenyaa diigaa fi mirga amantii keenyaa nu jalaa cabee jira. Maqaa mankararsaa fi ummanni musilimaa Jahadistii labsutti jira,jechuun jechotaa hiikaa isaa hin beekne nurraa kaa’ee itti nu balaaleffachaa jira waan ta’eef jechoota Oromoon hikkaa isaa hin beekneen biyya oromaa irraa harkfatee nagaa Oromoo fi mirga amantaa keenyaa akka nu hin dorkanne balaaleffanna jedhuun ummanni godina Jimmaa Aanaa Aggaaroo Adoolessa 12,2012 iyyatan.

Walaghiin Barsiisota Finfinneef Qondaalota TPLFn ta’e Bu’aa Tokkoon Malee Fashale

Adoolessa 13,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Akkuma beekame armaan dura haala walgahii barsiisota Finfinnee ilaalchisee qoondaalota Wayaaneen gaggeeffamaa jiru gabaasuun keenya ni yaadatama. Walagahiin qondaalota TPLf ol-aanoo ta’aniin gaggeefamu kun hanga Adoolessa 12,2012 itti itti mormii guutuun itti fufee waan tureef haalli kun gara mootummicha sodaachisuutti waan deemeef jecha walgahichi arrabsoo fi doorsisaan akka dhaabbatu ta’ee jira.
waraabbii   Walaghiin kun Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Qoophaayinaa;-Kaffitanyaa 12, Kookab Atsibaa fi Biran Guzoo bakka jedhamutti yeroo ta’u Qondaalotiin Wayyaanee bebbeekamoo fi hojii dabballummaa Wayyaanee keessatti kanneen beekamoo ta’an
1. Gebrahiwot Hagos-qondaala olaanaa kutaa magaalaa Yakkaa fi hogganaa dhimma nageenya naannoo;
2. Zelaalem Tesfaa-Hoogganaa dhimma ispoortii fi dargaggoota magaalaa Yakkaa;
3. Birhaanuu Damee-hoogganaa Aadaa fi Tuurizimii kutaa magaala yakka
Waraabbii 2  Barsiisotii fi qondaaloti Wayyaanee kun walgahii irratti walii galuu dhabnaan huma poolisaa fiduun galma walgahiichaatti marsanii yeroo dhaaban,barsiisota gaaffiilee mirgaa dursa kennanii kanneen gaafataniif deebiin keennamaa ture isin ergama ABO kanneen qabdanii fi warri sirna nafxanyaaf hawwii qabdan meeshota dhuka’oo kan akka Fanjii, Boombii,Kilaashii hin qabdan malee isin keessa miseensooni ABO akka jirtan sirriitti isin beekna, tarii meeshota kana tokkoon tokkoon keessan utuu mana keessan sakattaanee argachuu dandeenya, jechuudhaan aarii guddaa dhaan barsiisota kana harrabsaa akka oolan miseensotiin Qeerroon walgayii sana hirmaataa turan gabaasanii jiru.Walaghichis bu’aa tokko malee guutuutti fashale.
Suuraan walgahii kana irraa ka’e qulqulluu ta’uu baatus sagaleen haala walgahichaa waraabame dheeraa waan ta’eef hamma tokko kana waliin maxxansinee jirra. Waraabbii 3
Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Radio Simbirtuu, Adoolessa 12, 2012

Video

Five police officers killed in a continued tension between the Gidda Ayanaa militias and the federal police

Aside

July 12, 2012 Finfinnee (Qeerroo)
News from the Gidda Ayana area confirmed the death of 5 federal police officers in a continued confrontation between the Gidda Ayana militias, who were long complaining about the harassment of the police on bogus suspicion of complicit with OLF (Oromo Liberation Front) activities in the area and disarmament program.
The federal police unit was sent to the area after the authorities showed dissatisfaction with the local police weapons search team. But when the team reached an area called Dirree Guddaa Baqoo, the local law enforcement militias asked why they come and the importance of repeated harassment of the people for ideal weapons. In an apparent disagreement and gun battle that broke out, which lasted for nearly 3 hours, 5 federal police were killed.
After the shocking incident, it is reported that the authoritarian government of Ethiopia has deployed large number of another Federal Police unit and members of the regular army to the take control the over boiling popular discontent in the district.
In a similar news three cabinet members of the ruling Oromo Peoples Democratic Organisation (OPDO) of Hebantu District was reported to have joining the opposition resistance movement in the area, after the federal police tried to arrest them on suspicion of supporting and feeding the OLF special unit, inability to stabilise the revolting population of Hebantu District and complicit with the OLF actions in the area. These officers are:
1. Takale Bayisa: Vice governor of the Hebantu District
2. Lammi Jabaa: Security head of the District
3. Ifaa Abarra: Head of the District public relations and communications department
In a separate popular resistance In Anfillo District, the long time stronghold of the Oromo resistance movement; the local residents and Qeerroo activists have rescued three well respected and known community members from the prison of the Woyane government in Yattii area with a concerted pressure and strict deadline demands to the local officials. Residents have said, the Oromo people should take stand in any other place when the government cadres just imprison anyone they don’t like because of his/her identity as a responsible Oromo and commitment for his/her Oromummaa and his/her people.

 

Bulchitooti Gandaa Namni Lama Warraaqsa Deemaa Jiru Keessaa Qooda Qabdu Sababaa Jedhuun Hidhaman.

Aside

Adoolessa 12,2012
Godina Wallagga bahaa aanaa Giddaa Ganda Gandaa naannoo Dirree Guddaa Baqoo keessatti Adoolessa 11,2012 waraanni Federaala Wayyaanee dura taa’aa ganda kanaa Obbo Gabayyoo Gammadaa fi Barreessaa gandaa Obbo Amsaaluu Amanuu jedhaman uummata meeshaa waraanaa dhoksaan qabu osoo beektanii gandoota keessa dhoksitanii jirtu,about ganda ofii bulchitan keessa jira.Dargaggoonni Oromoo maqaa Qeerroon qindaayanii mootummaa irratti ka’anii waan jiraniif gargaarsa kennaa jiru kanaaf ifiifuu isin yakkamtoota jechuun jieenya isaanii fi maatii isaanii irraa qabanii mana hidhaatti dabaranii jiru.
Yeroo ammaa kana aanaa Giddaa keessatti ummannii fi poolisi Federaala Wayyaanee hudhanii waan walqabaa jiraniif jecha,milishootiin gandaa ummmata irra goranii dhukaasa waraana Wayyaaneetti banuun naannichi hanga yeroo ammaatti jeequmsa keessa galee jiraachuu qeerroon naannicha irraa gabaasa.

FDG Itti Fufee Wallagga Anaa Aniflloo Irraa Sabboonti 13 Hidhaman

Aside

Adoolessa 12,2012 Dambi Doolloo

Diddaan Uummata Qellem,Anfilloo, ganda yatti-Koonqii jabaatee itti fufee jira. Yeroo dhiyoo barattootaan sochiin eegalee jiru manabarumsa sadarkaa 1ffaatti hamma amma mootummaa Wayyaanee raasuudhaan karaa Sudaan ABO tu dhufee sababaa jedhuun waraana isaa gara sanatti fe’aa akka jiru Qeerroon Anfilloo irraa gabaasa.
Haaluma kana waliin namoota sochii ABO fi fincila diddaa gabarummaa qindeessitu sababaa jedhuun gaafa Adoolessa 09,2012 sabbboontota 13 mana hidhaatti guuree jira
1.Obbo Baatii Xilahuun
2.Qote Bulaa Gaaromaa Hambis
3.Barsiisaa Ijjiguu Froomsaa
4.Obbo Gechee Araggaa
5.Moosisaa Abdiisaa
6.Barsiistuu Tsaahaayi Abiyoot
7.Bulaa Taarikuu
8.Saamu’eel Lammaa
9.Hiikkaa Abdallaa
10.Siraaj Boginoo
11.Booboo Iddoosaa
12.Geetahuun Shifarraa
13.Giiftii Suraafel
Warren jedhaman kun maqaa ABOtiin yakkamanii mana hidhaatti guuramaa akka jiran gabaasaan isaa addeessa. Akka gabaasaan kun nu gahetti uummanni naannichaa nyaata tokko malee akka jirutti guyyaa lamaa asitti hojii isaa dhiisee karaa cufee halkan kana xiqqaa guddaa ,dhiira dhalaa,jaarsa jaartii utuu hin jedhin hunduu karaa irratti bobba’ee diddaa isaa muldhisaa akka jiru gabaafama. Kana malees dhaadannoo fi sirbi goototaa barattootaan itti fufee akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.

Adoolessaa 10,2012 Qondaalota Tikaa Wayyanee Ol-aanoo Irratti Tarkaanfiin Fudhatame.

Aside

Adoolessa 11,2012 Laqamte
 Humna tikaa Wayyaanee Godina Bahaa Wallaagga irraa sochoo’uu fi itti gafatamummaa Olaanaa kan qabuu namni maqaan Shaallaamaa jedhamuu fi Itti gaafatamaan Poolisii Godinaa kan ta’ee Geetachoo Gammadaa kan jedhamuu Humni addaa ABO Onaa Giddaa Ayyanaa keessaa riphee nu lolaa jira jechuun, guyyaa kaleessaa Poolisonnii Federalaa fi milishotaa gandaa gidduutti walitti dhukaasaa banameef humna waraanaa gara Onaa Gidddaatti milishotaa gandaa qabuu fi meesha sakkata’uuf utuu deemaa jiranii daandii gara Giddaa geessuu bakkaa Magaalaa xiqqaa Jaangiraa jedhamutti yeroo dhiyaataan humni addaa isaanumti barbaacha deeman kan godinicha keessaa sochoo’uu tarkaanfii  diinaa irraatti fudhateen. konkolaachiisaan isaanii akka malee miidhamee shufeera dabalatee jarri  madaa’uun gabaafame.

Yeroo ammaa kanaa mootummaan abbaa irree humni Addaa Onaa Giddaa galeee jira baasuu qabduu jechuun qonaan bultootaa doorsisuus, Qonaan bultoonnii humnii hidhatee socho’aa jiruu isinuma, kanaa malee humna addaatti hidhatee socho’uu nuti hin arginee, ufumaa keessanii wal irraattii waraanaa banaa jirtuu nun hojii keenyaa nu hin dhorkiinaa jechuun of irraa deebisaa jiru,araddaalee qonnaan bultootaa irratti bobba’uun walgahii waamuu yaalan illee ummanni diddaa guutuun dura dhaabbatee fashalchiisee jira. Kana malees sababa lolli cimaan milishotaa fi poolisaa fedraalaa gidduutti kaleessaa ta’een yeroo ammaa kanaa milishonnii gandaa namoonnii 32 humnaa polisaa Federaalan qabanii hidhamuuf barbaadamaa jiru, keessaattuu namoonni 12 addatti barbaadama jirachuun gabaafame.

Kanamuma waliin Adooleessaa 10,2012 Onaa Giddaa Ayyaanaa gandaa Dirree Guddaa Baqoo jedhamuttii Dura ta’aan gandaa namni maqaan Gabayyoo Gammadaa jedhamuu fi Manageriin gandaa namnii Hamsaaluu Amanuu jedhamaan poolisoota Feederaalaan shakkamanii doorsifamaa jiraachuu fi humna addaa fi milishoota gandaa mootummaatti qawwee galagalfatan adamsuu irratti nu gargaaruu diddan sababaa jedhuun doorsisi cimaan irra gahee jira.

Finfinnee Keessatti Hogganooti TPLF Gurgudoon Walgahii Ifii Yaaman Irratti Salphatan

Aside

Adoolessa 11,2012 Gabaasa Qeeroo Finfinnee
Adoolessa 9- 10,2012 Qondaalonni Wayyaanee miseensota isaa waliin barsiisota diddaaf shakkaman walitti waamuudhaan wal gayii mata duree gamaggama hojii bara 2004 fi Haaromsa bara itti aanuu godhachuudhaan adeemsisaa turan irratti milkomina dhabu irraan kan ke’e ammoos Wal gayiin kun torbee tokkoof akka gaggeeffamu ta’ee jira. Wal gayiin kun bakki inni itti gaggeeffamaa jiru Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Qoophaayinaa;-Kaffitanyaa 12, Kookab Atsibaa fi Biran Guzoo bakka jedhamutti yeroo ta’u

Qondaalotiin Wayyaanee bebbeekamoo jedhaman warri walgai kana gaggeessan keessaa:-

1.Gebrahiwot Hagos-qondaala olaanaa kutaa magaalaa Yakkaa fi hogganaa dhimma nageenya naannoo;

2.Zelaalem Tesfaa-Hoogganaa dhimma ispoortii fi dargaggoota magaalaa Yakkaa;

3.Birhaanuu Damee-hoogganaa Aadaa fi Tuurizimii kutaa magaala yakkaa fi dabbalee Wayyaanee olaanaa akka ta’an beekame.

Yaanni Qoondaalota Wayyaanee kanaas  inni bu’uura ta’e barsiisota diddaan irraa mul’atuu fi kanneen dhalootaan Oromoo ta’an hidhatan ABO waliin qabu sababa jedhuun gamaagamanii  hojii irraa arihuu sababaa jedhu akka ta’e ifatti beekamee jira. Adoolessa 10 walgahii godhan irratti gaaffiin barsiisota irraa ka’es waayee mirga dhala namaa fi qaalawina jireenyaa irratti akkasumas sabboonummaan namaa biyya Ethiopia keessatti yakka akka ta’ee waan jiruuf mootummaan imaamata isaa kana hamma bara meeqaatti itti fufuuf deema kan jedhu ture. Garuu deebiin isaa hamma ammaatti hin jiru,kanaaf sirni bulchiinsa amma biyyi ittiin bulamaa jirtu nuuf haa jijjiiramu,jehuudhaan gaaffii yaada kaasuun ummanni galmatti walitti qabame hundi iyya garmaleetiin galma walgayiin sun itti gaggeeffamaa ture jeeqanii ergamtoota mootummaa Wayyaanee kana yeellasiisan, kunis Qoondaalota kana hedduu aarsuudhan miseensota isaa waliin mooricha keessa kan jiru marti jechoota sansakaa fi kabaja barsiisotaa dhiibu, salphisu dubbachuu fi arrabsuudhaan ofi irroo fi olaantummaa qaban muldhisaa akka turan beekame.

Haala kanaan  barsiisoonni sabni martuu sirboota siyaasaa sirbuudhaan,kaan immoo yeroo walgayii sanatti rafuudhaan, sagalee adda addaa moobayila irraa dhageessisuudhaan, kaan immoo kitaabolee fi gaazexaa dubbisuu itti jabeessudhaan wal gayiin Wayyaanotaa kun akka feshelatu godhanii jiru. Walgayiin kun hamma furmaanni tokko argamutti torbee dhufus itti fufuu qaba jedhamaa jira.

Qonnaan Bultooti Oromoo Walagahii Dabballoota Wayyaanee Lagatan

Aside

Adoolessa 11,2012 Gabaasa Qeerroo

Godina Wallaggaa bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa fi Heebantuu keessatti tutni waraana mootummaa wayyaanee sakatta’a meeshaaf ilmaan Oromootti bobba’e mislishoota gandaan waliin waliti bu’uu irraan poolisi feederaalaa namni 5 galafatamuu irraan qaana’uu kan ka’e mootummaan Wayyaanee qotee bultoota Oromoo wal gahii akka bahan ajaja baastu uummatni wal gahii lagate.Qotee bulaan Oromoo yeroon isaa yeroo qonnaati,Nuyi hojii keenya malee olola diiinaa hin  dandeenyu,Meeshaa waraanaas hin qabnu,Wal gahiin isin waamtanis bu’aa hoomaa hin qabu jechuun wal gahii guutummaan hafaa jiran.Mootummaan  Wayyaanees waraana ishii bobbaasuun uummata dirqiin yaasuu yaalus uummatni didee diddaa isaa cimsuu irra jira.Haala kanaan guyyaa har’aa furmaata dhabuu irraa kan ka’es wal gahii hin baatan taanaan lafti keessan isin irraa fudhatama jechuun doorsisuu irratti argamti.

 

Wallagga Onaa Giddaa Ayyaanattii Humna Pooliisii Federaalaa fi Milishotaa Gandaa Gidduttii Dhukaasii Banameen Poolisi Wayyaanee 5 Dhabaman

Aside

Adoolessa 10,2012 Gabaasa Qeerroo Giddaa
Ummata meeshaa hikkachiisuu fi sababaa humna addaa WBO sakatta’uu jechuun waraanni Wayyaanee Adooleessaa 7,2012 Sakkata’insaaf Onaa Giddaa bobba’ee ture, haaluma kanaan polisonni fi waraanni Wayyyanee bobbaafaman uummataa sakkataa’aa turanii meeshaa waraanaa kan jedhamu homaa dhabuun akka meeshaan hin jirre gara Federaalatti gabaasan. Mootummaan Federaalaa utuu uummaannii meeshaa waranaa hidhatee nu lolaa jiruu beekaa irraa hiikuu dhistaan jechuun, amantaa irraa dhabee, poolisii federalaa humna guddaa kan nama Assaaffaa Gennetii jedhamuun hogganamu kan sirnichaaf sakkatta’insaaf si’a 2ffaaf bobbaase, Sana boodaa Onaa Giddaa Ayyaanaa bakkaa Dirree Guddaa Baqoo jedhamutti milishonni gandaa isiin eenyuu taatanii ummata naannoo irra deddeebitanii sakattaatuu?! Roorroo irratti roorruu nutti fidaa jirtu jechuun dhukaasaa Poolisoota Federaalaa irraatti banan, sana boodaa milshotaa gandaa fi Poolisaa Federalaa Wayyaanee waliin walitti dhukaasnii sa’ati 3:00 oliif polisotaa Federalaa irraa nama 5 battalatti ajjeefaman isaan keessaa namni tokko dhalootaan Gumuzii dha. kan dhalotaan Guumuz ta’an namonni 5 ajjefamani, tokko ammo haalaan madaa’e.
Haalli kun kanaan osoo hin dhaabbatiin guyyaa har’aa mootummaan Wayyaanee humna waraanaa fi poolisoota Federaalaa naannoo sanitti hedduminaan guuruun milishoota gandaa san barbaacha waan bobba’ee jiruuf ummanni diddaa isaa muldhisaa jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa. Hordoffiin gabaasa guutuu gama fuula duraa dhiheessina