Wallagga aanaa Anfilloo Keessatti Diddaan Ummataa Jabaatee Tikini Wayyaanee Indaaluu Asnaaqee jedhamu Irree Humna Addaan Adabame.

Aside

Adoolessa 21,2012 Dambi Doolloo

Diddaan torbee tokko dura Godina Qellem,Anfilloo irratti eegale utuu wal irraa hin citin  hamma ammaatti itti fufuu isaa gabaasaan Qeerroo Anfilloo addeessa. Humni  addaa ‘DAMEE  LAGGASAA’ kan jedhamu ganda kollii  keessatti kaleessa Adoollessa 20 tika Wayyaanee beekamaa fi naannicha keessatti dargaggootaa fi Oromoota walii gala yeroo dheeraaf kan rakkisee gufuu qabsoo ta’e  kan maqaan,Indaaluu Asnaaqee jedhamu, humna addaa kanaan tarkaanfiin maayyii akka irratti fudhatame qeerroon Anfilloo gabaasa.

Humni poolisaa fi waraana  Wayyaanee  adda kan ta’e naanncha dhaquun eenyu nama kana irratti tarkaanfii akka fudhate qorachuuf jecha Adoolessa 20,212 galgala irraa kaasanii ummata naannichaa hiraarsaa akka jiran gabaasi kun dabalata addeessa

Itti fufuudhaan har’a (Adoolessa 21) daandiin ganda Ashii fi magaalaa Aanaa Anfilloo,Muggi  gidduu, bakka gaara Baallaa jedhamu,Uummanni mukkeen daandii san irratti jigsuudhaan cufanii konkolaataan karaa darbaa dhabee of irra gara godinaatti(magaalaa Dambi Dolloo) akka deebi’aa jiru Qeerroon magaalaa Dambi Dolloo fi Anfilloo gabaasanii jiru. Akkasuma waraaqaaleen qabsoo gandoota Anfilloo 15 keessatti  baldhinaan raabsamaa akka jiru gabaasi naannicha irraa nu gahe ifa godha hanga ammaatti barruuleen warraaqsaa kan aasxaa Qeeroo qabuun tames gandoota Suddii,.Ash,.Ibbur,Shollaa,.Dollaa,.Dullii,.Shebel,.Heenaa,.Kolli,.Dawo-Tobbii,.Gerechoo,.Kuuroo,.Waabaa Eebbaa,.Yettii,.Heneche.yarer

Kanneen jedhamanitti waraqaaleen kun akka raabsamee jiru qeerroon gabaasee jira.kunis  yeroo fi sa’atii tokkichatti akka ta’e gabaasan kun dabalee addeessa.  Guyyuma har’aa sakatta’iinsii fi hordoffii guddaan gandoota kana irratti akka raawwatamaa jiru, tikoonni Wayyaanee gandoota kana keessa faca’anii akka jiran gabaafama.  Uummannis waraqaa raabsame kanatti gammachuu isaa dhageessifachuu irraa kan hafe dhimma tikoonni Wayyaanee dhufaniifi dantaa itti hin kenninu jedhu jedha qeerroon Anfilloo irra. Diddaan Uummataan,Qeerroo fi humna addaa anaannichatti horatamee jiruun wal ta’uun akka itti fufuu malu gabaasaan qeerroo addeessee jira.

Qabsoon itti fufa!! Bilisummaan ni dhufa!!

Goodina Jimmaa keessattis diddaan sirna cunqursaa Wayyaanee irratti ka’e jabaatee itti fufe.

Aside

Adoolessa 21,2012 Jimma

Adoollessaa 19 -21, 2012 Godinaa Jimmaa Aanaa Aggaaroo, Sarboo, Deedoo, Gaatiraa, Sokorruu, Geeraa fi Gommaatti Waraaqaan barruulee Qeerroo facaafamaanii jiraachuun beekamaa dha, haaluma kanaan guyyoota kanneen keessatti ummanni mirga abbaa biyyummaa fi namoomaa gaafachuuf jecha tokkommaan wal gurmeessee diddaa itti fufee jiraachuu qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Aanaa Aggaroo, Deedoo fi Sarboottii Adoolessaa 20,2012 haawaasni Oromoo amantaa muslimaa hordofaan nannoo maskidaa isaanittii sagalee mormii dhageesisuun mirgii amantaa abbootii irreen nu jalaa sarbamee tokkummaadhaan kaanee haa kabachiifannuu jechuun sagalee mormii dhageesisa oolaan.

Godina Iluu Abbaa Booraa Warraaqsi Qabate Itti Fufee Qeerroo fi Ummanni gara roorroo if irraa ittisuuti seenan.

Aside

Adoolessa 21,2012 Mattuu
Haaluma kanaan Godinaa Iluu Abbaa Booraa Anaa Dhidheessaattii FDG’n Ummataan jabaatee ittii fufuun Adooleessaa 19, 2012 walittii bu’insii milishotaa Wayyaanee fi ummaataa gidduutti ummaamee ummaanni of irraa deebisee jira. Sochii waraana Wayyaanee dhorkuuf jecha  uummaannii daandii gara Gambeellaattii geessuu cufuun  konkolaataan karaa darbaadhabee rakkachaa kan ture yoo ta’uu , Wayyaaneen diddaa ummaataa kanaa ukkaamsuuf waraanaa ummatattii bobbaastullee ummaannii duraa dhaabbatee mirgaa isaa kabaachiifachaa kan jiruu ta’uun gabafamee jira.
Haala kanaan loltuun Wayyaanee tokkoo namni maqaan Abaay Firaachoo jedhamuu Qeerro dargaggotaa Oromoo waliin walitti bu’ee  reebame. Meeshaa inni hidhatee jirus sochii ummataa naannicha keessatti deemaa jiruuf galee akka jiru gabaasi kun addeessa.

Abaay Firaachoo yeroo ammaa kanaa hospitaalaa Mattuuttii du’aaf jireenyaa gidduutti argamaa.
Kanaa malees, Adoolessaa 20,2012 Aanaa Cooraattii hawaasnii muslimaa sagalee mormii dhaageessisaa olaanii jiru. Diddaa kanatti dabaluunis, magaalaa Cooraa keessaa barruuleen Qeerroo facaafamanii jiru.
Polisonnii Wayyaanees haalaa waraqaa barruu qeerroo kanaattii rifachuun ummaataa jeeqaa kan jiran yoo ta’u, humnii waaraanaa dabalataan gara kanatti guraamaa akka jirus caasaan Qeerroon dhaamee jira.
Haala kanaan Wayyaaneen sodaa guddaa irraa geessee waan jirtuuf humna waraanaa magaalaa Baaddallee irraa qubsistee jirti.Yeroo ammaa kanattis magaalaan Baddaallee dirreedhuma waraanaa fakkaatee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.

Qabsoon itti fufa!!

Gaazexaan Fitih jedhamu akka hin maxxanfamne dhorkame

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 21 Adoolessa 2012) Yeroo ammaa magaalaan Finfinnee dhiphuu fi to’annaa guddaa jalatti kan argamtu yoo ta’u, qondaalonni Wayyaanees haala adeemaa jiru irratti walnyaachaa akka jiran beekame.
Keessayyuu, dhimma dhibee Mallas Zeenaa waliin walqabateen yeroo ammaa humnoota Wayyaanee qulfii ta’an gidduutti dhoksaan marii fi falmaan adeemaa akka jiru odeessi Qeerroo dhaqqabe ni adeessa.
Kana waliin kan walqabate maddeen oeeffannoo ummataa f dabarsan akka hin maxxanfamnee fi hin tamsaasamne dameen tikaa fi nageenyaa irratti hojjataa akka jiru hubatamee jira.
Karaa toora telefoonaa fi intarnetii sararri dhiphatee akka qunnamtiin laafu godhamuu kan saaxilan maddeen keenya humna telekomunikeeshiinii keessaa, kana malees, gaazexooti dhuunfaa otuu maxxansa isaanii ummataan hin gahiin akka ‘sansuuraman" mannneen maxxanaatti ajajni darbee jira.
Akka kanaan gaazexaan "fitih" jedhamu akka hin maxxanfamne dhorkamuun isaa beekamee jira.
Gaazexaa kun erga maxxanfamee booda akka hin tamaasamne kan dhorkame yoo ta’u, kanaafis odeeffannoo ciccimaan golee mootummaa keessaa bahan gulaalaa gaazexichaa harka seenuu isaaniitiin ta’uun himamaa jira.
Dhimma amantiiMusiliimaa waliinis kan walqabate diddaa fi fincilli ummataa guutummaa biyyattii keessatti babal’ataa akka jiru gabaasoti Qeerroo hubachiisaa jiru.

Waraanni Wayyanee ummata goolaa jira; diddaa ummataa garuu dhaabuu hin dandeenye!

Aside

(Qeerroo, Amboo, 21 Adoolessa 2012) Godinaa Shawaa Lixaa Aanaa Midaa Qanyii,Aanaa Caalliyaa Geedoo,Anaa Iluu Galaan Ijaajjii, Aanaa Baakkootti Adooleessaa 19/2012 irraa eegaluun mootummaan wayyaanee ummata goolaa jiraachuun beekame.

Qeerroon akka gabaasetti hidhattooti Wayyaanee aanolee kunneen keessa bobbau’’u “humna hin beekamneetu Anotaa kanaa galee jira,” jechuun humnaa waraanaa koraa bittinneessaa jedhamuu bobbaasuun ummaataa sakkataasisaa jiraachuun hubatamee jira.

Ummanni Oromoo Amaantaa Musliima Hordofaa jiraan kanneen Aanota Bakkoo Tibbee fi Iluu Galaan Ijaajjiitti Adoolessaa 20/2012 sagaalee mormii dhageessisaa jiran.

Keessayyuu, “mirgii keenyaa nu jaalaa sarbamee nuf haa kabaajamuu!” kan jedhan hordoftonnii amantaa Muslimaa kunneen itti dabaluun is, “sababa gaaffii mirgaa fi amntii gafataniif kanneen magaalaa finfinnee irraa qabamanii hidhaan hatattamaan haahiikaman!” jechuun sagalee mormii dhageessisuu issaanii gabaasaan keenyaa ifaa godhee jira.

Oromiyaa Bahaatti shirri Wayyaanee fashale; ummatis walgahii Wayyaanee lagate!

Aside

(Qeerroo, Dirree Dhawaa, 21 DAdoolessa 2012) Godina Harargee bahaa aanaa Qarsaa Magaala Laangee keessatti mootummaan wayyaanee horgoftoota amantii musliimaa olola dharaatiin dogoggorsuuf yaaliin godhe fashale.

Motummaan Wayyaanee hawaasa Musiliimaa addaan qooduun akka isaan warra kaan balaaleffatan “ kanneen gaaffii gaafatan shororkeessitoota, kanaaf hiriira itti bahaa,” jechuun hiriira nagaa baasuuf yaaliin karoorfatee ture jabina hawaasaa fi Qeerrootiin fashalee jira.

Ummatni naannoo kanaas, “gaaffiin keenya tokko; gaaffii mirgaati; kanaaf hiriira nagaa isaan mormina jennee hin baanu,” jechuun kutannoo isaanii mul’isanii jiru.

Mootummaan wayyaanee uummata waan hundaa hubate gowwoomsuuf yaalii godheen milishoota gandaa dirqamaan baasuun uummata gowwoomsuuf yaalee akka ture illee gabaasaan keenya addeessee jira.

Ummatni naannoo kanaas mirga isaanii adda durummaan akka falmachaa jiran qeerroon naannoo kanaagabaasaa jira.

Karaa biraatiin, gabaasaa godina Harargee Bahaa Ona Gooroo Guutuu irraa nu dhaqqabe akka ibsutti, guyyaa har’aa Adoolessa 21,uummanni aanichaa walgayii wayyaaneen waamte argamuu diduudhaan deeggarsa hawaasa kaaniif qaban mul’isanii jiru.

Kunis kan wayyaanonni ergamanii dhufaniif qorannaa haala yeroo kaka’umsa uummata hordoftoota musiliimaan wal qabatee ka’en aanicha irratti sakatta’iinsaa fi qorannoo yaadaa gaggeessuudhaaf ergaman yoo ta’u uummanni bahuu diduudhaan akka fashalu godhamee jira.

Akkasumas konkolaataa isaan ittiin dhufan barattoonni aancihaa dhagaadhaan tumanii caccabsuudhaan hojiin ala akka godhan qeerroon gabaasee jira.

Lukkuuleen kunis lubbuudhaan baqatanii kan bahan yoo ta’u, qaama olaanaa federaalatti bilbilatanii waammachuudhaan humna waraana wayyaaneetiin du’a jalaa akka bararan Qeerroon gabaasee jira.

Injifannoon Ummataa Oromoof.

Hiriiraa Mormii Hawaasaa musilimaa Finfinnee fi kutaalee biyyaa keessatti jabaatee jira.

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 21/07/2012) Hiriirri mormii hawaasaa Muslimaatiin Maagaalaa guddittii Oromiyaa fi Afrikaa, Finfinnee, keessaatti eegalee jiru guyyaa kaleessaa, Adooleessaa 20/2012 haalaa baay’ee qaroominaa qabuu fi namaa hawwaatuun gaggeeffamee jira.

Yeroo ammaa kanatti qunnamtiin marti hedduu dhiphaa fi rakkisaa ta’u illee Qunnamtiin Qeerroo haala adeemsa hiriira mormii hawaasa Musiliimaa keessaa hanga tokko kunoo waraabee akka ummati keenya bakka biroo jiru hubatu yaalii gochaa jira.

“Haalli mijaa’aa miti; waan ta’eef kukunneedhuma mobila of harkaa qabnuun waraabuu dandeenyee jirra,” kan jedhe Qunnamtiin Qeerroo, karaa hundaan lammileen biyyattii waan naannoo naannoo isaatti ta’aa jiru waraabee akka tamsaasu illee dhaamee jira.

Akkuma beekamu diddaan hordoftoota amantaa musuliimaa daran jabaatee mootumma wayyaane raasaa jiru.

Haata’u malee hum,nooti Wayyaanee karaa dandeessuun gaaffii hawaasaa gara dhimma shororkeessummaatti dabasuuf yaalii gochaa jirti.

Akka kanaan yeroo ammaa kanatti miseensota koreewwan amantaa musiliimaa 17nuu keessaa saddeettana isaanii seera TEERARIZIMII tiin gaaffachuuf himannaa irratti dhiyeessitee jirti.

Yeroo ammaa kanas, namoota 8 koreewwan kana keessaa mootummaa wayyaaneen too’annoo jala oolanii akka jiran gabaasaan caasaa mootummaa keessaa argame kan addeessuu dha.

Namootni 8 kunis maqaan isaanii kanatti aansee kan jiruudha.

1.Sheek Makataa Muhee

2.Sheek Sultan Amaan

3.Ato Abubakar Ahmad

4.Kamal Shamsu

5.Jamaal Yaasin

6.Ahimadin Jamal

7.Ahmad Mustafaa

8.Sheek Taahir Abdulkadir kanneen jedhaman ta’uun beekamee jira.

Haata’uutii hidhaan kun ummata daranuu diddaaf kakaasaa jira malee, duubatti hin deebifne kan jedhu gabaasaan Qeerroo bakka addaddaa irraa nu gahaa jiru, “Haalli kun ummata amantaa kana hordfofan cinatti jibba guddaa uumuudhaan akka isaan diddaa isaanii itti jabeessan ta’eetu jira.” Jedhee jira.

Yeroo ammaa kanattis, shira barameen koreewwan jiran addaan babaasuuf yaaliin godhamaa akka jiru kan ibse gabaasaan Qeerroo, hawwaastis haala kana hubatee jabinaa fi ciminaan akka hojjatu dhaamee jira.

“Koreewwan hafan namoota 9nuu maaliif akka maqaan isaanii hin xuqamne, maalif akka hin yakkamin jiran gaaffii ta’e jira,” kan jedhan maanguddoon tokko, “kunis namoonni hafan kun mootummaa waliim hidhata qabaachuu isaanii shakkii keessa waan jiramuuf haala fuul-duree diddaa kanaa hordofaa deemuun barbbachisaa dha,” jechuun hawaasaaf dhaamanii jiru.

Akkasuma namootni 20 maqaa isaanii argachuu baannuyyuu maqaa addaa addaa, qarshii walitti buusuudhaan,deeggersa garagaraa jarroottan kanaaf gochaa jirtu jechuudhan too’atamanii akka jiran gabaasaan nu dhaqqabaa jiru ni addeessa.

Diddaa itti jabeessuuf uummanni musiliimaa ganamaa kana dhaamsa waliif dabarsaa akka jiran Qeerrooleenis gabaasanii jiru.



Haleellaan Loltoota Wayyaanee irratti Fudhatamaa Jiru Daran Jabaate. Qondaalli Poolisaa tokko Guyyuu Sabboontota hidhaa turee halkan ammo tarkaanfiin isuma irratti fudhatame. Diinnis Abdii Kutannaan Irra Gahe.

Aside

Adooleessa 21,2012 Giddaa
Tarnaaniif Adooleessaa 18,2012 galgalaa Poolisoota Wayyaanee 4 afur irratti tarkaanfiin maayyii fudhatamuu fi 6 ammoo akka madaayan gabaafnee turre, haala kanaan kanneen madaayanii hosptala galan keessaa eda Adoolessa 20,2012 hosptala keessatti raawwii irra gahuun dhagahame. Sochii humni addaa naannoo Buttujjii fi Giddaatti taasisaa jiru kanatti haalaan kan rifatee fi abdii kute mootummaan Wayyaanee namoota ABO gargaartuu fi humna addaa WBO waliin hariiroo qabdu jechuun guyyaa gaafa Adoolessa 19,2012 nama 18 qabee hidhuun haalana guraaraa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa. Kanneen Onaa Haroo limmuu irraa hidhaman keessaa
1. Addee Caaltuu Sanyii
2. Fiqaaduu wayyeessaa
3. lammeessaa Wayyeessaa,
4. Taasisaa Amanuu
5. Gurmuu Amanuu
6. Hundee Qana’aa
Warri jedhaman fi kanneen 12 hafan Bakka Abbaa Mo’aa magaalaa xiqqaa Buttuujjii irraa humnaan qabamnii gara dangaa warraa Gumuuz Magaalaa Kamishiitti hidhamanii gararaan guddaan irraa gahamaa jira. Dararaa kanaan haalaan kan miidhamte Adde Caaltuu Sanyii buufata fayyaa Horroo Limmuu jedhamu keessatti gatamtee tajaajila dhabaa akka jirtu gabaasi nu gahe addeessa.
Haala kanaan humni Addaa WBO eda halkan warra sabbootota adda durummaan hidhan keessaa tikaa fi qondaala poolisa Wayyaanee tahe nama maqaan Baayyuu jedhamu irratti eda halkan Adoolessa 20,2012 tarkaanfii fudhachuun meeshaa inni hidhatee jiru qabeenya humna addaatti dabaluu qeerroon naannicha irraa gabaasa
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Diddaan Ummataa Itti Fufee,Barruuleen Warraaqsaa Qeerroo Baldhinaan Oromiyaa Keessa Faca’e.

Video

Adoolessa 20,2012 Finfinnee
Guyyaa har’aa Adoolessa 20,2012 Diddaa hordoftoota amantaa musuliimaan wal qabatee Qeerroon waraqaalee adda addaa magaalaa Finfinnee irraa kaasanii bakkoota hedduutti maxxansanii akka jiran gabaasaan galgala kanaa addeessa. Waraqaaleen kunneen Finfinnee keessatti bakkooota Uummanni Oromoo heddummatee jiraatutti kan maxxanfame, kanneen akka Gullallee,Markaatoo,Shiro Meedaa,Kiiloo 6,Kiiloo 4, Saaris,Burraayyuu,Kaazanchiis,Faransaay,Qaallittii,faa yoo ta’u magaalota Bishooftuu,Adaamaa,Asallaa,Arsii Negellee,Amboo,Harar,Dirre Dawaa tti raabsamee akka jiru Qeerroon naannolee kanaa gabaasee jira.
Kana malees godinaalee akka Gujjii, Booranaa, Harargee Bahaa, Qellem,Wallagga Lixaa,Jimma,Illuu Abbaa Booraatti akka raabsamu copy fi print ta’ee baayyinaan godinaalee keessa akka tamsa’ee jiru gabaasi qeerroo nu gahe addeessa. Akkasuma godina Arsii Lixaa , Aanaa Adaabbaa, magaalaa isaatti barattootni waraqaa kana bittimsuu irraan kan ka’e milishoonni Wayyaanee aanichaa rifatanii akka waan humni addaa magaalicha seeneetti dhukaasa banuu isaanii qeerroon magaalaa sanii gabaasee jira. Waraqaan bittimsfamuu itti fufee, asii fi achi kaachuudhaan milishoonni wayyaanee halkan kana sa’a 2:00 irraa kaasanii sakatta’iinsa guddaa akka gochaaa jiran naannicha irraa gabaafamee jira.
Qabsoon itti fufa!!
Gabrummaan ni kufa!!

Finfinnee keessatti hordoftootni amantaa Musliimaa hiriira nagaa taasisan! humni dura dhaabbatus dhibe! Qeerroonis waraqaalee dhaadannoo bakkeewwan hedduutti maxxanse!‏

Aside

Adoolessa 20,2012 Finfiinnee

Uummatni musliimaa gaaffii mirgaa kaasne mootummaan Wayyaanee dura dhaabbachuu hin danda’u,Sababa gaaffii mirgaa kaafneefis hordoftootni amantaa musliimaa hidhamuu,ajjeefamuu hin qaban jechuun Guyyaa har’aa sa’a 1:00 pm irraa kaasee Masgiida guddaa Masgiida Anuwaar irraa jalqabuun hiriira nagaa jabaa taasisan.Hiriira kanaan waraanni mootummaa Wayyaanee irraa dirqama fudhate waan godhu dhabee ilaaluuf kan dirqame ture.Hordoftootni amanataa musliimaas barreeffamoota dhaadannoo
1. Bakka bu’aa hidhuun bakka buutota mara hidhuu dha
2. Mootummaan hordoftoota amantaa musliimaa hidhee duuba nu deebisuu hin danda’u
3. Rabbii malee mootummaan wayyaanee jabaa miti.Hin bitamnuufis
Kan jedhan qabachuunn hiriira nagaa wayita taasisanitti jilbeeffachuun Wayyaanee nu jilbeeffachiisee nu tumaa jira,Harka wal qaxxaamursuun Sirni bulchiisa Wayyaanee nu hidhaa jira,Harka itti hurgufuun mootummaan wayyaanee hurgufamee aangoo irraa haa bu’u kan jedhan agarsiisuun Wayyaanee balaaleffachaa oolanii hanga deebiin isaanii argamutti itti fufinsaan akka gaafatan waadaa seenanii jiran.Mootummaan EPRDF wayyaaneen magaala Finfinneen alatti hordoftoota musliimaa gowwoomsuun gaaffiin musliimotni Finfinnee gaafatan sirrii waan hin taaneef hiriira nagaa bahaatii balaaleffadhaa jechuun gowwoomsaa jiraachuu isaas hordoftootni amantaa musliimaa marti akka hubatan dhaammatanii jiran.Hiriira nagaa taasifameen uummatni naannoo Finfinnee marti haalaan itti gammadanii jiran.
Sochiin Dargaggoota Biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroo)n hiriira nagaa taasifamee gaaffii mirgaa gaafatamu kan deeggaru tahuu ibsatee jira.Waraqaaleen dhaadannoo
1. Gaaffii Hordoftootni amantaa musliimaa gaafatan gaaffii mirgaati!
2. Oromia shall be free
3. Mootummaan wayyaanee tokkummaa ilmaan oromoo diiguu hin danda’u
4. Wal qixxummaan amantiilee biyyattii keessaa haa kabajamu
5. Miseensotni OPDO qeerroo cinaa akka taatan dhaammanna
6. Mootummaan wayyaanee Abbaa Irree fi Garboomfataa dha
7. Oromiyaa irratti Oromootu aangoo qaba!
8. Saaminsi lafaa fi qe’ee irraa buqqa’uun haa dhaabbatu fi k.k.f
Magaala Finfinnee Markaatoo,Piyaassaa,Gullallee,Laga Haarii fi Qaallittii keessatti haalaan maxxanfamanii jiran.Waraqaaleen kunneen Magaala Amboo fi Dirree Dawaa keessattis Bakkeewwan garaa garaatti maxxanfamanii jiran.
Gabaasa dabalataa  itti fufnee dhiheessina
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!