SBO Adoolessa 04, 2012

SBO Adoolessa 04, 2012

Qabeenyi Investeroota Wayyaanee Kuufami Meeshaa Magaazinni Tokko Guutuu Barbadaaye

Aside

Adoolessa 06,2012 Diddaa Ayyaanaa
Adooleessaa 5,2012 ganama( barii barraaqaa ) Godina Wallaggaa Bahaa Onaa Giddaa Ayyaanaatti Humni hin beekamiin Godina Lixaa Oromiyaa keessaa Socho’aa jiruu Qabeenyaa Dabbalotaa Wayyaanee Ibidaan barbadeesse.
Dabballota Wayyaanee namota maqaan isanii Abajjee Xilaahuu fi Isxeefaanos jedhaman daldaltotaa Midhaan nyaataa fi Zaayitaa kan ta’an kan dhalotaan ilmaan habashaa ta’an, gamtaadhaan magaazanaa tokkichaatti daldalaa kan jiranii fi qaabeenyaa Uummaataa Oromoo saamaa kan jira, mootummaan Wayyaanee carraa daldalaa ilmaan Oromoo dhorkachuun daballotaa kanaaf Onaa Giddaa Ayyaanaa Bakkaa Mandaaraa 11ffaa jedhamuun beekamuutti mana kusaa midhaan nyaataa fi Zayitaa walitti qabuun gara kaabaa nannoo Tigiraayii fi Amaharatti dabarfamee kan gurguramuu kana qabeenyaa isaanii mana kuusaa Midhaanii(magaazaana) midhaan tilmaamaan kuntaalaa 800 ol kan ta’uu kan kuufatee jiruu humni Addaa kun Ibidaan barbaadeessuu gabaasi Qeerroo gahe addeessa.

Godina Harargee Lixaa Keessatti Dargaggoonni Oromoo Ukkamfaman. Diddaan Barattootaas Itti Fufe.‏

Aside

Adoolessa 06,2012 Mi’eessoo
Bara Mootummaan wayyaanee aangootti ba’ee dargaggootni oromoo hidhamaa,reebamaa fi saamamaa turuun ni yaadatama.Mootummaan Wayyaanee shira ilmaan Oromoo irratti dalagu daran jabeessuun Godina Harargee Lixaa Mi’eessootii dargaggoota Oromoo Adam Ibroo fi Abdii jedhaman Adoolessa 05,2012 maqaa miseensota ABO ti jedhuun yakkee bakka buuteen isaanii dhabamanii jiran.Dargaggootni kunneen hojii mataa isaanii hojjechaa kan turan yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti dargaggoota Oromoo gara waraana ABO ergitu jechuun yakkanii bakka buuteen isaanii dhabamee jira.Warri dargaggoota kanneenii bakka buutee ijoollee isaanii dhabanii hedduu cinqamuu irratti argamu.
Karaa gara biraa Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onaa kiiraamuuttii diddaan baratotaa Oromoo M/b Kiiramuu sadarkaa 2ffaa fi Prepatoorii jabaatee itti fufee,
Adoolessaa 5,2012 Cufinsa Mana Barumsaa Kirraammuu sadarka 2ffaa fi Preparaatorii irraatti gotonnii baratootaa Oromoo sirbotaa gotummaa fi jajjabinaa Qabsoo faarsuun lukkeelee garaa gubaan, sirbootaa Gootitti Oromoo Ilfinesh Qannoo fi Ebbiisaa Adunyaa,fi kan Hangaatuu fi Kumalaan waliin sirban wal harkaa fuudhanii sirbuun maatii baratoota sirna cufinsa M/B kanaa irraatti argaman ittiin bohaarsani diinaa garaa guban.

Diaspora Community ensures Ethiopian delegates meeting is called off

Video

The concluding statement from the Oromo community at the Park Hyatt Grand Hotel was a gracious “thank you, Australia.” This was after the more than six hours endurance of the heavy rain, chilling cold of Melbourne’s winter and chanting slogans against the Oromo People’s Democratic Organisation (OPDO) delegates that altered our pitches. The OPDO’s were sent by the Ethiopian government to destabilize a peaceful society which has been granted rights to live and prosper in a multicultural society by a sovereign state. Their main aim was purely to threaten the harmony that Oromo’s enjoy in Diaspora and continue to work to intensify human rights violations back home. They had been sent here to broker deals with entrepreneurs and well-heeled individuals to invest back home at the cost of illegally displacing peasant farmers and indigenous land owners.Diaspora Community ensures Ethiopian delegates meeting is called off

Raadiyoo Simbirtuu Tamsaasa Adoolessa 5,2012

Video

Qophiin Tumsa Qeerroo milkaa’e; deeggarsi maallaqaas arjoomame

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 5/07/2012) Qophiin Tumsa Qeerroo magaalaa Melbourne keessatti gaggeeffame milkiidhaan xumurame; sabboontonni Oromoos Qeerroo akka tumsan waadaa seenan.

Gabaasaan Qeerroo Melbourne irraa akka odeeffannoo nuuf dabarsetti, sagantaan Tumsa Qeerroo waamicha Qeerroo Bilisummaa irraa dhiyaate irratti hundaa’uun qophaa’e kun diddaa fi falmaan bilisummaa Oromoo kan dhugaa irratti hundaa’ee fi karaa hundaan walqabachaa jiru ta’uu kan agarsiisee dha.

Sagantaa Tumsa Qeerroo yeroo duraaf biyya alaatti ijaarame kana irrattis hawaasti hedduu kan argame yoo ta’u, sagantichis sochiin diddaa fi warraaqsaa  jabaatee akka jiru kan mul’ise ta’uu gabaasaan keenya hubachiisee jira.

Qophii Tumsa Qeerroo kana irrattis sabboontoti Oromoo magaalaa Melobourne fi naannoo ishii jiraatan kan hirmaatan yoo ta’u,sagantaa kana irratti dokumentariin sochii Qeerroo agarsiisu kan dhiyaate yoo ta’u, adeemsa diddaa fi falmaa karaa nagaa Qeerroon adeemsisaa jiru keessatti bu’aalee argaman ilaalchisees ibsi bal’aa kennamee jira.

Keessaayyuu, Qeerroon biyya keessaa miidhaa fi hiraarsaa saba isaanii irrea gahaa jiru hubatanii diddaa isaanii karaa nagaa itti fufuu isaaniitiin dammaqiinsi guddaa akka argame kan ibse barruun dhiyaate kun gama diinaatiinis darggoota Oromoo jilbeeffachiisuuf hidhaa fi hiraarsaa hamaa irraan gahaa akka jiu addeessee jira.

Haata’uutii, Qeerroon duula wayyaaneetiin otuu hin rifanne humnaa fi dandeettii isaanii walitti qindeeffachuun hojii dammaqiinsaa fi warraaqsaa gaggeessaa akka jiran illee ibsa kenname irraa hubachuun danda’amee jira.

Yeroo ilmaan Oromoo diina jalatti gurmaa’anii jiran kanatti dirmannaa gochuu dhiisuun akka diina deeggaruutti ilaalama kan jedhan tumsi Qeerroo, gaaffii fi waamicha Qeerroo biyya keessaa isaaniif dhiyaate irratti hundaa’uun biyya alaatti of ijaaranii akka jiranii fi yeroo kamitti iyyuu dirqama isaanitti kennamu gumaachuuf illee qophii ta’uu isaanii wayituma kana marii godhan irratti beeksisanii jiru.

Gama biraatiin, hojii Qeerroo karaa malchiisu gargaaruuf kan oolu gargaarsi maallaqaa battalumatti kan kenname yoo ta’u, T-shertiin “Tumsa Qeerroo” gurgurtaaf dhiyaatees saganticha irratti gurguramaa akka ture hubatramee jira.

Dhalooti haaraas T-shert kan bitachuun uffatanii Tumsa Qeerroo cina akka hiriiran, dagaaginaa fi guddina aadaa fi seenaa saba Oromoof jabaatanii akka hojjatan  ejjannoo isaanii mul’isanii jiru.

 Bakka bu’ooti waldaa hawaasa Oromoos wayituma kana dhaamsa dabarsan keessatti yeroo ammaa dhimma saba Oromoo caalatti guddisuuf dantaa fi faayidaa saba Oromoo tiksuu fi eeguun barbaachisaaakka ta’e hubachiisanii jiru.

“Oromoon kamuu bakka jirutti dantaa saba Oromoo waloo ta’an eeguu fi kunuunsuu keessatti qooda guddaa qaba,” kan jedhan waldaaleen hawaasa Oromoo, keessattuu, hawaasti Oromoo biyya alaa keessatti argaman ambaasaaddara Oromoo fi Oromiyaa waan ta’aniif gahee isaanii jabinaa fi gahummaan akka bahatan dhaamanii jiru.

Keessayyuu, duula  Wayyaanee ergamtootaa fiu jala deemtota ishii yeroo addaddaa keessatti biyya alaatti bobbaasuun hawaasa Oromoo fi lammiilee biyyattii gowwoomsuu fi afaanfajjessuuf yaaltu dura dhaabbachuu k eessatti hirmaannnaa isaanii dachaa dachaan akka guddisan bakka bu’ooti hawaasa kunneen dhaamanii jiru.

Maanguddooti sagantaa kana irratti argamanis,  dhalooti haaraan diddaa fi falmaa abbootii isaanii dhaalanii qabsoo bifa haaraan finiinsaa jiraachuu isaaniitti akka gammadan ibsanii karaa danda’aniin Qeerroo akka gargaaran waadaa seenanii jiru.

Qeerroon Godina Arsii Ejjennoo Warraaqaa Fudhatan

Aside

Gabasaasa Qeerroo Adoolessa 4,2012

Adoolessa 3,2012 Maadheeleen Qeerroo “Isituu Barii”n yaamamtu naannoo Shashammannee fi Godina arsii bakka gara garaa keessaa walitti dhufuun walgaii gaggeefatan, haala qabsoo bilisummaa Oromoo fiixa baasuu fi FDG guutuu Oromiyaa keessatti qabsiisuu,akkasumas sochii dargaggoota biyyoolessaa ykn Qeerroo jabeessuu galmaan gahuu irratti ummata Oromoo mara waliin harka wal qabachuun akkaataatti sosso’uu dandayan irratti tarsiimoo fi karoora lama kaayyataniin beeksianii jiru. Gootowaan Qeeroo kun walgahii guyyaa tokkoof godhatan kana booda ibsoota ejjeennoo isaanii ibsu armaa gadii baafatan

ü Kutannoon  keenya inni duraa dhaaba ABO akka qaroo ijaatti tiksuu fi akeeka isaa bakkaan gahuu akkasumas ummanni keenya waliin hiriiruudhaan mootummaa abbaa hirree nurratti goobaa jiru of irraa fonqolchuudha;

ü Bara baayee gadi jennee ormaaf bitamnee turre, bittaa badiisa lubbuun wal qabate kana jalaa ofiis baanee lammii keenya basuudha;

ü Dhaaba waliin hiriiree abbootii qabeenyaa sochii warraaqsaa kana deggeruudhaan qabeenya isaa gumaacha godhee dhaaba harka qabu horachuudhaan/qabsootti ceesisuun qabsoo keenya finiinsuu qabna,

ü Mootummaa ofii isaatii shororkaa’ee uummata keenya maqaa adda addaatiin, shororkeessummadhaan yakkuun mana hidhaatti guuraa jiru,mootummaa yeelloo fi safuu hin beekne,ofii salphatee kan nama salphisaa deemu kana irratti harka wal qabannee ka’uun amantii fi naannoodhaan, lagaa fi saalaan utuu wal hin qoodin qabsoo keenya galmaan gahuu qabna;

ü Lammii keenya bittaa mootummaa Wayyaanee jalaa baasuu dhaadannoo godhannee haa kaanu;

ü ABO jalatti hiriiruun nuuf daandii guddinaa fi argannoo bilisummaa  akka ta’e jiraattota biyyattiitti dhageessifanna;

ü WBO gaachana qabsoo, hirkoo Uummata Oromoo,cina gorree daandii tolchuun fedhaaf hirmaannaa yaadaa fi sammuu guutuu ta’uu isaa murteeffanna;

ü Ejjeennoon keenya maadhee IBSITUU BARII irraa kanaan goolabna,

Injifannoo Uummata Bal’aaf

Qabsoon Itti Fufa!! Garbummaan Ni Kufa!!

Maadhee IBSITUU BARII irraa!!

Kaabineen Wayyaanee Margaa Baayisaa Jedhamu Irree Barattootaan Reebame

Aside

 Gabaasa Qeerroo Adoolessa 2,2012 

Oromiyaa keessatti tarkaanfiin Ergamtoota mootummaa Wayyaanee fi namoota qabsoo Bilisummaa Oromoo dura dhaabbatanii farra qabsoo ta’aa jiran irratti jabaataa dhufee jira.Godina Wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Haroo Limmuu keessatti Kaabineen barnootaa kan tahe Margaa Baayisaa Mokonnon barattoota Oromoo hidha abbayyaaf buusii buusuu qabdu,hin buustan taanaan bara dhufu hin galmooftan jechuun barattoota mana barumsaa keessatti yoommuu cinqu barattootni Oromoo mana barumsaa kanaa buusii uummatni Oromoo buusaa ture bakka deeme iyyuu ni gaafanna jechuun Adoolessa 1,2012 ergamaa Wayyaanee kana reebanii jiran.Mootummaan Wayyaanees reebamuu nama isheen gadduun barattoota Oromoo mana hidhaatti guuruuf oliif gadi fiigaa jiraachuun beekame. FDG haala kanaan jabaatees itti fufee akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.

Ummanni Oromoo Milishoota Wayyaanee Irratti Tarkaafii Fudhatu Itti Fufe

Aside

Adoolessa 2,2012 Ona Limmu

Adooleessaa 1,2012 Godina bahaa wallaaggaa Onaa Haroo Limmuutti tarkaanfiin mayyii fudhatame. Nama maqaan Musxafaa Yaasiin jedhamuu Abbaadhaan Oromoo Haadhaan Guraagee irraa Giddaa Ayyaanaatti kan dhalatee fi Godinaa wallaggaa Bahaa Onotaa garagaraa keessaattii Poolisii Ajajaa 50 ta’uu dhaan ilmaan Oromoo daraara kan turee, kessaattuu Onotaa akkaa Limmuu galiilaa fi Haroo limmuu kessaattii yeroo garaagaraattii ilmaan Oromoo dararaa kan ture, namoota innii dararaa ture keessaa Barsiisaa Damisoo Waaqwayyaa barsiisaa M/B Limmuu  Galiilaa sadarkaa 2ffaa kan turee dararama reebichaan irra gahame kana irraan kan ka’ee bara 2012 lubbuun isaa kan darbee fi ilmaan Oromoo Onotaa Wallaaggaa Bahaa keessaa deemuun dararuun kan beekamuu, poolisii Musxafaan yeroo ammaa kanaa Onaa Haroo limmuu Bakkaa Abbaa Mo’aa fi Yaasoo dangaa warraa Gumuuz irraattii ramadamee hojii uummataa basasuu fi sakkata’insaaf Abbaa Mo’aa fi Yaasoo gidduutti hojii diinummaa hojjeechaa utuu jiru, Adoolessaa 1,bara 2012 galgala Tarkaanfii maayyiin irree ummataan  irraatti fudhatameen adabame.

kana malees qabeenyaa Guddaa inni bakka Kamishii jedhamutti waliitti qabatee Suuqiin daldalaa isaa kan magaalaa Kamishii Onaa Yaasoo keessaatti argamu Gutumaatti Ibidaan Barbaadaa;ee, ummanni Oromoo roorroo jibbee ergamtoota diinaa irratti tarkaanfii laalessaa akkasii fudhataa jiru dhaamsa dabarsan keessatti  yaa ilmaan Oromoo diinaa jala fiigdani sabaa hin nyaatiinaa. Warrii lukkee diinaa ta’uun diinaa jala kaachuun uummataa dararaa jirtan yeroo gababaa keessatti gochaa diinummaa irraa of hin dhaabdaan yoo ta’ee tarkanfiin maayyii walfakkataan kan isiin eeggatuu ta’u akeekna jedhaniru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Biyya Alaa Keessatti Irreen Hawaasa Oromoo fi Ogaadeen Ergamtoota Wayyaanee Salphise

Video

Oduun Australia irraa marsaa Qeerroo dhaqabe akka addeessutti mootummaan Wayyaanee ergamtoota isaa biyya alaatti ergee akka reebsise addeessa.

Hawaasa Oromoo fi Ogaadeen mootummaa Wayyaanee irraa dheessanii biyya Australia mgaalaa Melboure qubatan adda adda qooduu fi maqaa investmentn jedhuun baqattoota biyyatti deebisuuf  ergamtoota isaa yeroo ergu Adoolessa 1,2012  salphinni guddaan  isaan hin eegiin magaala Melbourne jedhamu  keessatti akka isaan mudate gabaasi nu gahe addeessa.

Gootonni ilmaan Oromoo fi Ogaadeen akka kaanniisaatti  ergamtooti kun Hotel itti walgahii qopheefatani turanitti gurmuun deemuun  tokko tokkoo ergamtootaa fi kanneen jala deemtota isaanii ta’anii hawaasa keessa riphanii turan irratti reebichaan salphina  goonfachiisanii naannoo sanii arihuu fi walgahi isaa qopheefatanis Poolisa mootummaa Australian guutummaatti akka haqamu taasifamee jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.

Ergamtooti Wayyaaneen kanneen irree hawaasaan salphatanii arihaman keessaa gariin

  1. Judanadiin Saaddoo gaafatama ykn Minster Civil Service
  2. Abdulaziz Mohammad Itti aanaa President Caffee Wayyaaneen dhaabdee
  3. Markos Tekle Rik dhalootaan nama Sidaamaa kan ta’e ambassador Wayyaanee Japan
  4. Graham Romanes Consul General biyya Australia itti
  5. Fezel nama jedhamu  hawaasa Oromoo diiguu irratti biyya alaatti nama ramadame

Yeroo ta’an , Haala hiriirri sun itti turee fi TV channal 7 jedhamu kan biyya san keessaaa gabaase akka armaa gadiitti argattu.