Wallagga,Magaalaa Naqamtee Keessatti Tika Wayyaanee Beekamaa Mitikkuu Araayaa Jedhamu Irratti Tarkaanfiin Fudhatame.

Aside

Adoolessa 31,2012 Laqamte

Godina Wallaggaa Onoota gara garaa kan akka Jimmaa Arjoo ,Baddaallee, Arjoo Guddaattuu, Neqamtee gidduu deemuun irratti gaafatama tikaa qabaatee yeroo dheeraaf sabboontota Oromoo hiraarsuun kan beekamee fi Oromoo hidhuu fi dararuu irratti qooda guddaa nama qabu tika Wayyaanee beekamaa Mitikkuu Aaariyaa jedhamu irraatti humni addaa Adoolessa 30,2012 galgala sa’aa 7:30 wb irratti tarkaanfii maayyii irratti fudhate.
Ummanni magaalaa Naqamtee tarkaanfii kanatti hedduu gammaduun lukkeelee kaaniifs barnoota ta’ee dhiiga Oromootti taphachuu irraa akka dhaabataniif akeekachiisa jalqabaa akka ta’u himaa jiru.
Qabsoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Oromooti 12 Yaada Ummataa Jijjirtanii Fincila Nurratti Kaasifatan Jechuun Magaalaa Jimmaatti Hidhaman.Ummanni Humnaan Hiriira Bahee Wayyaanee akka Deggeru Dirqames Hiriiricha Mormii Wayyaaneen Ibsate

Aside

Adoolessa 31,2012 Jimma
Godinaa Jimmaa Magaalaa Jimmaatti Mootummaan Wayyaanee Adoolessaa 30/2012 ummaataa hordoftotaa Muslimaa ta’an Humnaa Poolisaa fi humna hidhatootaattin Fayyaadamuun ummataa humnaan dirquun akkaa hiriraa bahanii sochii hawaasaa Muslimaa Finfinnee mormaan godhee irraattii ummaannii humnaan bahee deebisee Mootummaa Wayyaanee balalleffaachuun mirgii amantaa keenyaa nuf haa kabajamuu, hoggaantoonnii Amantaa Muslimaa Finfinnee Haa Hiikaman, Maneen sagadaa keenyaa Finfinnee irraa Cufaman haa banamaan jechuun sagalee Mormii dhageesisaan.
Mootummaan Wayyaanee Daldaltotaa irraattii illee Suuqii fi manneen nagadaa humnaan cufuun humna waraanattii fayyaadamee uummataa hiriiraa baasee qaanii guddaan isaa Mudate, haala kanatti rifachuun Mootummaan Wayyaanee Oromotaa nagaa namotaa 12 yaadaa Ummaataa jijjirtaan jechuun qabee mana hidhaa Waajjira pooliisii Magaalaa Jimmaatti darbataman,keessaa maqaan
1.Huseen Mohaamed,
2, Hasaan Abbaa Guddaa
3, Kaliid Abbaa Tamaam
4,Abdallaa Abbaa Biyyaa
5, Abbaa Magaal Abbaa Foggii,
6, Tolaa Abbaa Biyya
kanneen jedhammanii fi namni 6 biroo Mootummaan Wayyaanee Mana Hidhaatti darbatatee kan jiru ta’uun gabaafame.
Haala kana keessa barruuleen warraaqsaa Oromoo kan Qeerroon faca’u baldhinaan naannichatti faca’uun loltooti Wayyaanee fi poolisooti lukkeelee waan qabanii dhiisan wallaluun ummata nagaa jeeqaa turan.
Gama biraan naannoo kana irraa osoo hin fagaagaatiin mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kanaa waan qabee gadhiisuu dhabuu irraan kan ka’ee, Qabsoo ummatotaa gara dabarsuuf jechaa, hordoftotaa amantaa Muslimaa irraattii karaa Radio fi TV isaa maqaa shororkessitummaan ololaa maqaa balleessii ofaa jira, haalumaa Kanaan Adooleessaa 28/2012 Godinaa Jimmaa magaalaa Jimmaa, Aanaawwaan akkaa Sokorruu, Qarsaa, Deedoo, Shabee, Gaatiraa,Geeraa, Gummaa, Sarboo fi Aggaaroo fa’aa irraatti Uummaataan “hiriira nagaa bahaatii shororkeesitotaa maqaa amantaa Muslimaatiin maagaalaa Finfinnee keessaattii hookkara kaasani biyyaa jeeqaa jiraan balalleffaadhaa”, amantaan keessaan baduuf jiraa jedhee Ummaataa humnaan akka hiriiraa bahanii mormaan yaalii godhullee ummaannii diddaa cimaan jalaa dhabbaatee, kan sarbamee jiruu mirgaa keenyaa, hiriiraa malii banaa, ammaa fi ammatti hidhamtonni Muslimaa fi Oromoonni mirga Oromummaaf jecha yeroo adda addaatti hidhaman haa hiikaaman, Hawaaliyaan seeraan alaa Cufaamee haa banamuu, sochii Finfinnee keessatti mirga amantii fi namoomaaf deemsifamaa jiru nuti ni deeggaarraa malee hin balaalleeffaannu,mirgii keenyaa haa kabajamuu jechuu ololaa wayyaanee fi akeekaa ishee fashaleessaan.

Ummanni Aanaa Jaardagaa Diddaa Jabeessuun Walgahii Waraanni Wayyaanee Yaame Lagate

Aside

Adoolessa 31,2012 Jaarte

Mootummaan Wayyaanee Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee Ganda Jaarroo Siree keessatti waraanni ABO seenee jira sababa jedhuun duula guddaa naannichatti bahe. Akka kanaan Adoolessa 28/2012 irraa kaasee Waraanni Wayyaanee TPLF hedduumminaan gara ganda kanaatti bobba’uun uummataan isin ABO beektu,WBO isintu nyaachisa jechuun doorsisuu irratti jalqabanii jiran.
Haalli kun hammaatee wal gahii uummataa guyyaa kana Cirracha Bakakkaatti godhuuf yaalaniinis uummatni kan dide yoommuu tahu,Kanneen wal gahii bahanis Hojii misoomaa irra waan jirruuf fuuldura olola mataa keessaniif nu hin waamiinaa jechuun wal gahii diiganii jiran.Diddaa uummataa jabaachaa dhufeen Mootummaan Wayyaanee dhiphuu keessa seenuun magaala Aliiboo keessatti wal gahii yeroodhaa yerootti gaggeessuun qorannoo Seelii diinaa jedhuun uummata rakkisuu irratti argamu.
Qeerroon naannoo kanaa hojii dhabdummaa,hanqinni tajaajilawwan hawaasaa,hidhaa fi kanneen biroon jabaachaa waan dhufaniif uummatni akka waliin ka’uun mirga isaa falmatu dhaammatanii jiru.Yeroo darbe keessattis uummatni aanaa kanaa hedduumminaan hiriira bahuun gaaffii mirgaa kan gaafatanii fi Alaabaa ABO ol kaasuun isaanii ni yaadatama.