Hogganooti Mana Murtii Waliigala Oromiyaa lama aangoo irraa kaafaman; gabaasaan isaanii garuu raggaasifame!

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 29 Adoolessa 2012) Caffee Oromiyaa jedhamee kan moggaafame, manni marii ummata Wayyaanee hagganoota mana murtii waliigala Oromiyaa lama gabaasaa isaanii erga fudhatee booda aangoo irraa kaasuun gabaasame.Ob Taaddalaa Nagishoo, hogganaan man murtii waliigala Oromiyaa fi itti aanaan isaanii Ob Se’id Jundii aangoo irraa kaafamanii bakka isaanii immoo ergamtooti biroo lama buufamuun beekamee jira.
Yeroo dheeraaf sirna wayyaaneef ergamaa kan turan ilmaan Oromoo kunneen lamaan maaliif aangoo irraa akka kaafaman waanti ibsame hin jiru.
Yeroo aangoo irraa kaafamanis waanti ifatti dubbatame akka hin jirre maddeen Qeerroo gabaasanii jiru.
Biyyi Itoophiyaa Oromoof mana hidhaa ta’uun ifatti yeroo beekama ajiru kanatti kanneen ergattummaa filatanii sirna Wayyaaneef ergaman marti yeroo dhimma saba isaaniif quuqamuu fi naatoo agarsiisanitti akka malee darbamaa turuun seenaa yeroo dhiyoo ti.

Walitti bu’insi Poolisoota naannoo fi kan Feederaala Wayyaanee jidduutti ta’een gara lachuu irraa 5 haalaan madaayan. humni addaa ABOs haleellaa jabeesse.

Aside

Adoolessa 29,2012 Naqamte

Adoolessaa 27,2012  Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onaa Diggaa Saasiggaattii Tarkaanfiin mayyii jabaate poolisotaa nannoo dabalachaa jira. Onaa kanaattii tarkaanfii humna addaan diina irratti fudhatame  Adoolessaa 27,2012 ganamaa qondaalota Wayyaanee konkolaataa bulchinsaa Go/Bahaa Wallaaggan fe’amanii  gara Diggaa Saasiggaatti seenaa jiran irratti haxxee hidhuun haleellaa taasifameen shofeerri konkolaatichaa harka rukutamuun kanneen hafan waardiyyoota isaanii waliin dhukaasa jajjabaa banuun lubbuuf bagaqatnii naannoo san irraa dheessan.

Haala kanatti kan rifatee fi aare mootummaan Wayyaanee Adooleessaa 27,2012 galgalaa humnaa addaatu biyya seene sababa jedhuun poolisoota feederaalaa dabalatee gara gara Onaa Diggaa Saasiggaattii  konkolaalataa barreeffaama”Federal Police”jedhuu qabduun utuu  fiigaa jiraani humnii addaa riqichaa daandii konkolataa Diggaattii seensisuu bakkaa Stiggee jedhamuun beekamuu magaalaa Neqemtee irraa 12km fagaatee kan argamuu jala riphee eggaachuun haleellaa deemsiseen, konkolaataan sun ariitiin waan fiigaa jirtuuf argachuu hin dandeenyee ture.

Haleellaa kanatti daran rfachuun poolisonnii nannoo kan Onaa Diggaa Saasiggaa maltu nuti dhufee jechuun rifatanii meeshaa waraanaa isaanii fudhatanii dirmachuuf akkumaa qophaanii bahanittii waan isaan hin eegnee isaan mudatee, haalumaa kanaan Polisonnii Federaalaa isiin biyyaa maal eegaa jirtuu isinituu biyyaa jeeqaa, karaatti ABO nu eggaachiiftaanii(nu jala keessaanii) ofii magaalaa keessaa boontuu jechuun waliittii bu’insii cimaan gidduu poolisotaa nannoo fi fedeeraalaattii dhalatee, hanganumaan rasasaa wal irraattii xaaxessuun dhufee, dhukaasaa garee poolisotaa lamaan irraa godhamuun uummaannii akkaa malee jeeqame, Pooliisonnii nannoos walitti bu’iinsa klanaan namni lama

1. Caalaa Fiqaaduu fi

2. Amaanu”eel Dasaalenyi

Akka malee madaa’anii Hosptala Naqamteetti ergaman.

Poolisoonni Federaalaa namonnii 3 akka malee madaa’anii dhiigaa coccobsaa konkolaatattii fee’amuu namoonnii ijaan argaan ajaa’ibsifatanii jiru. maqaan poolisotaa federaalaa kanaa yeroof argachuu hin dandeenye.

Godina Baalee Ona Adaabbaa Keessatti Lukkeen Wayyaanee 3 Irree Ummataan Adabaman.

Aside

Adoolessa 29,2012 Adaabbaa
Gabaasi Qerroo Godina Baalee, Ona Adaabbaa irraa akka addeessuun guyyaa Adoolessa 27 mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana shakkii hordoftoota amantaa musiliimaatiin wal qabsiisee, uummata amantaa musiliimaa qabban kanneen  Ona Adaabbaa jirtaatan sa’a sagadaa eegee sakatta’iinsa masgiida ona Adaabbaa keessatti argamu keessa mootummaan Wayyaanee tikoota isaa galchee sakatta’iinsa akka godhe gabaasaa qeerroon ona sanii irraa addeessa.

Sababa kanaaf uummanis diddaa fi gaaffii mirgaa duraanuu qabu akka qabatu ta’ee gamtaan ka’ee sagalee diddaa isaa dhageessisaa ooluun Qeerroon gabaasa.

Kanumaan uummataa fi tikoota Wayyaanee gidduutti waaree booda naannoo sa’a 3:00 irratti walitti bu’iinsi cimaan akka uumamee jiru gabaasaan addeessa. Tikoota Wayyaanee keessaas irree uummataa fi barattootaan magaalaa Ona Adaabbaa keessatti reebamuudhaan tikni Wayyaanee sadi gara malee miidhamuun gabaafame.

Haala kanaan lukkeeleen Wayyaanee :-

1.Saamu’eel Dibaabaa -Poolisii Oromiaa

2.Geetachoo Tefarra -Milishaa Ona Adaabbaa

3.Caalaa  Warquu -Poolisii Oromiyaa

Kanneen jedhaman uummataa fi barattootaan tarkaanfii adabbii irratti fudhatamee jiraachuun beekame. Kanuma waliin Poolisoonni kanneen miidhaan xixiqqaa irra immoo poolisoota 12 akka ta’e gabaasaan isaa addeessee jira.

Qabsoon itti fufa!! Bilisummaan ni dhufa!!