Daily Archives: July 27, 2012
Dargaggooti Sidaamaa fincilan; poolisoota wayyaanee 20 irraa hidhannoo hiikkatan!
Aside
| (Qeeroo,Awaasaa, 27 Adoolessa 2012)Bittaa fi cunqursaa mootummaa Wayyaanee jalatti miidhaa fi roorroon kan itti baay’ate dargaggooti Sidaamaa fincila kaasanii humnootaa fi ergamtoota wayyaanee irratti tarkaanfiilee jajjabduu akka fudhatan beekame. Gabaasaa Godina Sidaamaa,Ona Wandoo Gannat,ganda Gugguna Kellaa jedhamu irraa nu dhaqqabe akka addeessutti guyyaa 4 dura;jechuun Adoolessa 23 irraa kaasee dargaggoonni godina saniii 5000 ol gurmaa’uudhaan diddaa isaanii babal’isaa jiran. Dargaggooti kunneen diddaa gaggeessan keessatti dhaadannoo fi kaayyoo ibsatan keessatti ;”Sidaamaan keenya,magaalan Hawaasaas keenya, lammiin biroon presedantii nurratti ta’uu hin danda’u,nuti uummanni hammana baayyannu, uummata miliyoona 6 utuu qabnuu lammiin biroon nun bitu,mirgi uummata keenyaa kabajamuu qaba, yeroo dheeraa of mul’isuu dhiisuun keenya lammii biroo of irratti goobsaa turre, kun nugaha!” jechuudhaan dargaggoonni godina sanaa diddaa isaanii mul’isanii jiru.Yeroo dargaggooti kunneen diddaa isaanii gaggeessanitti poolisooti wayyaanee diddaa san qabbaneessuufi to’annaa jala oolchuuf bobba’anis, dargaggooti kunneen poolisoota wayyaanee irraa Kilaashii 20 fuudhanii poolisoota kana reebuudhaan garmalee madeessanii akka jiran, Qeerroon gabaasee jira. Humni mootummaa garuu diddaa dargaggootaa kana gara dabsuun manneen ummataa 50 olitti ibidda qabsiisanii akka gubanii jiran Qeerroon Godina sanaa gabaasee jira. Dargaggppti kunneen aarii kana irraa ka’uudhaan konkolaataa mootummaa caccabsanii hojiin ala godhanii akka jiran,akkasuma caasaa mootummaa wayyaanee keessaa nama 30 ol uummannii fi dargagoonni akka reeban, caasaa kana keessaas namni 6 garmalee mada’ee du’aa fi jireenya giddduu akka jiru gabaasaan addeessa. Haaluma walfakkaatuun Moyaalee irratti jeequmsi guddaan akka jiru Qeerroon godina Booranaa jiru gabaasee jira. Akka gabaasa Qeerrootti wayyaaneen beekaa ummata walitti buusaa jirti. Shira wayyaaneen qabsiiste kaanis namooti 15 akka du’an, akkasuma namoonni 50 akka madaa’anii jiran beekamee jira. Qabsoon itti fufa!!! I.U.Of!! |
Odeessa Raadiyoolee
Aside
Raadiyoo Simbirtuu Adoolessa 26,2012
Oromo – Seife Nebelbal Radio Program, July 27, 2012
Declaration:The Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy
Aside
Declaration
The Peoples’ Alliance for freedom and Democracy
(OLF, ONLF, SLF and some candidates of AFD)
The aforementioned peoples’ alliances of Ogaden Somalis, Oromo, Sidama and the new candidates of AFD:
After deliberating on the current situation in Ethiopia and carefully observing the level of struggle against the current regime and the apparent confusion created by the sudden disappearance of Meles Zenawi, the “strong man” ruling Ethiopia for the past twenty one years;
Being apprehensive of the current regimes attempts to delude the peoples in Ethiopia regarding Zenawi’s fate and their attempt to maintain the status quo in order to continue their ruthless suppression of all peoples in Ethiopia; Read More :Ibsa AFD 25 07 2012


