Adoolessa 25,2012 Amuruu
Godina Horroo Guduruu Wallagaa Onaa Hammuruuttii polisonni qajeelfamaa karaa hoggaantotaa isaanii mootummaa Wayyaanee irraa isaan dhaqabe mormuun fincilaa diddaa garbummaa egalaan.
Adoolessaa 23,2012 poolisoota Onaa Ammuuruuf walgahiin taasifame irratti poolisoonnii fi bulchitoonni naannichaa dirqama karaa mootummaa itti kenname ifatti bahaa akka hin jirree fi kan mootummaan itti kennu waan akka ummata nagaa yakkanii hidhuu irratti waan hin bobbaaneef jecha ceephoon irratti bu’eef poolisoonni aanicha guutummaatti ceephoo karaa aangawoota mootummaa isaan irratti bu’e akka hin fudhanne ibsan.
Aangawoonni mootummaa gara magaala Amuruu deemuun qeeqa ykn ceephoo Poolisoota naannoo irratti dhiheessaniif yeroo poolisoonni naannichaa deebii kennan
• Nuti hojiin keenya poolisii dha, hojiin poolisaa ammoo yakkaa uummataa irraa ittiisuu dhaa, isiin garuu Ummataa keessaa humna addaatu jiraa dhaqaa sakkatta’aa jettaanii ummataa nu jeeqsisaa jirtuu, humni addaa WBO yoo naannicha jiraate sadarkaa duraatti humna ittis biyyaatu ittisa godha malee nuti poolisoonni hojii keenya miti.
• Karaa biraa ummanni osoo takkaa hin iyyatiin humna addaatu naannoo kanaa ummata goolaa jira jettu,garuu ummanni naannichaa takka dhufee waan kana poolisatti hin himanne isin maal irraa kaatanii ummanni goolamuu argitan?
• Nuti poolisoonni ummata keessa deemnee ummata hin jeeqnu,yoo ummanni ani rakkadhe na dhaqabaa jedhee iyyate ummata gargaarra malee callifnee goolii uumuun namoota nagaa hiraarsuuf hin eeyyamnu.
• Ummanni humni addaa nu rakkisaa jira hin jenne,mootummaan maaliif rakkatee waan ummanni hin iyyatiin bakka biraa irraa dhufee naannicha jeeqaa?
Fi kkf jechuun sagalee mormii guddaa dhageessisaa akka turanii fi diddaa kanaan akka itti fufan erga himatanii booda galma walgahichaa gutummaatti dhiitanii bahanii jiru.
Haala kanatti kan rifate mootummaan Wayyaanee Adooleessa 24,2012 waraanaa isaa mooraa leenjii waraanaa Buree irraa konkolaataa Oraalii 3 itti fe’ee ona Kiiramuu irra Qubachiisee akka jiru gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa. Umanni naannichaas eda galgala qubachuu waraana Wayyaanee kanaa mormuun iyyannaa isaa gadoota naannichaatti dabarfachaa akka jiran beekame.

