New Video: Muslims continue their strong demonstration against the Ethiopian government.

Aside

(Qeerroo , Finfinnee, 14 July 2012) The tension between the ruling Woyanne junta in Ethiopia and the Muslim community turned violent once again when Federal police opened fire on unarmed civilians  in Addis Ababa.

According to Qeerroo Bilisummaa reporter, the Woyanne Federal police forcibly  entered Awolia Mosque and arrested some individuals. Following that arrest, people came out to  the streets facing live bullets.

According to our sources Muslim leaders are appealing to the worshipers to take shelter. Finfinnee is partially thrown into chaos and darkness when power blackout hit the capital and a burst of gunfire at mosques broke the silence of the night. Police have used teargas and many people have been admitted to hospitals.

Millions of Ethiopian Muslims have been peacefully demanding for nearly one year that the government remove the un-elected Majlis (governing council) as well as stop the state-sponsored imposition of a new Lebanon-imported religion called Ahbash

According to different media sources, the the Federal police opened fire when the worshipers tried to reach the Awolia Mosque in Merkato that was blocked off this morning. Federal Police is being overpowered by the large crowed and started to retreat.

 

Qeerroon Godina Jimmaa diddaa hawaasa musiliimaa akka deeggaran ibsan; tokkummaanis sirna wayyaanee irratti akka ka’amu dhaaman!!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 14 Adoolessa 2012) Warraaqsi mirga amantii kabachiifachuuf hawaasa Musiliimaatiin adeemsisamaa jiru qaama qabsoo Bilisummaa fi namoomaa waan ta’eef diddaa fi fincila sirna Wayyaanee irratti gaggeeffamaa jiru karaa hundaan kan deeggaran ta’uu Qeerroon godina Jimmaa keessa socho’an beeksisan.
Qeerroon Oromiyaas bakka jiranitti sochii ummataa kana cina hiriiruun akka umurii abbaa irree dhabamsiisuu keessatti qooda isaanii bahatan waamichi darbee jira.
Haala yeroo ammaa biyyattii keessatti adeemaa jiru qorachuun waamicha kan dhiyeessan Qeerroon godina Jimmaa, dhimma amantii kanaan dahatamee balaa fi gaaga’ama ga’u kamiifuu kan itti gaafatamu sirna Wayyaanee loogii sanyummaa fi amantii gaggeessu ta’uu illee dabalanii beeksisanaii jiru.
Guutummaan Waamichaa Qeerroo Godinaa Jimmaas kan armaan gadii ti!
Waamichaa Qeerroo Godinaa Jimmaa
Haala Yeroo ammaa kanatti biyya keenya keessatti adeemaa jiru gamaggamuun Qeerroo Bilisummaa godina Jimmaa keessa socho’u waamicha kanaa gadii baasee jira. Qeeroon waamicha kana yeroo dabarsu, dhimma amantii keessa galuuf otuu hin taane, diddaa fi fincila ummataaf kabajaa qabu ibsuu fi sirna nama nyaataa Wayyaanee buqqisuu keessatti gahee sagaleen ummataa qabu hubachuun ta’uu dursee ni hubachiisa.
Haala kanaan diddaa fi fincila adeemaa jiruu fi sochii hordoftonnii amantaa musilimaa gochaa jiraan Qeerroon ni deeggaraa;cinaas ni hiriira.
Kana malees Qeerroon:
1. Mirga amantii hundaa dhiibbaa mootummaa abbaa irree jalaa walaabaa ta’ee akka ijaaramu ni deeggarra.
2. Amantaan amantaadhaa malee mootummaa miti; Dimokiraasii dhugaan uummataa biyyattii hundaaf dhugoomuu qaba.
3. Mirgi namommaa fi dimokiraasii kabaajamuu qaba.
4. Hidhamtonnii siyaasaa biyyaattii hatattamaan hiikamuu qaban.
5. Goolii Paarlaamaa saba bicuu Tigiraay qofaa irraa ijaaramee mirga lammiilee sarbaa jiruu atattamaan diigamuu qaba.
6. Humni poolisii fi humni waraanaa gartuu siyyaasaa irraa bilisaa ta’ee mirgaa lammiilee kabachiisuu irraatti xiyyeeffachuu qaba; yoo
kanaa ta’uu baatee mootummaa abbaa irree wayyaanee waajjiin kan baduu waan ta’eef kanaa ilaalchaa keessaa galchuu qaban.
Kanaaf, FDG’n jabaatee yoo itti fufee abbotii irree aangoo irrattii ciccaa jiraan aangoo irraa ariinee Ummaanni Mootummaa Dimokiraatawaa akka hundeeffatu waamicha keenya ni dabarsina.
7. Qeerroowwaan Gutummaa Oromiyaa keessaa fi alaa jirtaan yeroo kanaatti bakka jirruu tokkuummaadhaan FDG bifotaa garaagaraan
qabsifamee jiruu keessaattii hirmaachuun umrii abbaa irree haa gabaabsinu!!
-Tokkummaan haa kaanuu.
– Ummataa Oromoo hundaaf,
– Sabaa fi sab-lammotaa biyyaattii hundaaf.,
– Humnaa poolisaa biyyaattii hundaaf,
– Humnaa ittisaa\raayyaa waraanaa\biyyaattii hundaaf,
Injifannoon U/Oromoof.
Gadaan gadaa Bilisumaati
Adooleessaa 14/2012 ,Qeerroo Godina Jimmaa

Godina Wallaggaa Bahaa Onaa Haaroo Lammuu Bakkaa Yaasoo Jedhamutti Konkolaataan Waraana Wayyaanee tokko Barbadaaye

Aside

Adoolessa 14,2012 Giddaa Ayyaanaa
Adoolessaa 13/2012 guyyaa guyyaa keessaa sa’atii 9:00 irrattii Bakkaa Yaasoo jedhamutti konkolaataan waranaa Wayyaanee fe’ee kan deemuu tokko gubate, sababaa Humna Addaa WBO sakkatta’uuf jedhuun kan bobba’e waraanni Wayyaanee naannoo Yaasoo akka gahaniin konkolataa dhaabanii nyaata laaqanaaf jecha konkolaataa irraa harca’anii akka deemaniin Humni Addaa godina Dhihaa Oromiyaa keessaa Socho’aa jiruu, konkolaataa waraanaa Wayyaanee dhabattee jirtuttii Ibiddaa itti qabsiisuun konkolaaticha gutummatti kan barbadaaye ta’uun gabaafame, waraannii Wayyaanee haala kanaa wareeruun dhukaasaa of irraatti dhukaasaa ture, namaa sammuun isaa dhukkubuu/maraataa/kan ta’ee nama maqaan Amanuu Badhaasoo jedhamuun situu gubee jechuun rasasaa lamaan millaa jalaa rukkuchuun qabanii fuudhanii deemuun gabaafamera.

Gama biraan Adooleessaa 10/2012 Godina wallaggaa Bahaa Onaa Heebantuu magaala Qeelloo bakka kuufama meeshaa waraana Wayyaanee dhoksaa kan ta’e irraatti tarkanfiin fudhatameen meeshaan sadii tonnaa humna addaa jala ooluu gabaafame .

Waraanni Wayyaanee Daa’imman Oromoo dirqiin gudeedaa jiraachuun gabaafame

Aside

Adoolessa 14,2012 Naqamte
Godina Wallaggaa bahaa Magaala Qeelloo keessatti waraanni mootummaa Wayyaanee uummata Oromoo Meeshaa waraanaa qabdu jechuun sakatta’insa irratti bobba’ee diddaa ummataan kan abdii kutataa jiruu fi haleellaan adda addaa irratti fudhatamaa jiru abdii kutannaa irraan ganda ummataa keeessa deemee shamarran Oromoo umriin isaanii hin geenyee fi maanguddoota abbaa manaa irraa hidhuun dirqiin gudeedaa akka jiru gabaafame. Gabaasi akka nu gahetti hanga ammaa magaala kana keessatti Shamarran Oromoo
1. Tujubee Amanuu shamarree umrii 15
2. Lalisee Gammachuu shamarree umrii 13
3. Aadde Daadhituu Wayyeessaa abbaa manaa ishii irraa hidhuun
Kanneen jedhaman yeroo ta’u, waraanni Wayyaanee kun ilmaan Oromoo irratti daba dalagaa jiran dhaabsisuuf Oromoonni bakka hundaa lammummaan itti dhagahamu sagalee isaa akka dhageessisu Qeerroon naannoo kanaa dhaammata.

Dargaggoo Hundumaa Bantii

Dargaggoo Hundumaa Bantii

Gama biraan Oromiyaa keessatti diddaa adeemsifamaa jiruun mootummaan Wayyaanee hedduu kan sodaate sabboontota Oromoo mana hidhaatti guuraa jira.Magaala Finfinnee Buraayyuu keessatti dhaabbata Mit-mootummaa ijoollee guddisan keessaa kan hojjetu Dargaggoo Hundumaa Bantii jedhamu qabuun mana hidhaa Maa’ikelaawwiitti ukkaamsan darbanii jiru.Hidhaa fi ajjeechaan Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru yoomuu ilmaan Oromoo gaaffii mirgaa irraa duuba akka hin deebisne kan wallaale mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo maqaa Qeerroon yakkee hidhuu itti fufee jira.Qeerroon Biyyattii keessatti gaaffii mirgaa hanga maayiitti gaafachuu irraa duuba akka hin deebine mootummaan Wayyaanee beekuu akka qabus bakkoota adda addaatti beeksisanii jiru.

ODUU AMMEE:Finfinneetti Mormiin Ummataa Deebi’e Dhowe!Qeerroonis ummati gamtaan akka fincilu dhaame!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, Adoolessaa 14,2012) Hawaasti Musiliimaa Magaalaa Finfinnee naannoo Masgidaa Anuwaar fi Awaliyaatti Dilbata kaleessaa, Adoolessa 13, 20012 hiriiraa mormii guddaa dhageesisan; namooti hedduus to’annaa jala oolan.

Wayitaa walgahiin Afrikaa Magaalaa Finfinnee keessaatti egaalame jirutti uummaanni Amantaa Musilimaa hordofaa jiruu sagalee mormii dhageesisaa jiraachuun haalli naannoo Finfinnee jiru hedduu akka dhiphuu keessa seenu godhee jira.

Akka gabaasaan keenya bakka addaddaa irraa hubatetti, hordoftonni kun Motummaan Wayyaanee dhimmaa isa hin ilaallanne keessa seenuu mormanii jiru.

“Mootummaan dhimmaa amantaa keenyaa keessaa seenuun amantaa keenyaa digaa jira,” kan jedhan hordoftooti amantii Musiliimaa, mootummaan gochaa kanaa irraa akka of qusachuu qabu illee dhaamsa dabarsanii jiru.

Gaaffileen hawaasa kunneen leellifamaa jiranis, “Hoggantotaa Amantii keenyaa mootummaan maaliif nu filaa? Nutu filataa malee, ?jechuun amantaan keenyaa nuf haa kabajamuu,?” kan jedhan mormitooti kunneen, ” hoggantoti, bilisa ta’an akka seeraa amantaa keenyaatti nutu filata malee warraa mootummaan nuuf filatu hin fudhannu,” jedhanii jiru.

Hirriira kana irratti mormiin dhagayamaa jirus, “hoggantotaa mataa keenyaa ofii keenyaan ni filannaa, mirgi amantaa keenyaa kabajamuu qaba, mirgi keenyaa kabajauu qaba,” fi kkf  ta’uun hubatamee jira.

Hoggaantonnii duraanii namoonnii lamaa humnaa tikaa wayyaaneetiin qabamanii, sochii uummataa sodaachuun battalumatti gadi gadhiisan.

Kun kanaan Otuu jiruu, Qeerroon Bilisummaa dhaamsa dabarseen sochii fi warraaqsa ummata daran jabeessuuf fincila hawaasti amantii Musiliimaa hordofan qabsiisaa jiran cina hiriiranii akka mormii fi sagalee isaanii dhageessisan hubachiisee jira.

Mormii magaalaa Finfinnee fi naannoo ishiitti halkan edaa eegalame keessattis qeerroon qooda fudhachaa akka jiran kan hubachiise gabaasaan Qeerroo, bakka addaddaattis ummati walqabatee akka ka’u dhaamsa daddabarsaa jiru.

Mormii ummataan kan baarage mootummaan Wayyaanees, hidhattoota bakkaa bakkatti facaasuun waraana ummata kana waliin eegaluuf meeshota lolaa hidhachiisee, magaalaa Finfinnee keessa dirree lolaa fakkeessee jiraachuun isaa kan ifa ta’eedha.

Raafama aangoo gadi dhiisuu irra waan jiruuf diddaan qabates jabaatee kallattii adda addaa irraan waan eegalee jiruuf abdii kutannaa keessa galee jira.

Dubbiin karaa musiliimaa ka’aa jiru kunis daran jabaa akka ta’e Qeerroon hiriira kana musiliimota waliin ka’aa jirus dabalata gabaasee jira.

Dhukaasnis Uummata Musiliimaa irratti halkan kana akka eegale dhaamsi telefoonaan nu qaqqabaa jira.  Sodaan mootummichaas baayee itti jabaachaa dhufe.

Ummannis sodaan waraana wayyaanee kan itti dhaga’amu osoo hin taanee wal dadammaqsaa, hunduu wal duukaa akka ka’u godina garagaraattis waliif bilbiluudhaan hiriirri kun guutuu biyyattiittii akka qabatu taasifamaa jira.

Godina Baalee Aanaa Kokosa Wore Keessatti Basaasa TPLF Tokko Arraba Irraa Muran ,Sochiin Qeerroos Jabaate.

Aside

Adoolessa 14,2012 Kokosa
Gabaasaa godina Baalee Ona Kokosa Wore, magaalaa Aanaa kanaatti har’a Adoolessa 13,2012 barattoonni yuuniversity fi koollejjii irraa galan walitti dhufanii Qeerro jiraataa naannichaa waliin walgahii fi sosso’iinsa warraaqsaa gochaa akka jiran gabaafame.Sochii barattooti godhan kana keessatti tiki Wayyaanee nama OPDO ta’e sochii keessa ruuqatee ykn kaayyatee basaasisaa akka jiru Koreen Qeerroo godinichaa beeksisan .Nami barattoota keessa ta’ee Wayyaanee basaasu maqaan Nugusee Dhaabaa kan jedhamu kun barataa fayyaa yuuniversity Adaamaa,dame Asallaa kan ta’e yeroo ta’u sabbootota barattoota Oromoo kanneen warraaqsa bilisummaa Oromoof sosso’an jedhee bakka teessuma ykn walitti dhufeenya Qeerroo jala bu’ee waajjira Tikaa Wayyaaneetti saaxiluuf yoo deemu, humni hin beekamiin haala kanatti dammaqe dargaggoota Oromoo hammeenya diinaa irraa baraarsuuf jedha namticha basaasa ta’e kana irratti tarkaanfii fudhachuun akka barnoota warra kaaniif ta’uttis arraba isaa irraa muruun diinaaf akka hin basaasne akeekachiisa aayyiin irraan gahan.
Barataa gufuu qabsoo ta’e kanas harraba isaa keessa kutanii akka hin dubbanne, gochuu isaanii gabaasaan addeessu itti fufee Aanama kana keessatti erga gochi kun raawwatamee booda barattoonni waraqaa dhaadannoo “QABSOON ITTI FUFA,GABROONFATAAN NI KUFA” jedhu waraqaalee hedduu bifa alaabatiin barreeffame raabsanii akka jiran beekama. Barattoota waraqaa kana raabsanii fi tarkaanfii barataa kana irratti raawwatan qabuuf jecha har’a Adoollessa 13,2012 sa’a 8:00 am irraa kaasee jala deemtonni wayyaanee hordoffii cimaa fi sakattaa’insa naannicha irratti gochaa akka jirtu gabaasaan naannicha irraa nu gahe addeessa.

Wallagga Ona Anifilloo Keessatti FDG Jabaatee Itti Fufee Milishaan Gandaa Tokko Irree Ummataan Adabame.

Aside

Adoolessa 14,2012 Dambi Dolloo
Diddaan godina Qellem,Aanaa Anfilloo,Ganda Yatti jabaatee akka itti fufee jiru gabaasaalee Qeerroo jidduu kanaati haala kanaan namooti 13 maqaa sochii ABO qindeessitu jedhaman hanga har’aa mana hidhaa keessatti dararamaa jiru
Haala kanaan Adoolessa 12,2012 barattootni ganda Yattii keessaa daa’imman maatiin isaanii irraa mana hidhaa galan kanaaf gargaarsa gochaa akka oolan Qeerroon Anfilloo gabaasa. Daa’imman kunis kan maatii nama 4 nyaataa fi waan barbaachisuun itti dirmachuun isaanii gabaasaan addeessa., Waliif biramachuu fi tin’isuun kunis kan yeroo tokkoon dhaabbatu qofa osoo hin taanee itti fufiinsaan kan ta’uu qabu ta’uu ummanni waliif dhaame. Kana malees rakkoo mootummaan Wayyaanee qote bulaa naannoo sanii irraan gahaa jirutti dammaquudhaan fincila diddaa gabrummaa itti fufnee waliif furmaata ta’uun keenya kan itti fufu ta’uu isaa dargaggoonni gandichaa waadaa waliif seenuun gabaafama.
Kana malee waraana Wayyaanee ummata keessa fiduu fi ummata saaxilee kan hiisisaa ture milishaa gandichaa kan ta’e nama Katamaa Faradee jedhu irratti humni hin beekamiin tarkaanfii maayyii irratti fudhate bakki itti tarkaanfiin kun ta’e zoonii WBO ykn lafa sitrateejii WBOn qabatee yeroo dheeraaf keessa ture gaara “AAWUNJI” jedhamu keessatti akka ta’e gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.

 

Qeerroon Gondina Booranaa Ejjennoo Fudhatan. Barattooti Lamas Hidhaman.

Aside

Adoolessa 14,2012 Yaabelloo
Gabaasaan Qeerroo Godina Boorana Aanaa Yaa’aaballoo ganda Suruphaa jedhamtu keessa akka nu dhaqabetti Adoolessa 11,2012 barattootni Oromoo Yuniversity lee adda addaa irraa boqonnaaf galan Qeerroolee godincha keessa bobba’an waliin walitti dhufuun wal gayii adeemsifatan. Walgahii adeemisfatan keessatti ejjennoolee haala ittiin qabsoo bilisummaa Oromoo cimsanii fi ummata waliin harka wal qabatanii ba’aan gabrummaa nu gahe kan jedhuun akka sosso’an lafa kaayyatanii jiru. Karaa biraa guyyumma kana walgahii isaaniin booda bifa ayyaanaatiin wal qabsiisuun naannoo mana sagadaa naannichaatti wal qabsiisanii barattootni lakkoofsaan 650 ta’an gootota darban faarsaa ooluun milishoota Wayyaanee naannichatti ramadaman rifaasisaanii argaman. Kunis OPDO sirana TPLF tajaajilaa jiran hinaaffisuudhaan walgayiin kun sababa maalif akka godhame qorannaa gochuudhaaf barattoota nama lama, Teessoo Jiraataa fi Higgasuu Mooris kan jedhamani mana hidhaatti akka geeffaman beekame.
Walumaa galatti xiyyeeffannaan walgahii Qeerroo godina Booranaa dhimmoota qabsoo fi haala FDG irratti ibsootaa fi ijjennoo qeerrootti ergatanii akka jiran gabaasi isaanii beeksisa.

Oromo – Seife Nebelbal Radio Program, July 13, 2012

Video