Ajajaan Dhibbaa Yohanis G/Mesqel Dabalatee‏ Waraanni Wayyaanee 9 konkolaataa isaanii Waliin Dhabaman,

Aside

Adoolessa 13,2012 Naqamte
Adoolessa 11,2012 galgala, Godina wallaggaa bahaa aanaa Haroo Limmuu bakka Abbaa Mooyaa jedhamutti poolisootni federaalaa sakatta’insa meeshaa waraanaaf bobba’an 9 konkolaataa deemaa jiran waliin dhabaman. Diddaa naannoo kana keessatti adeemsifaa jiruun wal qabatee mootummaan Wayyaanee poolisoota federaalaa hedduumminaan naannoo kanatti kan bobbaase yoommuu tahu,Uummatni karaa konkolaataa irratti boolla qopheessuun poolisootni federaalaa 9 yeroosuma yoommuu du’an konkolaachisaan isaanii harki cite jira.Waraanni Wayyaanee TPLF bobba’e kun ajajaa dhibbaa Yohaannis G/Mesqel dhalata Tigraayiin durfamuun ilmaan Oromoo dararuu irratti kan bobba’e ture yoommuu tahu isa dabalatee poolisootni federaalaa bobba’an dhabanii jiran.
Mootummaan Wayyaanees tarkaanfii kanaan hedduu kan baarage yoommuu tahu waraana hedduumminaan ida’ee uummata doorsisaa fi dararuu jabeessaa jira.

Waraanni Wayyaanee Keellaa Eegan Irree Ummataan Reebaman

Aside

Adoolessa 13,2012 Finfinnee
Adoolessaa 11,2012 kellaa Magaalaa Finfinnee karaa kaabaa daandii gara Sandaafaatti baasuu bakkaa Laga Xaafoo jedhamuttii waraanni Wayyaanee kellaa cufee akka malee ummataa sakkata’insaan rakkisaa kan ture yeroo ta’u. Haalli kun hammaatee ummanni keellaa kana irratti qabamee yeroo dheeraaf waan achi ooleef jedha gaaffii dhiheessinaan namoota waraqaa eenyummaa hin qabne barbaadna sababaa jedhuun keellaan sun akka waraanaan cufame yeroo ibsan naoota dhalootaan Oromoo ta’anii waraqaa eenyummaa hin qabne keellicha irratti qabanii reebuu fi gara malee dararuun waan muldhateef jecha, ummaannii gochaa kanatti aruun waraanaa Wayyaanee kellaa eegaa jirtu kana gidduuttin walitti bu’insaa ka’een uummanni dhagaadhan warana Wayyaanee reebaan,
Haala kanaan Poolisonnii Wayyaanee namni lama dhagaan tumamanii gara malee kan miidhaman yeroo ta’u ummata keessaa ammoo namoota nagaa 5 qabanii mana hidhaa geessuun gabaafame.
Haalli kun didee itti fufe jennaan ummanni keellicha irraa cabsee gara barbaadutti akka darbe beekamee jira.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Jimma,Aanaa Aggaaroo Keessatti Ummanni Oromoo Maqaa Amantaan Goolii TPLF Uumaa Jiru Balaaleffatan

Aside

Adoolessa 13,2012 Jimma
Godina Jimmaa magaalaa Jimmaa, Aanaa Aggaaroo,Sokorruu, fi Geeraatti uummanni Oromoo Amantaa Musilimaa hordofaa jiru shiraa Amantii motummaan Wayyaanee xaxaa jiruu balaaleffaachaa jiraachuun ibsame,
Mootummaan Wayyaanee seera amantii ummata irratti tumuun Oromoon mirga amantii qabaatee amantii fedhe hordofuun mirga isaa ta’ee osoo jiruu Seeraa ofuumaa tumaanii ifumaa cabsaniin Oromoota amantaa fedhe hordofaa yeroo dheeraa jiraataa dhufe irratti seeraa fi akkaataa amantii nutti himuu irraan mootummaan amantii keenyaa diigaa fi mirga amantii keenyaa nu jalaa cabee jira. Maqaa mankararsaa fi ummanni musilimaa Jahadistii labsutti jira,jechuun jechotaa hiikaa isaa hin beekne nurraa kaa’ee itti nu balaaleffachaa jira waan ta’eef jechoota Oromoon hikkaa isaa hin beekneen biyya oromaa irraa harkfatee nagaa Oromoo fi mirga amantaa keenyaa akka nu hin dorkanne balaaleffanna jedhuun ummanni godina Jimmaa Aanaa Aggaaroo Adoolessa 12,2012 iyyatan.

Walaghiin Barsiisota Finfinneef Qondaalota TPLFn ta’e Bu’aa Tokkoon Malee Fashale

Adoolessa 13,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Akkuma beekame armaan dura haala walgahii barsiisota Finfinnee ilaalchisee qoondaalota Wayaaneen gaggeeffamaa jiru gabaasuun keenya ni yaadatama. Walagahiin qondaalota TPLf ol-aanoo ta’aniin gaggeefamu kun hanga Adoolessa 12,2012 itti itti mormii guutuun itti fufee waan tureef haalli kun gara mootummicha sodaachisuutti waan deemeef jecha walgahichi arrabsoo fi doorsisaan akka dhaabbatu ta’ee jira.
waraabbii   Walaghiin kun Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Qoophaayinaa;-Kaffitanyaa 12, Kookab Atsibaa fi Biran Guzoo bakka jedhamutti yeroo ta’u Qondaalotiin Wayyaanee bebbeekamoo fi hojii dabballummaa Wayyaanee keessatti kanneen beekamoo ta’an
1. Gebrahiwot Hagos-qondaala olaanaa kutaa magaalaa Yakkaa fi hogganaa dhimma nageenya naannoo;
2. Zelaalem Tesfaa-Hoogganaa dhimma ispoortii fi dargaggoota magaalaa Yakkaa;
3. Birhaanuu Damee-hoogganaa Aadaa fi Tuurizimii kutaa magaala yakka
Waraabbii 2  Barsiisotii fi qondaaloti Wayyaanee kun walgahii irratti walii galuu dhabnaan huma poolisaa fiduun galma walgahiichaatti marsanii yeroo dhaaban,barsiisota gaaffiilee mirgaa dursa kennanii kanneen gaafataniif deebiin keennamaa ture isin ergama ABO kanneen qabdanii fi warri sirna nafxanyaaf hawwii qabdan meeshota dhuka’oo kan akka Fanjii, Boombii,Kilaashii hin qabdan malee isin keessa miseensooni ABO akka jirtan sirriitti isin beekna, tarii meeshota kana tokkoon tokkoon keessan utuu mana keessan sakattaanee argachuu dandeenya, jechuudhaan aarii guddaa dhaan barsiisota kana harrabsaa akka oolan miseensotiin Qeerroon walgayii sana hirmaataa turan gabaasanii jiru.Walaghichis bu’aa tokko malee guutuutti fashale.
Suuraan walgahii kana irraa ka’e qulqulluu ta’uu baatus sagaleen haala walgahichaa waraabame dheeraa waan ta’eef hamma tokko kana waliin maxxansinee jirra. Waraabbii 3
Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Radio Simbirtuu, Adoolessa 12, 2012

Video