Anfillo Keessatti “Utuun Dhugaa Qabuu Diinaan Hin Dhaanamu” Jechuun Uummanni Tokkummaan Ka’anii Sabboontota Diina Harkaa Baasan

Aside

Adoolesssa 10,2012 Anfilloo

Diddaan Uummata Godina Qellem,Ona Anfilloo,Ganda Yettii jabaatee itti fufee jiraachuu gabaasaa Qeerroo yeroo darbee keessa ifa ta’ee jira,haalli FDG kun amma illee jabaatee itti fufuu  Qeerroon Anfilloo itti fufee gabaasa. Diddaan Uummataa kunis guyyaan xumura mana barumsaa ganda yatti –koonqii sanatti shakkiidhaan jala deemtotni mootummaa Wayyaanee sabboontota  sadii naannoo san irraa  mana hidhaa buusaniiakka jiran gabaasnee jirra. Namootni hidhaman kun Uummata biratti hedduu jaallatamoo fi kabajamoo akka turan uummanni ragaa baha, garuu mootummaan Wayyaanee  ummata naannoo sanii fi namoota kana hojii ABO qindeessuu fi FDG addatti dargaggoota Oromoon deemaa jiru nurratti qindeessaa kannneen jiran jara kana sababa jedhuun waan yakkeef jecha Uummanni gandicha ykn naannoo san jiraatu barattoota yeroo gannaa qe’eetti galan waliin wal gurmeessuun gaaffii namoonni kun maal akka balleessanii hidhaman? nuti balleessaa irratti argines hin qabnu,sabboonummaa fi Oromummaan ammoo biyya Oromiyaa irratti yakka ta’uu hin qabu, kanaaf  namoota kana yeroo gabaabaa keessatti gadi hin dhiistan taanan jeequmsa halkanii guyyaa, tarkaanfii garagaraa fudhachuutti  eegalla jechuun uummanni diddaa isaa mul’isuun qondaalota Wayyaaneen naannoo fi kanneen aanga’oo ta’anitti ifatti bahanii himachuun guyyaa Adoolessa 7, 2012  sa’a 1:30 irratti mana hidhaatii namoota kana gadi lakkiisiisanii jiru.

Ummanni Oromoo bakka cufaa Oromoota seeraan ala mootummaan Wayyaanee yakkee ykn hidhu mara callisee ilaaluu osoo hin taane gandoota sabboontoti keessatti hidhaman mara irraa Fincila Diddaa Gabrummaa gaggeessuun ilmaan isaa akka hidhaa irraa bilisa baafatuuf ummanni aanaa Yattii fakkeenya guddaa ta’anii jiru.

Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!

Oromiyaa Keessatti Diddaan Babal’ate.Hojjettootni Mootummaa Anaa Ejeree 6 Hojii Lakkisuun Diddaa Muldhisan.

Aside

Adoolessa 10,2012 Gabaasa Qeerroo Lixa Shawaa

Mootummmaan Wayyaanee aangootti erga bahee uummatni nagaan hin jiraanne,Hojjettootni mootummaas yeroodhaa gara yerootti maqaa qorannoon
rakkamaa turan har’as itti jiru.Godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree
keessatti hojjettootni dararaa mootummaa Wayyaanee fi ergamtoota Wayyaanee
yeroodhaa yerootti baachuu dadhaban hojii gad lakkisuuf dirqaman.Hojjettoonni kanneen kunis :-
1. Obbo Ajjamaa Maracii Waajjira qonnaatti abbaa adeemsa qabeenya
uumamaa aanaa Ejeree
2. Obbo Ittisaa Nagaasaa Hojjetaa Dirree Misooma aanaa
3. Obbo Malaakuu Girmaa Hojjetaa Dirree Misooma aanaa
4. Obbo Abarraa Guddataa Raawwataa hojii inspection
5. Obbo Boggaalee hojjetaa Misooma qonnaa
6. Obbo Dajanee gargaaraa waldhaansa beeyladaa
Yoommuu tahan Wayyaanee maqaa qorannoon rakkisuu irraan darbanii miindaa irraa waan kutaniif hojii gad lakkisanii hojii dhablummaan jiraachuuf dirqaman.

Aanaa Ejeree keessatti jala deemtotni mootummaa Wayyaanee waliin hidhachuun ilmaan Oromoo irratti darara geessisaa kannee turanii fi amma illee itti jiran
1.Girmaa Caakkaa Jiruu itti gaafatamaa waajjira qonnaa(OPDO)
2.Taammiruu Garramuu Zoodee jala deemaa Wayyaanee dhalootaan Guraagee
Kan tahan yoommuu tahu,hojii isaanii Oromoota dararuu fi garbummaa irratti garbummaa dabaluu waan ta’eef jarreen kanaaf ummanni nannoo gochaa isaanii kana irraa akka dhaabbatan akeekachiisa kenneefii jira.

Haaluma wal fakkaatuun aanaa Ada’aa Bargaa ganda Holonkoomii keessatti

darara jabaa irra geessisuun hojjetaa Fayyisaa Badhaadhaa hojjetaa
waldhaansa beeyladaa kan tahe ati Miseensa ABOti jechuun hojii irraa arii’anii jiran.Hojiin Misoomaa mootummaan Wayyaanee Uummata dhimma siyaasaa akka hin yaadneef bo’oo hojjechiisaa tures Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabarat keessatti diddaa biqilchuun uummatni hojiin mootummaa Wayyaaneen hojjetamu firii hin qabu jedhe.Qonnaan bulaan aanaa kanaas daballii gatii xaa’oo irratti diddaa qabsiisaa jira.Mootummaan Wayyaanees diddaa uummata keessatti jabaateen kan baarage tikaa fi dabballoota isaa hanga gandaatti gad raabsuuf dirqamee jira.

 

Amajjiin 2012 Sabboontota Oromoo baqattummaan biyya Tunisia jiran biratti akka ture.

Video