Biyya Alaa Keessatti Irreen Hawaasa Oromoo fi Ogaadeen Ergamtoota Wayyaanee Salphise

Video

Oduun Australia irraa marsaa Qeerroo dhaqabe akka addeessutti mootummaan Wayyaanee ergamtoota isaa biyya alaatti ergee akka reebsise addeessa.

Hawaasa Oromoo fi Ogaadeen mootummaa Wayyaanee irraa dheessanii biyya Australia mgaalaa Melboure qubatan adda adda qooduu fi maqaa investmentn jedhuun baqattoota biyyatti deebisuuf  ergamtoota isaa yeroo ergu Adoolessa 1,2012  salphinni guddaan  isaan hin eegiin magaala Melbourne jedhamu  keessatti akka isaan mudate gabaasi nu gahe addeessa.

Gootonni ilmaan Oromoo fi Ogaadeen akka kaanniisaatti  ergamtooti kun Hotel itti walgahii qopheefatani turanitti gurmuun deemuun  tokko tokkoo ergamtootaa fi kanneen jala deemtota isaanii ta’anii hawaasa keessa riphanii turan irratti reebichaan salphina  goonfachiisanii naannoo sanii arihuu fi walgahi isaa qopheefatanis Poolisa mootummaa Australian guutummaatti akka haqamu taasifamee jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.

Ergamtooti Wayyaaneen kanneen irree hawaasaan salphatanii arihaman keessaa gariin

  1. Judanadiin Saaddoo gaafatama ykn Minster Civil Service
  2. Abdulaziz Mohammad Itti aanaa President Caffee Wayyaaneen dhaabdee
  3. Markos Tekle Rik dhalootaan nama Sidaamaa kan ta’e ambassador Wayyaanee Japan
  4. Graham Romanes Consul General biyya Australia itti
  5. Fezel nama jedhamu  hawaasa Oromoo diiguu irratti biyya alaatti nama ramadame

Yeroo ta’an , Haala hiriirri sun itti turee fi TV channal 7 jedhamu kan biyya san keessaaa gabaase akka armaa gadiitti argattu.

http://youtu.be/Ia7anjrAtD4

Oromiyaa Keessatti Tarkaanfiin diina irratti fudhatamu daran Jabaachuun Ajajaan shantamaa(Saajin) Mohaammed Usmaan fi Ahamed(Waddoo) Usmaan irratti tarkaanfiin maayii fudhatame

Aside

Adoolessa 2,2012 Gabaasa Qeerroo Wallagga

Tarkaanfiin diinaa fi qabeenya diinaa irratti fudhatamu Oromiyaa keessatti daran jabaachaa dhufuun Godina Horroo Guduruu Wallaggaaa aanaa Amuruu magaala Amuruu keessatti jala deemaa mootummaa Wayyaanee yeroo dheeraa,amanamaa mootummaa Wayyaanee yeroo dheeraa kan tahe Poolisii Ajajaa shantamaa(Saajin) Mohaammed Usmaan jedhamu irratti Tarkaanfiin maayii fudhatame.Jala deemaan mootummaa Wayyaanee yeroo dheeraa Fincila diddaa Garbummaa 2006 magaala kana keessatti qabsiifame irratti barattoota oromoo rasaasaan rukkutaa kan turee fi waajjira Poolisii keessatti reebichaan dararaa kan ture dha.Kana malees ilmaan oromoo ragaa sobaan isin Miseensa ABO ti jechuun mana hidhaatti naqaa kan ture amanamaa mootummaa wayyaanee yeroo dheeraa kan tahe irraa ka’uun tarkaanfiin maayii irratti fudhatamee jira.Uummatni magaala Amuruu fi naannoo kanaa tarkaanfii kanaan hedduu kan gammadanii fi sirna awwaalchaa isaas lagatanii jiru.

Wwayyaanee dargaggoota Oromoo naannoo kanaa tarkaanfii kana kan raawwate isini jechuun qabuun dararuu jalqabanii jiran.Dargaggoo Oromoo Biqilaa Warquu ati keessa beekta baasi jechuun qabanii reebichaan dararuu irratti argamu.

Kana malees gaafa  Waxabajjii 28,2012 Godina wallaaggaa Bahaa Onaa Hammuruutti Tarkaanfiin keessaa deebii hin qabne lukkeelee diinaa namaa yeroo dheeraaf ummataa dararaa turee fi bara 2008 FDG baratota Oromoo keessaatti barataa Jireenyaa Raggaasaa Ajjeese poolisii Wayyaanee nama maqaan isaa Ahamed(Waddoo) Usmaan jedhaamuu irraatti tarkaanfiin maayyii fudhatame, poolisiin kun nanno jijiratee shira diinummaa dalagaa kan tureefi yeroo ammaa kanaa Onaa Hammuruuttii deebi’uun gochaa diinummaa dalagaa utuu jiruu tarkanfiin kun irree ummataan irratti fudhatame jira.

Godina kana keessatti uummatni diddaa daran kan jabesse yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee miseensota isaa yakkuun maqaa qorannoon rakkisuu jalqabe.

Mootummaan Wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun Hordoftoota amantaa Musliimaa Hidhaan dararaa jira

Aside

Adoolessa 2, 2012, Mootummaan wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Mattuu Kamisee fi Tuujjee keessatti namoota hidhuun hiraarsuu irratti argama.Aanaa Mattuu Kamisee keessatti Imaamni masgiida Kamisee Sheik Saaleh jedhaman mootummaa wayyaaneen qabamanii kan miidhaan garaa garaa irra gahaa jiru yoommuu tahu namootni gaaffii mirgaa mootummaan wayyaanee dhimma amantii keessa seenuu hin qabu jedhan mootummaa wayyaaneen ukkaamsamuu dararamuu irratti argamu.Aanaa kana Keessaa namootni hedduun mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti kan ukkaamsaman yoommuu tahu Obbo Zeenuu Abdallaa kanneen keessatti argamu.Diddaa jabaan mootummaa wayyaanee uummata irraa kan isa mudatee fi Uummatni wal gahii kan lagate yoommuu tahu mootummaan wayyaanee diddaa kana jala dhaabbachuuf waraanaa fi dabballoota hedduumminaan bobbaasuun uummata jeequu irratti argamti.Mootummaan wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun Arsii,Baalee fi Finfinnee keessatti uummata dararaa turuu fi itti jiraachuun isaas ni yaadatama.