RAB: PART2 – Exclusive Interview with the Chairman of the Oromo Liberation Front (OLF), J/ Daawud Ibsaa

Video

Wayyaanee TPLF dargaggoota Oromoo hojii dhaban gara Adda waraanaa Gowwoomsee geessuuf olii fi gadi kaachuun isaa milii dhabe.‏

Aside

Waxabajjii 24,2012 Finfinnee

Biyyattii keessatti diddaa mootummaa Wayyaaneetti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf mootummaan abbaa irree Wayyaanee dargaggoota gara Adda Waraanaa deemtu jechuun Godinaa Godinatti deemuun galmeessaa jira.Dargaggootni Oromoo Hojii dhabdummaan rakkachaa jiran Carraa Adda Waraanaa deemuuu hin didan jechuun akeeka kan godhate mootummaan abbaa irree dargaggoota Oromoo galmeessaa jira.Godina Iluu abbaa Booraa magaala Mattuu fi Magaala Jimmaatti maaliif akka galmeessan osoo hin himiin dargaggoota 300 ol kan galmeessan yoommuu tahu,Isin adda Waraanaa deemtanii dirqama hin baatan taanaan Maqaan keessan nu bira jira,Yoo bakka kanatti diddaan tokko dhalate,Itti gaafatamummaa kan fudhatu isini kanaaf deemuu qabdu jechuun doorsisaa dirqisiisaa jiru.Miindaa jabaan isinii kaffalama jechuun dargaggoota oromoo gowwoomsuu irratti argamu.Qeerroon naannoo kanaa shira mootummaa wayyaanee dursee hubachuun dargaggoota oromoo naannoo biraafis dhaammanna jedha.

Mootummaan Wayyaanee shira amantiilee gidduutti kalaqeen walitti bu’insi uumame hammaataa ta’aa jira

Aside

Waxabajjii 24,2012

Biyya Itoophiyaa jedhamtee waamamtu keessatti uummatni biyyattii keessaa gaafa nagaan oolee bule takkaa hin argine.Uummatni aadaa fi safuu fi amantiin wal danda’ee waliin jiraatu erga Mootummaan garboomsaa Wayyaanee gara Aangootti ba’ee wal waraanuu fi wal jibbinsaan akka jiraatu tooftaa aangoof gidduu isaaniitti waan uumameef uummatni amantiin wal danda’e baroota dhufaa darbaa dheeraaf jiraachaa ture yeroo ammaa kana gochaa fi shira Wayyaaneen ummatoota jidduutti uumaa jiruun  yeroodhaa yeroottii walitti bu’aa jira.Hordoftootni amantii Musliimaa fi Kiristaanaa Mootummaan Wayyaanee wal dhabde gidduu isaaniitti kalaqe irraan ka’uun Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Mattuu,Dhidheessaa fi Kamisee walitti bu’uun hordoftootni amantii lamaanii wal miidhuun gara Hospitaalaa akka seenan ta’ee jira.Mootummaan Wayyaanee walitti bu’insa kanaaf kan gammade yoommuu tahu,walitti bu’insa kana tasgabbeessuuf hojiin hojjetu hin jiru.Humna uummataa diddiigaa dhimma aangoo kan itti gaggeessaa jiru mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo naannoo kanaa doorsisaa fi hidhuu irratti argama.Ilmaan Oromoo lama Magaala Mattuu keessatti dhoksee gara mana hidhaatti fudhachuus kanneen ijaan argan ragaa bahu.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Mootummaan Wayyaanee Diddaa uummataa dhaamsuuf maqaa ”Seelii Diinaa” jedhuun dargaggoota mana hidhaatti guuraa jira

Aside

Waxabajjii 24,2012  Shaambu

Mootummaan wayyaanee diddaa Uummataa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti qabate dhaamsuuf dargaggoota oromoo maqaa Seelii diinaa jedhuun mana hidhaa mootummaa wayyaanee Magaala Aliboo keessatti guuruun dararuu irratti argamti.Dargaggootni

  1. Misgaanaa Rabbirraa aanaa J/Jaartee ganda Jaarroo  Siree irraa
  2. Tolosaa Rumichaa aanaa J/Jaartee ganda Diimaa Jokkee irraa
  3. Sharifoo aanaa J/Jaartee ganda Diimaa Jokkee irraa
  4. Tolosaa Galataa aanaa Horroo Guta irraa
  5. Fayyeeraa Ganda Laaloo Igguu irraa
  6. Dargaggoo Mokonnon Laaloo Igguu irraa dargaggoota oromoo 6 mana hidhaa kanatti mootummaa wayyaaneen ukkaamsaman waliin dararamaa jiru.

Gaaffiin Mirgaa uummatni Oromoo naannoo kanaa gaafate poolisoota naannoo biratti fudhatama qabaachuun poolisootni naannoo kanaa uummata waliin gaaffii gaafachaa kan jiruu fi mootummaan wayyaanee amanamtoota ishii gidduu galeessa irraa bobbaasuun Poolisootas isin ergama diinaa qabdu jechuubn qorannoon rakkisaa jirti.Diddaan uummataa jalqabame hidhaa fi doorsisaan dhaabbachuu akka hin dandeenye mootummaan wayyaanee jala sararee baruu akka qabus uummatni naannoo kanaa fi maadheen ABO dhaamu.