(Qeerroo, Naqamtee, Waxabajjii 20/2012) Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onaa Giddaa Ayyaanaa, Guttinitti Buufataa poolisii 2ffaatti walitti bu’insii guddaan poolisotaa Wayyaanee Gidduutti uumamee dhukaasaa wal irraattii reebuun poolisonnii wayyaannee namonni sadii batalumatti du’uun namonni lama akka malee maada’aniru.
Gabaasaan Qeerroo bakka san irraa akka odeessa nuuf dabarsetti, ka’umsi waliitti bu’insaa kanaa poolisotaa ilmaan Oromoo duraa aangoo irraa jiran shakkuun ilmaan Amaaraa fi Tigiree gara aangootti baasuuf ,wayitaa wayyaaneen shiraa xaxaa jirtutti kan dhalatee dha.
Akka kanaan,poolisonnii Ilmaan Oromoo aangoo irra turan aangoo keenyaadabarsinee Habashaattii hin kenninuu jechuun Habaashootaa aangoo fudhaachuuf qophaa’an irratti dhukaasaa banuun namoonni sadii batalumaatti si’a ajjeefaman namoonni lamaa madaa’anii mana yaalaa galuun gabaafamee jira
Poolisonnii Habaashaa aangoof utuu fiigaanii ajjeefamaan 1, Poolisii Tasalem Eliyaas, lammii Amaaraa, 2. Poliisii Wandimaagenyii Taageenyi lammii Amaaraa, 3, Poolisii Araayaa W/Miikaa’el Lammii Tigree kanneen du’aan yoo ta’aan, Poolisonnii lamaa kan madaa’an yeroof maqaan kan nu hin geenyee ta’uun ni hubaachiisna,
Waliitti bu’iinsaa uumamee kanaanis Magaalaan Guttiin akkaa malee jeeqamaa Oluun gabaafamee jira.