(Qeerroo, Finfinnee, 20 Waxabajjii 2012) Haadha muuziqaa Oromoo kan taate, Sabboontittiin Oromoo, Jaal Ilfinash Qannoo baatii yaadannoo Wellistoota Oromoo, Waxabajjii, keessatti Haadha muuziqaa Warraaqsaa ta’uun akka filatamte Adulaan Qeerroo bilisummaa beeksise.
Adulaan Qeerroo Bilisummaa torbee kana xiinxala hojii fi qabsoo diddaa gaggeesse keessatti wallistoota Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gahee boonsaa fi mul’ataa gumaachan hundaaf “Galati keessan Bilisummaa haa ta’u!” jedhee jira.
Adulaan Qeerroo itti dabaluunis, sabboontoti Oromoo keessattuu, wellistooti Oromoo sagalee isaanii rasaasa bilisummaa gochuudhaan akka hundeen sabboonummaa Oromoo jabaatuu fi guddatu gahee isaanii gumaachaniif kabajaa addaa qabu illee jabeessee dhaamee jira.
“Sanyii sabboonummaa Oromoo dhiiga jaallan qaqaalii sooratee biqile, xaa’oo warraaqsaa sabboontoti Oromoo ogummaan beekumsaan akkasuma maallaqaan dhiyeessaniin guddataa jira,” kan jedhe Adulaan Qeerroo, “Qeerroon har’aas qabsoo bilisummaa abbootii keenyaan eegalame furuuf qophii duraatti akka dhayaannu kanneen nu dhaqqabsiisan faandhahhota keenya olaanoo dha,” jechuudhaan dhaadhessee jira.
Adulaan Qeerroo, itti dabaluunis, wellistoota Oromoo akka qabsoon Bilisummaa Oromoo gala sammuufi seexaa argatuuf welluu warraaqsaa qopheessuun gahee lammummaa isaanii baasaa jiran dinqisiifatee, yeroo qabsoon keenya danqaa fi didhaa olaanaa keessa galee jirutti kanneen otuu abdii hin kutatiin qooda fulla’aa gumaachaa jiran addatti dhaadhessee jira.
“Wallisttoti Oromoo marti seexaa sabboontotaa dammaqsuu fi kakaasuu keeessatti hojii boonsaa hojjachaa jiran,” kan jedhe Qeerroon, “Walleen warraaqsaas lammiilee dhimma saba isaanii dagataniif dhaamsa seenaa, kanneen qabsootti jiraniif immoo gala sammuu fi seexaa gumaachuun akka riqichi qabsoo addaan hin cinne gochaa waan jiraniif wellistoota Oromoo kunneen yeroo amara yaadachuu fi seenaa isaanii walbarsiisuun barbaachisaa dha,” jechuun dhaamee jira.
Yeroo ammaa kanattis wellistoti Oromoo kanneen akka J/Afandii Siyyoo, J/Hirphaa Gaanfurre, J/ Elemoo Alii fa’aa warraaqsa Qeerroo bilisummaa kallattiin deeggarun gumaacha gochaa jiraachuu isaanii yaadachiisee, kanneen hojiilee Qeerroo guddisuu fi mul’isuu keessattis ta’ee hojii qabsoo bilisummaa tumsuu keessatti gumaachaa jiran maraaf kabajaa addaa akka qabu beeksisee jira.
Haala kana keessattis wellisttota Oromoo mara otuu wal hin caalchifne kabajaa fi marartoodhaan akka dhaadhessu ibsee, haata’uutii, kanneen akka urjii ifan, kanneen akka bakkalcha barii daandii qabsoo agarsiisan keessaa kanneen Bokkuu Welluu Bilisummaa badhaafamuu qaban akka jiran iftoomsee jira.
Akka kanaan qabsoo Oromoo keessatti kutannoo fi murannoodhaan qooda olaanaa gumaachuun kan beekamtu Wellistuu fi qabsooftuu Oromoo J/Ilfinash Qannoo akka Haadha Bokkuu Welluu Warraaqsaa taatee muudamtu Adulaan Qeerroo bilisummaa sagalee tokkoon murteessee jira.
