Waxabajjii 15,2012 Gabaasa Qeerroo Habee Dongoroo
Waxabajjii 14/2012 guyyaa har’aa Onaa Haabee Dongoroottii FDG’n Ummataan jabatee itti fufuun barattooti magaalaa keessatti diddaa kaasuu irraan kan ke’e diddaa qabate dhaamsuuf dabballoonni Wayyaanee bobba’an irraa Qeerroo magaalichaan reebaman
Haala kanaan dabbaleen OPDO itti gaafatamaan ijaarsaa dhaabaa OPDO Onaa Haabee Dongoroo kan ta’ee nama maqaan isaa
1. Amanuu Toluu
2. Getaachoo Dinquu
3. Daani’el samuu’eel j
jedhaman dargaggootaan reebaman. Haala kanaan poolisoonni aanichaa naannoo san irraa dheessuun barattoota tuquu sodaachoon of qosachuun beekame.Haala kanaa dargaggoonni amma galgalaatti magaalcha keessa sirboota ABO faarsuu fi WBO faarsu ka’I Qeerroo dhadannoo dhageessisaa turanii jiru.
Waraanni Wayyaanees halkan san naannoo Ukkee Qarsaa jedhamu irraa magaalicha guutee akka jiru gabaasi achi irraa nu gahe addeessa.
Kana malees sochiilee Godina Shawaa Dhiyaa,Aanaa Dandii ganda Ginci keessaa ta’aa jiruun wal qabatee namoota sadii shakkiidhaan deggertoota ABO jedhee qabee mana hidhaa buusee jira. Namoonni kun :
1. Barsiisaa Abuunaa-magaalaa Gincii irraa
2. Barsiisaa Bilisummaa-magalaa Gincii irraa
3. Aadde Maartaa ;
Daily Archives: June 15, 2012
Anaa Jaartee Keessatti FDG Itti Fufee Ummanni Hiriira Guddaa Bahe.Alaabaan ABO Magaalaa Keessa Balali’e.
Aside
Waxabajjii 15,2012 Shaambuu
Waxabajjii 13,2012 G/W/B/Aanaa Jaarteetti Uummanni baayinni isaa 2320 ta’u ganama sa’a 2:00 kaasee hanga sa’a 6:00tti hiriira nagaa bahanii akka jiran Qeerroon magaalaa sanii addeessa. Kun yeroo ta’u gaaffii Uummanni kun qabatee ka’e mirgi ilmaan Oromoo hamma yoomitti kan sarbamu jechuudhaan uummanni kun daandii kulaa soogiddaa jedhamu konkolaataan akka itti darbu dhabee cufee oolee jira. Hiriira kana bittimsuu fi ummata baadiyyaa fi magaalaa keessaa walitti birmatee hiriira kana bahe hiraarsuuf humni milishaa gandaa fi poolisoonni aanaa fi waraanni Wayyaanee rasaasa akka dhukaasaa turan beekamaa dha.
Haala kanaan Hiriira kanaan wal qabatee namoonni qabamanii ukkaamsaman kan bakka buuteen isaanii dhabamee jiru:
1. Barataa Tamasgeen Filee
2. Obbo Faantaa Irranaa
3. Barataa Kilaash Mohammaad
Kanneen jedhaman waraana wayyaaneetiin kan dhokatani yoo ta’u hiriira kana dhaabsisuuf waraana Wayyaanee humna cimaa ta’e kan gadi lakkifaman waraanni 36 kan ta’an harka uummataan reebamanii hojiin ala akka ta’an Qeerroon naannoo sanii addeessa. Sababa kanaaf namoonni hidhamanii jiran immoo:
1. Abbaa Qabeenyaa Obbo Addunyaa Mokonin;
2. Barsiisaa Derejjee Dirribaa
3. Barsiisaa Tamasgeen Dheeressaa ,
4. Obbo Fiqaaduu Namarraa – ogeessa suuraa
5. Obbo Shifarraa Indaaluu
6. Obbo Rush;
Kanneen jedhaman immoo waanti isaan qaban,qabeenyaan isaanii akka saamamee jiru ta’ee jira. Hiriira kanaan wal qabatee Qeerroon magaalaa Aliiboo keessatti Alaabaa ABO balaliisuudhaan asii fi achi deddeebi’iaa akka turan gabaasaan addeessa. Kana irratti hundaa’uudhaan waraanni federaala konkolaata hedduudhaan kan wal irraa hin cinne naannoo sana irratti guuramaa akka jiru gabaafame.