Seife Nebelbal Radio Program, June 8, 2012

Video

http://youtu.be/6Hp-Cgo3-0U

Dargaggoota Oromoo fi Waraana Wayyaanee Jidduutti Walitti Bu’iinsi Uumameen,Humni Dabalata Wayyaanee Karaa Darbaa Dhabe.

Aside

Waxabajjii 08,2012 Gabaasa Qeerroo Ayiraa
Abbaan Irree Mootummaan Wayyaanee Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Ayiraa ganda Hoomii Fichii fi Warra Kuraa Fichii keessaa dargaggoota Oromoo waliin walitti bu’ee WBO tu dhufe jechuun humna waraanaa guuree naannicha qubachiisuu irraan kan ka’e ummanni mormii isaa caalaatti sababaa jabeessee jiruuf Waxabajjii 07 ,2012 ummata hiraarsaa oole. Kana malees dargaggoonni Oromoo aanichaa guyyaa gaafa Gimbot 20 irratti sirba ABO faarsu sirbitaniittu WBO faarsitaniittu jechuun dargaggoota Oromoo naannoo kanaa guutummaan magaalaa fi baadiyaa keessa deemuun reebaa akka ture gabaafamee ture. Haala kanaan FDG itti fufee dargaggootni dhiibbaa mootummaa Wayyaanee kanaa adda durummaan mormuun konkolaataa isaanii dura dhagaa tuuluu fi daandii waraanni Wayyaanee irra deemu mara cufuun waraanni humni dabalataa naannicha deemaa jiru karaa darbaa dhabuun of duuba deebi’ee naannoo Haroo Sabbuu jedhamu akka qubatee jiru beekame. Haalli kun hamma Waxabajjii 07,2012 itti dhagaa itti darbaa fi wal qabaa akka jiran gabaasi Qeerroo Ayira irraa nu gahe addeessa.

Daandiin Konkolaataa Wallagga Anfilloo irraan goree gara Gambela geessu FDG ka’een cufame.

Aside

Waxabajjii 08,2012 Dambi Doolloo
Uummanni Qellem Wallaggaa ,Anfilloo diddaan Qeerroo fi ummata Oromoo bifa haarawwaadhaan eegalee daandiin karaa Wallaggaa gara Gameelaatti geessu anfiilloo fi Gambeela jidduu jiru guutummaatti cufamuun konkolaattonni karaa darbaa dhabanii gara duubaa deebi’aa akka jiranii fi kaan ammo achumatti danqamanii akka jiran gabaasi naannoo sanii nu gahe addeessa.
Ummanni naannoo Muggii ,Anifiilloo fi Ashii jiraatan FDG kaasuun mukkeen gurguddaa fi dhagaa gurguddaa akkasumas karaa san boollessuun konkolaataan loltuu Wayyaanee akka achiin hin dabarreefi konkolaataan kamuu gara Gambeelaatti darbuu fi kan Gambela irraa gara Wallaggaatti dhaqus akka hin sochoone godhanii jiru. Sababa kana irraa kaasee mootummaan Wayyaanee dabballoota isaa walitti qabuun guyyaa kaleessaa Waxabajjii 07,2012 qormaata irra akka oole gabaasi naannicha irraa nu dhaqabe addeessa.
Kana malees Oromoota sabboonoo ta’an shakkii dhaan ammaan dura Jaal Laggasaa Wagii waliin hojjetaa turtan waraana ABO amma illee ni gargaartu sababa jedhuun hidhuu eegalee jira. Oromoota hanga ammaatti daandii guddaa magaalaa Aniflloo Muggii fi ganda Shebel jedhu ummata kakaaftanii cufsiiftaniitti sababa jedhuun hidhaman keessaa
1.Tigiluu Ittaanaa
2.Moosisaa Bantii
3.Shaashituu Tolaa
4.Gaaromaa Hambis
Kanneen ta’an ta’uu gabaasaan Dambi Doolloo irraa nu gahe addeessa.

Safuu fi Safeeffannaan Gurmuu Oromoo fi Dhaaba Oromoo Diiguuu Irraa of Qusachuudhaan Dhugooma

Aside

Infoo Deeskii ABO | Waxabajjii 7, 2012

Waaée safuu fi safeeffannaa Oromoo dubbachuu fi wal yaadachiisuun hammeenya hin qabu. Safuu fi safeeffannaa dhugoomsuun akka dhala Oromootti mata mataa keenya hunda irraa eegala. Afaaniin waan safuuf quuqamne fakkaachaa dalagaadhaan safuu Oromoo dhiitnee dachiitti makna yoo taheef safuu baanamu sanayyuu kan beeknu hin fakkaatu, ykn akka gaariitti osoo beeknuu beekaa lafatti rirriitnee dhidhiitna. Safuu fi seera ittiin irbuu seenan osoo beekanii irra eejjatuun ammoo hammina hammina hunda caaluu dha. Aadaan hawaasa Oromoo keessatti ‘safuu’jechuun hubatamu sirna dhaaba siyaasaa sabichaa keessattis qooda jaaraa gumaacha. Safuun ummanni Oromoo aadaadhaan qabuu fi seeraa fi heerri sirna jaarmayummaa dhaaba Oromoo wal tumsu malee wal hin faallessani. Safuu fi sirni jaarmayaa Oromoo wal utubu malee wal hin diigani. Kana irraa kaúun egaa, namas tahee murni safuuf quuqamu tokko seeraa fi heera siyaasaa dhaaba isaaf ni amanama malee hin ganu. Kan safuuf kabajaa qabu seeraa fi heera dhaaba isaa kaleessa itti kakateef san hin salphisu. Kan safuu Oromoo beeku waan kaleessa akka qabsaayaa Oromootti irbuu seene tokko hin cabsu. Kan safuu safeeffatu dhaaba kaleessa dhaaba koo ittiin jechaa bahe hará itti ejjetee hin diigu. Safuu beekuun badii fi yakkoota akkasii kana mara irraa nama oolcha waan taheef ,caalaatti dubbisuuf:- Safuu Duula Diigaa

HRLHA – Press Release

Aside

Ethiopia: Deadly, Religiously Outrageous, and Socially Destructive Consequences of Land Grab in Western Ethiopia
HRLHA – Press Release
June 7, 2012

Apart from displacements and dispossessions without consents and compensations, more and more negative consequences of land grab in the name of development are surfacing from time to time in different parts of Ethiopia; all outcries, criticisms and demands for corrective measures falling on deaf ears.
According to information obtained by HRLHA from Wixate locality in Yayyo District of Ilubabbor Zone in western Oromia, a teenager called Zerihun Girma has died after being buried alive in a man-made landslide created from a mountain of soil dumped along a small river in a residential area. The soil was coming from the digging into the ground for a coal mine project underway in the area. Zerihun, a grade eight student of age 14, was playing with his fellow
Teenagers when this happened to him without any awareness and doubt about the deadly nature of the dump. Not only that the soil and other excavations from the digging were being dumped in a residential neighborhood, but also there were no signs of warning posted to keeping people and animals away from the area. The teenager’s body could not have been located had it not been for his mates who were playing with him at the moment.
The local people told HRLHA’s agent that the operators of bulldozers, who were at work on the site when Zerihun’s body was retrieved, were not even cooperative to remove the hill of soil to reach the teenager’s remains. Read More:- HRLHA_PR-_June_7,_2012