Wallagga Gimbii Keessatti Daldaltootii fi Hojii Dhabloonni ilmaan Oromoo ABO ta’uun Keenya nu boonsa Jedhan.

Aside

Caamsaa 03,2012 Gimbii
Mootummaa wayyaaneetti doorsisnii fi hidhaan furmaata diddaa dhaabuu kan itti fakkaachaa turee fi har’as itti jiru Godina Wallaggaa Lixaa magaala Gimbii keessatti dargaggootni nagaan oolanii akka hin galle dhorkaa jiran.Daldaltoota bunaas ABO waliin hidhata qabdu,Meeshaa waraanaa ABOf naannessitu jechuun qorannoon rakkisaa jiran.Dargaggootni hojii dhabdummaan magaala kana keessatti rakkachaa jiran hedduu yoommuu tahan miseensota ABOti jedhamuun yeroodhaa yerootti qoratamaa jiru. Daldaltootii fi hojii dhabloonni ilmaan Oromoos waan Wayyaaneen ittiin yakka jettee isaan himattu kanaaf nuti Oromoon ABO ta’uu keenyatti hin qaanfannu,yoo ittiin boonnee malee jedhanii ifatti bulchitoota magaalaa Gibittii dubbachuu qabaasi qeerroo addeessa.
Kanuma waliin Gibii fi magaalota naannoo san jiran kan akka Innaangoo,Gullisoo,Yuubdoo fi Najjootti diddaan daran jabaatee akka jabaatus Qeerroon magaala kanaa fi naannoo ishii gabaasee jira.

Barattootni Amantii Musliimaa Hordofan Yuunivarsiitii Amboo fi Koollejjii Alaagee bakka dura salaataa(sagadaa) turanitti akka hin salaatne(sagadne) dhorkaman.‏

Aside

Caamsaa 02,2012 Amboo
Yuunivarsiitii Amboo keessatti mootummaan wayyaanee Barattoota Musliimaa dallaa yuunivarsiitii keessatti akka hin saganne dhorke.Mootummaan wayyaanee bakka barattootni musliimaa itti sagadan(salaatan) naannoo istaadiyeemii bakki kun isinii hin eeyyamamu,yoo isin kan sagaddan taatan warreen kiristaanaafis bakka kennuu waan qabnuuf dhaabaa jedhus barattootni musliimaa amantii keenya bakka barbaadnetti amanachuu dandeenya,Shirri mootummaa wayyaanee hin dalagu jechuun diddaa jabeessuun itti fufanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun Koollejjii Teeknikaa fi Ogummaa qonnaa Alaagee keessatti mootummaan wayyaanee bakka barattootni musliimaa itti sagadan(salaatanitti) xuraa’aa bottee lama fiduun naqanii bakka dhorkatanii jiran.Barattootni musliimaas maaliif kana akka godhan gaafatan deebii dhabuun masgiida koollejjii irraa fagaatu deemuun salaatuuf dirqamanii jiran.

Dhiibbaan Biyyattii keessatti dhimma amantiin dhufaa jiru haalaan hammaachaa dhufuun yeroo ammaa waraanni mootummaa wayyaanee hordoftoota amantii garaa garaa ija siyaasaan ilaalaa jiran!

Uummatni Oromoo Poolisootaa fi tika Wayyaanee irraa of ittise. Alaabaan ABO s Manneen barnootaa keessa balalii’aa jiru.

Aside

Caamsaa 02,2012 Laqamte
Uummatni oromoo Godina Wallagga bahaa Aanaa Limmuu,Fiixee bokkoo ganda 06 waraanaa fi tika mootummaa Wayyaanee bobba’uun diddaa dhaabuuf yaalan Caamsaa 1,2012 guyyaa guutuu of irraa ittisan.Uummatni Oromoo naannoo kanaa waan qaban fudhachuun poolisoota mootummaa wayyaanee doorsisaa fi qe’ee irraa buqqisuuf bobba’an tumanii of irraa arii’an.Uummatni Oromoo naannoo kanaa Poolisoota mootummaa Wayyaanee 4 hojii ala kan godhan yoommuu tahu jala deemtota mootummaa Wayyaanee
1. Dafaa Galataa dhimma nageenyaa aanaa Limmuu
2.Abdiisaa Gammadaa Hojjetaa dhimma nageenyaa
3. Abarraa Qorannoo yakkaa aanaa Limmuu
Kan tahan poolisoota guurratanii deeban waliin tumamanii diddaa uummataan naannoo sana irraa ittifamanii jiran.Waraanni Federaalaa mootummaa Wayyaanees uummata naannoo kanaa miidhuuf bobba’us uummatni karaa itti cufuun of irraa ittisaa jira.
Haaluma wal fakkaatuun barattootni Oromoo mana barumsaa
1. M/B Limmuu sad 2ffaa fi qophaa’inaa
2. M/B Barisoo sad 2ffaa
3. M/B Sugee sad 2ffaa
4. M/B Qeelloo sad 2ffaa
5. M/B Qaxaroo sad 2ffaa
Alaabaa ABO fannisuun gaaffiin oromoo haa deebi’u jechuun diddaa jabeessanii jiran.Barsiisotni manneen barnootaa kanneenii fi kanneen biroos diddaa uummataa deemsifamaa jiru kan tumsanii fi adda durummaan kan gaafatan tahuu ibsanii jiran.
Injifannoo uummata oromoof!!

Yuniversitii Adaamaa Keessatti Barattooti Oromoo Filmii Oromiffaan Dhihaatu Akka Hin Ilaalle Dhorkaman.

Aside

Ebla 30,2012, Qeerroo Adaamaa
Dhiibbaan mootummaan wayyaanee barattoota Oromoo iratti gageessaa jiru ammas kan itti fufe ta’ee kan jiru yoo ta’u bakka buutotni wayyaanee mooraa yuuniversity Adaamaa keessa jiraatan barattoota Oromoo mooricha keessa jiraniin fiilmiwwan Afaan Oromoon gaggeeffamu mooricha keessatti akka hin ilaalmne godhan. Keessumaa Ebla 28/2012 f Fiilmii Afaan Oromoon qophaa’e “HINSEENE”jedhamu ilaalamuuf qophii turban lamaaf godhame guyyaan ilaalamuu kaleessa kan ture fiilmiin kun mooraa yuuniversity kana keessatti ilaalamuu hin qabu kan sabaa fi sab-lamii yoo ta;e male jechuudhaan sabni habashaa yeroo jeequmsa kaasanitti meesholeen kireeffamanii dhufan haa deeni’aniyyuu malee barattootni Oromoo mooricha keessa jiran diddaa isaanii agarsiisuudhaan fiilmiin sun akka ilaalamu ta’eetu jira, isa irraan kan ka’e amma irraa eegalee huccuun aadaa,agarsiisni garagaraa kan Oromoo ilaallatu marti mooricha keessatti akka hin raawwanne ajaja gadi dhiisanii jiru sabni Amaaraa kun,kana hunda sababeeffachuudhaan sabootni Amaaraa kun dhaadannoo garagaraa mooricha keessatti kan akka suuraa Haayila Sillaasee guddisuudhaam mooricha keessatti bakkoota adda addaatti mamaxxansaa akka jiran Qeerroon mooraa Yuuniversitii Adaamaa gabaasa.
Haalli sochii diinonni Oromoo aangoo biyyattii irratti qanitti dhimma bahuun Oromoo irratti dhiibbaa akkasii waan geessisaa jiraniif barattooti Oromoo hamma akeeki qabsoo Oromoo bakka gahee cunqursaan fakkaataa kun nurraa bu’utti qabsoo ni cimisina jedhanii dhaammatanii jiru.
Injifannoon Uummata Oromoof!

Diddaan Qeerroo Itti Fufee Barattooti Oromoo Manneen Barnootaa 15 Irraa Hiriira Bahan

Ebla 30 bara 2012 ,Barattootni Oromoo Wallagga bahaa manneen barnootaa garaa garaa Shira Mootummaan Wayyaanee xaxeen qe’ee irraa buqqa’uun ilmaan oromoo haa dhaabbatu jechuun hiriira nagaa bahan!.
Haala kanaan Godina Wallaggaa bahaa mannen barnootaa garaa garaa keessatti barattootni Oromoo qe’ee irraa buqqa’uu fi shira mootummaa wayyaaneen ajjeefamuun ilmaan oromoo haa dhaabbatu jechuun hiriira nagaa bahan.Barattootni oromoo Manneen barnootaa
1. Haroo Limmuu sad.2ffaa fi qophaa’inaa
2. Kalalaaa sad 1ffaa fi 2ffaa
3. Kusaayee sad 1ffaa fi 2ffaa
4. Sagiroo sad 1ffaa fi 2ffaa
5. Bariso sad 1ffaa fi 2ffaa
6. Qarsaa sad 2ffaa
7. Boolloo sad 2ffaa
8. Sugee sad 2ffaa
9. Dambii sad 2ffaa
10. Birphoo sad 2ffaa
11. Lalisaa sad 2ffaa
12. Gabaa Ayyaanaa sad 2ffaa fi qophaa’inaa
13. Baddeessaa sad 2ffaa
14. Birmajjii sad 2ffaa fi
15. Daamme sad 2ffaa
Keessatti baratan waamicha walii dhaga’uun sagalee tokkoon mootummaan wayyaanee shira bara baraan dalaguu fi dalagaa jiru ni mormina,Qe’ee irraa buqqa’uun ilmaan Oromoo haa dhaabbatu,Gaaffiin ilmaan Oromoo deebii haa argatu jechuun hiriira nagaa bahanii jiran.Barattootni Oromoo kunneen Alaabaa ABO qabachuunii fi faarsuun ABO dhaaba siyaasaa ilmaan oromoo tahuus ibsanii jiran.Uummatni naannoo kanaas barattootatti makamuun gammachuu isaa ibsuun dhaadannoo waliin dhageessisanii jiran.Mootummaan wayyaanees kana dura dhaabbachuu dadhabuun waraana Federaalotaa fi Poolisa Oromiyaa konkolaataan guutee Wallaggaa bahaa aanolee garaa garaa keessummaa bakkeewwan manneen barnootaa kanatti bittinsee jira.Gaaffiin keenya deebii hin argatu taanaan hiriirri keenya daran kan jabaatudha jechuun ibsuun uummatni oromoo tumsa barbaachisaa akka godhu waamicha dabarfatanii jiran.

Mootummaan Wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun Oromoota ajjeesaa,Hidhaa fi doorsisaa jira.

Aside

Mootummaan Wayyaanee dhimma amantiin wal qabsiisuun uummata Oromoo siyaasa gaggeessitan jechuun miidhaa garaa garaa irraan gahaa jira.Haaluma kanaan Arsii Lixaa aanaa Gada Basaasaa keessatti maangoddoo Sheik Su’id Ahmed jedhaman dabalatee hordoftootni amantii Musliimaa sadii kan ajjeefaman yoommuu tahu Maanguddoon kun rasaasa mootummaa wayyaaneen rukkutamuun Hospitaala Xiqur Ambassaa keessatti du’aa fo Jireenya gidduutti argamu.Hordoftootni amantii Musliimaa fi uummatni naannoo kanaa 200 ol mana hidhaa moootummaa wayyaaneetti sababa kanaan kan ukkaamsaman yoommuu tahan mootummaan wayyaanee waraana hedduu bobbaasuun uummata Godina Baalee fi Arsii kanneen akka Kofalee,Shiraaroo fi Shaashimannee keessaatti karaa nagaa amantii isaanii akka hin gaggeessine gochuu irratti argama.Haaluma wal fakkaatuun Godina Shawaa Lixaa Ijaajjii keessattis dhiibbaan mootummaa wayyaanee irraa hordoftoota amantii kanaa fi kanneen biro irratti dhufaa jiru hammaachuun uummatni rakkachuu irratti argama.
Oduu wal qabateen Godina Iluu Abbaa Booraa fi Magaala Jimmaa keessatti mootummaan wayyaanee basaastota masgiida keessatti ramaduun uummatni karaa nagaa amantii isaa akka hin gaggeessinee fi qulqullummaan amantii isaanii akka hin hordofne gochaa jira.
Magaala Finfinnee fi Godina Harargee bahaa Awwadaay keessattis mootummaan wayyaanee barattootnii fi barsiisotni Awaaliyaa hiriira nagaa bahu sodaa jedhuun federaalota manneen barnootaa Islaamaatti naannessuun eeguu irratti argama.