Caamsaa 12,2012 Jimma
Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti barattootni oromoo sirboota afaan amaaraa fi Tigiree yeroo dheeraaf mooraa yuunivarsiitii sana keessatti guyyaa ayyaana garaa garaa banamu irratti mormii dhageessisan.Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Jimmaa kana keessatti hedduumminaan osoo argamnuu maaliif afaan oromoon hin banamu jechuun qophii bashannanaa Guyyaa 07/05/2012 sirboota afaan amaaraa fi Tigiriffaan mimmiidhaguuf karoorfame irratti mormii dhageessisuun qophii sana fashalsanii jiran.Yuunivarsiitiin Jimmaa aadaa fi seenaa ilmaan oromoo yeroodhaa yerootti akka dhokatu irratti hojjeta taanaan mormiin kun jabaatee akka itti fufu qeerroon yuunivarsiitii Jimmaa beeksisanii jiran.
Monthly Archives: May 2012
67 Oromos Detained in Waliso, Western Shoa, Acused of “Terrorism” and “Islamic Extremism”
Aside
(Qeerroo News, 05/11/2012): The wave of arrest acusing Oromian muslims by terrorism and exterimism by the Woyane-lead Ethiopian regime has continued all over Oromia. Accordingly, the following Oromos are the list of some of those who have been arrested in Central Oromia, Waliso town, some 100 km West of the capital Finfinne (Addis Ababa).Read More :- 67 Oromos Detained in Waliso

Kibba Baha Shawaa,Waliisoo Keessaa Sabboontonni Oromoo 67 Hidhaman
Aside
Odeessa Qeerroo Caamsaa 11,2012
Mootummaan Wayyaanee diddaa ummataa sirna isaa irratti ka’ee jiru dura dhaabbachuu fi gaaffii ummatootaaf deebii gahaa kennuu haqachuu irraan kan ke’e rakkoolee amantii fakkeessee ummata gooluu fi hidhuu itti bobba’ee jira. Haala kanaan Jidduu galeessa Oromiyaa keessaan sabboontota Oromoo armaa gadiitti maqaan isaanii ta’e kanneen mana hidhaatti darbee jira. Ammatti kanneen godina Showaa bahaa keessaa gara malee qabamanii ragaa mana hidhaatti darbamanii fi eenyummaa isaanii kan ibsu kanumatti qabsiifnee maxxansinee jirra.
Kanneen kunis:-Liistii Oromoota 67 Waliisoo irraa Hidhamanii
4 Oromo Muslims Murdered, 222 Oromo and 2 Amhara Muslims Arrested and Charged in Asasa Town
Aside
May 11, 2012 Qeerroo Finfinnee
Qeerroo correspondent in Asasa has compiled the names, ethnic origin, and ages of Muslims summarily arrested and now charged and waiting for trial at a court in Arsi zone, Gadab Asasa County [Woreda] in relation to the protest and clash erupted between the Ethiopian government police force and the unarmed Muslims of the zone on April 27, 2012. We present the names as they are written in Afan Oromo (Qubee) writing system as follows. 222 Oromo and 2 Amhara Muslims Arrested and Charged in Asasa Town
Oromiyaa Lixa Arsii Keessatti Oromoonni 222 ol hidhamanii 4 Ajjeefaman
Aside
Caamsaa 11,2012 Qeerroo Finfinnee
Oromiyaa godina Lixa Arsii, Ona Gadabasaasaa Keessaa namoota diddaa Hawaasni Musliimaa Mootummaa irratti kaaseen walqabatee gaafa Ebla 27,2012 tti hidhamanii yeroo ammaa kana Mana Murtii Ona Gadabasaasaatti beellamarra jiran. Zoonii Lixa Arsii Ummata Oromoo Kanneen hidhamanii fi Jajjeefaman.pdf Ebala 2012
Uummatni Oromoo Waraana mootummaa Wayyaanee gara of irraa ittisuutti seene
Aside
Caamsaa 10,2012 Naqamte
Uummatni Oromoo waraana Mootummaa Wayyaanee Uummata sablammoota sulul Abbaayyee irra jiraatan hidhachiisee waliin qabeenyaa fi lubbuu ilmaan oromoo dhangalaasu gara of irraa ittisuutti seenee jira.Uummatni Godina Wallagga bahaa aanaa Eebantuu,Jiddaa,Haroo Limmuu fi Limmuu waraana mootummaa wayyaanee ilmaan oromoo ficcisiisaa jiru waraanaan of irraa dhorkuu jalqabe.Uummatni oromoo waadaa Kalee walii seenuun Waraana mootummaa wayyaanee waan qabaniin akka of irraa murteessuun guyyaa har’aa of irraa ittisaa oolanii jiran.Waraanni mootummaa garboomfataa wayyaanee meeshaa waraanaa hiikkadhaa jechuun uummata oromoo irraa meeshaa guuruuf karoorfatus uummatni dhorkachuun falma waraana wayyaanee waliin jalqabee jira.Waraanni mootummaa wayyaanees hedduumminaan bobba’uun uummata oromoo ficcisiisuuf murteeffatus milkii akka dhabutti of irraa dhorkaa jira.
Haala kanaan walgahiin mootummaa wayyaanee aanolee Limmuu,Haroo Limmuu,Jiddaa fi Eebantuu keessatti yaamtus lagatamee jira.
Artistootni oromoo Hidha Abbayyaaf Wallee baasaa jedhaman didan
Aside
Caamsaa 10,2012 Adaamaa
Artistootni Oromoo Wallee Hidha abbayyaa irratti akka baasan dirqaman.Mootummaan wayyaanee Artistoota oromoo walitti waamuun maqaa Misooma abbayyaaf boondii bitaa jedhuun dirqamsiisuu irraan darbee Uummatni oromoo buusii abbayyaaf dhorkachaa waan jiruuf Sirba baasuun akka kakaasan jedhamuun dirqaman.Artistootni wal gahii mootummaan wayyaanee waamte kana hedduumminaan kan lagatan yoommuu tahan kanneen marii irratti argamanis ajaja mootummaa garboomfataa wayyaanee harkaa fashalsuun wal gahii goolaba malee diiganii jiru.
A Civil Conflict masterminded by the Ethiopian authorities have claimed 4 lives and caused the displacement of more than 30,000 Oromo’s in Western Oromiya
Aside
May 9, 2012; Naqamte
The Oromo and Benishangul-Gumuz nations have lived in tolerance, peace, and tranquility in western part of the current day Ethiopia for several centuries until the coming of TPLF led regime. The current regime top politicians looks highly skilled, committed and succeeded in putting fire between peaceful neighboring nations in a bid to save time in an ever growing discontent against the regime itself.
In 2008 alone, they armed, trained and sent Gumus militias to burn villages and kill innocent Oromo civilians in which more than 400 were confirmed dead in a very brutal fashion. When pressure mounted as revelation increase on the role of the federal government in the massacre an executive order were passed down to administrative level in which dozens of Gumus militias were sentenced to death.
It is also to be recalled that a leaked recording from high level political meeting uncovered that the Current President of Gambella Region Mr Omod Obong defended himself from the December 13-16, 2003 Anuak massacres by saying “If I have to go to prison, then Meles should also do the same, because he gave me the weapons and the troops”. Then he was reinstated to govern the region in a bid to cover the matter. So it is quite clear that always Meles of his top political advisers are always behind inter ethnic strife in Ethiopia.
In an apparent attack ignited by the regimes security apparatus between Oromo’s in Ebantu Woreda and Abay Peninsula residents in East Wollaga on the 7th of May 2012, at least 4 Oromo’s and unconfirmed number of Abay Penisula residents have lost their lives. These include:
• Mr. Garbaa Caalii
• Mr. Tasammaa Daamxoo
• Mr. Hundee Amanuu and
• Mr. Garbii Mokonnin
What is more, in a conflict ushered in a similar fashion by the regime on power between Limmu Oromos and Gumuz militias backed by Ethiopian government on the 7th of May 2012 have already displaced more than 30,000 Oromo’s living in the area. School and other basic service giving facilities were also destroyed.
Knowing these fact and the destructive role the Ethiopian authorities are playing, the international community should act now before the situation went out of control and turn destabilizing for the whole region.
@Qeerroo
University Dirree Dhawaa Keessatti Manni Hidhaa Baname.
Aside
Caamsaa 09,2012 Dirree Dhawaa
Akkuma barame sodaa fincila Qeerroo irraa qabuun gidiraan TPLFn uummata Oromoo irratti raawwatamu daran hammaate,akka kanaan mooraa University Dirre Dawaa keessatti manni hidhaa baname.Qaamni mootummaa bulchisa federaalaa hanga wardiyyaatti sabboontota hidhuu dararuu fi barnoota irraa arihuun kaayyoo godhate kanaan walqabatee torbe darbe jechuun gaafa Caamsaa 05,2012 sa’aatii 12 irratti barattootni afur humna pooliisiin qabamnii halkan keessaa hanga sa’aatii afurii qorannoo fi reebicha wal makaan dararamaa turani. Sababiin barattooti kun itti dararaman kunis barattoota Oromoo fincilaaf qopheessitu, dabalataan amantii dawoo godhachuun shororkeessummaa ofaa jirtu jechuun doorsisaa turani. Hanga sochii dhaabdan waraqaan eenyummaa keessan hin kennamu jechuun ID barattootaa irraa funaananii dorkatanii jiru. Gara fuulduraafis isin shororkeessitoota badii dhufuuf itti gaafatamtu jechuun mallateesisisanuu, dargaggooti Oromoon kun “ Shororkeessan mootummaa waayaanee dha,niti mirga ummata Oromoof falmina malee shororkeessituu miti , nuti Qeerroo cunqursaa log sanyiin ykn Oromummaan godhamu hanga dhaabbatu fincilli itti fufuu beeksifna” jechuun humna tikaa wayyaaneetti gabaasuun beekamee jira.
Haala kanaan Barattootni Oromummaan yakkamanii waraqaa eenyummaa harkaa fuudhuu akeekkachiisa dhumaa fudhatanis:
1ffaa Barataa Geetaachoo Saaqqataa
2ffaa Barataa Nageessaa Gammadaa
3ffaa Barataa Dajanuu
4ffaa Barataa Darajjee
kanneen jedhaman yoo ta’ani dhiittaa mirga namoomaa raawwataa jiruuf Qerroon of eeggannoo gochuun falmaa akka jabeessu waamichi godhameera.dararaan qabsoo ni cimsa malee hin laaffisu.
Walitti Bu’insa Saboota Jidduutti Mootummaan Wayyaanee Uumeen Lammiileen Oromoo 4 Lubbuun Darban
Aside
Caamsaa 08,2012 Naqamte,Wallagga
Walitti bu’insa Mootummaan Wayyaanee uummata nagaan jiraatu gidduutti uumteen lubbuun namoota hedduu fi dhiigni hedduun dhangala’aa jira.Godina Wallaggaa bahaa aanaa Eebantuu ganda bakka Barbaree keessatti Wayyaaneen ummata Sulul Abbbayyaa irra jiraatan hidhachiisuun Oromoo irratti bobbaaftee Guyyaa kaleessaa Caamsaa 07,2012 lubbuun ilmaan Oromoo 4 dhabamee jira.
Kanneen kunis:-
1. Obbo Garbaa Caalii
2. Obbo Tasammaa Daamxoo
3. Obbo Hundee Amanuu
4. Obbo Garbii Mokonnin
Kanneen jedhaman lubbuun isaanii kan darbe yoommuu tahu kan saboota Sulula Abbaayyaa irra jiraatan hedduunis darbee jira.Walitti bu’insa kanaan qabeenyi hedduunis barbaadaa’aa uummatni mana dhabdee tahee jira. Oromoonni naannoo biroo jiraatan lola kanaaf birmannaa barbaachisu akka godhaniif ummanni naannichaa dhaammatee waan jiruuf aanaalee hedduu keessatti mariyatamaa akka jiru gabaasi qeerroo addeessa.





