Uummatni Oromoo Qe’ee irraa hin buqqaanu jechuun waraana mootummaa wayyaanee waliin falmaatti seene!

(Qeerroo, Amboo, Caamsaa 22,2012) Duulaa fi saamicha lafaa Oromiyaa keessatti babal’atee jiru ofirraa dhaabuuf ummati tarkaanfii diddaa fi fincilaa finiinsaa jira.

Oduun aanaa Gindabarat irraa nu gahaa jiru akka ibsutti, duula Mootummaan wayyaanee bara aangootti ol bahe irraa kaasee ilmaan Oromoo qe’ee irraa buqqisuun qabeenya saamaa jiurtti xumura gochuuf ummati kutatee jira.

Aanaa Gindabarat ganda Gartokkee fi Qarree Sooree jedhaman keessattis diddaa ummataa kana dhaamsuuf, mootummaan wayyaanee waraana bobbaasuun dirqiin qe’ee irraa akka buqqa’an gochuun uummata Oromoo rakkisuutti akka jiru illee hubatamee jira.

Uummatni Oromoo naannoo kanas mootummaa wayyaanees hin ajajamnu,hin saamamnu jechuun didanii akka jiran beekamee jira.

Mootummaa wayyaaneetti diddaan yeroo ammaa haala jabaan jabaachaa kan dhufe yoommuu tahu, Godina wallaggaa bahaa keessattis “uummatni Oromoo qe’ee keenya irraa hin buqqaanu!” jechuun waraana mootummaa wayyaanee waliin falmaatti seenanii akka jiran oduun gidduu kana darba ajiru kan hubachiisuu dha.

Sabboontota Ukkaamsuun Hammaate; Ummatis Warraaqsa Diddaa fi Fincilaa Finiinsu Qaba.

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 21 Caamsaa 2012) Mootummaan abbaa irree Mallas Zeenaawwii ilmaan Oromoo ukkaamsee hidhe hiraarsaa akka jiru saaxilame; amma illee sabboontota ukkaamsanii dhabamsiisuun itti fufee akka jiru ibsame.

Oduun naannoo Oromiyaa keessa nu ghaa jiru akka hubachiisutti, humnooti tikaa fi dabballooti Wayyaanee Oromoota ilaalchaa Oromummaa fi sabboonummaa qaban hordofuun ukkaamsanii gara dabarsuu fi hidhuutti jiran.

Akka kanaan, yeroo ammaa kanatti Manni hidhaa Ma’ikalaawwii kan baroota dheeraaf ilmaan Oromoo keessatti dararaa guddaa argaa jiran keessatti namooti hedduun dhoksaanii hiraarfamaa akka jiran beekamee jira.

Odeessi mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessaa nu dhaqaabe akka addeessutti, ilaamn Oromoo hedduun Oromiyaa keessaa guuramanii maa’ikalaawwii keessatti dararaa argaa jiran hedduun ogeessa seeraa dhimma isaanii hordofu hin qaban.

Kana malees, namooti hedduun kanneen achitti hidhaman baadiyyaa fi kutaa biyyaa keessaa ukkamfamanii akan hidhaman waan ta’eef maatii fi firroottan isaaniitiin gaafatamaa hin jiran.

Oromoota Oromummaa isaaniitiin qabamanii maa’ikalaawwii keessatti hidhaa fi hiraarsaa keessa jiran hedduun garmalee waan reebamaniif socho’uu hin danda’an. Kaan isaanii halkan baasanii kan hiraarsan yoo ta’u, kaan immoo yeroo dheeraaf mana dukkanaa keessa waan turaniif waa arguu hin  danda’an.

Namoota Maa’ikalawwii keessatti akka malee hiraarfamaa jiran keessaa kan maqaan isaanii Qeerroo dhaqqabe:
1. Ob Isaayyas Geetahuun,  bakki dhalootaa Godina lixaa Wallaggaa Gimbii, hojjetaa mootummaa lafa hojii magaalaa Neqamtee rraa qabame.
2.Ob Leellisaa Oliiqaa bakki dhalootaa Godinaa Bahaa Wallaaggaa magaalaa Neqamtee.
3. Ob Phaawuloos Taasfaayee bakki dhalootaa Godina lixaa Wallaaggaa Gimbii yoo ta’uu, hojjetaa bankii Awaash damee Sabbataa kan ta’ee biyyaa Ugaandaa deemtee leenjii fudhatee dhuftee jechuun himatame.
4. Ob Lammii Tasfaayee barataa Univesity Finfinnee dhalotaan Lixaa wallaaggaa Gimbii.
5. Ob Daraaraa Abdiisaa Godina lixa shawaa Onaa Jalduu
6. Ob Birruu Gaalatuu Godinaa Lixaa Shawaa Onaa Adaa’aa Bargaa
7. Barataa Tolaa kan jedhamuu Yunivesitii Wallaggaa irraa kan qabame bakki dhalootaa Shawaa Bahaa, kan ta’e, fi Oromooti hedduun  mana hidhaa maakkalawii keessatti hiraarafmaa jiran.

Kun kanaan otuu jiru, yeroo addaddaatti sababa Oromummaa ishiitiin hidhamtee hiraarfamaa kan turte Aadde Masarat Taaddasaa achi buuteen ishii dhabamuun maatii fi sabboontota hedduu yaaddessee jira.

Knaan duras sababa Oromummaa ishiitin bara 2007 calqaba irratti qabamtee ma’ikalaawwii keessatti hiraarfamaa erga turtee booda waggaa lamaaf ji’a saddeetin booda ragaa sobaa irratti qopheessuudhaan  manni murtii Olaanaa yakka tokko malee  waggaa 15 itti murteessee ture.

Haa ta’uuyyu malee,iyyannoo mana murtii walii galaatti dhiyaateen waggaa 5tti gadi buufamee akka hidhamtu ta’uu maddeen keenya nuuf ibsanii jiru.

Yeroo man hidhaa Qaallittii keessa turtettis namoota kaan irraa adda baafamtee hiraarfamaa kan turte, Aadde Masarat,  erga hidhaa keessaa baatees hordoffiin hedduu akka ishii duuba ture illee beekuun danda’amee jira.

Keessayyuu, sochii Qeerroo keessaa qooda qabdi jechuun yeroo hedduu waamanii akka gaafachaa turan kan nuuf ibsan maddeen keenya yeroo ammaa bakak ishiin buute akka dhabanii jiran ibsuun qaamoti mirga dhala namaaf falman akka hordofan iyyannaa isaanii dabarsanii jiru.

Kana malees, barataa Tolasaa Kabbadaa  achi buuteen isaan dhabamuu maddeen keenya nuuf ibsanii jiru. Barataan kunis yeroo hedduu, “sabboontota Oromoo ijaarta; ABOf hojjatta; Qeerroo Bilisummaa qindeessita, fi kkf ” jedhamee hidhamaa fi qoratamaa akka ture kan ibsan hiriyyoonni isaa, keessaayyuu, erga waraanni bilisummaa Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti tarkaanfii fudhatuu eegalee hordoffii fi doorsisti itti hammachuu irraa guyyuu sodaa keessa seenee akka ture hubachiisanii jiru.

Yeroo ammaa kantti, sodaa fi bir’uu guddaa keessa kan seente Mootummaan Wayyaanee, ilmaan Oromoo sababa amantii fi ilaalchaan hordoftee ukkaamsuun bal’inaan itti fufee kan jira.

Haala kana irratti dhaamsi Qeerroo aghe akka hubachiisutti, keessayyuu kanneen biyya alaa irraa maallaqni ergamuuf maqaan isaanii gara warra tikaatti dursamee waan ergamuuf hordofiin guddaa karaa hedduun isaanitti jira.

Dhaamsi Qeerroo kun dabalees, “namooti maallaqni fira isaanii irraa ergamuuf, karaa hundaan hordofmaa fi basaasamaa jiran; kanaaf, jabeessanii akka of eegan ii fi sochii fi adeemsa idilee hin taane akka arganii fi hubataniin dursanii qaamota mirga dhala namaaf falmanitti  beeksisuu qaban,” jedhee jira.

Qeerroonis, dhimma kana irratti yaadachiisa dabarseen, “ummati Oromoos amantii fi ilaalchaan otuu adda hinbahiin duula hundagaleessa Oromoo fi Oromummaa irratti labsame kana walirraa qolachuutti  jabaatuu qaban,” jedhee jira.

“Diinni Oromoo yeroo kamitti iyyuu wan ittiin Oromoo cabsuu fi humna buusu hojjachuu irraa duubatti jedhee hin beeku,” kan jedhe dhaamsi Qeerroo, “Roorroo abbaatu ofirraa qolata waan ta’eef, ummanii Oromoo taa’ee du’uu hin qabu; bakka jirutti warraaqsa diddaa fi fincilaa  eegale finiinsuun qe’ee fi ardaa isaa gaaddisa garboomfataa irraa bilisoomsuu qaba,” jechuun dhaamsa jabaa dabarsee jira.

 

Aside

Caamsaa 20m2012 Naqamte
Tarkaanfiin Jala deemtota mootummaa Wayyaanee irratti fudhatamu daran jabaachaa dhufe.Mootummaa Wayyaanee waliin hidhata qabaachuun yeroo dheeraaf uummata Oromoo dararaa kan turee fi lammummaan Habashaa ta’ee kan miseessa OPDO ykn Dabballee Wayyaanee Laggasee Caanee Godina Wallagga bahaa Magaala Naqqamtee irraa 24km bakka fagaatee argamu Gottoo jedhamutti gaafa Caamsaa 18,2012 osoo inni sabboontota qabsiisee dookumantii sabbootonni ittiin qabamanii fi yakkaman qabatee gara mana dhidhaa Ma’ikalaawwiitti geessaa jiruu tarkaanfiin maayii irratti fudhatamee dokumanitiin fi qabeenyi inni baatu martuu harkaa fuudhamee sabboontota hidhaman ammo harkaa baasuun dandayamee jira.Laggasee Caanee qabsoo ilmaan Oromoon gaggeeffamu adda durummaan dura dhaabbachaa kan turee fi diddaa barattootni Yuunivarsiitii gaggeessan,Manneen barnootaa gaggeessan dabballummaan dura dhaabbachaa kan ture dha.Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana diddaa deemsifamaa jiruun rifaatii guddaa keessa seenuun waan qabee gadhiisu wallaalee ilmaan Oromoo mana hidhaa jiran isin kana cufa beektu jechuun Maa’ikelaawwii fi Xoor haayilooch keessatti darara guddaa irraan geessisaa jira.

Seife Nebelbal Qabsaawaa Artist Hirphaa Ganfuree Waliin Gaaffii fi Deebii Godhe

Aside

Gaazexessaan Iyyoob Baayisaa Gantoota Sabaa Gaaffii Haqaan Sarde.

Aside

Seife Nebelbal Radio dhageeffadha!

Showaa aanaa Gindabarat Keessatti Ummanni Qe’ee Irraa Buqa’aa Jira.Barsiisonnis Hojii irraa Arihamaa jiru

Aside

Caamsaa 19,2012 Gindabarat

Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo qe’ee irraa buqqisuu akkuma amaleeffate yeroo ammaa Godina shawaa lixaa aanaa Gindabarat bakka Gooroo Osolee jedhamu irraa uummata Oromoo dirqiin buqqisaa jira.Uummatni Oromoo naannoo kanaa qe’ee keenya irraa hin buqqaanu jechuun mootummaa Wayyaanee waliin xiiqii wal qabee diddaa isaa jabinaan itti fufee jira.Uummatni Oromoo diddaa babal’isuun gibira mootummaa wayyaanee meeshaa waraanaa itti bittu malee misoomaaf hin oolchitan jechuun kan dhorkate yoommuu tahu wal gahii yeroodhaa yerootti ololaan guutame lagatee jira.
Kana malees, garboomfataan mootummaa Wayyaanee ilmaan Oromoo deeggartoota ABOti jechuun hidhuu,ajjeesuu,hojii irraa arii’uu kan amaleeffate Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabarat Mana barumsaa Gindabarat keessatti barsiisota barsiisan deeggartoota ABOti jechuun hojii irraa arii’uuf akeekkachiisa dhumaa itti kennanii jiran.Barsiisotni kunis:-
1. Tolaa Bariisoo
2. Caalaa Habtaamuu jedhaman mootummaa Wayyaaneen yeroo ammaa miseensota ABO Oromoo jedhamuun halkanii fi guyyaa qoratamuu irraan darbee Hojii irraa arii’amuuf akeekkachiisni itti kennamee jira.

Diddaan Ummataa Jabaatee Itti Fufuun Ummanni Oromoo Hiriira Bahe.

Aside

Caamsaa 19,2012 Naqamte
Godina Wallagga Bahaa Onaa Haroo Limmuu bakka Abbaa Mo’aa jedhamuu irraa Mootummaan garbofataa jiratotaa gandaa torbaa buqqisuun lafti kun investerootaaf waan kennamee jiruuf amma irraa jalqabaatii gadi gadhiisaa jedheen waan ajajeef jecha lafa Oromoo walii galatti Investerota habashaa nama torbaaf kenne, gochaa kanaa balaaleeffaachuun gootonnii baratoota Oromoo mana Barumsaa Haroo sadarka 2ffaa fi sabboontonni Oromoo camsaa17/2012 hiriira mormii magaalaa Haroo limmuu Keessaatti adeemsisani. Hiriiraa kana bitineessuuf poolisonni wayyaanee dhagaan reebaman, haala kanaan uummataa irraatti dhukaasa bananii manguddoo gannaa 70 Addee Dabalee Joogoraa rasaasan rukutanii ajjessan. Haala kanaan uummanni FDG cimaa keessaa seene jira.

Roorroo Abbaatu If Irraa Ittisa!! Tarkaanfiin Qabeenya Alagootaa irratti fudhatamu Ammos jabaatee itti fufe!‏

Aside


Caamsaa 18,2012 Naqamte
Tarkaanfiin Qabeenya Investeroota alagootaa irratti fudhatamu daran jabaachaa deemuun oomishni maangoo Investera Habashaa Waldee jedhamuun Godina Wallagga bahaa Onaa Digaa Saasiggaa bakkaa Ukkee Qarsaa jedhamu keessatti dhuunfatame gaafa Caamsaa 17, bara 2012 heekatarri 3.5n ibiddaan barbadaa’ee jira.Investerri habashaa kun uummatni Oromoo fi Beenishaangul Gumuz akka walitti bu’uuf mootummaa wayyaanee waliin hidhata uumuun shora guddaa taphachaa kan ture yoommuu tahu yeroo ammaa kana adda durummaan kan itti jiru tahu yeroo ammaa kanas itti jira.Mootummaan Wayyaanee tarkaanfii kana kan raawwatu ilmaan Oromooti jechuun dargaggoota Oromoo naannoo kanaa mana hidhaatti guuraa jira.

Hojii dhabdootnii fi Barattootni Godina wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu Hiriira nagaa bahan!‏

Aside

Caamsaa 18,2012 Limmuu
Hojii dhabdootnii fi barattootni Godina Wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu magaala Haroo Limmuutti hiriira nagaa bahan.Hojii dhabdootnii fi barattootni tokkummaan dhiibbaan mootummaan wayyaaneen gahaa jiru haa dhaabbatui jechuun hiriira nagaa bahanii jiran.Jala deemtotnii fi poolisootni hiriira nagaa dhaabuuf oliif gadi fiigaa ooluun kan dadhaban yoommuu tahu,diddaa dargaggootaa dadhabuun maanguddoota reebaa oolanii jiran.Hiriirri nagaan kun dhaadannoo garaa garaan
1. Hojii dhabdummaan biyya keessaa haa dhibamu
2. Walitti bu’insi mootummaa wayyaaneen bixxilame milkii haa dhabu
3. Mirgi hiree murteeffannaa ummata keenyaa haakabajamu.
4. Qabeenyii fi lafti Oromoo kan Oromooti!
5. Walitti bu’insa uumameen dhiigaa fi lubbuu badeen mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa haa fudhatu kan jedhani dha.
Diddaa kana dhaabuuf mootummaan Wayyaanee waraana konkolaataan Finfinnee irraa gara naannoo kanatti bobbaasuun uummata oromoo gooluuf karoorfachuu fi itti jiraachuun isaas saaxilamee jira.

Oromiyaa Keessatti Tarkaanfiin Qabeenya Investerootaa irratti fudhatamu jabaatee itti fufe!!‏

Aside

Caamsaa 17,2012 Gabaasa Qeerroo Horroo Limmuu
Tarkaanfiin Qabeenya investerootaa irratti fudhatamu daran jabaachuun Godina Wallaggaa bahaa aanaa Haroo Limmuu keessatti Caamsaa 16,2012 qabeenyi investera Addish G/Yohaannis qabeenyi isaa naannoo ganda Bariisoo Birmajjii bakka abba Mo’aa Jedhamuutti Baabura midhan daakuu tokkoo fi konkolaataa Qonnaa lama kan daangaa Oromiyaa fi Gummuz gidduutti ittin qotaa jiruu ibidaan barbadeeffaman.
Abbaan qabeenyaa kun sababaa investment qonnaa baba’isuu jedhuun kallattiin Tigraay irraa ramadamee gara Wallaggaa kan dhufe yommmuu ta’u ilmaan Oromoo maqaa investerummaan baay’ina 250 ol lafa isaanii irraa buqqisuun irraan darbee yeroo ammaa kana sab-lammoota sulul Abbayyaa irra jiraatan meeshaa itti bituun uummata Oromoo ficcisiisaa akeeka mootummaa Wayyaanee fiixaan baasaa waan jiruufi dha.Waardiyaan abbaa qabeenyaa kanaa Isayyas Amsaalee jedhamu yeroo qabeenya kana irratti tarkaanfiin fudhatamu dura dhaabbachuuf tattaaffii waan godheef hedduu madeeffamee jira.Tarkaanfiin akkanaa guutuu biyyaa irratti jabaatee kan itti fufu tahuu ummanni Oromoo aanaa Haroo Limmuu jabeessee beeksisa.