Caamsaa 30,2012 Hawaasaa
Gimbot 20 jechuun ayaanni Wayyaanotaa kabajamuutti kan beekamu bara kana keessa Caamsaa 28,2012 Mooraa University Hawaasaa keessatti kabajamuuf qophiin guddaa ta’aa ture,qophii guyyaa kanaafis walliftoota Habashaa bebbeekamoo kan ta’an moorichatti fiduu irratti dabalee qophii dorgommii bareedinaa qopheefachaa turan,Walliftooti bebbeekamoon akka dabballee Wayyaanotaatti moorichatti argaman keessa Siyaat Dammisee fi Kaaleeb kan jedhaman yeroo ta’u qophiin isaanii silaa dirree bal’aa irratti ta’uuf kan qindaayee ture soda sochii qeerroo irraan kan ka’e galgala galma guddaa keessatti akka ta’u murteessan,bakka murtaaye sanitti yeroo qophicha eegalan bakkaa fi karaa eegalame kan hin beekamne dhagaan galma sanatti roobsuun jalqabame,galmichi foddaan caccabuu fi baaxiin dhagaan tumamuu irraan kan ka’e guutummaan namaa wareeree yeroo baqatu alatti konkolaataan walliftootaa fi angawootaa gubatee kaan caccabee mooraan jeequmsaan guutamee argame.Haala kanaan qophiin moorichaatti ta’uuf jedhe injifannoo warraaqtotaan fashale.
Guyyaa har’aa barattoota dhalootaan Oromoo ta’an isintu waan kana godhe sababaa jedhuun mana hidhaatti geessuu fi waajjira tikaa keessatti reebanii guraaruu irratti akka argaman gabaasi qeeroo mooricha irraa nu gahe addeessee jira.
Qabsoon itti fufa Gabrummaan ni kufa!
Daily Archives: May 30, 2012
Ayyaanni Wayyaanotaa Gimbot 20, Qeerroo Oromoo biratti Fashale. Tarkaanfiin Diina Irratti Fudhatamus Itti Fufe.
Aside
Caamsaa 30,2012 Finfinnee
Qeerroon Yuunivarsiitii Amboo,Hawaasaa,Finfinnee,Adaamaa,Arbaminc,Haramaayaa,Wallaggaa fi Finfinnee guyyaa kana uffata gaddaa fi uffata galagalchanii uffachuun kan oolan yoommuu tahu Qeerroon Godina Iluu abbaa Booraa Magaala Mattuu Ibsaa naannoo kanaa balleessuun guyyaan kun dukkana tahuu qaba jechuun ibsaa naannoo Yuunivarsiitii,Koollejjii,Tulluubbee Burruusaa fi Gandoota hedduu keessaa ibsaa balleessuun guyyaan kun dukkanaan simatamuu qaba jechuun ibsaa elektrikii naannoo kanaa balleessanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun Godina wallagga bahaa Aanaa Giddaa Bakka Geendoo jedhamu magaala Naqqamtee irraa Km 115 irratti argamtu irratti uummatni Oromoo dhimma nageenyaa mootummaa Wayyaanee kan tahan
1. Hamsaaluu Teessoo konkolaataa isaa waliin
2. Ibsaa Yohaannis dhimma nageenyaa naannoo kanaa
3. Tasfaayee Caanee Itti aanaa Bulchinsa aanaa Limmuu jedhamu irratti Motor cycle isaa waliin tarkaanfiin irratti fudhatamee jira.
Haaluma wal fakkaatuun Qeerroon naannoo Finfinnees Guyyaa ayyaana garboomfataa kana T-shirt Akeeka Gootawwan Keenyaa galmaan ni Geenya Ka’i Qeerroo jedhu uffachuun ayyaanni kun uummata Oromoo biratti hiika faallaa akka qabu ibsanii jiran.
Mootummaan Wayyaanees guyyaan kun ilmaan oromoo biratti fudhatama akka hin qabne beekuun waraana hedduu bobbaasuun Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa kanneen akka Jalduu,Amboo,Shaambuutti sakatta’a gaggeessaa kan turte yoommuu tahu Waraanni mootummaa kanaas meeshaa gurguddaan uummata ija shakkiin ilaalaa oolee tiksuuf dirqamee jira.