UUU… Nuu Birmadha Jedhu Hadhotii fi Daa’imman Oromoo

Aside

Caamsaa 26,2012 Ebantuu
Ummaannii Oromoo seeraan alaa Qee’ee isaa irraa buqqifamaa jira, Qabeenyaan Ummaataa Oromoo lafti gabataa fi albuudaa of keessaa qabuu fi Omiishaa garaagaraaf mijaa’aa ta’ee dabarfamee inveesiteroota alagaaf kennamuuf jedhcha ummanni Oromoo Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onotaa Armaan gadii irraa Caamsaa 23,2012 qe’ee isaa irraa humnaan akka gadhiisee deemu ajaji battalaa itti kennamee yeroo itti meshaa isaa fi da’immaan isaa walitti qabatu dhabuun humna waraana Wayyaaneen reebamaa qe’ee fi maasii isaa akka gadhiisu taasifame qabeenyaa fi lafti irraa fudhatames Caamsaa 24,2012 investeroota heddumminaan naannicha dhufaniif hiramaa olee akka jiru beekama. Naannooleen ummanni irraa buqifaman keessaa.
FKN 1.Onaa Haroo Limmuu gandotaa torba[7]
2.Onaa Limmuu Galiilaa gandootaa jahaa[6]
3.Onaa Heebantuu gandotaa saddet[8]
4.Onaa Giddaa gandootaa shaan[5]
5.Onaa Kiiraamuu gandotaa kudha-tokko[11]
6.Onaa Giddaa Saasiggaa gandootaa sagal[9]
irraa buqqisuun inveesiteroota barbaadaniif akkaa barbaadanitti kenna jiru,lukkeen Wayyaanee OPDO’n illee yeroo daangaan Oromiyaa sarbamee gartokkeen isaa Guumuziif kaan ammo investerootaaf kennaamuu homaa gochuu hin dandeenye.Haallii kun uummaataa akka malee arsee waan jiruuf uummannii FDG keessa ture gara qabsoo hidhannootti deebisachuu fi magaala irraa hamma baadiyyaatti lukkeelee fi diina irratti tarkaanfii fudhachuuf kutannoon ka’ee jira.

Ummani Oromoo Wallagga Qellem Diddaa Isaa Cimse.

Aside

Caamsaa 26,2012 Dambi Doollo
Godina Qellem Wallaggaa,Aanaa Anfilloo,gandoota Dollaa fi Yattii jedhamu keessatti Caamsaa 22,2012 uummatni Oromoo diddaa isaa jabeessuu irraan kan ka’e bulchitootii fi dabballoonni Wayyaanee haala sochii ABO fi diddaa Qeerroo irratti ummataaf ibsaa fi barnoota kennina jechuun walgahii guddaa yaamanii turan.Walgahii kana guutummaatti ummanni bahuu diduu fi dhaquu diduu irraan diddaa isaa muldhisee jira.
Kana malees dabalanii Caamsaa 23,2012 walgahii dhimma biraaf jedhanii marii waayee dhimma daandii baasuu irratti baajata baastanii hojjechiisuu qabdu jennaan kan abbaayiif harka qullaa hafnee utuu jirru amma immoo jireenya keenya balleessuuf mana dhufee jedhanii ergamtoota Wayyaaneedha walgayii sana gaggeessuuf dhufan qaanessanii deebisan kan jedhu gabaasi nu gahe addeessa.
Haala kanaan diddaa kana kan qindeessu isini jechuudhaan sabboontota Oromoo sadii gara mana hidhaatti geessanii akka guraaraa jiran beekame.
1,Qonnaan bulaa Obbo Nagaasaa Hirphoo,
2,Daldalaa Bunaa Obbo Solomoon Nadhii,
3,Qonnaan Bulaa Ayyaanaa Bulloo
Kanneen jedhaman mana hidhaa magaalaa Aanaa Anfilloo ;Muggi bakka jedhamutti hidhamanii akka jiran gabaafamee jira.