Seife Nebelbal Qabsaawaa Artist Hirphaa Ganfuree Waliin Gaaffii fi Deebii Godhe

Aside

Gaazexessaan Iyyoob Baayisaa Gantoota Sabaa Gaaffii Haqaan Sarde.

Aside

Seife Nebelbal Radio dhageeffadha!

Showaa aanaa Gindabarat Keessatti Ummanni Qe’ee Irraa Buqa’aa Jira.Barsiisonnis Hojii irraa Arihamaa jiru

Aside

Caamsaa 19,2012 Gindabarat

Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo qe’ee irraa buqqisuu akkuma amaleeffate yeroo ammaa Godina shawaa lixaa aanaa Gindabarat bakka Gooroo Osolee jedhamu irraa uummata Oromoo dirqiin buqqisaa jira.Uummatni Oromoo naannoo kanaa qe’ee keenya irraa hin buqqaanu jechuun mootummaa Wayyaanee waliin xiiqii wal qabee diddaa isaa jabinaan itti fufee jira.Uummatni Oromoo diddaa babal’isuun gibira mootummaa wayyaanee meeshaa waraanaa itti bittu malee misoomaaf hin oolchitan jechuun kan dhorkate yoommuu tahu wal gahii yeroodhaa yerootti ololaan guutame lagatee jira.
Kana malees, garboomfataan mootummaa Wayyaanee ilmaan Oromoo deeggartoota ABOti jechuun hidhuu,ajjeesuu,hojii irraa arii’uu kan amaleeffate Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabarat Mana barumsaa Gindabarat keessatti barsiisota barsiisan deeggartoota ABOti jechuun hojii irraa arii’uuf akeekkachiisa dhumaa itti kennanii jiran.Barsiisotni kunis:-
1. Tolaa Bariisoo
2. Caalaa Habtaamuu jedhaman mootummaa Wayyaaneen yeroo ammaa miseensota ABO Oromoo jedhamuun halkanii fi guyyaa qoratamuu irraan darbee Hojii irraa arii’amuuf akeekkachiisni itti kennamee jira.

Diddaan Ummataa Jabaatee Itti Fufuun Ummanni Oromoo Hiriira Bahe.

Aside

Caamsaa 19,2012 Naqamte
Godina Wallagga Bahaa Onaa Haroo Limmuu bakka Abbaa Mo’aa jedhamuu irraa Mootummaan garbofataa jiratotaa gandaa torbaa buqqisuun lafti kun investerootaaf waan kennamee jiruuf amma irraa jalqabaatii gadi gadhiisaa jedheen waan ajajeef jecha lafa Oromoo walii galatti Investerota habashaa nama torbaaf kenne, gochaa kanaa balaaleeffaachuun gootonnii baratoota Oromoo mana Barumsaa Haroo sadarka 2ffaa fi sabboontonni Oromoo camsaa17/2012 hiriira mormii magaalaa Haroo limmuu Keessaatti adeemsisani. Hiriiraa kana bitineessuuf poolisonni wayyaanee dhagaan reebaman, haala kanaan uummataa irraatti dhukaasa bananii manguddoo gannaa 70 Addee Dabalee Joogoraa rasaasan rukutanii ajjessan. Haala kanaan uummanni FDG cimaa keessaa seene jira.