
Caamsaa 18,2012 Naqamte
Tarkaanfiin Qabeenya Investeroota alagootaa irratti fudhatamu daran jabaachaa deemuun oomishni maangoo Investera Habashaa Waldee jedhamuun Godina Wallagga bahaa Onaa Digaa Saasiggaa bakkaa Ukkee Qarsaa jedhamu keessatti dhuunfatame gaafa Caamsaa 17, bara 2012 heekatarri 3.5n ibiddaan barbadaa’ee jira.Investerri habashaa kun uummatni Oromoo fi Beenishaangul Gumuz akka walitti bu’uuf mootummaa wayyaanee waliin hidhata uumuun shora guddaa taphachaa kan ture yoommuu tahu yeroo ammaa kana adda durummaan kan itti jiru tahu yeroo ammaa kanas itti jira.Mootummaan Wayyaanee tarkaanfii kana kan raawwatu ilmaan Oromooti jechuun dargaggoota Oromoo naannoo kanaa mana hidhaatti guuraa jira.
Daily Archives: May 18, 2012
Hojii dhabdootnii fi Barattootni Godina wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu Hiriira nagaa bahan!
Aside
Caamsaa 18,2012 Limmuu
Hojii dhabdootnii fi barattootni Godina Wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu magaala Haroo Limmuutti hiriira nagaa bahan.Hojii dhabdootnii fi barattootni tokkummaan dhiibbaan mootummaan wayyaaneen gahaa jiru haa dhaabbatui jechuun hiriira nagaa bahanii jiran.Jala deemtotnii fi poolisootni hiriira nagaa dhaabuuf oliif gadi fiigaa ooluun kan dadhaban yoommuu tahu,diddaa dargaggootaa dadhabuun maanguddoota reebaa oolanii jiran.Hiriirri nagaan kun dhaadannoo garaa garaan
1. Hojii dhabdummaan biyya keessaa haa dhibamu
2. Walitti bu’insi mootummaa wayyaaneen bixxilame milkii haa dhabu
3. Mirgi hiree murteeffannaa ummata keenyaa haakabajamu.
4. Qabeenyii fi lafti Oromoo kan Oromooti!
5. Walitti bu’insa uumameen dhiigaa fi lubbuu badeen mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa haa fudhatu kan jedhani dha.
Diddaa kana dhaabuuf mootummaan Wayyaanee waraana konkolaataan Finfinnee irraa gara naannoo kanatti bobbaasuun uummata oromoo gooluuf karoorfachuu fi itti jiraachuun isaas saaxilamee jira.