Ajajaa Poolisa Wayyaanee Eshetuu Alii Irratti Tarkaanfiin Maayyii Fudhatame

Aside

Caamsaa 14,2012 Gabaasa Qeerroo Magaala Jimmaa

Yeroo dheeraaf Magaala Jimmaatti qabsoo ilmaan Oromoo dura dhaabbataa kan turee Esheetuu Alii nama jedhamuu fi lafti jireenya isaa magaalaa Jimmaa ganda 04 yeroo tahu Caamsaa 13,2012 tarkaanfii maayyii irratti fudhatee jira.
Ergamaan Wayyaanee yeroo dheeraaf kun basaasummaa fi jala deemtummaan ilmaan Oromoo rakkisaa turee fi Poolisii tahee Magaala Jimmaa Ganda Qocii keessatti hojjetaa ture irratti tarkaanfiin maayii fudhatamuun kanneen biroofis barnoota ta’a.Poolisni mootummaa wayyaanee qabsoo qeerroon itti jiru dura dhaabbachuuf tattaafachaa turee fi dargaggootni akka waliin magaala keessa illee hin dhaabbanne dhorkaa ture. Ergamaan kun dhalootaan lammii Tigiree tahe uummataan yeroodhaa yerootti gorfamee irraa deebi’uu waan dideef tarkaanfiin dhumaa akka irratti fudhatame keessa beektonni gabaasu.

Poolisnii fi Dabballeen Wayyaanee Isheetuu jedhamu kun marii uummatni Jimmaa Caamsaa 11/2012 gaggeesse irrattis sochii ilmaan Oromoo dhukkaamsuuf tattaaffii jabaa gochuu qabna jedhee dubbachaa kan ture yoommuu tahu armaan duraas waggoota dheeraaf waajjira Poolisiitti ilmaan oromoo qabee deeggartoota ABO jechuun reebaa fi hacuucaa turuun isaa beekamee jira.
Tarkaanfii ergamaa kana irratti fudhatameenis uummatni Oromoo hedduu gammadanii jiran.
Tarkaanfiin akkanaa fi kana fakkaatan jala deemtotaa fi dabballoota Wayyaanee irratti fudhatamu jabaatee waan itti fufuuf namootni hojii wal fakkaataa hojjettan akka irraa of qusattan dhaammanna.

Mooraa University Jimmaa kessaattii Diddaa Goototaa barattoota Oromoo itti fufee,

Aside

Caamsaa 14,2012 Jimma

Baraataa Girmaa Nagaasaa mooraa University Jimmaatti barataa social science department Governance waggaa tokkoffaa kanaan fulduraa badii tokkoo malee barnootaa irraa humna poolisotaa waayyaaneen qabamee, mana hidhaa maakalawwiitti dararamaa hamaa irraa erga turee, kalee isaa gubbaa rukutamee dhukkubsachaa utuu jiruu, manni murtii waayyaanee balleessaa tokkoo malee sobaan himachaa ture,dhiyeenya kana gadi lakkifamee jira, haa ta’uu malee barataan kun gara barnootaa isaatti deebi’uuf gara mooraa University Jimmaa deemuus, pollisonni mooraa universitichaa mooraa hin seentuu jechuun dorsisaan ati shororkeessaadha jchuun mooraa seensisuu dhorkaan haalaa kanaa baratoonni Oromoo mooraa keessaa jiraan gara bulchiinsa mooraa sanatti iyyaata dhiyeessanif, bulchiinsii mooraa university Jimmaas poolisaan qabamee akka mooraa seenuu godhee sana boodaa waggaa tokkoof ati barnoota irraa dhorkamteeta jechuun mooraa university akka hin seenee fi barachuus akka hin dandeenye ta’e jira. haala kanaan baratoonni Oromoo mooraa sana keessaa jiran, gara presedentii baratotaatti iyyataa dhiiyyasaniif, sochii baratotaa kanatti rifachuun mootummaan abbaa irree baratoota irraa ID isaanii fuudhaanii baratoota dorsisuutti gadi taa’an,sababa kanaan wal qabatee Gamtaan baratoota University jimmaa[Jimmaa student union] fi poolisotaa giddutti wal dhabdeen uumame, bakka bu’onni baratootas dorsifamaan jedha odeessi nu ga’ee, poolisii Abarraa Mulaatuu miseensa poolisaa mooraa university jimmaa kan ture barataa Girmaa Nagaasaa waliin hidhata qabdaa jechuun dorsifamaa jiraachuu irraa darbee waraqaa miseensummaa poolisii irraa fudhatamee jira, baratooni Oromoo mooraa Unversity jimmaa gochaa kana ni balalleffaannaa gochaa abbaa irruummaa kanaas Qabsoo keenyaan maqsina jechuun sagalee mormii dhageesisan.halumaa kanaan barataa kanaan hoggaantoonni poolisaa mooraa University Jimmaa namoonni maqaan isaanii Kaaild Abbaa Tamaam fi Malaasee jedhaman barataa kanaan sii ajjeesnaa jechuun doorsisaan jedhaa odeesi nu ga’e.

Uummatni Oromoo Godina Wallagga bahaa aanaa Eebantuu waraana Wayyaaanee of irraa dhorke‏

Aside

Caamsaa 14,2012 Ebantuu

Godina Wallagga Bahaa aanaa Eebantuu keessatti mootummaan Wayyaanee waraana bobbaasee uummata goolaa jiraachuun gabaafame.Walitti bu’insa Uummata sulul Abbayyaa irra jiraatani fi Oromoo gidduutti qabsiifame uummatni nagaan hiikuuf wayita jirutti mootummaan wayyaanee uummata walitti buusee humna ilmaan oromoo cicciruuf kan karoorfate saaxilamuun uummatni oromoo meeshaa qabuun waraana wayyaanee of irraa dhorkee jira.Waraanni mootummaa wayyaanee bobba’ee ilmaan Oromoo meeshaa waraanaa qabdu,ABO waliin hidhata qabdu jechuutti gadi taa’e uummatni oromoo naannoo isaa irraa Waraana mootummaa wayyaanee tokko madeessuun tajaajilaa ala gochuun arii’anii jiran.Waraanni mootummaa wayyaanee diddaa kanaan hedduu kan rifate yoommuu tahu daraggootaa fi uummata nagaa karaa nagaa deemu sakatta’aa jiru.Diddaan kun aanaa Haroo limmuu,Giddaa,Kiiramuu,Jaartee fi Amuruuttis babal’achuun uummatni oromoo waraana mootummaa wayyaanee akka diinaatti ilaalaa jira.