(Qeerroo News, 05/11/2012): The wave of arrest acusing Oromian muslims by terrorism and exterimism by the Woyane-lead Ethiopian regime has continued all over Oromia. Accordingly, the following Oromos are the list of some of those who have been arrested in Central Oromia, Waliso town, some 100 km West of the capital Finfinne (Addis Ababa).Read More :- 67 Oromos Detained in Waliso

Daily Archives: May 11, 2012
Kibba Baha Shawaa,Waliisoo Keessaa Sabboontonni Oromoo 67 Hidhaman
Aside
Odeessa Qeerroo Caamsaa 11,2012
Mootummaan Wayyaanee diddaa ummataa sirna isaa irratti ka’ee jiru dura dhaabbachuu fi gaaffii ummatootaaf deebii gahaa kennuu haqachuu irraan kan ke’e rakkoolee amantii fakkeessee ummata gooluu fi hidhuu itti bobba’ee jira. Haala kanaan Jidduu galeessa Oromiyaa keessaan sabboontota Oromoo armaa gadiitti maqaan isaanii ta’e kanneen mana hidhaatti darbee jira. Ammatti kanneen godina Showaa bahaa keessaa gara malee qabamanii ragaa mana hidhaatti darbamanii fi eenyummaa isaanii kan ibsu kanumatti qabsiifnee maxxansinee jirra.
Kanneen kunis:-Liistii Oromoota 67 Waliisoo irraa Hidhamanii
4 Oromo Muslims Murdered, 222 Oromo and 2 Amhara Muslims Arrested and Charged in Asasa Town
Aside
May 11, 2012 Qeerroo Finfinnee
Qeerroo correspondent in Asasa has compiled the names, ethnic origin, and ages of Muslims summarily arrested and now charged and waiting for trial at a court in Arsi zone, Gadab Asasa County [Woreda] in relation to the protest and clash erupted between the Ethiopian government police force and the unarmed Muslims of the zone on April 27, 2012. We present the names as they are written in Afan Oromo (Qubee) writing system as follows. 222 Oromo and 2 Amhara Muslims Arrested and Charged in Asasa Town
Oromiyaa Lixa Arsii Keessatti Oromoonni 222 ol hidhamanii 4 Ajjeefaman
Aside
Caamsaa 11,2012 Qeerroo Finfinnee
Oromiyaa godina Lixa Arsii, Ona Gadabasaasaa Keessaa namoota diddaa Hawaasni Musliimaa Mootummaa irratti kaaseen walqabatee gaafa Ebla 27,2012 tti hidhamanii yeroo ammaa kana Mana Murtii Ona Gadabasaasaatti beellamarra jiran. Zoonii Lixa Arsii Ummata Oromoo Kanneen hidhamanii fi Jajjeefaman.pdf Ebala 2012
Uummatni Oromoo Waraana mootummaa Wayyaanee gara of irraa ittisuutti seene
Aside
Caamsaa 10,2012 Naqamte
Uummatni Oromoo waraana Mootummaa Wayyaanee Uummata sablammoota sulul Abbaayyee irra jiraatan hidhachiisee waliin qabeenyaa fi lubbuu ilmaan oromoo dhangalaasu gara of irraa ittisuutti seenee jira.Uummatni Godina Wallagga bahaa aanaa Eebantuu,Jiddaa,Haroo Limmuu fi Limmuu waraana mootummaa wayyaanee ilmaan oromoo ficcisiisaa jiru waraanaan of irraa dhorkuu jalqabe.Uummatni oromoo waadaa Kalee walii seenuun Waraana mootummaa wayyaanee waan qabaniin akka of irraa murteessuun guyyaa har’aa of irraa ittisaa oolanii jiran.Waraanni mootummaa garboomfataa wayyaanee meeshaa waraanaa hiikkadhaa jechuun uummata oromoo irraa meeshaa guuruuf karoorfatus uummatni dhorkachuun falma waraana wayyaanee waliin jalqabee jira.Waraanni mootummaa wayyaanees hedduumminaan bobba’uun uummata oromoo ficcisiisuuf murteeffatus milkii akka dhabutti of irraa dhorkaa jira.
Haala kanaan walgahiin mootummaa wayyaanee aanolee Limmuu,Haroo Limmuu,Jiddaa fi Eebantuu keessatti yaamtus lagatamee jira.
Artistootni oromoo Hidha Abbayyaaf Wallee baasaa jedhaman didan
Aside
Caamsaa 10,2012 Adaamaa
Artistootni Oromoo Wallee Hidha abbayyaa irratti akka baasan dirqaman.Mootummaan wayyaanee Artistoota oromoo walitti waamuun maqaa Misooma abbayyaaf boondii bitaa jedhuun dirqamsiisuu irraan darbee Uummatni oromoo buusii abbayyaaf dhorkachaa waan jiruuf Sirba baasuun akka kakaasan jedhamuun dirqaman.Artistootni wal gahii mootummaan wayyaanee waamte kana hedduumminaan kan lagatan yoommuu tahan kanneen marii irratti argamanis ajaja mootummaa garboomfataa wayyaanee harkaa fashalsuun wal gahii goolaba malee diiganii jiru.





