Shira mootummaan Wayyaanee bixxilteen uummatni Oromoo 30,000 ol tahan mana dhabdee tahan

Aside

Caamsaa 07,2012 Gabaasa Qeerroo Naqamte

Shira waliti bu’insa mootummaan Wayyaanee Uummata Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz gidduutti uumteen manneen ilmaan Oromoo Godina Wallagga bahaa aanaa Limmuu Galiilaa hedduumminaan gubachuun uummatni Oromoo Naannoo Harqumbee 30,000(Kuma soddomaa ol) mana dhabdee tahee jira.Uummatni Beenishaangul Gumuz waraana Mootummaa Wayyaanee waliin wal tahuun mannee uummata Oromoo gubuun alatti mana barnootaa(School) daa’immaan Oromoo itti baratan gubanii jiru, School gubatan keessaa:-
1. Caakkaa diigaa kutaa 1ffaa hanga 4ffaa
2. Caffee allaattii kutaa 1ffaa hanga 4ffaa
3. Harqumbee 2ffaa kutaa 1ffaa hanga 8ffaa daree 20 kan qabu
Guutummaan guutuun hojii dhaabuun barsiisotni manneen barnootaa kanatti naannoo biraadhaa dhufanii barsiisan gara warra isaaniii hojii dhaabuun deebi’uuf dirqamanii jiran.

 

Uummatni Oromoo Tarkaanfii qabeenya Investeroota irraatti godhu jabeesse!‏

Aside

Caamsaa 07,2012 Mattuu
Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Mattuu ganda Seeddoo keessatti uummatni Oromoo investeroota habashaa irratti tarkaanfii jabeessuun qotee bultoota habashaa ganda kana keessatti qubachuun qabeenya ilmaan Oromoo saamaa lammiilee Oromoo kabajuu didan irratti Caamsaa 05,2012 tarkaanfii fudhachuun bakka sangoota horsiisan irraa qotiyyoo 22 jalaa miliqsan.Investerootni habashaa saamicha lafa ilmaan Oromoo irratti yeroodhaa yerootti godhan kana hin dhaaban taanaan tarkaanfiin hanga lubbuu akka isaanitti deemu kan dhaaman lammii Oromoo ganda kanaa investeroonni mootummaa Wayyaanee waliin walitti hidhata godhachuun gufuu bilisummaa tahanii fi qabeenya ilmaan Oromoo yeroodhaa yerootti saaman hatattamaan akka irraa of tiksan dhaamanii jiru.Tarkaanfiin kunis hanga investeroota habashaa fi jala deemtota isaanii Oromiyaa irraa gadhiisisan jabaatee kan itti fufu ta’uu gootonni ilmaan biyyaa gabaasu.