Barattootni Amantii Musliimaa Hordofan Yuunivarsiitii Amboo fi Koollejjii Alaagee bakka dura salaataa(sagadaa) turanitti akka hin salaatne(sagadne) dhorkaman.‏

Aside

Caamsaa 02,2012 Amboo
Yuunivarsiitii Amboo keessatti mootummaan wayyaanee Barattoota Musliimaa dallaa yuunivarsiitii keessatti akka hin saganne dhorke.Mootummaan wayyaanee bakka barattootni musliimaa itti sagadan(salaatan) naannoo istaadiyeemii bakki kun isinii hin eeyyamamu,yoo isin kan sagaddan taatan warreen kiristaanaafis bakka kennuu waan qabnuuf dhaabaa jedhus barattootni musliimaa amantii keenya bakka barbaadnetti amanachuu dandeenya,Shirri mootummaa wayyaanee hin dalagu jechuun diddaa jabeessuun itti fufanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun Koollejjii Teeknikaa fi Ogummaa qonnaa Alaagee keessatti mootummaan wayyaanee bakka barattootni musliimaa itti sagadan(salaatanitti) xuraa’aa bottee lama fiduun naqanii bakka dhorkatanii jiran.Barattootni musliimaas maaliif kana akka godhan gaafatan deebii dhabuun masgiida koollejjii irraa fagaatu deemuun salaatuuf dirqamanii jiran.

Dhiibbaan Biyyattii keessatti dhimma amantiin dhufaa jiru haalaan hammaachaa dhufuun yeroo ammaa waraanni mootummaa wayyaanee hordoftoota amantii garaa garaa ija siyaasaan ilaalaa jiran!

Uummatni Oromoo Poolisootaa fi tika Wayyaanee irraa of ittise. Alaabaan ABO s Manneen barnootaa keessa balalii’aa jiru.

Aside

Caamsaa 02,2012 Laqamte
Uummatni oromoo Godina Wallagga bahaa Aanaa Limmuu,Fiixee bokkoo ganda 06 waraanaa fi tika mootummaa Wayyaanee bobba’uun diddaa dhaabuuf yaalan Caamsaa 1,2012 guyyaa guutuu of irraa ittisan.Uummatni Oromoo naannoo kanaa waan qaban fudhachuun poolisoota mootummaa wayyaanee doorsisaa fi qe’ee irraa buqqisuuf bobba’an tumanii of irraa arii’an.Uummatni Oromoo naannoo kanaa Poolisoota mootummaa Wayyaanee 4 hojii ala kan godhan yoommuu tahu jala deemtota mootummaa Wayyaanee
1. Dafaa Galataa dhimma nageenyaa aanaa Limmuu
2.Abdiisaa Gammadaa Hojjetaa dhimma nageenyaa
3. Abarraa Qorannoo yakkaa aanaa Limmuu
Kan tahan poolisoota guurratanii deeban waliin tumamanii diddaa uummataan naannoo sana irraa ittifamanii jiran.Waraanni Federaalaa mootummaa Wayyaanees uummata naannoo kanaa miidhuuf bobba’us uummatni karaa itti cufuun of irraa ittisaa jira.
Haaluma wal fakkaatuun barattootni Oromoo mana barumsaa
1. M/B Limmuu sad 2ffaa fi qophaa’inaa
2. M/B Barisoo sad 2ffaa
3. M/B Sugee sad 2ffaa
4. M/B Qeelloo sad 2ffaa
5. M/B Qaxaroo sad 2ffaa
Alaabaa ABO fannisuun gaaffiin oromoo haa deebi’u jechuun diddaa jabeessanii jiran.Barsiisotni manneen barnootaa kanneenii fi kanneen biroos diddaa uummataa deemsifamaa jiru kan tumsanii fi adda durummaan kan gaafatan tahuu ibsanii jiran.
Injifannoo uummata oromoof!!