A Political Science Lecturer and dozens of students at Dire Dawa University imprisoned

Aside

March 6, 2012; Finfinnee

Milkeessaa MiidhaqsaMr. Milkessa Midhegssa, a Political Science Lecturer at Dire Dawa University; was reportedly taken to custody after security agents accused him of fueling the students uprising that is shaking many Universities and Secondary schools in Ethiopia specially that of Dire Dawa University. Mr Midhegsa, who is popular among the Oromo students in the campus, was targeted several times before he got his subsequent release. Currently, it was said that he is keep in a very brutal and notorious prison of Ma’ikelawi, where traditionally political dissidents are kept and torture and mistreatment is regular.

In similar news, kidnapping of students by government security agents continued unabated. In Adama University students were denied admission to University, even if they are finally free from custody in a rarely functioning judicial system. Waqjira Gutama is one of these, after making his way from prison to the University; who was kidnapped in front of his dormitory and his where about remained unknown. His families are currently suffering from his disappearance and their search effort so far become fruitless.Waqjiraa

MagarsaaLast month, a student named Magarsa Waqjira, who disappeared from Hawaasa University in February, was finally found in the custody of the notorious Ma’ikelawi prison.

Even if the regime in Ethiopia is getting busy by the day harassing students and civilians with no clue of the crime they are accused of, the organized Qeerroo movement is shaping its movement to all directions and the support of the public is rising enormously.

@Qeerroo

Wallagga Aanaalee gara garaa Keessatti Diddaan Qeerroo Jabaatee Itti Fufe.

Aside

Bitootessa 07,2012 Naqamte

Godina Wallaggaa Bahaa aanolee Limmuu galiilaa,Eebantuu,Haroo Limmuu,Saasiggaa fi Godina Horro Guduruu aanolee Amuruu,Jaartee fi Jaardagaa keessatti diddaan uummataa mootummaa Wayyaaneetti jabaachaa kan dhufe mootummaa abbaa irree yaaddessaa jira. Gaafa bitootessa 02,2012 aanaa Kiiramuu keessatti konkolaataa dabballoota Wayyaaneetti karaan cufamuun konkalaataa irraa buusanii dabballoota arihuun qeerroon itti sirbaa oolee jira.

Mootummaan Wayyaanees diddaa itti jabaate filannoo dhabuun human waraanaa gara sanitti bobbaasuun dargaggoota Oromoo onoota kanneen keessaa ukkaamsee mana hidhaa gidduu galeessaa Maa’ikelaawwiitti guuruun ukkaamsee jira.Dargaggootni oromoo hidhaman ammaaf kan maqaan isaanii nu gahe keessaa

1.Afrikaa Kabbadaa Wallagga bahaa aanaa Limmuu Galiilaa irraa

2.Darajjee Dassaaleny Wallagga bahaa aanaa Limmuu Galiilaa irraa

3.Mul’isoo Dhugaasaa Wallagga bahaa aanaa Limmuu Galiilaa irraa keessatti argamu.

Qeerroon wallaggaa bahaas hanga bilisummaa kutannoon mootummaa garboomfataa xiichaa akka itti fufan gabaasa waliin ibsanii jiru.

Yadannoon Barataa Wandimmuu Daammanaa Goota FDG irratti Wareegamee Guyyaa Har’aa Geedotti Kabajame

Aside

Bitootessa 06,2012

Baatii darbe Godina Shawaa lixaa Mana barumsaa Geedoo sadarkaa Lammaffaa keessatti lukkeewwan Wayyaaneetiin FDG keessatti kan ajjeefame Barataa Oromoo Wandimmuu Daammanaaf mana barumsaa Geedoo keessatti barattootni oromoo yaadannoo gochaa jiru.Guyyaa ilmi oromoo itti wareegamettis barnoota hin deemnu jechuun sabboontotni oromoo mana barumsaa irraa hafanii jiru.

Haaluma Wal fakkaatuun Godina Shawaa lixaa aanaa Midaaqeny bakka dhalootaa Sabboonaa Oromoo Wandimmuu Daammanaa kan tahetti barattootni oromoo guutummaan guutuutti yaadannoo gochuun manni barumsaa sadarkaa lammaffaa midaaqeny cufamee jira.Jaleewwan wayyaanee barnoota barachuuf dhaqanis sabboontota barsiisota Oromoon ‘’kan keessan qofaattii?’’ jedhamuun qaaniin deebanii jiru.

Qeerroon Oromoo yaadannoo barataa kanaaf Guyyaa kaleessaa irraa jalqabee manneen barnootaa aanaa Midaaqeny,Geedoo fi bakkeewwan birootti waraqaa yaadannoo raabsuu fi maxxansuun goota Barataa Wandimmuu Daammanaaf yaadannoon akka tahu godhee jira.Gootota keenya guyyaa guyyaan ni yaadanna jechuun Waraqaa waamichaa ilmaan oromoof raabsuu irratti argamu.

Bakkeewwan biroottis ilmaan keenya harka diinaatti wareegaman akka yaadannu jechuun dhaamsa jabeessinee dabarfanna.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Diddaan Qeerroo Bilisummaa daran hammaachuu irraan barsiisaan Political science University Dirree Daawaa fi barattoonni kaan Hidhaman.

Aside

Bitootessa 06,2012 Finfinnee

Barsiisaa Milkeessaa MiidhaqsaaUniversity Dirree Daawaa keessatti barsiisaa Political science kan tahee fi barattoota Oromoo biratti jaallatamaa kan ta’e Bar, Milkeessaa Miidhagsaan mootummaa Wayyaanee biratti yeroo adda addaatti ABO dha jechuun shakkamuun hidhaa turee gadhiifamuun beekama.Haala kanaan barattooti Oromoo naatoo fi jalala kan qabaniif barsiisaa Milkeessaa Midhagsaa, gaaffii Qeerroo Bilisummaaf kan barattoota kakaasu si ta’a jechuun shakkanii mana hidhaa Ma’ikalaawwii geessuun qeerroon gabaasa.

Kanuma waliin wal qabatee barattootni Oromoo mootummaa Wayyaaneedhaan ukkaamsamuun itti fufee jira.Mootummaan abbaa irree wayyaanee diddaa qeerroo irraa itti jabaate jala dhaabbachuuf jecha.Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti barattootni Oromoo mana hidhaatii bahan barumsatti akka hin deebine galmee diduun rakkisuu irra darbee Barataa Waaqjiraa Guutamaa Kitilaa Barataa Agricultural Engineering waggaa 2ffaa tahe doormiidhaa qabanii ukkaamsuun bakka buuteen isaa dhabamee jira.Yeroo ammaa kana warri barataa Waaqjiraa Guutamaa ilmoo isaanii barbaacha irratti hedduu dadhabaa kan jiran yoommuu tahu bakka buutee isaa dhabanii mootummaa fi bakka itti iyyatan dhabuun dararamaa jiru.Barataa Waaqjiraa Guutamaa

Barataa  Magarsaa Waaqjiraa

Barataa Magarsaa Waaqjiraa

Torbaan darbe baaatii Gurraandhala 2012 keessa barataa Magarsaa Waaqjira jedhamu akkasuma mooraa Univrsity Hawaasaa keessaa sochii qeerroo waliin walitti hidhuun bakka buuteen isaa dhabamee yeroo ammaa kana akka mana hidhaa Ma’ikalaawwii jiru beekamee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Alaabaan ABO Konkolaatota Investeroota Alagaa irratti Fannifame,Ummannis Gammachuu Isaa Muldhise.

Video

Bitootessa 06,2012

Abbootiin qabeenya alagaa ykn Habashoonni maqaa investor jedhuun Oromiyaa keessatti dinagdee harka guddaa dhuunfatanii jiru. Daldalli,qonnaan,albuudii fi hormaati hundi daldaltoota alagaan saamamaa jira. Haala kanaan konkolaataa gurguddaa fi Autobusa alagootaa magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti dhaabuun alaabaa ABO(Oromo) irratti rarraasuun biyyi Oromiyaa kan Oromoo tahuu fi Oromoon bilisummaaf falmataa jiraachuu isaa Qeerroon muldhisaa jira.

Magaalaa Amboo keessatti osoo waraanni mootummaa Wayyaanee ummata eegaa jiruu Qeerroon alaabaa ABO konkolaataa ummata fe’u irratti fannisuun magaalaa keessa yeroo naannessan muldhatee jira.Ummanni kanaan gammadee konkolaataa kana biratti sirbaa ture,video fuula ummataa biraa qabu nageenyaaf edit gochuun hamma tokko akka armaa gadiitti.

Diddaan Qeerroo Jabaachuu Irraan Kan Ka’e Mootummaan Wayyaanee tooftaa “Leenjii Naamusaa” Jedhu Barattoota Irratti Karoorfate.

Aside

Bitootessa 05,2012

Mootummaan Wayyaanee Diddaa barattoota Oromoo irraa itti jabaachaa
dhufe hambisuuf ykn dura dhaabbachuuf jecha yuunivarsiitiilee Oromiyaa keessatti maqaa leenjii “Namuusa” jedhuun siyaasa barsiisuuf qophaa’aa jiraachuun isaa saaxilamee jira.Diddaa Qeerroo Oromoo irraa mootummaa Wayyaaneetti dhufe laaffisuuf barattoota yuunivarsiitii dirqamaan leenjii kana Bitooteessa 26,27 fi 28,2012 itti kennuuf karoorfatee jiraachuun isaa
beekamee jira.

Ji’a Onkoloolessaa darbe keessatti leenjiin kun barattoota yuunivarsiitiif kennamuu jalqabee gaaffii barattootaan milkaa’ina kan dhabe yoommuu tahu kana milkaa’ina itti uumuuf barattoota digdama digdamaan leenjii kana kennuun milkaa’ina itti uumuuf watwaataa jiraachuu wayyaanee qeerroon bira gahee jira.Sodaan Wayyaanee yeroo ammaa sochii Qeerroon itti jiru yoommuu tahu amantii miseensota isaa irraa dhabde irraa kan ka’e karaa dhaabbiilee

tajaajila hawaasaa kanneen akka manneen barnootaa olaanaa fi gad aanaa
sochii kana to’achuuf qophaa’aa jiraachuun Wayyaanotaa bira gahamee jira.

Dargaggoota Oromoo gaaffii mirgaa kaasan baroota dheeraaf hidhuu,ajjeessuu,biyyaa arihuu fi hojii irraa arihuun mootummaan wayyaanee yeroo har’aan gahe kun ammos diddaan yeroo itti jabaatu tooftaa leenjii naamusaa jechuun kan as bahe yeroo tahu haalli kun dargaggoota Oromoo biratti dadhabiinsa Wayyaanotaa akka muldhisuu fi soda hangam akka Oromoo irraa qaban muldhisa jechuun qeerroon dubbatu.

Qasoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Bilisummaa yoo hin qabaanne dhitamuu fi bitamuun ni hammaata.Qeerroo hidhamanii fi gochaa Wayyaanee,TPLF.

Aside

Bitootessa 04,2012 Jimma

Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa mootummaan Wayyaanee mana hidhaatti hambisuuf fala falte.Barattoota ilmaan qetee bultoota Oromoo tahan wabii qarshii 32,000(kuma soddomii lamaa)barattoota hidhamanitti afuritti muruun barattootni kunneen waan kaffalan dhabanii mana hidhaa Wayyaanee keessatti rakkachuu irratti argamu.Barattoota Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa kan tahan kanneen armaan gadii kana garboomfattuun mootummaa tokko tokkoo isaaniitti wabii qarshii 8,000 muruun mana hidhaatti hambistee warri isaanii akka hin argine dhorkuun mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Jimmaa keessatti rakkisuu irratti argama.

Inspector Kaalib Abbaa Tamaam yuunivarsiitii Jimmaa keessatti barattoota Oromoo ija diinaan ilaalaa jiraachuu fi halkanii fi guyyaa qeerroo dhokatee jiraachuus qeerroon gabaasaan ifa godhee jira.Haala yeroo ammaa Oromiyaa keessatti tahaa jiru irratti dirqama Oromummaa akka bahanis qeerroon Jimmaa dhaammatanii jiru.

Maqaa Barattoota Wabii qarshii 8,000 jedhamuun mana hidhaatti rakkachaa jiran

Maqaa Umrii muummee Waggaa baratu Godina Aanaa saba
Moo’eeraa Lammaa Dabalaa 20 Phycology Waggaa 2ffaa Arsii Lixaa Basaasaa Oromoo
Mokonnin Dabalee Toloo 24 Phycology Waggaa 2ffaa Godina Addaa Naannoo Finfinnee Sulultaa Oromoo
Wubisheet Zalaalam Mangistuu 17 Phycology Waggaa 2ffaa Shawaa Kaabaa Fiichee Amaara
Nuraddin Ahmed Bariisoo 21 phycology Waggaa 2ffaa Arsii Shaashimannee Oromoo

 

Walumaa galatti shirri diinni xaxxu tokkummaa fi kutannoo ilmaan Oromoon waan cabuuf sabboontoti Oromoo cufti tokkummaan gumaata barbaachisaa qeerroo cinaa dhaabbachuun akka baatan waamicha dabarfanna!

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Gumaacha Artistii Kabajamaa fi Jaallatamaa Hirphaa Gaanfuree: “Ka’i, Oromoo!!”

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 3 Bitootessa 2012) Wallisaa Oromoo, beekamaa fi jaalatamaa kan ta’e, Hirphaa Gaanfuree wallee haaraa Warraaqsa Bilisummaa fi Dimokiraasii Darggaggoota Oromoo, (Qeerroo),jajabeessuu fi leellisu qopheessuun gumaata godhee jira.

Wallisaa Hirphaan walluu kana keessatti jabinaa fi murannoo qabsoof qabu kan mirkaneesse caalayyuu, ilmaan Oromoo sababa roorroo fi qabsootiin addaan faffaca’an otuu abdii hin kutatiin  jabaatanii qabsaa’uun gara injifannootti ce;uu akka danda’an dhaamee jira.

Wallee haarawaa kana keessattis qabsoon obsaa fi kutannoo kan barbaadu ta’uu kan hubachiise Wallisaa Hirphaa Gaanfuree, “Obsa gaafataa, hin ariifatiin qabsooni,” jechuun gorsa guddaa nuuf dabarse jira!

Qeerroon Bilisummaas gama keenyaan, sabboonaa Oromoo kan ta’e Hirphaa Gaanfureef galata guddaa dhiyeessaa, yeroo qabsoon Oromoo karaa hundaan birmannaa fi jabina babarbaadu kanatti gumaata olaanaa, kan galaa qabsaa’otaa ta’e kanaan nu dhaqqabuu keetiif Galatni kee BILISUMMAA haa ta’u! jenna!

Amma illee hidhannoo keenya karaa hundaan jabeeffanneen, diina keenya haga jilbeeffachiifnutti qabsooroga maraa finiinsuu irraa kan hin deebine ta’us Qeerroon dabalee hubachiisa!!

Alabaa Oromoo

Video

Lixa Shawaa Keessatti Diddaan Qeerroon daran Jabaatee Barattoonni Oromoos Hidhaman

Aside

Bitootessa 3,2012 Ambo
Mootummaan wayyaanee daraggoota oromoo hidhuu hojii kan godhatte finicila diddaa gabrummaa Qeerroon magaalota Oromiyaa keessatti kaasee Wayyaanee cinqaa sababa jiruu dargaggoota Oromoo magaalota keessaa adamsuun hidhuu fi ukkaamsuun yoo jiraate illee qeerroon tasa duubatti hin deebine.

Bitootessa 1-2,2012 magaalaa Amboo irraa barattoota Oromoo qabanii mana hidhaatti darban keessaa hanga ammaatti

  1. Dargaggoo Saamu’eel Fiqaaduu Bakaree magaala Amboo keessatti ABO waliin hidhata qabda jechuun yakkanii bakka bu’e hin beekamu
  2. Dargaggoo Addunyaa Iddoosaa magaalaa Aboo irraa qabamee bakka bu’e hin beekamu.

Haala kanatti kanneen mufatan dargaggoonni Oromoo Bitootessa 2,2012 walgurmeessuun waajira bulchiisa Wayyaanotaa deemuun barattooti kun daddaffiin akka gadhiifaman gaafatanii jiru,warri bulchiisaa haala kanatti rifatanis human dafee dhaqabaa waraanaa yaamachuun barattoota irratti duula bananii jiraachuun beekama.

Kana malees barattootta Yuunivarsiitii Adaamaa mana hidhaa Wayyaanee keessaa dhihootti gadhiifaman mootummaan Abbaa Irree TPLF barnoota isaanii akka itti hin fufne dhorkuun gidirsuu irratti argamti.Barattoota Oromoo yuunivarsiitii Adaamaadhaa gaaffii mirgaa gaafatan yuunivarsiitii jeeqanii jiru jechuun yakkitee mootummaan Wayyaanee mana hidhaatti naquun ishee kan yaadatamu dha.Amma garuu yakki homaa akka irratti hin argamne yoommuu mirkanaa’uuf ija hammeenyaan dargaggoota Oromoo ilaaluu irraa kan ka’e mana barnootaatti akka hin galmoone jechuun rakkisaa jiru.Barattootni kunneenis hidhamuun,barnoota irraa dhorkamuun gaaffii mirgaa gaafachuu irraa duubatti akka isaan hin deebisne mirkaneessaa jiru.Haaluma kanaan wal qabatees Barataa  Guutuun Lammii Tasfaayee barataa Civil Engineering waggaa 2ffaa baratu irra deebbiin qabamee mana hidhaatti geeffamee jira.

Walumaa gala, hanga bilisummaa mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo hidhuu akka hin dhaabne hubannee qabsoo daran akka jabeessinu dhaammanna.