Gumaacha Artistii Kabajamaa fi Jaallatamaa Hirphaa Gaanfuree: “Ka’i, Oromoo!!”

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 3 Bitootessa 2012) Wallisaa Oromoo, beekamaa fi jaalatamaa kan ta’e, Hirphaa Gaanfuree wallee haaraa Warraaqsa Bilisummaa fi Dimokiraasii Darggaggoota Oromoo, (Qeerroo),jajabeessuu fi leellisu qopheessuun gumaata godhee jira.

Wallisaa Hirphaan walluu kana keessatti jabinaa fi murannoo qabsoof qabu kan mirkaneesse caalayyuu, ilmaan Oromoo sababa roorroo fi qabsootiin addaan faffaca’an otuu abdii hin kutatiin  jabaatanii qabsaa’uun gara injifannootti ce;uu akka danda’an dhaamee jira.

Wallee haarawaa kana keessattis qabsoon obsaa fi kutannoo kan barbaadu ta’uu kan hubachiise Wallisaa Hirphaa Gaanfuree, “Obsa gaafataa, hin ariifatiin qabsooni,” jechuun gorsa guddaa nuuf dabarse jira!

Qeerroon Bilisummaas gama keenyaan, sabboonaa Oromoo kan ta’e Hirphaa Gaanfureef galata guddaa dhiyeessaa, yeroo qabsoon Oromoo karaa hundaan birmannaa fi jabina babarbaadu kanatti gumaata olaanaa, kan galaa qabsaa’otaa ta’e kanaan nu dhaqqabuu keetiif Galatni kee BILISUMMAA haa ta’u! jenna!

Amma illee hidhannoo keenya karaa hundaan jabeeffanneen, diina keenya haga jilbeeffachiifnutti qabsooroga maraa finiinsuu irraa kan hin deebine ta’us Qeerroon dabalee hubachiisa!!

Alabaa Oromoo

Video

Lixa Shawaa Keessatti Diddaan Qeerroon daran Jabaatee Barattoonni Oromoos Hidhaman

Aside

Bitootessa 3,2012 Ambo
Mootummaan wayyaanee daraggoota oromoo hidhuu hojii kan godhatte finicila diddaa gabrummaa Qeerroon magaalota Oromiyaa keessatti kaasee Wayyaanee cinqaa sababa jiruu dargaggoota Oromoo magaalota keessaa adamsuun hidhuu fi ukkaamsuun yoo jiraate illee qeerroon tasa duubatti hin deebine.

Bitootessa 1-2,2012 magaalaa Amboo irraa barattoota Oromoo qabanii mana hidhaatti darban keessaa hanga ammaatti

  1. Dargaggoo Saamu’eel Fiqaaduu Bakaree magaala Amboo keessatti ABO waliin hidhata qabda jechuun yakkanii bakka bu’e hin beekamu
  2. Dargaggoo Addunyaa Iddoosaa magaalaa Aboo irraa qabamee bakka bu’e hin beekamu.

Haala kanatti kanneen mufatan dargaggoonni Oromoo Bitootessa 2,2012 walgurmeessuun waajira bulchiisa Wayyaanotaa deemuun barattooti kun daddaffiin akka gadhiifaman gaafatanii jiru,warri bulchiisaa haala kanatti rifatanis human dafee dhaqabaa waraanaa yaamachuun barattoota irratti duula bananii jiraachuun beekama.

Kana malees barattootta Yuunivarsiitii Adaamaa mana hidhaa Wayyaanee keessaa dhihootti gadhiifaman mootummaan Abbaa Irree TPLF barnoota isaanii akka itti hin fufne dhorkuun gidirsuu irratti argamti.Barattoota Oromoo yuunivarsiitii Adaamaadhaa gaaffii mirgaa gaafatan yuunivarsiitii jeeqanii jiru jechuun yakkitee mootummaan Wayyaanee mana hidhaatti naquun ishee kan yaadatamu dha.Amma garuu yakki homaa akka irratti hin argamne yoommuu mirkanaa’uuf ija hammeenyaan dargaggoota Oromoo ilaaluu irraa kan ka’e mana barnootaatti akka hin galmoone jechuun rakkisaa jiru.Barattootni kunneenis hidhamuun,barnoota irraa dhorkamuun gaaffii mirgaa gaafachuu irraa duubatti akka isaan hin deebisne mirkaneessaa jiru.Haaluma kanaan wal qabatees Barataa  Guutuun Lammii Tasfaayee barataa Civil Engineering waggaa 2ffaa baratu irra deebbiin qabamee mana hidhaatti geeffamee jira.

Walumaa gala, hanga bilisummaa mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo hidhuu akka hin dhaabne hubannee qabsoo daran akka jabeessinu dhaammanna.