Barattooti Oromoo Universiy Finfinnee,Dameee Bishooftuu Nyataa fi Doormii Dhorkaman.Diddaan Qeerroos itti fufe.

Aside

Bitootessa 23,2012 Finfinnee

Diddaan barattoota Oromoo itti fufuun Bitooteessa 19,2012 irraa eegalee mooraa University Finfinnee damee Bishooftuu keessatti barattooti Oromoo diddaa itti fufanii jiru. Haala kanaan barnoota dhaabanii gaaffiin mirgaa ummata Oromoo deebii argachuu qaba,hidhaan ajjeechaan,saaminsi lafaa fi hiyyummaan Oromoo yeroo hunda qalbii keenya keessatti nagaa nu dhorkatee barnoota keenya sirnaan hordofuu hin dandeenye kanaaf gaaffiin Qeerroo Oromoo deebii hatatamaa haa’argatu kanneen jechaa jiran barattooti Oromoo deebii gahaan kennamuufii hanqatee mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu kanaan isin maadhee ABOti,shororkeessaa dha jechuun nyaataa fi Doormii dhorkatan.

Barattoota Oromoo kanneen qabsiisuufis guyyaa har’aa miseensotni OPDO marii irra oolan osoo hin milkaa’iin bittinnaa’anii jiru.Mootummaan Wayyaanee hin barattan University kana keessaa isinin arii’a jechuun barattoota doorsisuu irratti yoo argame illee diiddaan itti fufee jira.  Sabboontotni barattoota Oromoo yuunivarsiitii kanaas kutannaan hanga gaaffiin isaanii deebi’u hin barannu jechuun murteessanii itti fufanii jiraachuu qeerroon moorichaa gabaase.

Haala kana irraa kan ka’e yeroo ammaa kana mooraan yuunivarsiitii Finfinnees tika Wayyaanee fi waraana Wayyaaneen tikfamaa akka jiru beekamaa dha.

Waraanni mootummaa Wayyaanee mooraalee yuunivarsiitii hunda eegaa jiraaatus, barattooti Universiyn Badimmee miti,kanaaf waraanni mooraa keessaa haabahu jechuun iyyataa jiraachuunis beekama. kanuma waliin Guyyaa kaleessaas yuunivarsiitii Arbaminc keessatti waraanni mootummaa Wayyaanee diddaa barattoota Oromoon qabateen barattoota garii saamuun garii reebichaan miidhuun hospitaala keessatti wal’aanamuu irratti argamu.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Diddaan Qeerroo Daran Babal’atee Universityn Arba Minci Keessatti Gaaffii Mirgaa Itti Fufan.

Aside

Bitootessa 23,2012 Arbaa Minci

Nu gahe gabrummaan kanneen jedhan barattoonni Oromoo mooraa University Arba Mincii Gaaffii Mirgaa ammos irra deebi’anii kaasan. Bitootessa 22,2012 barattoonni University Arba Minci damee Abbayyaa campus  gaaffii mirgaa gaafataniin qondaalota Wayyaanee  lubbuutti guraarsaa oolani.

Gootonni barattoonni Oromoo kunniin gaaffii mirgaan bulchitoota sirna Wayyaaneef uggumaniin yoo sardaa oolan illee gaaffiin isin kaastan waan humna keenyaa oliiti waan jedhamaniif Qeerroon moorichaa hamma gaaffiin keenya deebii argatutti barumsa addaan kunneerra jechuun yaada isaanii yoo goolaban yoo deebii dhabe garuu hiriira nagaa bahuuf qophii ta’uu isaanii mootummaa Wayyaaneetti ifatti beeksisanii jiru.

Kana malees gootonni barattoonni Oromoo gaaffii kaasan miidhamni keenya ykn dhiibbaan saba Oromoo irra jiruu fi gaaffiin barattooti kaafnu medialeetti nuu darbuu qaba,gaaffii nuti gaafannuuf ammoo qaamni hojii Wayyaanee mooraa University keessatti deemsisu deebisuu waan hin dandeenyeef warri dhimmi kallattiin isaan ilaalu akka deebii itti kennan barbaadna jechuun sagalee isaanii dhageessisanii jiru.

 

Haalli kun mooricha keessatti baldhinaan waan deemaa jiruuf gara fuula duraa gabaasa jiru walitti ni qindeessina.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

 

Diddaan Barattooa Oromoo Itti Fufe.

Aside

Bitootessa 23,2012 Naqamte.

Barattootni Oromoo Godina Wallaggaa bahaa fi Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanolee Limmuu,Haroo Limmuu,Limmuu Galiilaa,Eebantuu,Giddaa,Kiiramuu,Dongoroo,Dhukkee ,Diggaa saasiggaa fi Amuruu keessatti argaman yaadannoo Goota barataa Jireenyaa Raggaasaa waliin kan wal qabate barnoota dhaaban.Barattootni kunneen gumaa goota keenyaa nutu baasa jechuun Wayyaaneetti dhaadachaa oolanii jiru.Waraanni Federaalaa fi Poolisii yeroo ammaa Wallagaa keessa raabsamee ABO galchitu,Isin ABOti jechuun uummata goolaa sakatta’aa jira.Haaluma wal qabateen Sakatta’insi mootummaa yeroo ammaa Oromiyaa guutuu irratti babal’atee uummata rakkisaa akka jiru beekama.

Waamicha Oromoota Hojii Dhorkamanii

Aside

Ilmaan Oromoo fi nama dhimmi ilaallatu maraaf

Beeksisa,Oromoota Biyya Ofii Keessatti Hojii Dhorkamanii Magaalaa Amboo fi Naannoo Ishe jiraattan maraaf.

Akkuma beekamu yeroo ammaa mootummaan Wayyaanee dargaggoota hojii dhadummaan rakkisuun isaa beekamaa dha.Hojii dhadummaan kan rakkachaa jiru adda durummaan ammo ilmaan Oromooti.Kanaaf Hojii dhabdoonni,Uummatni Oromoo marti guyyaa booruu jechuun 23/03/2012 sa’a 11:00 am irraa kaastanii Waajjira siivil sarvisii Oromiyaa Godina shawaa lixaa magaala Amboo keessatti argamutti dhiyaachuun gaaffii mirgaaf deebii akka nuuf kennan irratti akka hirmaattan kabajaan isin beeksisna.Waajjirri siivil sarvisii kun deebii hatattamaa nuuf hin kennu taanaan badii dhufuuf itti gaafatamaan mootummaa Wayyaanee akka tahe dursinee isin hubachiisna.

Nagaa wajjiin

Oromoota Hojii Dhorkataman

Dachii Oromiyaa Alagaan Huqataa Jirtu

Video

Yaadannoon Goota Barataa Jireenyaa Raggaasaaf Anaalee Gara Garaatti Kabajame

Aside

Bitootessa 22,2012 Shaambu
Godina wallaggaa aanolee garaa garaa keessatti yaadannoon goota barataa Jireenyaa Raggaasaa Poolisiin Wayyaaneen ajjeefame Godina Horro Guduruu Wallaggaa magaala Amuruu keessatti haalaan yaadatamee oole.Qeerroon aanaa Haroo limmuu, Diggaa saasiggaa,Eebantuu,Kiiramuu,dhukkee,Dongoroo,Amuruu fi Jaartee keessatti haalaan yaadatamee oolee jira.Haaluma wal fakkaatuun bakkeewwan garaa garaa keessattis qeerroodhaan yaadatamaa waan jiruuf gabaasaan duubaan nu dhaqabe addeessa.
Manneen barnootaa kanneen yaadannoo gochaa jiran kan akeessatti barattooti jibbiinsa mootummaa Wayyaaneef qaban akka armaa gadii kanatti ibsataa jiru.

Jireenyaa goota qeerroo

Si yaadachuuf baane har’oo

Juneddii dhugaattin waama

Mallastu qabeenya saama

Jireenyaa goota oromoo

Jala deemtuun odeessiti

Gumaan ke dachaan baati jechuun goota Jireenyaa Raggaasaa faarsaa,Wayyaanee balaaleffataa oolanii jiru.Dabballoonni Wayyaanee diddaa qeerroo dhaamsuuf bobba’anis qaaniin deebanii jiru.Yaadannoo isaafin alaabaan Haroo Limmuu keessatti qeerroodhaan fannifamee akka jirus qeerroon naannicha irraa gabaasee jira.

 

Haadha Qeerroo Deesse,Abbaa Qeerroo Dhalche( Walaloo SBO)

Video

Barattoota University Wallaggaa Hidhaa fi Akeekachiisa Wayyaaneef Osoo Hin Sarmiin Diddaa Itti Fufan.

Aside

Bitootessa 22,2012 Naqamte

Diddaa qeerroo irraa sodaa kan qabu mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo hidhuu fi biyyaa ari’uun furmaatii fi hiikkaan siyaasaa biyya Ethiopia keessatti argama jedhee yaadus furmaati argamu irra caalaatti haalli diddaa gabrummaa hammaachaa jiraachuun ifaadha. Barattoota Oromoo diddaa gaggeessanii fi adda durmmaan barattoota kakaasaa jiru jedhee waan qabatamaa tokkoon malee hidhuun itti fufee Uiversiy Wallaggaa keessaatti Bitootessa 21,2012 barataa Tolaa Urgii jedhamu human feederaala Wayyaaneen qabamee mana hidhaa hin beekamnetti geessamuu isaa qeerroon Naqamte irraa gabaasa. Barataan Tolaa Urgeessaan muummee afaan Ingilizii wagga 3ffaa kan baratu yeroo tahu.Barataa kana humni federaalaa yeroo qabu Presedantiin Universiticha Fiqaaduu Bayyanaa osoo arguu fi mooricha keessa osoo jiruu tahuun beekamee jira. Kana malees barattoota Oronmoo ta’an 15 irratti isin farra nageenyaa waan taataniif akeekachiisa isiniif kenninu fudha jedhee bulchiisi University Wallagaa beeksise illee barattooti nuti farra nageenyaa osoo hin taane kan farra nageenyaa tahee ummatas tahe barattoota jeeqaa kan jiru human waraana mootummaa tahuu beeksisanii jiru.

Qeerroo! Jabaadhaa, Fincilaa!

Aside

Qeerroo, Alaabaa ibsituu
Oromiyaa irratti
Yoogguu balaliitu
Diina mataan cabe
Waraanaan barbaadee
Qeerroodhaan dadhabe
Mana hidhaa guuree
Fixuullee hin danda’u
Jabaadhu jabaadhu qeerroo
Diinni nurraa haa ba’u
Namuu du’a hin oolu
Seenaa kan hojjetuDuuni hin argatu
Keessaa keessaa keessaa
Diinaaf kan kurkurtu
Biyyoomti saa nyaatuDhaamsi saa dhaqqabu
Ati keessaa baanaan
Diinni hundee hin qabu!
Ya qeerroo oromoo
Jabaadhu qabsootti
Hanga uummatni Oromoo
Bilisa bahutti
Raasi raasi diina
Biyya abbaa irratti
Nyaapha qabnee hiina
Ya ilmaan oromoo
Dhaamsa ko dhagahaa
Diinni maaliif taa’a!
Bodee keen waraani
Oromiyaa keessaa
Haa baatu saroonni!

Injifannoo uummata oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!Qara Eeboo

Diddaan Oromoo, Wayyaanee Mudde

Aside

(Qeerroo, Bishooftuu, 21/03/12) Gaaffiin ilmaan Oromoo gaaffiin bilisummaa fi abbaa biyyummaa hanga deebii argatutti barnoota hin barannu jechuun barattootni sabboontotni Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu barnoota dhaabanii jiru.

Gaaffiin isaanii gaaffii mirgaa kan tahe barattootni kun ilmaan Oromoo garbummaa jalatti buluu hin qabu jechuun barnoota dhaabanii jiru. Hojjettootni yuunivarsiitii kanaas diddaa Qeerroon itti jirutti gammaduun hojii dhaabanii jiru.

Gaaffiin barattoota kanaa
1.Mootummaan garboomfataa maaliif aangoo hin gadhiisu
2.Gaaffiin ilmaan oromoo maaliif deebiin isaa hidhaa fi ajjeechaa taha
3.OPDOn maaliif yuunivarsiitii keessatti ijaaramee wal gahii gaggeessu
4.Wal qixxummaan sabaa fi amantiilee biyyattii keessatti maaliif hin kabajamu
5.Hojii dhabdummaan maaliif biyyattii keessaa hin dhaabbatu kanneen jedhan fa’i ti.
Mootummaan wayyaanees barattoota hanga bilisummaa hin barannu jedhan humnaan barsiisuuf tikaa fi basaastota yuunivarsiitii kanatti heddummeessee jirus Qeerroon Oromoo diddaa jabaatee itti jira.

Waraanni federaalaa fi Poolisiin yuunivarsiitii kana meeshaa guutuun tiksaa jira. Diddaan keenya hanga bilisummaa kan tahee fi barattootni oromoo marti akka ni cinaa dhaabbatan jechuun dhaammatanii jiru.

Warraaqsa biyyattii keessatti galmaan geenya kan jedhan barattootni yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu barsiisota isaanii qabachuun OPDOn yuunivarsiitiidhaa bahuu qaba jedhan.

Gaaffiin mirgaa barattootni gaafatan mootummaa wayyaaneetti yaaddoo guddaa tahee jira. Haala kana irratti guyyaa har’aa Miseensota OPDO yuunivarsiitii Finfinnee mootummaan wayyaanee waamtee mariisistus hin milkaa’iin hafee jira.

Yaaddoo guddaa irraa kan ka’es mootummaan wayyaanee tika ishee yuunivarsiitii Finfinnee damee hundaa keessa dhoksaan bobbaasuun bira gahamee jira. Barattootni kunneenis gaaffiin keenya hanga nuu deebi’u diddaa hin dhaabnu jechuun miseensota OPDOtti ifaan dubbachaa jiru!

(Qeerroo, Naqamtee, 21/03/12) Diddaan ummataa jabaachuu irraan kana ka’e Ilmaan Oromoo Godina Wallaggaa bahaa Aanaa Haroo Limmuu bakka Sagiroo jedhamutti milishoota gandaa waliin Federaala wayyaaneetti dhukaasa banan.

Gabaasaan keenya akka ibsetti, ilmaan Oromoo kunneen hidhattoota mootummaa wayyaanee  lafa Oromiyaa naannoo Benishaanguliif kenname mirkaneessuuf  dhufan irratti dhukaasaanii akka deebi’an godhanii jiru.

Kana malees, qabeenyi Investera Addish barbadaa’uu irraan wal qabatee Investerri Habashaa kun Qeerroo Oromoo qabsiisuuf yaaluus dura taa’aa fi barreessaan gandaa milishoota gandaa waliin ta’anii hidhattoota mootummaa wayyaanee rasaasaan dura dhaabbatanii milkii malee hambisanii jiru.

Ergamtooti  mootummaa wayyaanees Dura taa’aa gandaa fi Barreessaa gandaa Obbo Gammachuu Ayyaanaa jedhamu qabanii doorsisaa oolanis dura taa’aa fi barreessaan gandaa kunneen Oromummaa keenyaaf yoomuu hin jilbeeffannu jechuun federaala wayyaanee qaanessanii jiru.

Diddaan ummataa kun haaluma walfakkaatuun Walisoo, Jimmaa, Amboo,  Horroo, Limmuu keessattisjabaatee itti fufee akka jiru gabaafamaa jira.

Kana biraan, yeroo ammaa kana wayyaanee dhabdee biyya keessaa ishii mudatee fi diddaa ummataa itti jabaate irraa yaada ummataa jijjiiruuf olola kijibaa fi doorsisa waraanaa labsaa akka jirtu Qeerrooon dhaame.

Qunnmatiin Qeerroo akka hubachiisetti, Qeerroon Oromiyaa olola diinaaf gurra otuu hin kennine kaayyoo fi akeeka isaanii irratti cichanii hojjachuu qaban.

Wayyaaneen yeroo dhibdeen biyya keessaa ishii mudate, biyyoota ollaa irratti lola banaa turuu kan yaadachise Qeerroon, “Qeerroon Oromoo Bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf malee aangoo wayyaanee tursuuf waraana kamuu keessatti lubbuu isaa dabarsuu hin qabu!” jedhee jira.