Waldiddaan barattoota Oromoo fi Basaasota TPLF jidduu Jabaachaa Dhufe.

Aside

Bitootessa 27,2012 Adaamaa

Mooraa University Adaamaa keessatti waldhabbiin barattoota Oromoo fi kanneen dhalootaan Tigray ta’an jidduutti sababaa eenyummaa Oromoo balfuu irraaan kan wal qabate Bitootessa 21,2012 jalqabe amma illee akka jirtuutti itti fufee jiraachuu Qeerroon Adaamaa gabaasa.

Gabaasa guutuu qindaayee dhihaate:-

Akkuma beekamu haalli walitti bu’iinsa barattoota Oromoo University  Adaamaa irra turee yeroo jalqabaa March 21/2012 barattoota Oromoo bakka isaan TVO ilaalaa jiranitti barattootni Habashaa diraamaa afaan isaaniitiin qophaa’e ilaalla jechuudhaan barattoota Oromoo irratti bakka isaan jiran dhaquun sanyiin balfuu irraan jeequmsa banan.Kana irratti gartuu lamaan gidduutti jeequmsi yeroo san eegale hamma ammaatti itti fufee jira. Guyyaa sanaaf barattootni Habashaa kun jeequmsa haa kaasaniyyuu malee diddaa fi gootummaa barattooti Oromoo muldhisaniin  baqatanii bakka gadhisanii turan. Itti fufuun  March22/2012 guyyaa keessaa sa’a saddet (8:00 local time) barattootni Habashaa dhalootaan lammii Tigiraay kanneen ta’an TVO darbaa jiruu fi barattooti Oromoo ta’anii do’ataa jiran itti deemuun irraa jijjiranii kan afaan Tigiraay dubbatu irra kaayan ykn gara oduu afaan isaanitti jijjiirratan,as irratti isa duraa caalaa jeequmsi guddaan uumame, guyyaa kana Qeerroon mooraa University guutuu keessaa wal funaanuun tarkaanfii Habashoota gochaa kana godhe irratti fudhachuuf  fudhachuuf erga qophii raawwatee wal gurmeessuun bahanii booda Habashoonni lammii  Tigraay kunis bakka gadhiisanii bakkoota TV’n jiru mara irraa fi bakka jiran mara baqatanii lubbuudhaan badan. Guyyaa saniif Qeerroo Oromoo jalaa haa badan iyyuu malee ammas irraa hin hafan. Sana booda humna waraanaa yaammatanii Waraanni Wayyaanaanee gariin dhufee mooraa nu seenee barattoota Oromoo bakka jirru irraa bittimse. Yeroo kanatti waraana wayyaanee mooricha seenee fi baratoota Oromoo jidduuttis walitti bu’iinsi waan ta’eef kanneen dhufan keessaa waraanni dhalootaan Oromoo ta’an tokko warra Habashaa akka isaan nu hin tuqnef yeroo walitti dubbataa turan argaa turre. Sana booda guyyaa gaafa  March 23/2012 kaasee halkan Qeerroo Oromoo dhokatanii channalii Afaan Oromoo irraa balleessanii jiru hamma ammaatti,kunis cimina dubbii kan maddisiisaa jiruudha jenna (INDAAQQOONHAATEE HAATEE AALBEE ITTIIN QALAN BAAFTE)  jedhama.Kanaaf amma barattootni saboota cunqurfamoo biraa illee Qeerroo Oromoo waliin ta’uun channalinTVO kun daddaffiin deebi’uu baannan rakkoo Universiticha irratti dhufuu fi walitti bu’iinsa ta’uuf barattooti Oromoo akka gaafatama hin fudhanne jechuun bulchiisa Universitichaatti beeksisanii jiru. Haala itti aanu Qeerroon irratti hojjetaa jirra.

Qabsoon hamma bilisummaatti itti fufa!

Diddaan Barattootaa Oromoo gara Barsiisota Oromootti Cehe.

Aside

Bitootessa 26,2012 Gimbii

Diddaan Barattota Oromoon mootummaa Wayyaanee irratti hammaate dhaamsuuf jecha yeroo ammaa kana waraannii fi humni Poolisa Federaala Wayyaanee Oromiyaa mara bakka gahee bakka hanqatu walaallee jira. Godina Wallaggaa aanaa Gimbii keessatti diddaa barattooti Oromoo guyyaa irraa guyyaatti muldhisaa jiranii fi walitti bu’iins dabballoota Wayyaanee fi barsiisota Oromoo ta’an jidduu waan heddummaataa dhufeef jecha. Bitootessa 25,2012 dabballoonni Wayyaanee fi polisoonni magaalota adda addaa irraa barsiisota Oromoo hidhaatti geessuun Qeerrummaan yakkan.

Maqaa Qeerroo ijaartu,isintu mootummaa irratti kakaasa,akeeka ABO qabdu jechuun barsiisota Bitootessa 25,2012 magaalaa adda addaa irraa fidanii mana hidhaa Gimbiitti naqan keessaa gariin.

  1. Barsiisaa Abraham Olaanaa  magaalaa Dongoro irraa
  2. Barsiisaa Siisaay Jiraa  Magaalaa Innangoo irraa
  3. Barsiisaa Angoosee Rabbirraa  Magaalaa Innaangoo Irraa
  4. Barsiisaa Maarqoos Biraanuu  Magaalaa Haro Sabbuu
  5. Barsiisaa Geetinnet Caalii  Magaalaa Calliyaa irraa
  6. Barsiisaa Raajuma Qannoo Magaalaa Calliyaa irraa

Yeroo ta’an, barattootii fi qonnaan bulaa Oromoo gariinis akka waliin jiran gabaasi Qeerroo Gimbii irraa nu gahe addessa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Dhufuuf lafti halaalaa,halaa….. Qabsooftuu haadha Oromootaa Artisit Ilifee Qannoo

Video

Dhufuuf lafti halaalaa,halaa…..
Qabsoo jajjabeessuuf jajjabaa dha hunda caalaa..

FDG Itti Fufee Barattooti Oromoo University Wallaggaa Mummee Afaan Ingiliffaa Gaaffiin Mirgaa Hamma Deebi’u Barnoota Dhaabne Jedhu.

Aside

Bitooteessa 25,2012 Naqamte

Fincilli diddaa gabrummaa itti fufuu irraan barattooti Oromoo University Wallagaa muummee afaan Ingilixii wagaa 3ffaa baratan gaaffiin mirgaa ummata Oromoo hanga deeni’uu fi barattooti ammaan dura muummee barnootaa kana keessaa sababaa tokkoon malee mana hidhaatti geefaman hamma deebi’anitti barnoota hin eegallu jechuun sagalee isaanii dhageessisan.

Sabboontota Oromoo mooraa University sanii maraaf waamicha FDG kan godhan barattooti kun Qeerrooleen magaalaa Naqamtee fi manneen barnootaa adda addaa keessaa qabamanii hidhaman guutuutti akka gadhiifamuu qabanii fi ummanni Oromoo walii gallis ilmaan isaa gara malee hidhamaa jiru kanaaf birmannaa akka godhu waamicha dhiheessaniin beekamee jira.

Waraqaan fincila diddaa gabrummaaf waamicha Qeerroon Oromiyaa guutuu keessa tamsa’aa jiru kunis magaalaa Naqamtee fi University Wallaggaa keessatti bal’inaan raabsamaa akka jiruu fi barsiisonni Oromoos kana argatan gammachuu akka irraa qaban ibsataa jiraachuu gabaasi qeeroo naannicha irraa nu gahe addeessa.

Kana malees sabboontota basaasuuf kanneen TPLFn ramadaman hojii diinummaa akkasii hin dhaaban yoo ta’e tarkaanfii gara kuteenyaa akka fudhatamuuf deemu barattoonni cimsanii beeksisaniiru.Basaastota ergama dinaaf bobba’anii maallaqaan ilmaan Oromoo nyaachisaa jiran kanarraas akka of qusatan ergaa dabarsatanii jiru. Akkuma kanaan basaastotni diinaa kunis barataa Fiqaaduu Mirkanaa muumee gaazexeesumaa waggaa 3ffaa fi Abdii Muummee teknolojii waggaa 5ffaa dafanii ergama diina bobba’an irraa yoo hin deebine haala hin beekamnee fi yeroo hin beekamnetti tarkaanfiin sirreessaa akka irratti fudhatamu barattooti beeksisanii jiru.

Diddaan Barattootaa fi Barsiisota Oromoo Itti Fufe

Aside

Bitootessa 25,2012 Gullisoo,

Diddaan ummata Oromoo hammaachuu irraan kan ka’e Wallagga lixaa Aanaa Gullisoo keessatti walitti bu’iinis barsiisotaa fi bulchitoota ergamtoota Wayyaane jidduutti ta’aa ture daran babaldhachuu irraan Sadaasa 20,2012 irraa kaasee manneen barnootaa aanaa sanii adda addaa keessatti diddaan barattoota Oromoo eegalee jira.

Haaluma kanaan dabballoonni Wayyaanee TPLF fi ergamtooti isaani jaarsa kabajamaa fi maanguddoo beekamaa Obbo Birhaanuu Hambsisaa jedhaman ati ABO dha dargaggoota Oromoo mootummaa Wayyaanee irratti qindeessitee kan bobbaasu sidha jechuun qabeenya isaa guutuutti saamanii akka jiran gabaasi naannoo sanii nu gahe addeessa.

Kana malees gabaasi Aanaa Gullisoo irraa nu gahe,Poolisoonni Wayyaanee gandoota baadiyyaa gara garaa keessa deemuun ummata doorsisanii shamarran Oromoo humnaan gudeedaa fi dhukuboota adda addaaf akka saaxilaman taasisaa akka jiran gabaasi qeerroo addeesa.

Ittisaa Roorroo Kan Ta’e e Sagalee Raadiyoo Seeyfe Nebelbal

Video

Qabsaawaa Artist Kadir Martuu

Video

Diddaan Barattoota Oromoo Wallaggaa Bahaa Itti fufe.

Wallaggaa

University Adaamaa Keessatti Walitti Bu’iinsi Barattoota Oromoo fi Ergamtoota Wayyaanee Jidduutti Ta’e.

Aside

Bitootessa 24,2012 Adaamaa

University Adaamaa keessatti ammaan dura walitti bu’iinsi barattoota Oromoo fi dhalootaan Tigray ta’anii kanneen mootummichaaf hojjetan jiduutti ta’ee ture.Ammoos marraa lammmaffaaf guyyaa kaleessaa mooraa University Adaamaa keessatti baratooti Oromoo TV Afaan Oromoo osoo dhageeffatanii dhalootaan ilmaan Tigraay kanneen ta’an gurmaayanii barattoota Oromootti deemuun akka TV afaan Oromoo hin dhageeffanne yoo dhorkan illee gootonni barattuuti Oromoo diddaa muldhisuun gurmuu ilmaan Tigrootaa kana ari’uun of irra deebisanii jiru.Haala kanaan walitti bu’iinsa kana keessa poolisooti Wayyaanee diddaa barattoota Oromoo kana dhaabuu barbaadan illee biyya Oromiyaa fi abbaa keenyaa keessatti akka gadootti hin laalamnu,mirgi Oromootaa eegamaa waan hin jirreef ofii tikfachuuf dirqamne,kanaaf akka nutti hin siqne jechuun barattoti Oromoo Poolisoota waliin walitti bu’aa turan.

Diddaan kun hanga har’aa yoo dhaabbatee hin jiru,barattooti Oromoo gurmuu isaanii tikfachuuf irratti marihachuu akka jiran gabaasi qeerroo moorichaa addeessa.

A hero memorial was held for Jirenya Ragassa in different part of Wollega

Aside

March 23, 2012 (Naqamte)

Student Jirenya Ragassa was one of the peaceful demonstrators who were convinced to speak out against injustice and to work for democracy and rule of law, in a country where unspeakable mess is going on by an organized gang and self appointed “Government of Ethiopia”.

It is a conviction of tyrants that crushing dissents is the only way to move forwards. They don’t have the courage to face the bitter truth and brave hearts of their own citizens. By so doing, they exacerbate the already complex and unbearable situation and push the matter further to the brink. By killing one, they will help the birth of thousands and millions of Jirenya, who are ready to fight to the end for the right and dignity of their people and their land.

That is exactly what is happening right at the hero memorial held for Jirenya in different part of Wollega. They have vowed to keep their promise to each other and to the soul of Jirenya, that his sacrifice will inspire their life and their struggle until they achieve their goal. Students and fellow Oromo’s in Haroo, Limmuu, Diggaa, Saasiggaa, Eebantuu, Kiiramuu, Dhukkee, Dongoroo, Amuruu, Jaartee and other places have held a candle light ceremony in his remembrance, chanting and vowing to keep the cause going.

Jirenya has lived an exemplary life and had paid the biggest sacrifice for the cause of his people. He preferred to die on his feet than to live on his knees, leaving the rest of the job behind for us.

Let’s move the barrier, let’s make the monster in 4 kilo and his brutality only a matter history. Let us act NOW!!!

@Qeerroo