Bitootessa 30,2012 Finfinnee
Kibba Oromiyaa Godina Gujii aanaa shaakkisoo keessatti albuuda warqee funaanaa kan ture mootummaan wayyaanee har’as itti jira.Uummatni Oromoo armaan dura gurgura albuudaa Sheek Allaamuditti gurgurame mormaa kan ture yoommuu tahu har’as jabaatee itti fufee jira.Mootummaan Wayyaanee albuuda warqee naannoo kanaa baasuuf hedduu rakkamaa kan jiru yoommuu tahu uummatni oromoo naannoo kanaa albuuda biyya keenyaatti nutu fayyadama malee ormi hin fayyadamu jechuun dura dhaabbatanii jiru.Qabeenya ilmaan Oromoo humnaan saamsisuuf mootummaan wayyaanee waraana federaalaa bobbaasuun uummata oromoo naannoo kanaa ilaalcha ABO qabdu jechuun goolaa jirti.Qabeenya uumamaa fi kan Oromoo biyya ofii keessatti abbaa qabaachuu qaba, Oromoonni biyya isaani irratti abbaa ta’uu qabu jechuun uummatni Oromoo shaakkisoo fi waraanni federaalaa Wayyaanee irratti mormii jabaa keessa galanii jiru.Qabeenya Oromiyaa tiksuu irratti hunduu birmachuu akka qabu waamicha dabarfanna jechuun uummatni naannoo kanaa dhaammata.
Diddaan Ummta Godina Gujii fi waraana Wayyaanee jidduutti ka’e bubbulee jiraatus rakkoo kana dhaamsuuf jecha caalaatti human waraanaa fi dabballooti Wayyaanee yoo bobba’an illee ummanni diddaa isaa jabinaan itti fufee hanga har’aa naannoon sun tasgabbii akka hin qabne beekama.
Daily Archives: March 30, 2012
Barattootni Yuunivarsiitii Gondar Gaaffiin Mirgaa Kaasan.Hojjettoonni Warshaa Huccuu Sabbataas Hojii Dhaaban.
Aside
Bitootessa 30,2012 Finfinnee
Gaaffii mirgaa barattootni yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu Faculty Veternary Medicine gaafatan gaaffii mirgaa fi bilisummaa hojii dhabdummaan biyyattii keessaa haa dhaabbatu kan jedhu waan taheef gaaffii keenya jechuun barattootni yuunivarsiitii Gondar Faculty Veternary Medicine barnoota dhaaban.Hojii dhabdummaa biyyattii keessatti babal’atee fi manneen barnootaa dhaabbiilee siyaasaa keessaa bahuu qabu jechuun barattootni kun gaaffii dhiyeessaniif deebii waan dhabaniif barnoota dhaabanii jiru.Barattootni kunneen walii galtee fi tokkummaan barnoota waan dhaabaniif mootummaan Wayyaanee cinqii guddaa keessa bu’ee jira.Barattoota miseensa OPDO fi dhaabbiilee siyaasa ishee deeggaran wal gahiin waamee kadhaa fi mariin barnootatti deebisuuf yaalus milkaa’uu hin dandeenye.Diddaan biyyattii keessaa hanga bilisummaa jabaatee itti fufuus qeerroon yuunivarsiitii Gondar gabaasee jira.
Gama kaaniin Bitootessa 29,2012 Hojjettootni waarshaa Huccuu Sabbataa kanneen miidhamuunii fi lafti ilmaan Oromoo alagaa gabbisuu irraa kan ka’e uummatni waarshaan huccuu kun akka buqqa’u gaafatan.Mootummaan Wayyaanee gaaffiin kun gaaffii ABO ti jechuun Waraana Federaala bobbaasee uummata reebaa jira.Hojjettootni waarshaa kanaa hedduun miidhamanii gara Hospitaalaa seenanii jiru.Uummatni naannooo waarshaa kanaa lammiiwwan alagaa Turkii fi hindoota bakkeewwan bultii dhorkuun magaala sana keessaa baasee jira.Lammiiwwan alagaa kun mootummaa Wayyaanee waliin qabeenya ilmaan Oromoo barbadeessaa kan jiran jechuun uummatni magaala keessaa baasee jira.Dargaggootni magaala kanaas hojjettoota waarshaa qabatanii waarshaan kun guutummaan guutuun hojii akka dhaabu taasisanii jiru.Lubbuu ilma namaa bahee fi miidhama qaamaaf mootummaan Wayyaanee itti gaafatamummaa akka fudhatu qeerroon dhaammatee jira.
Waraana Wayyaanee Jidduu Wal Shakkii fi Wal-Dhabbiin Baldhinaan Itti Fufee Jira
Aside
Bitootessa 30,2012 Finfinnee
Warraanni Mootummaa Wayyaanee diddaa Qeerroo tasgabbeessuuf oliif gadi fiigaa jiraachuu irraan darbee wal dhabdeenii fi wal amantamummaan gidduu isaaniitti uumamaa jira.Amanamtootni mootummaa Wayyaanee tasgabbii itti uumuuf xaaranis wal shakkii gidduutti uumameen yaada qaban ifaan dubbachuu dadhabanii jiru.Waraanni bobba’e uummata Oromoo gara jabinaan akka goolu ajajni darbeefii jira.Magaalota gurguddaa Oromiyaa keessatti waraanni federaalaa fi Poolisiin akkasumas tikni akka Horii uummata tiksaa jiraatu iyyuu kanneen dhalootaan Oromoo ta’an sochii Warraaqsaa ummati Oromoo deemsisaa jiru dura gara jabinaan dhaabbachuu dhabuun isaanii mootummaa Wayyaaneen yaaddessee Oromoota waraana ta’an naannoo Oromiyaa irraa gara bulchiisa naannoo biraatti jijjiraa fi bobbaasaa akka jiran beekama.
Gabaasa dhimma kanaa odeeffata mootummicha keessaa nu gahaa jiru guutuu walitti cuunfinee gama fuula duraa dhiheessuuf jirra.
Dhugaan Afaan Qaban, Funyaaniin Dubbatti
Aside
Yaa. Gammadaa(2005)
Sochiin Qeerroo Biyya keessaa , Wyyaanee haalaan sodaachiisu kan ragaa nuuf ta’u , Sochiin Qeerroo bifa adda addaan gaggeeffamu, miidiyaa Biyya keessaa fi alaa irraa , akka hin taamsaaneef, seera addunyaa maallaqaan cabsanii Ukkaamsuudhaan , maallaqa baasaa jirtuudha. Wayyaaneen sochii qeerroo guyyuu funyaan ishee jalatti hojjatamaa jiru , akka miidiyaa Biyya keesaatti hin dhaga’amneef, Gaazexessitoota ishee akeekkachiisu, keessa beektoonni karaa adda addaa saaxilaa jiran.Dhugaan Afaan Qaban, Funyaaniin Dubbatti
Bosonaa fi Qabeenya Uumamaa Barbadaa’aa jiruuf itti Gaafatamaan Mootummaa Wayyaaneeti!
Aside
Bitootessa 30,2012 Finfinnee
Mootummaan wayyaanee hidhaan,ajjeechaan ilmaan Oromoo rakkisaa kan turee fi kan itti jirun yoommuu tahu uummata Oromoo hunda hidhaa dhaabbii hidhuufis fala fale qaba.Mootummaan Garboomfataa Wayyaanee lafaa fi qabeenya ilmaan Oromoo gurguraa,hiraa kan turee fi itti jiru yoommuu tahu bosona Oromiyaa keessaa gubuun hongee fi beelaan ilmaan Oromoo miidhuuf karoorfate bosona Oromiyaa hedduumminaan gubaa jira.Ilmaan Oromoo shira mootummaan Wayyaanee itti turee fi itti jirutti jabinaan dammaquun birmachuu qaba.Mootummaan Wayyaanee Bosona Oromiyaa Waraana ABO WBOtu keessa gala jechuun akeeka godhatee ilmaan Oromoo hongee fi beelaan fixuuf bosona Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa gubaa jira.Waggoottan dhihoo darbanittis bosona Oromiyaa Baalee,Booranaa fi Wallagaa keessaa hedduu kan gube yoommuu tahu yeroo ammaa Baalee,Arsii fi bakkeewwan birootti ibidda qabsiisuun sababa hin beekamneen gubachaa jira jechuun miidiyaatti bahee lallabaa jira. Oromoo naannoo bosona kanaa manneen isaanii irraa halkanii fi guyyaa ibidda tiksaa dararamaa fi yaaddoo guddaa keessa bu;anii jiru.Mootummaan kun Qabeenya Oromoo gubee Oromootu gube jechuuf fala falaa waan jiruuf uummatni Oromoo marti irratti dammaquun bosona gubatee fi gubachaa jiruuf mootummaa Wayyaanee itti gaafatamummaa akka taasifnu dhaammanna jedhu Qeerroon.