Bitootessa 30,2012 Finfinnee
Kibba Oromiyaa Godina Gujii aanaa shaakkisoo keessatti albuuda warqee funaanaa kan ture mootummaan wayyaanee har’as itti jira.Uummatni Oromoo armaan dura gurgura albuudaa Sheek Allaamuditti gurgurame mormaa kan ture yoommuu tahu har’as jabaatee itti fufee jira.Mootummaan Wayyaanee albuuda warqee naannoo kanaa baasuuf hedduu rakkamaa kan jiru yoommuu tahu uummatni oromoo naannoo kanaa albuuda biyya keenyaatti nutu fayyadama malee ormi hin fayyadamu jechuun dura dhaabbatanii jiru.Qabeenya ilmaan Oromoo humnaan saamsisuuf mootummaan wayyaanee waraana federaalaa bobbaasuun uummata oromoo naannoo kanaa ilaalcha ABO qabdu jechuun goolaa jirti.Qabeenya uumamaa fi kan Oromoo biyya ofii keessatti abbaa qabaachuu qaba, Oromoonni biyya isaani irratti abbaa ta’uu qabu jechuun uummatni Oromoo shaakkisoo fi waraanni federaalaa Wayyaanee irratti mormii jabaa keessa galanii jiru.Qabeenya Oromiyaa tiksuu irratti hunduu birmachuu akka qabu waamicha dabarfanna jechuun uummatni naannoo kanaa dhaammata.
Diddaan Ummta Godina Gujii fi waraana Wayyaanee jidduutti ka’e bubbulee jiraatus rakkoo kana dhaamsuuf jecha caalaatti human waraanaa fi dabballooti Wayyaanee yoo bobba’an illee ummanni diddaa isaa jabinaan itti fufee hanga har’aa naannoon sun tasgabbii akka hin qabne beekama.
Qabsoon amma eegalame daraan cimee akka ittifufuuf:
1. Ummata oromoo godinaalee hunda keessa jiraatan kakaasuu barbaachisa
2. Ummata cunqurfamoota/non-habeshas/non-abysinians irra tumsa argachuuf tooftaa fi tarsiimoo qiyyaafachuu barbaachisa
3. Lolli keenya ummata wajjin utuu hinta’iin gita bittaa wajjin ta’uu ummanni habashaa illee akka hubatan gochuu barbaachisa; ta’us isaan waliin garuu halaalatti malee walittisiiquun hojjechuu hinbarbaachisu.
4. Hawaasni addunyaa kaayyoo sirrii ta’eef akka qabsaa’aa jirru akka beekan hubachiisuu