Yadannoon Barataa Wandimmuu Daammanaa Goota FDG irratti Wareegamee Guyyaa Har’aa Geedotti Kabajame

Aside

Bitootessa 06,2012

Baatii darbe Godina Shawaa lixaa Mana barumsaa Geedoo sadarkaa Lammaffaa keessatti lukkeewwan Wayyaaneetiin FDG keessatti kan ajjeefame Barataa Oromoo Wandimmuu Daammanaaf mana barumsaa Geedoo keessatti barattootni oromoo yaadannoo gochaa jiru.Guyyaa ilmi oromoo itti wareegamettis barnoota hin deemnu jechuun sabboontotni oromoo mana barumsaa irraa hafanii jiru.

Haaluma Wal fakkaatuun Godina Shawaa lixaa aanaa Midaaqeny bakka dhalootaa Sabboonaa Oromoo Wandimmuu Daammanaa kan tahetti barattootni oromoo guutummaan guutuutti yaadannoo gochuun manni barumsaa sadarkaa lammaffaa midaaqeny cufamee jira.Jaleewwan wayyaanee barnoota barachuuf dhaqanis sabboontota barsiisota Oromoon ‘’kan keessan qofaattii?’’ jedhamuun qaaniin deebanii jiru.

Qeerroon Oromoo yaadannoo barataa kanaaf Guyyaa kaleessaa irraa jalqabee manneen barnootaa aanaa Midaaqeny,Geedoo fi bakkeewwan birootti waraqaa yaadannoo raabsuu fi maxxansuun goota Barataa Wandimmuu Daammanaaf yaadannoon akka tahu godhee jira.Gootota keenya guyyaa guyyaan ni yaadanna jechuun Waraqaa waamichaa ilmaan oromoof raabsuu irratti argamu.

Bakkeewwan biroottis ilmaan keenya harka diinaatti wareegaman akka yaadannu jechuun dhaamsa jabeessinee dabarfanna.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Diddaan Qeerroo Bilisummaa daran hammaachuu irraan barsiisaan Political science University Dirree Daawaa fi barattoonni kaan Hidhaman.

Aside

Bitootessa 06,2012 Finfinnee

Barsiisaa Milkeessaa MiidhaqsaaUniversity Dirree Daawaa keessatti barsiisaa Political science kan tahee fi barattoota Oromoo biratti jaallatamaa kan ta’e Bar, Milkeessaa Miidhagsaan mootummaa Wayyaanee biratti yeroo adda addaatti ABO dha jechuun shakkamuun hidhaa turee gadhiifamuun beekama.Haala kanaan barattooti Oromoo naatoo fi jalala kan qabaniif barsiisaa Milkeessaa Midhagsaa, gaaffii Qeerroo Bilisummaaf kan barattoota kakaasu si ta’a jechuun shakkanii mana hidhaa Ma’ikalaawwii geessuun qeerroon gabaasa.

Kanuma waliin wal qabatee barattootni Oromoo mootummaa Wayyaaneedhaan ukkaamsamuun itti fufee jira.Mootummaan abbaa irree wayyaanee diddaa qeerroo irraa itti jabaate jala dhaabbachuuf jecha.Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti barattootni Oromoo mana hidhaatii bahan barumsatti akka hin deebine galmee diduun rakkisuu irra darbee Barataa Waaqjiraa Guutamaa Kitilaa Barataa Agricultural Engineering waggaa 2ffaa tahe doormiidhaa qabanii ukkaamsuun bakka buuteen isaa dhabamee jira.Yeroo ammaa kana warri barataa Waaqjiraa Guutamaa ilmoo isaanii barbaacha irratti hedduu dadhabaa kan jiran yoommuu tahu bakka buutee isaa dhabanii mootummaa fi bakka itti iyyatan dhabuun dararamaa jiru.Barataa Waaqjiraa Guutamaa

Barataa  Magarsaa Waaqjiraa

Barataa Magarsaa Waaqjiraa

Torbaan darbe baaatii Gurraandhala 2012 keessa barataa Magarsaa Waaqjira jedhamu akkasuma mooraa Univrsity Hawaasaa keessaa sochii qeerroo waliin walitti hidhuun bakka buuteen isaa dhabamee yeroo ammaa kana akka mana hidhaa Ma’ikalaawwii jiru beekamee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Alaabaan ABO Konkolaatota Investeroota Alagaa irratti Fannifame,Ummannis Gammachuu Isaa Muldhise.

Video

Bitootessa 06,2012

Abbootiin qabeenya alagaa ykn Habashoonni maqaa investor jedhuun Oromiyaa keessatti dinagdee harka guddaa dhuunfatanii jiru. Daldalli,qonnaan,albuudii fi hormaati hundi daldaltoota alagaan saamamaa jira. Haala kanaan konkolaataa gurguddaa fi Autobusa alagootaa magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti dhaabuun alaabaa ABO(Oromo) irratti rarraasuun biyyi Oromiyaa kan Oromoo tahuu fi Oromoon bilisummaaf falmataa jiraachuu isaa Qeerroon muldhisaa jira.

Magaalaa Amboo keessatti osoo waraanni mootummaa Wayyaanee ummata eegaa jiruu Qeerroon alaabaa ABO konkolaataa ummata fe’u irratti fannisuun magaalaa keessa yeroo naannessan muldhatee jira.Ummanni kanaan gammadee konkolaataa kana biratti sirbaa ture,video fuula ummataa biraa qabu nageenyaaf edit gochuun hamma tokko akka armaa gadiitti.