Waraqaan Waamicha Qabsoo Faca’uun Itti Fufe

Video

Booda Gaabbii Akka Hin Taane Oromoon Ka’ii Bosona Cillimmoo Tikfadhu! Jedhu Qeerroon

Aside

Qeerroo Adaamaa, Gurraandhala 10,2012

Godina Shawaa lixaa keessatti kan argamu Bosonii Cillimoo barbadaa’ee uummata Oromoo naannoo san jiraatuu fi kanneen jiraataa turanii haalicha beekan mara imimmaan haqachiisaa jira. Bosonni kun akaakilii Oromoo irraa dhufaa darbaan tikfamaa fi kununfamaa kan ture yeroo tahu amma gara laafina tokkoon malee Mootummaan Wayyaanee bosona Oromiyaa gurguruun imaamata godhatee ilmaan Oromoo deegatti hambisuuf kan karoorfaate Bosona Cillimoo saffisaan cirsiisee xumuraa Jira. Mukni Bosona Cillimoo gurguddaan baroota dheera umurii qaban mummuramanii konkolaataa guguddaan halkanii fi guyyaa mootummaa Wayyaaneen guuramaa jira. Haala kana irratti Uummatni naannoos tahan Oromoonni waajira qonnaa keessaa hojjetan gaaffii mootummaa gaafataniif dabbaloota Wayyaanee fi OPDOn doorsifamuu fi akeekachiisamuun irra gahee jira.

Oromoon hundi yeroo ammaa kana ka’ee qabeenya uumama isaa hin tikfatu taanaan booda gabbii hin jirre keessa akka galuuf deemu qeerroon bakka hunda irraa walitti dhaamaa jiru.

Godina Shawaa Lixaa Barsiisonni Oromoo Magaala Kaachisi Hojii Dhaaban.

Aside

Gabaasa Qeerroo Gurraandhala 10,2012

Godina Shawaa Lixaa magaala Kaachisee keessatti barsiisotni mana Barumsaa kaachisee  diddaa kaasan, gaaffiin keenya hamma deebii argatutti hojii barsiisummaa keenyaas dhaabnee jirra jedhu. Hamma ammaatti barsiisoni magaalaa kaachis gaaffiin diddaa kanaaf isaan kakaase keessaa kanneen

  • Barattoota Oromoo osoo barsiisaa jirruu poolisi mootummaa akka barbaade qabee hidha kun dhaabbachuu qaba
  • Maqaa investerummaan dachiin Oromoo gurguramee dhumaa jira,ummannis sababa kaan hiyyummaa gale waan taheef gochaan kun hiikkaa siyaasaa argachuu qaba.
  • Maqaa hidha Abbayyaan miindaan nurraa cituu haa dhaabbatu, Kan duraas nuuf haa deebi’u
  • Gaaffiin barattoota Oromoo gaafatan gaaffii haqaa waan taheef dhagahamuu qaba.Jedhuun hanga deebiin kanaa argamutti hojii baruu fi barsiisuu irratti akka hin hirmaanne murteeffachuun barsiisummaa dhaaban.

Gaaffii barsiisota Oromoo kana ummanni magaalaa Kaachisii fi barattooti Oromoo naannoo sanaa guutummaatti degeranii waan jiraniif bilchitooti kana sodaachuu irraan human waraanaa dabalataa yaamachuun magaala san keessa rurruqamanii akka jiran Qeerroon gabaasa.

Kana malees magaaluma kana tti Qeerroon Oromoo qabeenyi ilmaan Oromoo bara baraan maqaa Misoomaaan funaanamuunii fi Gibirri Jabaan qotee bultootaa fi daldaltoota keenya irraa haa dhaabbatu jechuun Walgahii Biiroo Barnootaan waamame fashaleessanii jiru.Barattootni Mana Barumsaa kanaas Gaaffiin barsiisota keenyaa gaaffii keenya jechuun barnoota addaan kutanii jiru.Warraaqsa biyyattii keessatti jalqabe galmaan gahuun dirqama keenya jechuun Qeerroon Oromiyaa Mootummaa Garboomfataa Wayyaaneetti yaaddoo guddaa uumee jiraaachuun beekama. Diddaa Kana dhaamsuuf wayyaaneen halkanii fi Guyyaa kurkuraa haajiraatu malee itti milkaayuu akka hin dandeenye ummanni dubbata.

Omishi Shukkaara Paakstaanotaa Kan Oromiya, Baddallee Jiru Guutummaatti Barbadaaye.

Aside

Gabaasa Qeerroo Magaalaa Baddallee Gur-dh 10,2012

Omishi Shonkoraa Ilubaaboraa,Aanaa Baddallee Alabaash ganda jedhamutti argamu humna hin beekamiin guutummaatti barbadaayee jiraachuu qeerroon magaalaa Baddallee irraa gabaasa.

Lafti Omishi kun irratti dhaabbate ummata Oromoo 1200 tahan naannoo san qotatee jiraataa ture irraa buqisuun bakka galmaa dhabsiisee yeroo tahu baatiilee darban kana keessa sabaa kanaan ummanni diddaa isaa irra deddeebi’ee yeroo dhageessisu mootummaan yoo barbaaddan abbootii qabeenyaa omishichaaf hojjedhaa jiraadha malee lafa san irratti deebitanii qotachuu fi jiraachuu hin dandeessan jechuun rakkisaa akka ture beekamaa dha. Haalli kun hammaataa deemuu irraan Gurraandhala 08,2012 lafa heektaara 15,000 kan tahu mishi shukkaaraa qabeenyummana isaa kan abbaa qabeenyaa Pakstaanii tahe guutummaa guutuutti barbadaayee jira.

Haala kanaan wal qabachuun mootummaan Wayyaanee humna waraanaa erguun ummata naannoo sanii heddumminaan hidhaa akka jiru gaabsi qeerroo Baddallee irraa nu gahe addeessa.

Haala rakkoo fi gidiraan ummata Oromoo irra gahaa jiru ummanni kun tokkummaan ka’ee roorroo akka of irraa ittisu taasisaa waan jiruuf Oromoon qabeenya isaa fi lafa isaa irra jiraachuuf waldhaansoon inni godhu itti fufa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

 

A Chinese man was killed in Oromiya region of Ethiopia, in a dispute possibly involving land grabbing and environmental pollution.

Aside

February 9, 2012 Finfinnee

According to reports from West Show Zone of Ada’a Berga Woreda, A Chinese man who owns the largest share in Dangatte Cement Factory was killed in Reenjii town. Even if no one has yet declared responsible for incident, some have suggested that it might be an expression of anger by local residents due to the deadly impact of the factory on the local people and the environment. Some have also pointed the fact that  the Chinese man was known for his disrespect for the outcry of the local population and trusted only the dictatorial regime on power, which is responsible for the eviction of Oromo farmers from their land and destruction of their livelihood in the name of investment.

But officials have detained local militiamen including a man named,  Birbirsoo Dhaabaa; accusing them of conspiring with OLF (Oromo Liberation Front) or causing the death themselves. It is customary for the Ethiopian authorities to accuse, imprison and/or kill civilians and peoples of all sectors of life on labels of conspiring with the OLF, according to right groups.

In a similar news 15,000 hectares of sugarcane have been set on fire yesterday in Ilu Abba Bora zone of Oromiya region. It is becoming clear more than ever that the impact of land grabbing and countless human right abuse in the largest and most populous Oromiya region of Ethiopia is pushing out of limit and causing unexpected incidents by victims of the system at different time and places. Stay tuned for details coming soon.

@Qeerroo

 

Gootonni Barattooti Oromoo University Jimmaa fi Adaamaa Fincila Dhoosan

Aside

Gurraandhala 09,2012 Finfinnee

Guyyaa har’aa Guraandhala 09,2012 Mooraa University Jimmaatti Gootonnii Barattoota Oromoo Gaaffii Oromummaa Kaasuun Fincilaa dhoosan. Gootonnii Baratoota Mooraa University Jimmaa gaaffiilee mirgaa adda addaa qabatanii mooricha keessatti dhadannoo dhageessuu itti fufanii waraana Wayyaanee itti ergame waliinis wal faccisaa ooluun qeerron mooricha irraa gabaasa.

Gaaffii mirgaa barattooti kun qabatanii ka’an garii keessaa:-

  • Orommummaa eenyummaa keenya,Oromiyaan biyya keenya bulchuufis mirgi keenya.
  • Adaa fi afaan keenyaan biyya keenya irratti arrabsamuun nu gahe.
  • Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa kan qabeenyaa nuuf haakabajamu.
  • Laftii fi qabeenyi Oromoo gurguramee alagaaf kennamuun haadhaabbatu.
  • Barattooti badiin tokkoon malee hidhaman daddaffiin haagadhiifaman, fi kkf ture

Keessaattuu karoora mootummaan Wayyaanee baafteen beekaa tahe jedhanii eenyummaa Oromoo kan xiqqeessuun barattoota dhalootaan Tigroota tahan akka isaan Oromoota arrabsaan taasisuun gochaa saboota walitti busuu karoorfatteen warreen lukkee Wayyaanee tahan barattoota Oromoo akka arrabsan taasisan, gochaan kunis fincilatti dabalamee baratoota Oromoo kunneen tigiree Oromummaan Isaan Arrabsitee irraatti Tarkaanfii maayii fudhachuun qaabeenyaa isaanii erga dhabamsiisanii doormii lukkeeleen galutu gadii baasanii adabbbii itti kannaa turan, Oromoon saba arrabsamuu miti kan jedhuun fincilli daran qabatee jira

Fincilaa kana duraa dhaabbachuun bulchiinsii mooraa
Universitichaa fi mootummaan Wayyaanee akka amala isaa humna poolisaa federaala Mooraa univeristy Jimmaatti naqaanii baraatoota goolaa jiru, presidentiin Mooraa University Jimmaa Fiqiree lammeessaa Kan jedhamuu baratoota sossobuuf yaalii godhu illee baratoonnii maalii atii Oromoo miti maaliif miga keenya dura dhaabbattaa? waggaa 100 diinaaf uggumtee buluu irra bilisummaan halkan tokko bulte siif wayya jechuun of irraa deebisanii jiru.

Karaa biraa Gurrandhala 09,2012 har’a Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti Lammii Habashaa kan taate tuffii ilmaan Oromoof qabdu agarsiisuuf jecha mooraa keessaa fi bakkoota barattoti Oromoo ta’an irra deemee jecha badaan barattota Oromoo arrabse, baratooti diddaan keessa isaanii guute kana irraa kan ke’u guutummatti moraa keessaa wal gurmeessuun gaaffii mirgaa gaafachaa oolanii.Diddaa kana dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee cinqii guddaa keessa jirti jechuu qeerroon Adaamaa gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Alagoota Oromiyaa fi Oromoo bitaa jiran irratti tarkaanfiin fudhatamuu eegale. Omishini Shonkoraas Gubate.

Aside

Gurraan-dhala 09,2012

Gurraandhala 7, 2012 galgala sa’aatii 6:30 PM tti Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaa, Magaala Reenjii jedhamtutti Abbaa qabeenyaa Warshaa Simintoo Dangattee jedhamuu kan ta’e nama lammii Chaayinaa tokkorratti tarkaanfiin fudhatamee lubbuun darbeera.

Humni hunbeekamiin tarkaanfii kan inni fudhate  nama lammii Chaina kun abbaa qabeenyummaa warshaa kanaa keessatti kan aksiyoona guddaa qabu yoo ta’u, yeroo adda addaatti tuffii fi jibba ummata naannoo warshaatiif qaburraa kan ka’e miidhaa faalama naannoo irratti geessisuuf caalattuu yeroodhaa gara yerootti akka hammaatu taasisaa ture jedhama.

Haaluma kanaan har’a lammii Chaayinaa irratti tarkaanfii kan fudhattan isini jechuun milishoonni Wayyaanee mana hidhaatti guuramaa jiru.Mootummaan
Wayyaanee milishoota Oromoo ta’an yookin saaxilaa yookiin ammoo ABO waliin hidhataan kan hojjetu isini jechuun rakkisaa jiraachuun beekame.

Milishaa Mootummaa kanaa Obbo Birbirsoo Dhaabaa kan jedhamu sababa kanaan mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbatamee dhiibbaan garaa garaa irraan
ga’uu irratti argama.Uummatni naannoo kanaas sodaachisa Wayyaaneen
hiraaraa jira.

Karaa biraa Gurraan-dhala 08,2012 Godina Iluu abbaa Booraa keessatti oomishni shonkoraa waarshaa heektara 15,000 humna hin beekamneen gubatee jiraachuu gabaasi naannoo san irraa nu dhaqabe addeessa. Dabalata gabaasaa kanaa gana fuula duraatti dhiheessina.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Bulchitooti lukkee Wayyaanee OPDOn arihamaa jiru.

Aside

Gurraandhala 09,2012

Godina Wallaagaa Bahaatti Bulchitotaa Onotaa akka Haroo Limmuu,Limmuu Galiilaa, Kiiramuu,Giddaa Ayyaanaa,Heebantuu,Diggaa Saasiggaa, JaarDagaa Jaartee, fi Hammuruutti bulchiitoota luukkeelee Wayyaanee kanneen OPDO tahan aangooo bulchiinsaa Onaa irraa turan irraa sababaa Isiin Uummaataa nuf qabuu hin dandeenyee, diinaaf odeeffaannoo kennituu jechuun OPDO taa kana aangoo irraa arii’achuu fi kanneen amanamoo tahan biroon bakka buusuuf jecha  Wayyaaneen qophii barbaachiisu gochaa kan jirtuu xummurtee jiraachuun beekame. Gamaagamaa fi walgahii qondaaloti Tigiree bulchiisa Oromiyaa keessaa magaalaa Naqamteetti Gurraadhana 2012 godhan keessatti Qondaalota OPDO heddumminaan arihachuuf akka jiran murtee dabarsuun beekamee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Gogaa Laafaatti Maru , Jedha Oromoon

Aside

Alam Aduunyaa Irraa

Mata duree kana filachuun kiyya,yoo dafnee dammaqnee adeemsa Wayyaanee fi isa kaanii of irraa ni ittisin, balaa yoomillee of irraa faccisuu hin dandeenyef akka saaxilamnu hubachiisuufidha. Dhugaadha, Gogaa laafaatti maruu yoo baatan, hangam akka nama rakkisu eenyufu ifadha. GOGAA LAAFAATTI MARU

Shakkamaan Eenyuu?? Kan jedhuun Ummata Jeequuf Karoorfachuun Wayyaanee Saaxilame

Aside

Gabaasa Qeerroo Adaamaa, Gurraandhala 08,2012

Hojjettootni Mootummaa Wayyaanee walgahiin kurkurfamaa jiru.Warraaqsa biyyattii keessatti jalqabe hundeen buqqisuuf mootummaan Wayyaanee fala dha’aa jiru keessaa tokko maqaa Shakkamaan eenyu? jedhuun uummatni akka wal saaxilu gochuu dha jechuun murteeffachuunii fi akka imaamata tikaatti Oromiyaa guutuu keessatti irratti hojjechuuf karoorfachuun saaxilame.

Guyyaa Guraandha 6,2012 amanamtootni mootummaa murtee kana gara naannooleetti raabsuuf murtee irra ga’uu iccitiin isaan keessaa ba’e saaxilee jira.Mootummaan Wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffachuuf tooftaan inni fayyadamu keessaa tokko uummata wal nyaachisuu waan ta’eef ilmaan Oromoo tooftaa diinaa kana baratanii Shakkamaan Garboomfataa dha jechuun akka jala dhaabbattan dhaamsa fardii ummata Oromiyaa guutuuf dabarsuun dirqii dha.

Ammaan dura maqa shororkeessituu jechuun ummata keenya afaan faajjessaa fi goolaa ture,ammos tooftaan siyaasaa sun harkaa dhumnaan jecha shakkamaan eenyu jedhu mata duree godhatee Oromoota wal shakkisiisuuf yaalii inni godhaa jiru mootummaa kana kufaatii irraa akka isa hin hambiftne beekamaa dha. Ummanni Oromoo yoomuu caalaa dammaqaa fi kan tokkummaa isaa jabeessu hunda irratti walii galuu fi waliin hojjechuutti qophii dha,nagaa fi tokkummaa Oromootaa booressuuf Wayyaaneen keessaa fi alatti tattaaffii gootu iyyuu akka hin milkoonfeef qabsaawoti hundi dura ni dhaabbatu.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa