Ololli Wayyaanee Diddaa Qeerroon fashale; Dabballootni wayyaanees bubburuqan!

Video

(Qeerroo, Adaamaa, 1 Bitootessa 2012)  Diddaan Qeerroo karaa hundaan kan ishii mudee mootumaan Wayyaanee fiilmii kijibaa faayila keessaa baaftee agarsiisuun maqaa ABO xureessuuf yaalii gootus, bakka iyyuutti ummati amanuu fi fudhachuu diduu isaa Qeerroon gabaase.

Akka gabaasaan Qeerroo bakka addaddaa irraa walitti qindaa’e hubachiisutti, fiilmiin ololaa mootummaan wayyaanee sodaa Qeerroof jettee qopheessite sabboontotaan fashalaa jira.

Fiilmii dharaa mootummaan wayyaanee ABO irratti qopheessitee TV bittaa umrii ishee ittiin dheereffachuuf  dhaabde irraan Guraandhal 29, 2012  galgala yeroo hoteelota keessatti darbaa turetti,  Qeerroon alaabaa ABO TV sanitti maruun murannoo fi ololli diinaa akka duuba isa hin deebisne  ifaan muldisuun mootummaa wayyaanee fi fayyadamtoota hoteela sanaa hubachiisee jira.

Keessaayyuu, Magaala Finfinnee Hoteela Yohaannis keessatti ololli diinaa yoommuu darbaa turetti Qeerroon mana kana keessatti ibsaa hoteela keessaa dhaamsuun jeequmsi guddaa kan uume yoo ta’u,  TV mana kanaatti Alaabaa ABO maruun ifaan muldhisee jira.

Dabballooti Mootummaa wayyaanee dhimmicha tasgabbeessuuf naannoo kanatti yaates mataa bubburuqanii akka deebi’an Qeerroon dabalee ibsee jira.

Diddaan Qeerroo kunis haaluma wal fakkaataan magaala Adaamaa fi Amboo keessatti warren TV kana dhaggeeffatan irra deemuun cufsisiisaa akka tures gabaasti Qeerroo ni hubachiisa.

Jagnooti Qeerroon kana malees, manneen barnootaa addaddaa kan akka mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Kuttaayee keessatti mallattoo Bilisummaa Oromoo kan ta’e, Alaabaan ABO akka balal’u gochuun sabboontota hedduu hamilchiisaanii jiru.

Qeerroon ibsa baase keessattis,  hanga bilisummaatti waanti isa dura  dhaabbatu irratti tarkaanfii akka fudhataa deemus beeksisee jira. Ololli diinaa kan fiilmii dharaan jalqabes kutannoo  Qeerroon akka fashalu kan ibsame yoo ta’u, akka guyyaan garbummaa gabaabbatuufis Qeerroon diddaa isaa bakkeewwan ololli kun dabarfaman maratti akka kka itti fufu jabeessee dhaammatee jira.

Qabsoon Oromoo qooda keenyaan mirkanaa’a!!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 01 Bitootessa 2012) Qabsoo Bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoon durfamu cinaa dhaabbachuun dirqama Oromummaa bahuun lammiilee hunda irraa akka eegamu Qeerroon ibse.
Haala yeroo ammaa Oromiyaa keessatti adeemaa jiru irratti Qeerroon akka ibsetti, gaaffii mirgaa keenya karaa nagaa argachuuf tattaaffiin haga ammaatti godhame hammeenya sirna Wayyaanee sirriitti adda baasee mul’isee jira.
Akka ibsa Qeerroo kanatti yeroo ammaa kana diddaa ummataa karaa hundaan kan itti fufe yoo ta’u sirni Wayyaanees diddaa fi fincila sadarkaa addaddaatti adeemaa jiru dhaamsuuf humna qabdu maraan hojjachaa jirti.
Haata’uutii, Qeerroon doorsisaa fi hiraarsaa Wayyaaneef otuu gurra hin kenniin mallattoo BILISUMMAA Oromoo kan ta’e, Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo ,  dhaabbiilee barnootaa gurguddoo kanneen akka Finfinnee, Amboo fi bakkeewwan birootti Oromiyaa irratti balaliisisaa jira.
Shirri diinni xaxxus sadarkaa addaddaatti  tooftaa Qeerroon tolfatee socho’aa jiruun akka fashale illee ibsi Qeerroo kun hubachiisee jira.
Qeerroon gidduu kana Oromiyaa keessatti Alaabaa Oromiyaa balaliisaa kan jiru yoo ta’u, jabina Qeerroo kanaan kanneen Qabsoo Bilisummaa Oromoo barbaadan kan gammadanii, kanneen diinaaf ulee ta’an immoo  dhiphuu keessa galanii akka jiran beekamee jira. Qeerroon yeroo ammaa biyya abbaa isaa irratti alaabaa mataa isaa muldhisaa jira.
Guyyaa Har’aa Yuunivarsiitii Finfinnee keessattii fi bakkeewwan waajjiroota gurguddootti alaabaan fannifame waraana mootummaa wayyaanee jeequun Finfinneen konkolaataa waraanaan guutamtee jirti.
“Yoomuu qabsoon keenya hanga bilisummaatti akka itti fuftus ni hubachiisna,” kan jedhan  deeggarottti Qeerroo, “yeroo hamtuu akkanaa keessatti taa’anii waleeguu fi walqocholuu irra karaa itti qabsoon Oromoo gara galiitti  dhiyaacha kan jiru ta’u, “kan arge haa amanu; kan dhaga’e immoo haa dabarsu!”  jechaa ilmaan Oromoo cufti dirqama Oromummaa akka ba’atan Qeerroon dhaamsa dabarsee jira!
Injifannoon uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!